Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhangala'aan funyaan keenya keessaa bahu waa'ee fayyaa keenyaa maal hima?
Dhangala'aan ykn furriin funyaan keenya keessaa bahu gama fayyaa keenya eeguun shoora guddaa akka qabu beektuu? Kana malees halluun dhangala'aa kanaa haala fayyaa keenyaa hubachuuf akka fayyadu hoo beektuu?
Giriik durii keessatti furriin fayyaafi namummaan namaa wal-madaalchisuuf dhangala'aa shoora qaban keessaa tokko akka tahe himama
Hakiimtichi Hippookiraatas hancuufa, dhiiga, hadhooftuu keelloo fi gurraacha jechuun yaad-rimee ''Hiwuumaras'' jedhamu uume.
Akka hakiima Giriik durii kanaatti isa inni Hiwumaras jedhe kunneen madaala isaanii eegneuun haala miira keenyaa murteessuu danda'a.
Isaan kunneen keessaa inni tokko yoo akka malee dabale dhukkubni nu qabachuu dandana'a.
Fakkeenyaaf hancufni sammuufi somba keessatti akka uumamu yaadama ture. Yeroo qorri jiraatu akka malee dabaluun boodarra dhukkuba nama gaggabsu fida jedhameetu yaadama ture.
Bara ammayyaa kanatti dhangala'aan funyaan keessaa bahu namummaa akka hin miineefi dhukkuba akka hin fidne beekna, inumaa dhukkubarraa eeguuf fayyada.
Namni kamiyyuu yeroo haxxifatus tahe yeroo qufa'u furriin laaqamuu hin brabaadu.
Furriin funyaan keenya keessa jiru fakkeenya ajaa'ibaa akkaataa qaamni namaa itti waa dalaguuti.
Dandeettii dhukkuba ittisuu qaama keenyaa darbanii seenuun dhukkuboota fayyaa keenya goolanirraa nu eega.
Kanaaf dhangala'aa ajaa'ibaa dhimma qaama keenya keessaa nu hubachiisuu dha.
Yeroo ammaa saayintistoonni koovid-19 irraa qabee hamma dhukkuba isa hamaatti furrii qorachuun hubachuuf yaalu.
Dhangal'aan kuni funyaan keenya baakteeriyaa irraa eega. Keessoo funyaan keenyaa qulqulleessa. Baakteeriyaa, vaayrasii, harcaatii habaaboo, xurii, awwaara dabalatee karaa funyaan keenyaa seenuu danda'u.
Furriin rifeensa funyaan keenyaa dhibba baayyeen lakkaa'amu wajjin tahuun qaama keenya keessaa fi naannoo ala jiru gidduu akka gimbiitti tajaajila.
Ingiliiz, Yunivarsiitii Okisfard keessatti dhukkuba qaamolee hargansuufi talaallii isaanii kan qoratan Piroofeesar Daani'ellaa Fereeraa qaamni nama ga'eessaa guyyaatti dhangala'aa milii meetirii 100 ol oomisha jedhan. Tahus funyaan daa'immanii kan nama ga'eessaa caalaa dhangala'aa oomisha.
Halluu, furdinaafi qallinni furrii qaama keenya keessatti maaltu adeemaa akka jiru salphaatti mul'isuu danda'a.
Funyaan keenya keessaa dhangala'aa qulqulluutu baha yoo tahe awwaara ykn daakuun abaaboo nu jeeqeera jechuu dha.
Furriin adii ammoo vaayirasiin qaama keenya seeneera jechuu dha. Sababiinsaas vaayirasii lohee seene loluuf seelii adii qaqqabeen waan uumamu dha.
Furriin gaafa keelloo tahu ammoo seelonni dhiiga adii du'anii kuufaman bahaa jiru jechuu dha.
Gama biraan halluun furrii diimaa ykn diimadii yoo tahe yeroo funyaan keenya yeroo qulqulleessinu keessa isaa miinerra tahuu mala.
Tahus dhangala'aa funyaan keessaa bahu ilaaluun tarkaanfii isa jalqabaa qofa dha.
Lubbuu qabeeyyii funyaan keenya keessatti argaman
Garaa keenya keessa lubbuu qabeeyyii baayyeetu jira. Qaamni keenya man'ee vaayrasii, baakteeriyaafi fangasiiti jechuu dandeenya.
