Foolii afaanii badaan maaliif uumama? Akkamitti ittisuun dandaʼma?

Hafuurri kee yeroo hunda kan foolii badaa godhatuufi namatti hin tolle taʼuu dandaʼa jettee waan yaaddoftuuf namootatti dhihaachuu irraa ni fagaattaa?

Kun waanuma mul'achuu danda'uu fi furmaatallee qabu waan ta'eef yadda'uun akka hin barbaachifne himu ogeeyyiin.

Qulqullina ilkaan ofii akka gaarii eeguu dhabuun baakteeriyaanotni afaan namaa keessatti akka horanii fi ilkaan gidduu akkasumas qaawwa arraba keessa qubatan taasisa.

Baakteeriyaa kanneen yoo hin dhabamsiifne achitti baay'achuun dhukkuba ilkaan hamaa fiduu danda'u.

Garuu karaaleen waan kana ofirraa ittisuu danda'mu heddutu jiru.

Maaltu foolii afaanii badaa fida?

Addunyaa irratti sababoota afuura badaa fidan keessaa tokko dhukkuba addatti ammoo tortoruun ilkaanii (periodontitis) jedhamuun beekamuudha.

Namoota ga'eessota hunda keessaa walakkaan dhukkuba ilkaanii gos adda addaa qabaachuu danda'uu," jechuun univarsiitii Birmingham UK keessatti piroofeesara gargaaraa wal'aansa ilkaan deebisanii dhaabuu kan ta'an Dr Praveen Sharma BBC'tti himan.

Foolii afaanii badaan kan uumamuu rakkoo nannawa afaan keessatti muudatuun walqabtee jechuun ni danda'amaa jedhan.

"Kun namoota foolii afaanii badaa qaban keessaa dhibbeentaa 90 ta'uu hin oolu."jedhan.

Dhibbeentaan 10 hafe sababoota biroo akka ta'e eeru.

Dhukkubni sukkaaraa haala gaariin hin to'atame foolii afaanii badaa namatti fiduu danda'a," jedhu Dr. Sharmaan.

"Dhukkubsattoota rakkoo garaachaa qaban,kana malees adeemsa soorata bulleessuu keessatti rakkoo qaban fooliin afaanii akka uumamu gochuu malan.

Kanaafuu, malloottooleen dhukkuboota kaneenii sirnaa argansuu afaanii keessatti foolii akka qabaatu gochuu danda'u".

Kanaaf, kana maal gochuutu danda'ama?

Madda rakkoo sanaa baruu

Baakteeriyaa ilkaan fi ilkaan gidduu qubatu yoo hin qulqulleeffamin madaa xixiqqoo uumuun yeroo ilkaan tuqamu battalatti akka dhiigu taasisuu danda'u.

Haalli kun jalqabbii dhukkuba ilkaanii ykn gingivitis jedhamuun beekamu yoo ta'u, sadarkaa jalqabii dhukkuba ilkaaniiti.

Oduu gammachiisaan garuu yaalamuu danda'uu isaati.

Sun madaa'uu tishuuwwan ilkaanii yoo ta'u, yeroo ilkaan buruushiin dhiqatan irgeen ilkaan diimaachuu, dhiita'uu fi dhiiguu irraa hubachuun ni danda'ama," jedhu Dr. Sharmaan.

Yoo hin yaalamne gara dhukkuba parodontitis ykn tortoruu ilkaanii ta'uu danda'a.

Yeroo ilkaan rigannu irgeen diimaachuu, dhiita'uu ykn dhiiguun isaa yeroon tarkaanfii akka fudhannuuf mallattoo ta'uu danda'an akka ta'e Dr. Sharmaan kan eeran.

"Namootni yeroo buruushiin ilkaan ragatan naannoo dhukkubbii ilkaan isaaniitti dhaga'amu dhiqachuu irraa of qusatu. Sababiin isaas, 'miidhaa geessisaa jira, waan dogoggoraa hojjechaa jira, kanaaf ilkaan koo dhiigaa jira' jedhanii amanuu jedhu Dr. Sharmaan.

"Garuu kan ta'uu qabu faallaa kanaati - dhiiguu ilkaan akka mallattoo 'naannoo kana caalaatti qulqulleessuu qabnudha."

Dr. Sharmaan ilkaan keessan sirnaan dhiqachuuf yeroo ramaduun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Wanta biraa hojjechaa, ilkaan rigachuu utuu hin taane,ilkaan rigachuufis yeroo ramaddee akka gaaritti quqlqulleessuun akka barbaachisu himan.

Yeroo baay'ee namoonni harka mirgaa fayyadaman hedduun osoo hin beekin gama bitaa afaan isaanii yeroo dheeraaf kan qulqulleessan yoo ta'u, namoonni harka bitaa fayyadaman ammoo afaan isaanii gama mirgaa caalaatti qulqulleessuun gamni xiyyeeffannoo xiqqaa argate infekshiniif akka saaxilamu ta'a.

Harka kam akka fayyadamtu beektaa, itti yaaddee of eeggannoo fi yeroo walqixa ta'een gama lamaanuu qulqulleessuuf yaali jedhu ogeessi kun.

