Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa jireenyaa Pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp suuraan
Doonaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwataniiru.
Kunoo seenaa gabaabaa isaa suuraadhaan akkasiin isiniif qindeessineerra.
Doonaald Joon Tiraamp Waxabajjii 14 bara 1946 kutaa magaalaa Niiw Yoork Kiwiins keessatti dhalate.
Obbolaan shan keessaa Tiraamp ilama afraffaa yoo ta'an, obbolaa dhiiraa lama, Fireed Jr fi Robart kan jedhamaniifi obboleettii lama; Maaryaaneefi Elizaabeet jedhaman qaba ture. Amma garuu Elsaabeet qofaatu obboleettii isaa lubbuun jirtudha.
Abbaan isaa Firiid naannoo Niiw Yoorki'tti dhaabbata ijaarsaa milkaaʼaa taʼe geggeessaa turan. Jalqaba bara 1968tti daldalatti kan makame yoo ta'u, yeroo muraasan booda garuu Manhaatanitti ofuma isaatiin hojii jalqaban.
Kaasinoonni, kondominiyeemii, dirree goolfiifi itti aananii hoteelonni, Atlaantiik Siitii, Chikaagoo fi Laas Veegaas irraa kaasee hanga Hindii, Turkii fi Filiippiinsiitti qabu.
Akkaataan Doonaald Tiraamp namatti tolu (flamboyant stayle) addunyaa daldalaa Niiw Yoorki keessatti adda ittiin bahuun fi addunyaa bashannanaa keessatti sagantaa TV, The Apprentice jedhamu irratti urjii ta'uun akka mul'atu isa gargaareera.
Tiraamp yeroo sadii gaa'ila kan dhaabbatan yoo ta'u, ijoollee shan qabu. Jalqaba bara 1977tti Ivaanaa Zelníčková waliin mana dhaabbattan.
Tiraamp haadha warraa isaa sadaffaa Melaaniyaa Knauss bara 2005tti fuudhan. Waggaa torba dura yeroo wal argan umuriinsaa waggaa 52 yoo ta'u, isheen ammoo kan waggaa 28 turte.
Imalli siyaasaa isaa bara 2015 yeroo maatii isaatiin marfamee Tiraamp Taawor keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kenneetti, dorgommii Waayit Haawus irratti hirmaachuuf beeksise ture. Dhaadannoo isaa: “Ammas Ameerikaa guddaa godhi” kan jedhudha.
Duula hadhaa’aa falmiin guutameen booda, kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa Hiilaarii Kilintan injifachuun bara 2017 pirezidaantii Ameerikaa 45ffaa ta’uun waadaa galan.
Pirezidaantummaan isaanii michoota Ameerikaatiif yeroo mirkanaa’aa hin turree yoo ta’u, yeroo baay’ee hoggantoota biyyoota alaa waliin ifatti walitti bu’u ture.
Waliigalteewwan gurguddoo haala qilleensaa fi daldalaa keessaa bahee Chaayinaa waliin waraana daldalaa jalqabe.
Waggaan xumuraa pirezidaantummaa isaanii haala qabiinsa weerara Covid'n wal qabatee kan qeequmsa ol’aanaan guutame ture. Tiraamp yeroo duula filannoo bara 2020 vaayirasichaan qabamuun isaaniitiin adda baafamee boqonnaa fudhachuuf dirqame.
Tiraamp dorgommii pirezidaantummaa kan bara 2020 Joo Baayideniin mo’ame. Haata'u malee filannoon waliin dhahameera jechuun bu’aasaa fudhachuu didan. Amajjii 6 Waashingitanitti deeggartootasaa walitti qabamuun gara Kongireesii akka hiriira bahan gaafate.
Hiriirri sunis gara jeequmsaatti kan guddate yoo ta’u, gochi inni guyyaa sana raawwate xiyyeeffannoo galmee himannaawwan yakkaa lamaati.
Hojiin siyaasaa isaa kan xumurame fakkaate ture, haata'u malee dorgommii pirezidaantii biraa labsuudhaan battalumaan paartii Rippabilikaan keessaa dursaa ta'e.
Tiraamp duula filannoo waliigalaa kana kan jalqaban himannaa yakka cimaa 91 irratti banameeti.
Caamsaa bara 2024 filannoo bara 2016 dura maallaqa taphattuu fiilmii ga'eessotaa Stormy Daniels'f kaffalameen walqabatee himannaa hannaa 34n yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'e.
Ganna keessa daandii duula filannootti akkuma deebii'een deebi'ee, dargaggeessi ganna 20 qawwee hidhate tokko duula Butler, Peniisylvaniyaa keessatti geggeeffame irratti isa ajjeesuuf yaale.
Guyyoota booda walgahii biyyoolessaa Rippabilikaanotaa irratti kaadhimamaa pirezidaantii dhaabichaa ta’uunsaa mirkanaa’e.
Injifannoon Tiraamp pirezidaantii Ameerikaa hanga ammaatti isa dulomaa isa taasisa. Dhuma bara hojiisaa irratti umuriin isaa waggaa 82 ta’a.