Galaana Diimaarratti waraanni ka'uun 'waan hin oolledhaa?'

Fedhiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa Gaanfa Afrikaatti muddama uumuu erga eegalee bubbuleera.

Itoophiyaafi Somaalilaand waggaa lama dura waliigalteen fayyadama ulaa galaanaarratti walii malltteessan biyya olaa Somaaliyaa wajjin muddamni uume waliigaltee Ankaaraatiin goolabamuu booda xiyyeeffannoon Itoophiyaa gara Galaana Diimaatti naanna'eera.

Itoophiyaan dogoggora siyaasaan buufata galaanaa Asab, kan Galaana Diimaarra jiru dhabde jechun buufata qaama Itoophiyaa ture jettu deebifachuunshee hin oolu jetti.

Ministirri Muummee Abiy wayita kitaabsaaanii, Mootummaa Ida'amuu, eebbisan haasaa godhan keessatti Galaanni Diimaa 'keenya, ulaatti bahuun keenya hin oolu' jedhan.

''[Itoophiyaan] Nageenya ni dursiifti. Hiyyummaa waldhaansoo ni qabdi. Karaa ittiin baatee galtus ni tolfatti.

''Kuni waan hin oolle ta'uusaa hubatanii obbolootni keenya ariifatanii mariidhaaf akka of qopheessan,'' jechuun gaafatan.

Dubbiin isaanii kuni maqaa biyyaa eeruu baatus, Ertiraa akka ta'uu malu akeeka.

Ministeerri Ittisaa Itoophiyaas irra deddeebiin ibsa baasuutti jira. Guyyoota lama dura ibsa baaseen faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa mirkaneessuuf aarsaa kamuu kaffaluuf qophii ta'uu ibse.

''Gaaffii Galaana Diimaa ija kamiinuu sirrii miti jedhanii afaanfaajjeessuu yaaluun baandummaan alatti sababa amansiisaa tokkollee hin qabus'' jedhe.

Eertiraan yaadota Galaana Diimaa ilaalchisee gama Itoophiyaa ka'aniif deebii walfakkaata kenniti.

Ministirri Odeeffannoo biyyattii Yamaanee Gabramasqal ibsa dhiyoo baasaniin ''karaa hin taanetti saffisaan deemaa jiru [Paartii Badhaadhinaa] jedhan.

Ilaalchi isaanii itti gaafatamummaan isa hanqatas jedhan.

Xiinxaltootni siyaasaa naannichaa fi kanneen mootummaa Itoophiyaatti dhiyeenya qaban muraasni Eertiraa fi Itoophiyaan ulaa galaanaarratti waliigalteerra gahuu baannaan waraanni waan hin oolle ta'a jedhanii tilmaamu.

Ofii haalli jiru gara waraanaa demaa? Itoophiyaan waraanatti yoo seente rakkoon keessoo balaa fidaa? Waraanni Itoophiyaaf bu'aa barbaadamu argamsiisaa?

Gaffilee kana irratti ajajaa waranaa duraanii Itoophiyaa Let Jeneraal Yohaannis Gabremasqel waliin turtii taasifneerra.

Janaraalli kun waraana Itiyoo-Eertiraa waggaa 25 dura ture irratti ajajoota waraanaa olaanoo keessaa tokko turan. Waraana biyyoota lameenii ni beeku.

Akka Janaraal Yohaannis jedhanitti gaaffiin ulaa Galaanaa waan reefu lafaa ka'e miti.

''Baroota darban asaasamaa ture. Wanti haaraan amma ta'e uummatni fi mootummaan dhimmicharratti walta'anii dhiibuusaaniiti'' jedhu.

''Amma dhimmichi akka Hidha Haaromsaa san namni hundu kan irratti waliigaluu ta'eera.''

Dubbiin kun ka'ee fala argachuuf ''yeroon sirriin ammadhas'' jedhan.

''Ni gaha. Gumgumaa, akkanumaan dubbachaa itti fufuu hin dandeenyu. Dhalootniifi warrii siyaasa hoogganu walqixxee yaada. Waliigaltee ijoon ammoo dirqamadha, yeroonsaas ammadha kan jedhuudha.''

''Gaaffiichi duraan keenya ture haa deebifnu kan jedhuudha, inni guddaan ammoo fayidaa warra biraa irraa fudhanna kan jedhu miti, waliin fayyadamna kan jedhuudha'' jedhan Janaralaachi.

Waraanni waan hin oolledhaa?

''Waraanni gaaga'aadha'' kan jedhan Janaraala Yohaannis, fedhiinsaanii Eertiraan dhiibbawwan godhaman dhageessee mariidhaafi waliigalteedhaan ulaa galaanaa gara waliin fayyadamuutti akka dhuftuudha.

Ammoo karaan nagaa hin milkaahu yoo ta'e garuu ''waraanni waan hin oolle ta'a'' jedhu.

Ibsa aanga'oota mootumaa Itoophiyaan yeroo adda addaa kennamu kana akkamiin hubattu? dhiibbaa uumuuf, siyaasa biyya keessaa ittiin caamsuufimoo dhuguma murannoo jabaadha? jennee gaafanne.

''Of jajuuf, ajandaa uumuuf, doorsisuufi jedhu gariin. Akkas miti. Akkan ani ilaalutti dhagahuufi dubbisuutti dubbichi jabaadha.''

Waraana bar waan barbaaddeef cuftee hin dhiistu. Yeroo mala dhabdee dhiphattu waan gootudha. Kana hambisuuf yaaliin hedduun godhamaa jira'' jedhan.

