Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Warri ispeermii arjooman maaliif daa'imman dhibbaan lakkaa'man godhatu?
Dhiiroti garii ispermii arjoomuudhaan ijoollee baayyee qabaachaa jiru. Tibbana BBC'n waa'ee isparmii nama qacceen sanyii isaa akka malee tahuun daa'imman dhalatan kaansariif saaxilee gabaaseera.
Bu'aa gabaasa qorannoo BBC kana keessatti kan ajaa'iba tahe isparmiin nama kanaa biyyoota 14tti ergamuun daa'imman 197 dhalachuu isaaniiti.
Isparmiin arjoomaan argame dubartoota karaa biraan ijoollee godhachuu hin dandeenye akka haadha tahaniif gargaara-fakkeenyaaf yoo abbaan warraa isaanii maseena tahe faa, ykn yoo isaan jaalala saala wal-fakkaataa keessa jiraniifi gaa'ela malee yoo ijoollee godhachuu barbaadan.
Fedhii kana fiixaan baasuun daldala guddaa taheera. Haaluma kanaan gabaan isparmii Awurooppaa bara 2033tti paawundii biiliyoona lama akka tahu tilmaamameera. Deenmaark al-ergii isparmiidhaan sadarkaa duraarra warra jiran keessaati.
Arjoomtonni isparmii garii maaliif ijoollee baayyeef abbaa tahaa jiru? Isparmiin Deenmaark ykn sanyii 'Vaayikiing' maaltu adda godha?
Isparmii dhiirota baayyee arjoomaaf hin tahu
Keewwata kana kan dubbisaa jirtu dhiira yoo taateef dhiifama qulqullinni isparmii keetii qofaan arjoomaaf gahaa sin taasisu. Arjoomtota 100 keessa shanii gaditu qabxii barbaadamu argatee darba.
Jalqaba samuuda ispermii gahaa tahe kennuu qabda- hamma isparmii keetii ni lakkaa'ama jechuu dha. Achiin isparmiin kee hangam daakaa danda'a kan jedhuufi bocnisaa ni ilaalama.
Kana malees ispermiin cabbaa'ee turuufi baankii isparmii keessa kaa'amuu akka danda'u mirkanaa'a.
Nama ijooollee ja'a horate taatee arjoomaaf garuu gahaa tahuu dhiisuu malta.
Seerri biyyootaa adda adda tahus fakkeenyaaf UK keessatti umriin kee 18-45 tahuu qaba; dhukkuboota kanneen akka HIV, gonooriyaa, dhukkuba seeliifi kaanirraa bilisa tahuu qabda.
Haala kanaan namoonni isparmii arjoomuu danda'an xiqqaa tahuu jechuu dha. UK keessatti walakkaan isparkii biyya alaa irraa gala.
Haa tahu malee arjoomtonni muraasa ijoollee baayyee godhachuu danda'u. Hanqaaquu tokkoof isparmiin tokko gahaa dha. Dhiirri tokko al tokkoon isparmii miiliyoonaan lakkaa'amu gadhiisuu danda'a.
Dhiiroti baayyeen gara kilinika arjooma isparmii kan deeman torbeetti al tokko qofaa dha.
Saaraah Norkiroos, hoggantuu dhaabbata miti-mootummaa Progress Educational Trust yoo taatu namoonni isparmii arjooman xiqqoo tahuurraan kan ka'e ''miya qaalii'' akka tahuuf sababa taheera baankiiwwan isaparmii arjoomtota jiran sirnaan fayyadamuuf yaalaa jiru, jette.
Isparmiin kaan baayyee barbaadama
Hamma ispermii xiqqaa jiru keessaa isparmiin namoota garii kaan caalaa barbaadama.
Arjoomtonni akka feeteen hin filaman. Isparmiin namoota garii kan kaaniin caala barbaadama.
Baankii isparmii irratti hundaa'uun suuraa ilaaluu, sagalee dhaga'uu, hojii isaanii, hojjaa isaaniifi ulfaatina isaanillee ilaaluu dandeessa.
''Maqaan arjoomaa isparmii Isveen yoo tahe, rifeensa warqee fakkaatu yoo qabaate, hojjaansaa sm1.93 yoo tahe, qaama ijaaramaa yoo qabaate, afaan torba yoo dubbata tahe, nama akka koo irra hawwataa ni taha,'' jedha ogeessi hormaata dhiirotaafi baankii isparmii keessaa hojjetaa kan ture Piroofeesar Alaan Peesii,
''Arjoomaa argachuuf namoonni odeeffannoo- suuraa fa'i gaggalagalchanii ilaaluun filatu,'' jedhe.
Isparmiin vaayikiingii akkamiin addunyaa waliingahe?
Deenmaark biyya baankiiwwan isparmii gurguddoo qabaachuun akka addunyaa irratti beekamtu yoo tahu, daa'imman ''vaayikiingii'' kennuunis beekamti.
