Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti yoo seenan balaan qaqqabsiisu maali?
Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu malu sodaan jedhu dabalaa dhufeera. Gaggeessitoonni olaanon biyyoota lamaanii wal-himachuufi quba walitti qabuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Dhiyeenya kanammoo mootummaan Itoophiyaa xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif (UN) barreesseen, Ertiraan TPLF waliin ta'uun Itoophiyaarratti waraana banuuf jiru jechuun iyyate.
Inumaayyuu Ertiraan TPLF waliin humna "Tsimdo" jedhamu tolfachuun Itoophiyaarratti shira waraanaa hojjachaa akka jiran Itoophiyaan himatte.
Keessumaa Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa argachuun akka isheef malu ifatti kaasuu hordofee muddamni biyyoota lamaanii akkaan jabaatera.
MM Abiy Ahmad dabalatee qondaalonni Itoophiyaa dubbii Itoophiyaan ulaa Galaana Diimatti baasu dhabuunshee dogoggora waggoota 30 dura uumame ta'uu ibsuun, Itoophiyaan ulaa galanaa kana deebitee argachuu akka qabdu kaasu.
Sirna sirna eebba kitaabasaanii "Mootummaa Ida'amuu" jedhurratti haasaa yeroo taasisan, "Galaana Diimatti bahuun keenya hin oolu" jechuun dubbatanii turan.
Kanarraa ka'uun biyyoonni lamaan waraanatti seenuu malu jechuun yaaddoo qaban kan ibsan hedduudha.
Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti kan seenan yoo ta'e, balaan biyyoota lamaanuu mudachuu maalidha? Biyyoonni lamaanuu waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatanii baay'ee osoo hin turin deebi'anii waraana biraa gaggeessuuf hammam qophiidha? Miidhaan diinagdee, dippilomaasiifi humna namaa isaan mudachuu malu hagam yaaddessaadha? Kanneen jedhan xinxaaltotarraa iyyaafannee xinxaala kana qopheessineera.
Itoophiyaafi Ertiraaf lolli haaraa miti. Ertiraan Itoophiyaarraa walabummaa labsattee osoo hin turin, biyyoonni lamaan waggaa lamaaf lola ijibbaachisaa erga gaggeessanii booda Waliigaltee Aljersitti mallattaa'een lolichi dhaabate.
Waraanni dhaabbatus biyyoonni lamaan walitti dhufeenya dippilomaasii osoo hin taasisin waggoota 20 oliif muddama keessa turan.
MM Abiy bara 2018 aangotti dhufuu hordofee gaggeessitoonni biyyoota lamaanii nagaan bu'uu labsan. MM Abiy dursanii Asmaraa deemanii daawwannaa taasisanii ittaansuun Pirezidaant Isaayaasaa Afawarqii Finfinnee daawwatan.
Daangan banamee, walitti dhufeenyi dippilomaasii tolfame. Inumaayyuu bara 2020tti lola Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti dhalateen Ertiraanuu hirmaattee mootummaa Itoophiyaa gargaaruun humnoota Tigraay lolte.
Lolli waggaa lamaaf Kaaba Itoophiyaatti lubbuu kumaatama galaafate Waliigaltee Piritoriyaan dhumate.
Waliigaltee Piritooriyaa booda walitti dhufeenyi Itoophyaafi Ertiraa qilleensuu gidduu hin galle ture laaffachaa deemee yeroo gabaabaa keessatti gara muddamaatti jijjiirame.
Itoophiyaan gaaffii ulaa Galaana Diimatti bahu ifatti kaasuun muddama duraanuu ture hammeessera.
'Asab seeraan "abbaa qabdi", humnaanan qabadha yoo jette seera sin barbaachisu'
Kufaatii mootummaa Dargii booda waggoota 30 dura Ertiraan biyya walabaa taatee Itoophiyaarraa gaafa fottoqxu, buufataalee doonii akka Asabifi Mitsuwwaa fudhachuuni.
