Mufii ummataa biyyatti dhalateef jechan sagantaa Ameerikaa dabarse - Paaster Henook

Paastar Heenook Yeroo dubbiin isaanii barsiisa amantaa gidduutti 'Salaale biyya falfaltootaati' jedhanii dubbatan biyya keessatti ijoo dubbii ta'e isaan Ameerikaa turan.

Tajaajilaaf gara Ameerikaa deemuu kan dubbatan paastariin kun, sababa dubbii isaanii hawaasa Salaalee mufachiiseen tajaajilla hafuuraa deemaniifuu yeroo biraatti dabarsuu himan.

"Sagantaan kiyya Origonitti qabamee ture. Keessummoonni hedduunis bakka adda addaatii dhufaa turan. Garuu sababa dubbii sanaatiin hawaasni waan gaddeef, asittis kan tajaajilu uummatuma kana waan ta'eef sagantaa suni akka darbu goone," jedhan.

Muffiin uummataa kun garaa qulqulluun akka furamuuf Abbootiin Gadaa Oromoo araara kana akka nuuf buusan gaafadheeras jechuun dubbatan.

"Adeemsa araaraa kana Abbootii Gadaa Oromoo gaafanneerra. Adeemsa gaarirra akka jiru quban qaba. Waan kuni bu'uurarraa furamee garaa qulqulluun araarrii fi dhiifamni akka nuuf godhamu nan amanas," jedhan.

Adeemsa araaraa kana Abbootii Gadaatu adeemsasaa beeka, ani amma duras uummata dhiifama gaafadheera. Araara fulla'aa ta'e akka buusnus fedhii guddaan qaba jechuun itti dabalan Paastar Heenook.

Erga dubbiin kun ka'ee muffii guddaan uumamee booda waan ta'etti gadduun dhiifama gaafachuu isaaniin namoota hedduurraa fuula gaarii fi dhiifamaa argachuus himan.

Dhibdee dubbiin isaanii uume kana hordofee garuu miidhaan addaa isaanirra gahe akka hin jirres eeraniiru.

Ji'a Muddee darbe keessa barsiisaan amantaa, Paastar Heenook Girmaa jedhamu tajaajila amanta kennaa ture gidduutti 'salaale Biyya Falfaltootaati' jechuun dubbachuu hordofee paastaricha irratti qeeqnii fi hanga himatamuuf barbaadamuuti isaan gahee ture.

Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaas dubbii barsiisaa amantaa viidiyoodhaan miidiyaa hawaasaa irratti qoodame sana hordofuun Paastar Henook seeratti dhiheessuuf sochii jalqabuu ibsuun ni yaadatama.

Taateen kuni erga jalqabee ji'a tokkoof deemaa jiraatulleen eelaan dubbii kanaa ammayyuu waan qabbanaa'e hin fakkaatu.

Tibbana ammoo xalayaan Magaala Finfinneetti Abbootii Gadaa Damee Tuulama Finfinnee irraa akka barraa'e ibsu irra deebiin dubbichi akka ka'u godheera.

Xalayaan walitti qabaa Abbootii Gadaa Damee Tuulama Finfinnee kan ta'an Abbaa Gadaa Sabbooqaa Lataatiin barraa'e kuni 'waamicha araaraaf bakka bu'oota nuuf ergaa' kan jedhudha.

Xalayaan 'Godina Shawaa Kaabaatiif' jechuun A.L.I. Amajjii 01, bara 2018 barraa'e kuni' Waldaan JPS jedhamu kuni dubbii dubbatame kana dhiifama gaafachuu fi ta'e jedhamee uummata gaddisiisuuf kan raawwatame akka hin taanee fi dogogora dubbii keessa uumame' ta'uu eera.

Kanaafis waldichi karaa bakka bu'ootasaa araaraaf kadhaa akka dhiheessan eeruun, Godinni Shawaa Kaabaa namoota araaraa kanarratti bakka bu'an akka ergu gaafata.

Xalayaa kana barreessuu kan himan Abbaa Gadaa Sabboqaa Lataa, dubbiin dubbatame 'salaale' haa jedhamu malee dubbichi Oromoo mara quuqe jedhu.

Kanaaf jecha araarri akka bu'uuf bakka bu'oonni mana amantichaa isaan waan gaafataniif xalayaa kana barreessuu eeru.

"Isaantu nubira dhufe. Dura Hoteela Ililliitti dubbiin jalqabame. Anillee achirra hin turre. Jalqabbiin akkasii suni sirrii waan hin taaneef, jaarsumti Finfinnee jiru salaale bakka bu'ee dubbachuun waan hin barbaachisneef bulchiinsi salaalee waan kana haa beeku."