Olee Sochuu nama ganna 71 yoo tahu baankii isparkii idil-addunyaa Saayiroos jedhamu qaba. Asitti isparmiin miilii litirii 0.5 doolaara 117 hanga doolaara 1000 oliin nama baasisa. Aadaan Deenmaark keessatti isparmii arjoomuu kan biyyoota kaaniin adda dha.
''Uummati biyyattii akka maatii guddaa tokkooti,'' jedha, ''isparmii arjoomuun qaanii hin qabu, namoonni isparmii arjooman dhiigas arjoomu,'' jedhe.
Oleen kuni biyyattiin al-ergii isparmii olaanaadhaan biyyoota muraasa keessatti akka ramadamtu taasiseera jedha.
Kana malees ispermiin lammiilee Deenmaark sabab qaccee sanyii isaanii barbaadama jedhe. ''Ija cuquliisaafi rifeemnsa warqee fakkaatu,'' kana argachuuf maatiin lamaanuu bifa akkasii qabaachuu ni qabaatu.
Sababa kanaan haati rifeensa gurraacha qabdu isparmii kana yoo fudhatte ilmaanshee irratti bifti ishee caala mul'achuu danda'a.
Gaaffiin isparmii baayyee kan dhufu dubartoota 'qeenxee' barumsa olaanaa qabaniifi umrii 30 keessa jiraniifi hojii irratti xiyyeefatani dha. Warri kuni harka 60 qabatu.
Isparmii daangaa ce'e
Gabaasni qorannoo BBC'n tibbana baase isparmiin Baankii Isparmii Awurooppaa Deenmaark jiru irraa gara kilinikota hormaataa 67 biyyoota 14 keessa jiranitti ergamuu agarsiisa.
Biyyooti dhiirri tokko isparmii marroo meeqaan arjoomuu danda'a kan jedhu irratti seera mataasaanii qabu. Yeroo kaan hamma ijoollee dhalatanii irratti hunda'a, kaan ammoo haadholii isparmicha fudhatan irratti hundaa'a( maatiin tokko ijoollee haadhaafi abbaan tokko tahan hamma barbaadan qabaachuu ni danda'u)
Jalqaba obbolaa abbaa tokkoofi haadha garagaraa irraa dhalatan otoo wal hin beekiin akka jaalala hin jalqabneefi ijoollee akka hin godhanneef ture.
Haa tahu malee isaparmii dhiira tokkoo Ispeen, Xaaliyaanii akkasumas Neezarlaandiifi Beeljiyeem keessatti akka hamma seera hordofaniiti waan isaan dhorku hin jiru.
Haala kanaan arjoomaan isparmii tokko abbaa ijoollee baayyee tahuu ni danda'a jechuu dha. Abbaan kuni garuu yeroo baayyee ijoollee meeqa akka godhate hin beeku.
''Namoonni isparmii fudhatanis the kennan isparmiin nama tokkoo biyya garagaraa keessatti fayyadamuun eeyyamamaa akka tahe hin beekan,'' Saaraah Norkoos hamma ijoollee arjoomaan isparmii tokko qabaatu 'hir'isuu' waanuma sirrii tahe dha jetti.
Isparmiin arjoomaan argamee daa'imman 197 dhukkuba kaansariif akka saaxilaman gochuun booda qondaaloti Beeljiyeem Koomishiniin Awurooppaa arjooma isparmii Awurooppaa isparmii biyya garagaraa deemu to'achuu qaba jedhan.
Ministirri Mummee Ittaanaa Beeljiyeem Firaank Vaandeenbirook adeemsi duraan namoota ijoollee godhachuu fala tahe amma gara daldalaatti jijjiirame jedhan.
Dhaabbanni dhimma hormaataa Awurooppaa The European Society of Human Reproduction and Embryology arjoomaan isparmii tokko maatii 50f yaada jedhu dhiyeesseera. Tahus adeemsi kuni maatiin ijooollee lamaa ol barbaannaan gara ijoollee 100tti siqa jechuu dha.
Arjoomaa isparmii tokkoofi haadha garagaraa irraa dhalachuun dhimmi namoota obbolaa tahanis yaaddoo guddaa tahee jira.
Kuni warreen isparmii arjoomaniifi ijoollee hangam akka qaban hin beekneefis yaaddoo tahuu mala.
Gama biraan qorannoo DNA dhaan akaakilee ofii baruun waan danda'amuuf arjoomaan isparmii kana booda otoo hin beekamiin hafuu hin danda'u, adeemsi idilee ijoolleen abbaa isaanii dhalootaa itti baran jira.
Oleen arjooma isparmii daangeessuun dhaabbileen seeraan alaa akka babl'atan taasisaa jedha.
Dr Joon Appilbaay Laankaastaritti qorataa naamusa fayyaati, fayyadamni isparmii gaaffii 'naamusaa guddaa kaasuu mala jedha.
Dhimma eenyummaa, icciitii, eeyyama, kabajafi kaanirratti madaala uumuu irratti rakkoon jira jedha.
Indaastiriin wal-hormaataa ''isparmiin arjoomaa tokkoo al meeqa akka faayidarra oolu irratti itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' akka addunyaatti waliigaltee fiduun ''baayyee rakkisaa'' taha jedhe.