Tooftaa qulqulleessuu

Dr. Sharmaan dursa qulqulleessuu ilkaan gidduu irraa jalqabuu yaada jedhu qabu.

Caalatti ammoo ilkaan gidduu jiru keessa kulqulleessuun hundarra gaarii dha," jedhu Dr. Sharmaan.

Erga buruushota ilkaan gidduu fayyadamtanii booda yeroo buruushota ilkaan afaan keessanitti sochoosan itti aansitan ariifachuu dhiisuun gaariidha. Tokkoon tokkoon ilkaan fuula sadii akka qabu yaadadhu: kan alaa, kan gidduu fi kan keessaa. Hundi isaanii of eeggannoodhaan qulqulleessuun isaan barbaachisa.

Namoonni baay'een ilkaan isaanii buruushii ilkaan sana kofa digrii 90 ta'een qabatanii gara fuulduraa fi gara duubaatti sochoosuun ilkaan isaanii kan qulqulleessan itti fakkachuu danda'a sun garuu dogoggoraa jedhan.

Buraashiin ilkaanii tilmaamaan digrii 45n kofa ilkaan irratti qabachuu fi suuta sochoosuun gaariidha.

Kunis baakteeriyaa sarara ilkaan jala dhokachuu danda'u balleessuuf gargaara.

Nyaata nyaannee booda ilkaan keenya buruushiin dhiqachuun filannoo sirrii akka ta'e umurii dargaggummaa keenya irraa kaasee barsiifamee ta'uu danda'a, garuu irra deebiin ilaaluun barbaachisaadha.

''Ciree nyaachuu dura ilkaan dhiqachuun gaariidha,'' jedhu Dr. Sharmaan.

Nyaata asiidii qabu erga nyaannee booda ilkaan keenya buruushiin dhiqachuun hin gorfamu, sababiin isaas isaas asiidiwwaan sunneen keessa ilakaanii yoo seenan miidhaa ilkaan irratti geessisuu wan danda'aniif.

Dr. Sharmaan itti fufuun, "erga ciree nyaattanii booda ilkaan keessan buruushiin dhiqachuu yoo barbaaddan, nyaataa fi ilkaan buruushiin rigachuu gidduu yeroo muraasa eeguu qabdu."jedhan.

Afaan keessan akka gaariitti dhiqachuun yeroo xiqqoo eeguutu gaariidha.

Akkasumas, guyyaatti al lama daqiiqaa lamaaf buruushiin dhiqachuun gaarii taʼus, namoonni tokko tokko guyyaatti al tokko sirritti rigachuun gahaa taʼuu isaa hubachuu dandaʼu.

Yeroo raftan hancufni afaan keessaa hir'achuun baakteeriyaan halkan tokkotti ilkaan keessan akka miidhuuf carraa guddaa kenna. Kanaaf guyyaatti al tokko qofa ilkaan keessan sirriitti yoo buruushiin dhiqattu ta'e , kana gochuuf yeroo gaariin osoo hin ciisin dura ta'uu hubatamuu qaba.

Erga ilkaan keessan buruushiin dhiqattanii booda saamunaa ilkaanii tufuu malee afaan keessan bishaaniin hin dhiqatinaa. Kunis saamunaan ilkaanii fi haftee filooraayidii afaan keessan keessa akka turuu fi ilkaan akka hin mancaane gargaara.

Samunaa ilkaanii fayyadamuun mallattoolee dhukkuba ilkaan jalqabaa yoo qabaattes gargaaruu danda'a, sababiin isaas walitti qabama baakteeriyaa hir'isuuf waan gargaaruuf.

Mallattoolee dhukkuba ilkaan hamaa

Yootortoruun ilkaani (periodontitis) itti fufe, ilkaan kee gidduun akkasumas lafeen ilkaanii nyaatamuu eegaluu danda'a ta'a.

Haalli kun yoo hin yaalamiin hafe, lafeen sadarkaa cimaa irra ga'uu danda'a, ilkaan buqqa'uu danda'a. fooliii afaanii badaanis yeroo dheeraaf si mudachuu danda'a. Mallattoolee kana yoo hubatte hatattamaan ogeessa ilkaan bira deemutu barbaachisa.

Dhumarratti, gorsi tarii afuura afaan keessan keessa bahu akka foolii hin qabaanne taasisuu danda'an keessa:

- Bishaan baay'ee dhuguu, sababni isaas baakteeriyaan afaan goge keessatti wal horuu danda'a.

- Arraba kee meeshaa arraba qulqulleessuuf ooluun qulqulleessuu. Kunis caccabaa nyaataa, baakteeriyaa fi seelota du'an balleessuuf kan gargaaru yoo ta'u, kunis hundi foolii anaanii badaa fiduu danda'a.

Hafuurri kee hammam akka foolii hin qabne beekuuf , hiriyyaa kee ykn miseensi maatii kee akka ilaalu gaafadhu. Garuu nama sana of eeggannoodhaan filadhu!