''Isinis fayyadamtanii nutis dhaba ulaa galaanaan hin miidhamiin yoo jettu lakki bakkuman dhaabadhe sanattin hafa jedhee yoo sitti faradu filannoo ilaaltudha. Dhimmichi jabaadha.''

'Isaayyaas tasa gara mariitti dhufuu danda'a'

Gaaffiin Itoophiyaan Galaana Diimaarratti kaasaa jirtu hanga waraanaa deemuu akka danda'u kan kaasan qondaalli waraanaa duranii kun, carraan biraan waraana bira osoo hin gahiin Itoophiyaan deebii gaarii itti argattu jira jedhu.

''Tasa Isaayyaas gara mariitti dhufuu danda'a. Amalli Isaayyaas tasa jijjjiiramuu danda'a.''

Wayita waraana Itiyoo-Eertiraa Isaayyaas tasa ejjennoo jijjiiranii gara waliigaltee Aljeersi imaluu yaadataniiru.

''Samiinis laftis yoo dacha'an, aduunis yoo badde, urjiinis yoo dhabamte hin ta'u jedhamaa ture. Carraan tasa as deebi'uus ni jira. Utuu akkas ta'ee gaariidha. Karaa nagaa.''

''Ta'uu baannaan garuu filannoon inni sun[waraanni] hin oolu.''

Eertiraaf haala amma jiruun gara waraanaa seenuun filannoo gaarii miti jedhanii amanu.

Marii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad atattamaan akka gaggeeffamu waamicha godhaniif gama Eertiraatiin deebiin yoo dhabameefi ejjennoon mootumma Itoophiyaa hanga waraanaatti yoo ta'e, waraanni kun yeroo dhiyootti eegaluu danda'aa?

Xiinxaltootni siyaasaa fi waraanaa hedduun waraanni dhiyaachaa akka jiru tilmaamu.

Maddeen BBC nannoo Tigraay keessa jiran haalli jiru waraana seenuuf qophiin jiraachuu kan akeeku akka ta'e himu.

Ibsi Ministeera Ittisaa Itoophiyaa dhuma torban darbe kan ''aarsaa kafaluuf qophii ta'uu'' beeksise waraanni dhiyaachuu kan akeeku ta'uu danda'a.

Gama Eertiraan wanti ifatti beekamu hedduun hin jiru. Haata'u alee Asmaraan yeroo marayyu loltoota leenjii waraanaa fudhatan waan qabduu qophii akka taate jirtu hubatama.

Janaraal Yohaannis ''yoo waraanni hin oolu ta'e yeroonsaa akkasi jedhanii tilmaamuun ni ulfaata'' jedhu.

Dhimmichi balballoommaa jira, kuni namni kamuu yeroosaa akka tilmaamuu danda'u ni gargaara natti fakkaata jedhu.

Gama waraan Itoophiyaan tuttuqqan ni jiraa kan jedhan Janaraal Yohaannis, ''yeroo dheeraan waan hafe natti hin fakkaatu'' jedhu.

Waraanni yoo dhalate hangam gaaga'aa ta'uu mala?

Waraana Itiyoo-Eertiraarratti warra duula keessaa tokko kan ta'an Janaraal Yohaannis yeroo sana waraanicha kan ulfaataa godhe ''dogoggora keenyadha'' jedhu.

Walqooduuf rakkoo waraana Itoophiyaa keessa tureen, ''hubannaan waraanni Eertiraa hanga qabuun ol jabaadha jedhu uumeera'' jedhu.

Waraanni gaariifi salphaa hin qabu kan jedhan Janaraal Yohaannis inni alanaa irra deebii isa akka duraaniis hin ta'u, badaas hin ulfaatu'' jedhanii amanu.

Itoophiyaan waraana waliinii gaaga'aa Kaaba Itoophiyaatti gaggeessiteen gatii guddaa baaste. Lubbuun loltoota kumoota hedduun lakkaa'amuu darbeera, meeshaaleen waraanaa hedduun manca'aniiru, qabeenyi miliyoona hedduun lakkaa'amu irratti badeera.

Waraana gaaga'aa sanarraa bayyanattee waraana biraaf dhaabbatni qabdu akkamiin ilaalama?

Akka Janaraal Yohaannis amananitti biyyattiin ammallee gahumsa waraanaa guddaa qabdi. Waraana Kaabaarraas bayyanatteetti.

Gahumsi waraanaa gariidha rakkoo hin qabu. Rakkoon keenya ijoon yeroo hundaa siyaasani keessoo walhubachuu dhabuudha.''

''Waraana ofii tuffachuufi xureessuutu jira. Waraana wayyaanee, waraana Bahdaadhina jechuutu jira.''

Itoophiyaan tarii Eertiraa waliin waraanatti galuu malti yaaddoon jedhu kan dhagaahama ajiru wayita naannolee Oromiya fi Amaaraa keessattti hidhattootni mootummaa loluu itti fufanittidha.

Waraanni kun dhalachuun rakkoo keessoo Itoophiyaa hammeessuu malaa gaaffiin jedhus ni ka'a.

Janaraal Yohaannis ajandaan kun deeggarsa uuummataa waan qabuuf rakkoo keessoo hammeessuuf hiree xiqqaa qaba jedhu.

Oromiya abakka adda addaatti hidhattootni WBO karaa nagaa filachuun galaa akka jiran gabasamaa jira.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa keessattis sochiin hidhattoota Faannoo to'annoo jala oolaa akka jiru, tasgabbiinis dhufaa ibsa.

Xiinxaltootni siyaasaa gariin garuu waraanni biraan gaaga'ama gama diingdeen qabaatu cinaatti dhibdeen keessoo akka hammaatu hiree uuma jedhanii yaadu.