Tiraamp biyya Iraanitti aantee "ajandaa" isaati jedhamte Kuubaatti maal gochuu danda'a?

Nama mana fakkiin irratti kaafame bira dhaabbachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kuubaa keessatti ibsaa yoo sa'aatii 24f badu isa jalqbaa miti. Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraanitti aansee "ajandaan" isaa jalqabaa Kuubaa ta'uushee dubbateera.

Tibba kana biyyattii keessatti ibsaan baduu hordofee Tiraamp "ajandaan keenya itti aanu Kuubaa taati. Yeroo isaa eeggata malee biyyattii keessatti jijjiiramni ni jiraata," jedheera.

Pirezidant Doonaald Tiraamp Liyooneel Mesii, Luuwiiz Iswaareez fi taphattoota Inter Maayaamii biroo, akkasumas abbaa qabeenyaa kilabichaa lammii Kuubaa Jorgee Maas cinaa dhaabbatee "waan yeroo dhiyoo keessatti Kuubaa keessatti ta'uuf jirutti ni gammaddu" isaaniin jedheera.

Tiraamp itti dabaluun mootummaan Kuubaa "baayyee marii taasisuu ni barbaada" jechuun dubbate.

Abbaan qabeenyaa kilaba Inter Miyaamii "guyyaan addaa ni ta'a" jechuun Tiraampiif deebii knneera.

Pirezidaantichi turtii CNN waliin taasiseen ammoo "Kuubaan yeroo dhiyootti kufti" jechuun dubbateera.

Mootummaan Kuubaa marii araaraarra jiraachuu eeruun "Maarkoo Ruubiyoo erginee maaltu akka uumamu ni ilaalla," jechuun CNN'tti dubbateera.

"Kuubaan qophiidha; waggoota 50 booda" kan jedhe Tiraamp, amma xiyyeeffannaan keenya Iraan taatulleen, harka isaarratti "yeroo hedduu" [Kuubaa] akka qabateeru ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaant Doonaald Tiraamp fedhii isaa naannoo hanga milkeeffatutti Kuubaa irratti dhiibbaa gochuu akka barbaadu haasaa taasiserraa hubachuun ni danda'ama. Yoom akka kana raawwatan garuu ammatti ifa miti.

Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo "Kuubaatti ni ergama" jechuu isaa mariin araaraa jiraachuu akka danda'u agarsiisa.

Kuubaa waliin mariin araaraa gaggeeffamuu danda'a jedhanii yaaduun waan ta'ee hin beekne ta'ullee, Tiraampiin Ameerikaa keessatti wantonni hin eegamiin baayyeen ta'aa jiru.

Pirezidant Nikoolaas Maduuroo aangoorraa kaafamee, Venezuweelaarraa gara Ameerikaa geeffamuun isaa taateen yeroo dhiyootti mul'ate agarsiiftuudha.

Tarkaanfii Ameerikaan Venezuweelaa irratti fudhatteen Kuubaan miidhamteetti. Venezuweelaan biyya michuu dhiyoo Kuubaa taatedha. Kuubaan jikita boba'aa kan bitataa turte Venezuweelaa irraa ture.

Kuubaan boba'aa Venezuweelaa irraa argachaa turte adda durummaan Meksiikoon bakka buusuuf barbaaddullee dhiibbaan Tiraamp sochii ishee dhorkeera.

Hanqinni boba'aa biyya odola taate kana irratti ifatti mul'achaa dhufeera. Konkolaataawwan balfa magaalaa sassaaban sababa hanqina boba'aa mudateen socho'uu waan hin dandeenyeef magaalattii bakka gara garaa keessatti balfi akkuma tuulametti hafaa jira.

Namoota jenereetara bira dhaabbacha ajiran

Madda suuraa, Getty Images

Bakkeewwan tokko tokkotti halkaniin qabatanii balfa gubuun baratamaa dhufeera. Sababa kanaanis magaalonni biyyattii aaraan ukkaamfamaa jiru.

Magaalaa guddoo Kuubaa, Havaanaa dabalatee magaalota gara garaa keessatti nyaata bilcheeffachuuf kan gargaaru qoraan erga ta'ee bubbuleera.

Biyyattii keessatti ibsaan yeroo yerootti badaa ykn dhaamaa jira. Boba'aan waan hin jirreef jenereetara fayyadamuun hin danda'amne. Wantonni biroo humna maddisiisan akka filannootti jiranis boba'aa malee hojjechuu hin danda'an.

Akka Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo jedhanitti, hanga danda'ametti Kuuba irratti dhiibbaa uumuun itti fufa.

Kuubaa Kuubaan dadhabdee marii araaraatiif akka tole jettuuf karaa ittiin dirqisiisanidha.

Xiinxaltoonni adeemsa Ameerikaa qeeqan akka jedhanitti, mootummaa Kuubaa caalaa adda durummaan gatii baasaa kan jiran lammileen nagaadha. Ameerikaan wanti feetu lammileen Kuubaa mormiif akka bahan kakkaasuu fakkaata.

Mootummaan Kuubaa garuu Ameerikaa waliin marii araaraa taasisaa jira jedhamuu ilaalchisee hin mirkaneessine

Gama Havaanaatiin kan mariif bakka bu'a jedhame gaggeessaa bara warraaqsa Kuubaa Raawul Guuyarmoo Roodiriigez Kaastiroo akka ta'e dhaga'ameera.

sektarri dhuunfaa boba'aa biyya alaatii akka galchuu jalqabuuf hayyama kennuuf sochiin hanga tokko jalqabameera. Boba'aan alaa galus garuu fedhii jiru guutuudhaaf gahaa hin ta'u. Kana wan ta'eefis, lammileen Kuubaa rakkoon kun fala argata jedhanii hin amanan.

Maddi galii guddaa Kuubaa turiizimii ture. Haata'u malee xiyyaaronni Havaanaatti boba'aa waan hin arganneef balalii isaanii gufachiiseera.

Ayir Firaans dabalatee daandiiwwan qilleensaa biroo balaliiwwan gara Kuubaatti taasisan haqaniiru.

Dhiyeessiin humna ibsaa addaan ciccituun ammoo waqtii ho'i guddaan biyyattii mudatutti caalaa qormaata ta'a. Kan qilleensa kennuufi humna ibsaan hojjetu (air-conditioning ykn fans) tajaajila kennuu baannaan rakkoon jiru daran hammaataa ta'a.