Seenaa jireenyaa Pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp suuraan

Doonaald Tiraamp bilbila haasaa'a osoo jiranu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp bilbila haasa'aa osoo jiranu

Doonaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwataniiru.

Kunoo seenaa gabaabaa isaa suuraadhaan akkasiin isiniif qindeessineerra.

Doonaald Joon Tiraamp Waxabajjii 14 bara 1946 kutaa magaalaa Niiw Yoork Kiwiins keessatti dhalate.

Obbolaan shan keessaa Tiraamp ilama afraffaa yoo ta'an, obbolaa dhiiraa lama, Fireed Jr fi Robart kan jedhamaniifi obboleettii lama; Maaryaaneefi Elizaabeet jedhaman qaba ture. Amma garuu Elsaabeet qofaatu obboleettii isaa lubbuun jirtudha.

Abbaan isaa Firiid naannoo Niiw Yoorki'tti dhaabbata ijaarsaa milkaaʼaa taʼe geggeessaa turan. Jalqaba bara 1968tti daldalatti kan makame yoo ta'u, yeroo muraasan booda garuu Manhaatanitti ofuma isaatiin hojii jalqaban.

Suuraa gurraachaafi adii Doonaald Tiraamp abbaa isaa Firiid waliin Niiw Yoorkitti duubasaanii gamoowwan dheddheeroo waliin ka'an

Madda suuraa, New York Daily News Archive/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa gurraachaafi adii Doonaald Tiraamp, abbaa isaa Firiid waliin Niiw Yoorkitti duubasaanii gamoowwan dheddheeroo waliin ka'an
Doonaald Tiraamp bara 1987 waajjira isaanii Tiraamp Pilaazaa Manhattanitti argamutti bilbila osoo bilbilaa jiranuu. Isa cinaatti moodeelli misooma manneen gamoo dheedheerootu jira.

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp kaasinoo Taj Mahal magaalaa Atlaantiik Siitii, Niiw Jeersii keessatti yeroo banameetti maashiniiwwan tapha fuulduratti suuraa ka'an.

Madda suuraa, Getty Images

Kaasinoonni, kondominiyeemii, dirree goolfiifi itti aananii hoteelonni, Atlaantiik Siitii, Chikaagoo fi Laas Veegaas irraa kaasee hanga Hindii, Turkii fi Filiippiinsiitti qabu.

Akkaataan Doonaald Tiraamp namatti tolu (flamboyant stayle) addunyaa daldalaa Niiw Yoorki keessatti adda ittiin bahuun fi addunyaa bashannanaa keessatti sagantaa TV, The Apprentice jedhamu irratti urjii ta'uun akka mul'atu isa gargaareera.

Doonaald Tiraamp shamizii diimaa fi kootii adii uffatee, mana guddaa isaanii keessatti kutaa bal'aa keessa dhaabbatanii mulatu

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp helikooptara isaaniitiin osoo Twin Towers Niiw Yoork keessa biraan osoo balali'aa jiranii gaazeexaa dubbisaa mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp kolfaa ilma isaa Doonaald Tiraamp Juuniyeerii fi intala isaa Ivaankaa Tiraampiin cinaatti beeksisaa xumura marsaa 6ffaa fiilmii The Apprentice jedhamuuf suuraa wayita ka'aniitti.

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp yeroo sadii gaa'ila kan dhaabbatan yoo ta'u, ijoollee shan qabu. Jalqaba bara 1977tti Ivaanaa Zelníčková waliin mana dhaabbattan.

Doonaald fi Ivaanaa Tiraamp balbala warqee sadarkaa isaanii cinatti suuraa ka'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald fi Ivaanaa Tiraamp balbala gulantaa saa warqee cinatti suuraa ka'aniiru
Doonaald fi Melaaniyaa Tiraamp bara 2005tti qophii Paartii Oskaar Vaanitii Feer Kaalifoorniyaa magaalaa Loos Anjeelees keessatti qophaa'e irratti suuraa ka'an.

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp haadha warraa isaa sadaffaa Melaaniyaa Knauss bara 2005tti fuudhan. Waggaa torba dura yeroo wal argan umuriinsaa waggaa 52 yoo ta'u, isheen ammoo kan waggaa 28 turte.

Imalli siyaasaa isaa bara 2015 yeroo maatii isaatiin marfamee Tiraamp Taawor keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kenneetti, dorgommii Waayit Haawus irratti hirmaachuuf beeksise ture. Dhaadannoo isaa: “Ammas Ameerikaa guddaa godhi” kan jedhudha.

Tiraamp Niiw Yoork keessatti Tiraamp Taawor keessatti baanar bifa diimaa qabuun, 'Make America Great Again' jedhu biratti haasaa taasise. Kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan kan bara 2016 akka barbaadu beeksisa, maatiinsaa marsanii osoo ilaalanu.

Madda suuraa, Bloomberg/Getty Images

Doonaald Tiraamp sagantaa halkan filannoo isaa Niiw Yoorkitti haasaa fudhatamummaa taasisaniin namoota walitti qabamaniif qubbee abudduu ol kaasuun harka fuudhaa osoo jiru

Madda suuraa, Getty Images

Hilarii Kilinton osoo Doonaald Tiraamp harka rukutanuu wayita wal tajjii falmii irratti bu'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Duula hadhaa’aa falmiin guutameen booda, kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa Hiilaarii Kilintan injifachuun bara 2017 pirezidaantii Ameerikaa 45ffaa ta’uun waadaa galan.

Pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp sirna seensa waadaa isaa kan Waashingitan DC'tti hafata bifa cuquliisa irra imalaa yoo dhufan namoota kumaatamaan lakkaa’aman ilaalaa osoo jiranu

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp kolfaa Waayit Haawus keessatti deeskii isaa 'Oval Office' irratti kaameraa fi garee TV fuuldura taa'anii.

Madda suuraa, Bloomberg/Getty Images

Pirezidaantummaan isaanii michoota Ameerikaatiif yeroo mirkanaa’aa hin turree yoo ta’u, yeroo baay’ee hoggantoota biyyoota alaa waliin ifatti walitti bu’u ture.

Waliigalteewwan gurguddoo haala qilleensaa fi daldalaa keessaa bahee Chaayinaa waliin waraana daldalaa jalqabe.

Chaansilarri Jarmanii yeroo sanaa Anjelaa Merkel walgahii G7 bara 2018 Kanaadaatti taa’ame irratti nama taa’ee jiru Doonaald Tiraamp waliin haasa’uuf minjaala irra hirkattee jirti. Muummicha ministeeraa UK Tereezaa Meey, pirezidaantii Faransaay Amaanu'eel Maakroon, muummicha ministeera Jaappaan Shiinzoo Abee fi gorsaa nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Joon Booltan dabalatee hoggantoota addunyaatiin marfamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Tereezaa Meey uffata diimaa uffattee yoo Waayit Haawus bira deeman Tiraampiin harka wal qabattee mul'ate

Madda suuraa, Getty Images

Waggaan xumuraa pirezidaantummaa isaanii haala qabiinsa weerara Covid'n wal qabatee kan qeequmsa ol’aanaan guutame ture. Tiraamp yeroo duula filannoo bara 2020 vaayirasichaan qabamuun isaaniitiin adda baafamee boqonnaa fudhachuuf dirqame.

Doonaald Tiraamp, uffata furdaa fi kaaboortaa uffatee, Onkoloolessa bara 2020 keessa barandaa Waayit Haawus Waashingitan irratti maaskiisaa ofirraa baasee. Alaabaan Ameerikaa afur duubaan mul'ataa jira.

Madda suuraa, Bloomberg/Getty Images

Tiraamp dorgommii pirezidaantummaa kan bara 2020 Joo Baayideniin mo’ame. Haata'u malee filannoon waliin dhahameera jechuun bu’aasaa fudhachuu didan. Amajjii 6 Waashingitanitti deeggartootasaa walitti qabamuun gara Kongireesii akka hiriira bahan gaafate.

Hiriirri sunis gara jeequmsaatti kan guddate yoo ta’u, gochi inni guyyaa sana raawwate xiyyeeffannoo galmee himannaawwan yakkaa lamaati.

Dhohinsi meeshaa poolisiin uumame Fuuldura gamoo Kaappitoolii Ameerikaa Waashingitanitti argamu ibsee Amajjii 6 bara 2021tti. Deeggartoonni Tiraamp achitti walitti qabaman.

Madda suuraa, Getty Images

Hojiin siyaasaa isaa kan xumurame fakkaate ture, haata'u malee dorgommii pirezidaantii biraa labsuudhaan battalumaan paartii Rippabilikaan keessaa dursaa ta'e.

Tiraamp duula filannoo waliigalaa kana kan jalqaban himannaa yakka cimaa 91 irratti banameeti.

Doonaald Tiraamp, kootii bifa cuquliisaa fi kaaraabbata diimaa uffatee, suuraa buukii isaaf Hagayya 24, 2023, Atlaantaa, Joorjiyaa keessatti mana hidhaa 'Fulton County' keessatti ka'aa jira.

Madda suuraa, Handout/Getty Images

Caamsaa bara 2024 filannoo bara 2016 dura maallaqa taphattuu fiilmii ga'eessotaa Stormy Daniels'f kaffalameen walqabatee himannaa hannaa 34n yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'e.

Ganna keessa daandii duula filannootti akkuma deebii'een deebi'ee, dargaggeessi ganna 20 qawwee hidhate tokko duula Butler, Peniisylvaniyaa keessatti geggeeffame irratti isa ajjeesuuf yaale.

Tiraamp, erga rasaasaan rukutamee booda dhiigni fuulasaa irratti dibamee, waltajjii filannoo irraa yoo bahu harkasaa ol kaasa. Ergamtoota tajaajila dhoksaa Ameerikaatiin marfamee jira. Alaabaan Ameerikaa duubatti balali'aa jira.

Madda suuraa, AP

Tiraamp erga rasaasaan rukutameen booda gurriisaa baandeejiin marame

Madda suuraa, Bloomberg/Getty Images

Guyyoota booda walgahii biyyoolessaa Rippabilikaanotaa irratti kaadhimamaa pirezidaantii dhaabichaa ta’uunsaa mirkanaa’e.

Injifannoon Tiraamp pirezidaantii Ameerikaa hanga ammaatti isa dulomaa isa taasisa. Dhuma bara hojiisaa irratti umuriin isaa waggaa 82 ta’a.

Doonaald Tiraamp Niiw Yoork, Tiraamp Tawaar keessatti teessoo waajjira isaanii irra taa'aa jiru. Deeskichi barruulee fi waraqaawwaniin kan guutamedha. Foddaan duuba isaa badhaasa, waancaa fi fireemii suuraan guutameera.

Madda suuraa, The Washington Post/Getty Images