"Kana beekee nama dubbii kana sirritti dubbatuuf bakka bu'aa haa ergatu jedheen xalayaa kana barreesse," jedhan.

Abbaan Gadaa kuni waamicha araaraatiif bakka bu'oonni salaalee Kibxata Amajjii 07, bara 2018 Finfinneetti argamanii bakka bu'oota amantichaa waliin akka mari'atamu kan jedhu ture.

Haa ta'u malee xalayaa Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaatti ergan kanarraa bulchiinsi godinichaa deebii akka hin kennineef himu Abbaa Gadaa Sabbooqaan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa gamasaaniin, Xalayaa 'waamicha araaraa' jedhamee barreeffame kana arguu himuun, xalayaa beekamtii keenyaan alaa fi daangaa aangoo Gadaa Ofiitin ala barraa'edha jedhan.

"Yeroo ammaa kana namni ittigaafatamummaa fi itti waamama isaalleen wallaalee jira. Uummanni Salaalee damee Bachoo jala jira.

Abbaan Gadaa Tuulamaa bakka jirutti, sagliin Gadaa Tuulamaa bakka jirutti namni Finfinnee irra taa'ee barreesse kuni Finfinnee keessaa bahee waa qajeelchuun kan isa hin ilaallannee fi aangoos itti hin qabu," jedhan.

Abbaan Gadaa xalayaa 'waamicha araaraa' barreessan kuni Abbaa Gadaa Finfinnee fi damee yaa'a Gadaa Tuulamaa ta'uu eeran.

Xalayaan kuni 'beekamtii keenyaan ala barraa'e' kan jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, dhimma kana namni baayyeen dubbii kanatti harka keessa galfachaa jira jedhan.

"Araarri kan bu'u tumsa mootummaa, tumsa Abbooti Gadaatiin malee namni lafumaa ka'ee qilleensumarratti koottu araara buusna jedhanii nama waaman kana hin beeku" jedhan.

Xalayaan Abbaan Gadaa Tuulama Finfinnee barreessan kuni 'guutumatti dogogora' kan jedhan Goobana Hoolaa, dubbiin barsiisaa amantichaa kuni Salaale qofa osoo hin taane Oromoo mara kan tuqe waan ta'eef, dubbicha akka Gadaa Tuulamaatti ilaalaa jiraachuu eeran.

"Uummata salaalee kana nama keessa deemee beekutu beeka. Finfinnuma taa'ee hoteela urjii shanii rafaa, shaayii hoo'aa dhugaa, waa'ee uumata salaalee namni hin beekne barreessuun akka Gadaa Tuulamaatti gocha seeran alaati"

"Akka Gadaa Tuulamaatti Bakka bu'oota amantaa pirotestaantii irraa dubbiin kuni akka araaraan xumuramu gaaffiin nuuf dhihaatee jira. Gaaffii kanammoo anuu Abbaa Gadaa Tuulamaa ta'ee qofaa hin deebisu. Tumsa hundaatiin ilaalama" jedhan.

Qeeqa Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Abbaa Gadaa Tuulama Finfinnee, Sabbooqaa Lataa Barreessan irratti kaasan kanarrati yoo deebii kennan akkas jedhan,

"Yeroo xalayaa kana barreessinu Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa jila Karrayyuu turan. Nuti xalayaa kana kan barreesine aangoo isaanii dhiibuuf miti. Isaan walitti qabaa Tuulama maraati. Aangoon keenya aangoo araaraati malee aangoo siyaasaa miti" jedhan.

Qaamni dubbii isaatiin hawaasicha mufachiise ofii bakka uummatichi jiraatu deemee dhiifama gaafachuu caalaa hawaasni bakka bu'aasaa Finfinneetti akka ergu maalif taasiftan jennee kan gaafanneefis,

"Innis yaada shaggaadha. Garuu nama isaan bakka buufatan sanaan waldubbisnee asittii mitii yoo isana jedhan bakka isaan jedhanitti ta'a. Salaaletti koottaa yoo jedhanis nitaha. Garuu deebii hin arganne" jedhan.

Dubbiin isaanii 'Salaale Biyya Falfaltootaati' jedhuun mormiin isaan mudatee, dhiifamalleen gaafatanii kan turan Paastar Heenook Girmaa yeroo dubbiin kuni ka'u Ameerikaa turan.

Eegasii biyya deebi'uu fi dhiisuu akkasumas waan araara jedhame kanarratti yaada isaanii dabaluuf yaaliin taasifni hin milkoofne. Yaada isaanii yeroo argannetti kan dhiheessinu ta'a.