Haaluma kanaan saayintistoonni lubbuu qabeenyyiin funyaan keenya keessa jiran barbaachisoo dha jedhanii amanu.
Lubbuu qabeeyyiin kunneen fayyaafi dandeetti dhukkuba ofirraa ittisuu waliin hariiroo akka qaban amanu.
Furriin qaama nama hundaa keessa jiru gargari. Lubbuu qabeenyyiin kunneen waan alaa funyaan keenya seenu ittisuuf kan uumamani dha.
Faayidaan lubbuu qabeenyyiin funyaan keenya keessa jiran baakteeriyaan ayranii hangam qaba kan jedhu irratti hundaa'a.
Daani'ellaan akka jedhanitti lubbuu qabeenyyiin funyaan keessa jiran maal akka fakkaatan qorachuun bulbula fayyaa furrii eegu oomishuuf oola.
''Funyaan keenya keessatti sanyii lubbuu qabeeyyii achuma turniifi to'atan otoo qabnuu warri nu dhukkubsan maaliif seenu,'' jechuun hubachiisu.
Waayeloonni Daani'ellaa gosoota lubbuu-qabeeyyii faayidaa qabanidha jedhan adda baasaniiru.
Isaanis lubbuu qabeeyyiin kunneen ujummoo qilleensaa keenya yoo to'atan haala fayyaa keenyaa fooyyeessuu danda'uu kan jedhu qorachaa jiru.
Daani'ellaa akka jedhanitti lubbuu qabeenyyiin furrii keessa jiran dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu wajjin hariiroo waan qabaniif sirna madiinummaa qaamaa kana akkamiin akka guddisaniifi talaallii akka simatan gochuun danda'ama kan jedhurratti hojjechaa turre.
Akka qorannoon mul'isutti qaamni keenya talaallii simachuun hamma lubbuu qabeeyyii qaamni keenya qaburratti hundaa'a.
Fakkeenyaaf talaalliin kooviid-19 qorannoon taasifame akka agarsiisutti lubbuu qabeenyyii furrii irratti dhiibbaa geessiseera.
Daan'ellaan ''talaalliin kooviid akka nuti hin dhukkubsanneef gaarii ture. Tahus vaayirasii kana dabarsuu itti fufnee turre,'' jedhan.
''Dhugumaan talaallii miidhaa hin qaqqabsiisne tolchuu dandeenya ture. Waan hundi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu keessa jira,'' jedhan.
Furriin dhukkuba fayyisuu...?
Qorannoon Daani'ellaa haalaafi hamma lubbuu qabeeyyii fayyaa keenyaaf fayyadan himuuf waggaa lama fudhachuu danda'a.
Siwiidiin keessatti immoo saayintsitoonni furrii nama fayyaa fuudhanii namoota rakkoo funyaan cufamuufi ho'a qaamaa alarjii funyaaniin dhufuun rakkatan, funyaan isaanii keessa kaa'uun furmaata argachuuf yaalii jalqabaniiru.
Qorannoo kana kan hogganan Andar Maartansan oduu gaarii akka argatan himuun ''rakkoo cinaa fidullee hin qabu,'' jedhan.
Yaaliin wal-fakkaataa lubbuu-qabeeyyii garaacha keessa jiran irratti taasifameera.
Bara 2025 keessa Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Ameerikaan meeshaa furrii qorachuuf ooluuf mirkana kenneera.
Meeshaan kun namoota miira suunfachuu isaanii akka dhaban waan godhu adda baasuufillee fayyada.
Meeshaaleen kunneeniifi yaaliiwwan dhibee sombaa garaagaraa furuuf hojiirra ooluu danda'u.
Akka qorannoowwan haaraa agarsiisanitti pirootiiniin IL-26 furrii qofa keessa hangam jira kan jedhu qorachuun namni tokko dhukkuba sombaa hamaaf saaxilamuu adda baasuun danda'ama.
Dhukkuba sombaa akkasii baay'inaan namoota tamboo aarsan kan qabatu yoo tahu, furrii qorachuun qofa dhukkubiacha durasanii bira gahuun danda'ama.
Haala wal-fakkaataan qorattoonni addunyaa mara irra jiran kaansarii sombaa, dhukkuba waa irraanfachuu faa adda baasuuf yaalaa jiru