Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan mormii gaggeeffamaa jiruuf US himachuun xalayaa UNtti barreessite
Mormii cimaa Iraanitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee gaggeessaa olaanaan biyyattii Ayaatolaa Alii Kameenii US himatan. Mormitoota bulchiinsa isaanii mormuun magaalota Iraan raasaa jiranis "Tiraamp gammachiisuuf biyyasaanii balleesu" jechuun dubbii jabaan qeeqan.
Bulchiinsi Tiraamp mormii gaggeeffamaa jiru gara jeequmsaatti akka jijjiiramu gochuuf yaalaa akka jiraachuu himachuun ibsite Iraan xalayaa Mana Maree Nageenyaa UNtti barreessiteen.
US mormii gaggeeffamu gara "badiifi saamichaatti akka jijjiiramu gochaa jirti" jedha xalayaan Iraan UNf barreessite kun.
Tiraamp ammoo gamasaan "Iraan rakkoo hamaatti jirti" jedhe.
Mormiin uummataa qaala'iinsa jireenyaan eegale torban lama guutuuf jedhu kun waggoota heddu booda mormii cimaa biyyattii keessatti uumameefi bulchiinsa Ayaatolaa ifatti mormuun sirni gonfoo duraanii akka deebi'u gaafataa jiru.
Gareewwan mirga namoomaaf falman akka ibsanitti hanga ammaa mormittoonni 48 fi qaamoleen nageenyaa 14 du'aniiru.
Mormii kana hordofee intarneetiin guutummaa biyyattiitti adda cituu mootummaan Iraan mirkaneessera.
Tiraamp mormii Iraanitti gaggeeffamu ilaalchisee kaleessa, Jimaata, yaada kenneen "bakka isaan [bulchiinsa Ayaatolaa] miidhu sirriitti rukunna" jechuun US dhimma Iraan keessa ni galti jechuun "loltoota ergiti jechuu miti" jedhe.
"Uummanni magaalota tokko tokko waan dhuunfate natti fakkaata, torbanoota dura hin ta'a jedhamee waan hin yaadamne ture."
Kamisa darbe ammoo "yoo isaan [mootummaan Iraan] uummata ajjeesuu jalqaban sirriitti haleelaa" jechuun dubbatee ture Tiraamp.
Ayaatolaa Kameenii ammoo kaleessa ergaa karaa TV uummata biyyattiif dabarsaniin namoonni hiriira bahan "waanbadeewwan Tiraamp gammachiisuuf biyyasaanii saamaniidha" jechuun qeeqa cimaan dubbatan.
"Hunduu beekuu kan qabu Rippaabilikni Islaamaa dhiiga namoota kumaatamaan kan aangotti dhufe waan ta'eef akkuma salphaatti duubatti hin deebi'u," jechuun dubbatan manguddoon ganna 86 Ayaatolaa Alii Kameenii.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti ambaasaaddarri Iraan xalayaa Mana Maree UNtiif barreessaniin US "sodaachisuun, hokkara uumuun akkasumas itti yaaddee nageenyi dadhabuun akka jiraatu jajjabeessuun dhimma keessoo Iraan keessa galaa jirti" jechuun US himatan.
Biyyoonni akka UK, Faransaayifi Jarmanii ibsa waloo baasaniin tarkaanfiin humnoonni nageenyaa Iraan namoota hiriira mormii bahan irratti fudhatan akka isaan yaaddese ibsan.
Aangawoonni Iraan uummata isaanii eeguuf akkasumas uummanni osoo hin sodaachifamin mirga yaadasaa ibsachuu akka hayyamaniif itti gaafatamummaasaanii bahachuu akka qaban ibsan.