Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidant Isaayyaas gaaffii Galaana Diimaa Itoophiyaan dhiyeessaa jirtuufi muddama naannichaarratti maal jedhe?
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii 'waraana bishaaniifi olola Itoophiyaan nurratti bante' jedhan keessa galuun hin barbaacisu jedhe.
Dippilomaasiifi sochii Itoophiyaan Galaana Diimaa argachuuf taasiftu walabummaa Ertiraarratti dhiibbaa akkamii qabaachuu danda'a jedhamee kan gaafatame Pirezidant Isaayyaas, "dhimma kanarratti yeroo gubuun hin barbaachisu" jechuun gaaffii deebiin hin barbaachifneef akka ta'ette ibse.
Gaaffiifi deebii televizhinii biyyattiirratti taasiseen Pirezidant Isaayyaas, dhimma Itoophiyaa, Galaana Diimaa fi jii'oopolotikaa naannichaa kaasuun dubbateera.
Akkuma kanaan duraa dhimma keessoo Itoophiyaarratti yaada kan kenne Isaayyaas, "Paartiin Badhaadhinaa ummata ofiisaarratti ajandaa waraanaa oofaa jira" jechuun himateera.
"Waliigalteen Piritooriyaa jiraatullee ummata Amaaraa, Tigraay fi Oromiyaarratti waraana gaggeessaa jira. Nurratti waraana labseera. Waa'ee dirooniiwwaniifi meeshaalee sassabbateen dhaadachaa jira.
Nuti fedhii waraanaa hin qabnu. Haata'u malee, akkamitti akka biyya keenyarraa ittisnu ni beekna. Mul'anni keenya hariiroo gaarii cimsuudha."
"Dirooniiwwan kana eenyuti fidaa? Meeshaalee kanneen hunda eenyutu alaa bita? Shira kana eenyutu maallaqaan deeggara? Maallaqni kun hundi eessaa dhufa?
"Dhimmichi ajandaa Badhaadhinaa miti. Dhimmichi ajandaa warra kaaniiti," jechuun naannicha keessatti walitti bu'iinsa uumuuf muratee kan ka'e jiraachuu akeeke Isaayyaas.
Pirezidant Isaayyaas dubbii isaa miillanaan addatti biyya ykn qaama kam akka himachaa jiru maqaan himuu baatus, kanaan dura Yunaayitid Arab Emiretis (UAE)n qeeqaa tureera.
Pirezidaantichi gaaffiifi deebii Adoolessa 2025 taasiseen, dhimmi Itoophiyaan maqaa ulaa galaanaan deemsisaa jirtu ajandaa kan ishee miti jedhee ture.
"Meeshaaleen waraanaa guyyuun Itoophiyaa galan UAE irraa akka ta'e ija namaa jalaa dhokataa miti."
Ilaalcha Paartii Badhadhinaatiin raafamuu hin qabnu kan jedhe Isaayyaas, Paartichi "'gahumsa kan hin qabne, kan kasaaree, sodaataa fi kakaatuudha' waan ta'eef bakka kennuuf hin qabnu. Xiyyeeffannaan keenya ajandaa misooma biyyaalessaa ta'uu qaba," jedhe.
Dubbii rakkoo Sudaan keessaarratti dubbii dubbateen Isaayyaas qaama alaatti quba kan qabe yoo ta'u, "kaayyoon guddaa qaamoleen alaa rakkoo Sudaan fayyadamanii naannichatti goolama uumuudha," jedheera.
Qaamni alaa Pirezidant Isaayyaas akeekan ammoo UAE ta'uusheeti.
Hariiroo Ertiraa-US irratti
Hariiroo Ertiraa-US irratti kan dubbate Isaayyaas, sochiin walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduutti foyyeeffachuuf jalqabame danqamuu ibse.
Ertiraan bara bulchiinsa Tiraamp marsaa lamaffaarratti US waliin hariiroo gaarii uummachuuf kaka'umsa agarsiiftee turte kan jedhe Pir. Isaayyaas, adeemsi hariiroo tolfachuu taasisan garuu sababa ' xiinxaltootaa fi warra gidduu deeman [loobistootaan] gufachuu hime.
Ibsa ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Ertiraan investimentiif mijooftuu akka taane baase gabaasa dorgoggoraati kan jedhe Pirezidaantichi, bara bulchiinsa Tiraamp hafanitti yaalii hariiroo gaarii uummachuuf taasisan akka itti fufan ibseera.
Bulchiinsi Doonaald Tiraamp, "yaaddoo nageenya biyyaalessaa" jechuun biyyoota dhorkaa viizaa guutuu irra kaa'e keessaa tokko Ertiraan tokkodha.
Ajaji dhorkaa viizaa guutuu Tiraamp jalqaba Adoolessaa beeksise kun, paaspoortii dabalatee fudhatamummaa sanadoota Ertiraa gaaffii keessa galcheera.
Kufaatii mootummaa Dargii booda waggoota 30 dura Ertiraan biyya walabaa taatee Itoophiyaarraa gaafa fottoqxu, buufataalee doonii akka Asabifi Mitsuwwaa fudhachuuni.
Buufatalee doonii qofa osoo hin taane Humna Galaanaa Itoophiyaa fudhachuun biyya taate. Itoophiyaan bara Hayilasillaaseetii hanga bara bulchiinsa Dargiitti, Galaana Diimaa irratti Humna Galaanaa naannichatti cimaa ta'e akka qabdutu himama.
Ertiraan Itoophiyaarraa adda bahuunshee Itoophiyaan humna galaanaa fi buufata doonii kanneen akka Asab dhabuu qofa osoo hin taane, biyya ulaa galaanaa hin qabne (land locked) ishee taasise.
MM Abiy aangotti akkuma dhufaniin waggoota hedduuf kan hin turre Humna Galaanaa (Navy) hundeessan. Ittaansuun Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 120 ol qabdu taatee buufata doonii Asab irraa fageenya km 100 hin guunnerratti osoo argamtuu ulaa galaanaa malee hafuun "haqa qabeessa miti" jechuun ifatti ulaan galaanaa Itoophiyaaf akka malu labsan.