Buufatalee doonii qofa osoo hin taane Humna Galaanaa Itoophiyaa fudhachuun biyya taate. Itoophiyaan bara Hayilasillaaseetii hanga bara bulchiinsa Dargiitti, Galaana Diimaa irratti Humna Galaanaa naannichatti cimaa ta'e akka qabdutu himama.
Ertiraan Itoophiyaarraa adda bahuunshee Itoophiyaan humna galaanaa fi buufata doonii kanneen akka Asab dhabuu qofa osoo hin taane, biyya ulaa galaanaa hin qabne (land locked) ishee taasise.
MM Abiy aangotti akkuma dhufaniin waggoota hedduuf kan hin turre Humna Galaanaa (Navy) hundeessan. Ittaansuun Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 120 ol qabdu taatee buufata doonii Asab irraa fageenya km 100 hin guunnerratti osoo argamtuu ulaa galaanaa malee hafuun "haqa qabeessa miti" jechuun ifatti ulaan galaanaa Itoophiyaaf akka malu labsan.
Sirna eebba Hidha Haaromsaa irratti haasaa taasisan dabaltee ergasii MM Abiy Itoophiyaan karaa ittiin Galaana Diimatti baatu akka tolfattu ibsuun garuu mariif dursa akka kennan dubbatanii ture.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ''waan hin oolleef'' qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate akka of qopheessu Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaafatan.
''Biyyi hanga kana geessu Itoophiyaan daangeeffamtee ijoollee keenyaaf dabarfamuu qabdi jedhani yaaduun ilaalcha sirrii miti.
''Kana milkeessuuf waraanni, walitti bu'iinsi ni barbaachisa jennee hin amannu. Kanumaafi waggoota shaniif kan kadhachaa baane,'' jechuun dubbatan.
Itoophiyaan karaa ittiin Galaana Diimatti baatu keessaa tokko humna waraanatiini. Haa ta'u garuu, humna waraanan buufata Asabitti bahuun balaa hamaa akka qabu himu ogeessa seera idiladdunyaafi dippilomaatii duraanii UN kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa turtii BBC waliin taasisaniin.
Akka isaan jedhanitti Itoophiyaan karaa seeraan Asab naaf mala jechuuf seera idiladdunyaa ishee deeggaru hin qabdu.
"Mootummaan Itoophiyaa dhaqee biyya namaa weerara jedhee hin amanu. Asab abbaa qabdi seearani," jechuun seerri idiladdunyaa Itoophiyaa deeggaru akka hin jirre ibsu.
"Humna nan qaba jettee lafa sana dhaqeen fudheen ofii kootti dabala yoo jette [akkaataa seera idiladdunyaan] seeran ala, yakkas," jechuun mootummaan Itoophiyaa kana galtee siyaasaf malee dhuguma Ertiraa wajjin lolatti seena jedhanii akka hin amanne dubbatu Obbo Baayyisaan.
"Mootummaan Itoophiyaa kana [Ertiraa weeraruu] sirriidha jedhee hojiirra oolchuuf deema jedhee hin amanu ani," jechuun waraanni biyyoota lamaanifuu balaa hamaa fidee akka dhufu isbu Obbo Baayyisaan.
Qondaala olaanaa duraanii raayyaa ittisa Itoophiyaa kan ta'aniifi waraana Itiyoo-Ertiraa irratti kan hirmaatan Leeyinaant Jeneraal Yohaannis Gabremasqel waraanni kamiyyuu balaafamaa ta'uu ibsuun, waraanni yoo ka'e akka isa kana duraa kan dheeratu akka hin taane kaasu.
Waggoota 25 dura waraana Itoophiyaafi Ertiraa irratti rakkoo keessoo Itoophiyaatiin ilaalchi waraana Ertiraa 'akka waraana cimaa ta'eetti ilaaluu' akka ture kan himan Jeneraal Yohaanis, amma haalli jiru adda ta'uu ibsu.
"Waraanni osoo jiraachuu baatee hawwii kooti, yoo ta'uu baata garuu akka kana duraa hin ta'u," jechuun waraanni yeroo dheeraa fudhatu akka hin jiraanne amanu.
Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa garuu yaada Jeneraal Yohaannis irraa adda ta'e qabu. Waraanni biyyoota lamaan gidduutti kan ka'u yoo ta'e, akka waraana isa biyya keessaa osoo hin taane, meeshaa waraanaa gurgudddaan wal-haleelu waan ta'eef mancaatiin diinagdeefi humna namaa hamaa akka ta'u kaasu.
Keessumaa Itoophiyaan biyya diinagdeerratti hundoofte ta'uunshee miidhaan gama diinagdeen qaqqabu Ertiraa caalaa Itoophiyaa akka miidhu kaasu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame gaaga'ama lubbuu namaarra gaheen alatti diinagdee Itoophiyaa heddu miidhuu kan himan Obbo Baayyisaan, Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti waraanni gaggeeffamu kana caalaa balaafamaafi biyyoota lamaanuu rakkoo hamaaf saaxilu akka ta'u ibsu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaan dhaabbatus, naannoo Amaaratti waraana biraatu eegale. Naannoo Oromiyaatti waraanni humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamu waggoota shanii oliif gaggeffama jira.
Raayyaan ittisaa humnoota biyya keessaa waliin yeroo lolatti jirutti, humna alaa wajjin lolatti seenuuf humnisaa akka dhifamu hin taasisuu? jennee Jeneraal Yohaannis gaafanne humni waraana Itoophiyaa yeroo ammaatti rakkoo qophii waraanaa akka hin qabne ibsan.
"[Waraanni Itoophiyaa] dandeettiisaa qaba, leenjiis qaba, ani ogummaan koo waraana irratti waan ta'eef [nan beeka]," jechuun dubbatu.
'Mootummaan Isaayasis kan isa gargaaru qaba'
Itoophiyaa keessatti dhimmi Hidha Guddicha Haaromsaafi ulaa galaanaa argachuu ajandaa biyyoolessaa lammiileen biyyattii heddu irratti waliigalaniidha.
MM Abiy Ahmad dhimma ulaa galaanaa argachuu ajandaa biyyaalessaa akka ta'u gochuu itti milkaa'aniiru jedhama.
Haa ta'u garuu bulchiinsi isaanii akkaataan itti ajandicha dhiyeesse Gaanfa Afrikaatti, keessumaa Ertiraa waliin muddama uumera.
Obbo Baayyisaan akka jedhanitti Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu dhiyeessuun sirrii akka ta'e ni amanu. Garuu mariifi dippilomaasii qofaan ta'uu qaba jedhanii falmu.
Sababa isaan dhiyeessan keessaa tokko, dhimmi Galaana Diimaa Itoophiyaan naaf mala jettu karaa mariifi waliigaltee biyyoota lamaanin yoo ta'e malee, Itoophiyaan tarii humnaan deemti yoo ta'e, akka seera idiladdunyaatti "akka biyya namaa weeraruufi birmadummaa biyya namaa sarbuutti ilaalama" jedhu.
"Buufanni sun [Asab] nu barbaachisaa? Eyyee nu barbaachisa. Garuu nu barbaachisa jechuun calluma jettee lafa namaa fudhachuu miti. Walitti haasa'anii fudhachuun ni danda'ama taanan maalif hin haasa'an?, maalif barbaachise humnaan dhaquun?" jechuun lolli yoo gaggeeffame balaafamaa akka ta'u himu.
Biyyoonni lamaan waraanatti yoo seenan, waraana biyyoota lamaanii qofa akka hin taane eeruun, qaamoleen biroos dudduuba jiraachuu akka malan yaaddoo qaban ibsu.
"[Waraanatti seennan] wal-fixuudhuma ta'a. Sunis [Ertiraan] biyya humna qaba; kan isa gargaaru qaba. Mootummaan Isaayaasis qophaasaa qilleensa keessa rarra'ee dhaabbata miti. Waan ta'u natti hin fakkaatu," jechuun shakkii qaban ibsuu.