Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akkaataa ilkaan keenya rigachuu qabnurratti gorsa ogeeyyii
Ilkaan rigachuun qulqulleeffachuun bareedinaafi ofitti amanamummaan kolfuuf qofa miti, dhibee hamaaf saaxilamuurraas nama baraara.
Garuu hedduun keenya akkaataa itti rigannu irratti dogoggora uumna. Dogoggorri ammoo fayyummaa ilkaaniifi irga keenyaa eeguun hafee rakkoo fayyaaf nu saaxilla.
BBC'n dhimma kanarratti rakkoo biyyoota addunyaa garaagaraa keessaa jiru ilaaleera. Fakkeenyaaf qorannoon Siwiidiin keessatti gaggeeffame akka mul’isutti qixa sirrii ta’een ilkaan kan rigatu nama 10 keessaa tokko hin caalu.
Dhaabbati inshuuraansii fayyaa Biriteen Bupa jedhamu UK keessatti namoota qorannoo irratti gaggeesse 2,000 keessaa karaa sirrii ta’een ilkaan kan rigatan walakkaa hin caalan.
Yunivarsitii Barmiingihaam UK keessatti argamutti ispeeshaalistii wal’aansa ilkaan deebisanii dandamachiisuu kan taate pirofeesar Joosefiin Hiirshifeld ''namni gorsa ogeeyyii fayyaa ilkaanii ykn qulqullinaa irraa hin arganne kamuu carraan ilkaan qixa sirrii ta’een qulqulleeffachuu dhabuusaa guddaadha,'' jette.
Maloonni ittiin ilkaan qulqulleeffatan hedduu waan ta’aniif haalli kun mudachuunsaa waan nama ajaayibu miti jetti ogeettiin fayyaa ilkaanii kun.
Qorannoon tokko maloonni ilkaan ittiin rigatan kan ogeeyyiin fayyaa gorsanii fi akkaataan fayyadama isaanii walxaxaa ta’e yoo xiqqaate 66 jiraachuu ibse.
''Kun fayyadamtootatti bitaa gala jedheen yaada. Qorichoonni yookiin ammoo oomishaaleen fayyaa ilkaanii eeguuf fayyadan gabaarra heddummaachuun ammoo burjaajii kana daranuu hammeessa,'' jedha Faawundeeshinii Fayyaa Afaanii UKtti hoogganaa kan ta’e Niijeel Kaartar.
Garuu baayyeen keenya waan dogoggoraa jirruufi akkamiin akka sirreessinu beeknaa?
''Namoonni hedduun [keessattuu kanneen dhukkuba ilkaanii qaban] haftee soorataa ilkaan keessaa baasuu qofti ga’aa itti fakkaata. Kun gariin dhugaadha. Ammoo baakteeriyaas ilkaan keessaa baasuun murteessaadha,'' jette Hiirshifeld.
Baakteeriyaa fi lubbu qabeeyyii xixiqqoon (microorganisms) kaan afaan namaa keessatti walhoru, kun nama hunda ilaallata.
Haftee soorataafi jiidhinsa afaan keessa jiru akka haala mijataatti fayyadamuun baakteeriyaa fi lubbu qabeeyyii xixiqqoon uumamaman akkaan hedduudha- waliigalatti dental plaque jedhamuun waamamu.
Baakteeriyaan gosa kanaa 700 ta’an afaan keenya keessa jiraatu, kun vaayirasii fi fangasiiitti aanee maxxantuu qaama namaarra jiraatan isa lakkoofsaan hedduudha.
''Heddummaatanii ilkaanii fi qaama lallaafaa ilkaan irra jiru (irga) irratti maxxananii jiraatu. Salphaatti rigamanii hin badan. Maashinaan rigachuun alatti xiyyeeffannaan harka keenyaan qulqulleessuu gaafata,'' jetti Hiirshifeld.
Iddoon baakteeriyaawwan kunneen irra qubatan irga waan ta’eef ilkaan riguu qofaan balleessuu hin dandeenyu.
''Ilkaan rigachuu kan jedhuyyuu dogoggora. Irga ilkaanii qulqulleessuu jedhamuu qaba. Iddoo qubannaa baakteeriyaa kan ta’e, irga, yoo sirriitti qulqulleessine ilkaanni ofiinuu qulqullaa’a,'' jetti ogeettiin fayyaa ilkaanii Hiirshifeld.
Ilkaan akkamiin rigamuu /qulqullaa’uu qaba?
Dhalli namaa meeshaaleen ittiin rigatan warshaatti oomishamuun addunyaaf dhihaachuu dura rigaa mukaatiin ilkaan qulqulleeffataa ture. Kanaafis muka filatamutu jira.
Rigaan mukaa qorichummaa qaba jedhamee amanamus garuu akkaataan itti fayyadamasaa irga irratti dhiibbaa qaba.
Erga rigaan ilkaanii ammayyaa dhufee ammoo namoonni akkaataa ilkaansaaniif mijatuun bitatanii fayyadamuu eegalan.
Akkaataan rigannaas garaagaratu jira. Tokko kan suuta jedhanii faacha rigaatiin haftee soorataa teessoo baakteeriyaa ta’uun ilkaan jalatti maxxane baasanidha. Kun ilkaaniifi irga gidduudhaa baakteeriyaa akka baasuuti.
Achumaan rigaa olii fi gadi oofuun ilkaanis qulqulleessu.
Malli kaan namoonni hedduun fayyadaman ammoo kan rigaa ilkaanirra kaa’uun bitaa fi mirgatti riganiidha. Malli kun saamunaa ilkaanii rigaatti erga dibanii booda irgatti osoo hin bu’in ilkaan qofa kan ittiin riganiidha.
Namoonni mala kana fayyadaman ilkaansaanii sirriitti akka qulqullaa’uuf humna fayyadamuun rigu, kun ammoo yeroo keessa irga ilkaanii miidha.
Wayita haala kanaan ilkaan rigannu humni fayyadamnu hangam ta’uu qaba kan jedhu dhimma falmisiisaa ta’us, ogeettiin fayyaa ilkaanii Hiirshifeld garuu humni fayyadamnu giraama 150-400 caaluu hin qabu jetti.
Mala kanaan ilkaan riguun, keessattuu rigaa faachi isaa jajjabaa ta’een humnaan riguun, irga ilkaanii rifachiisa. Irgi yoo miidhame baakteeriyaawwan karaa hidda dhiigaa seenuu danda’u.
Namoonni haala kanaan ilkaan isaanii rigatan kanneen rigaa ilkaanii elektirikii fayyadaman caalaa humna waan fayyadamaniif irgi ilkaanii haphachuun ykn dhumuun ilkaan bakkeetti hafuu danda’a.
Rigaan ilkaanii elektirikii humna fayyadamuu qaban ofiin murteessa. Yoo hamma barbaachisuu ol fayyadaman akeekkachiisa kenniti.
''Hunda caalaa malli gubbaa gadifi jalaa ol rigan filatamaadha. Irga ilkaanii hin miidhu. Baakteeriyaas sirriitti qulqulleessa,'' jetti ogeettiin fayyaa ilkaanii Hiirshifeld.
Hoogganaan Faawundeeshinii Fayyaa Afaanii [ilkaanii] Niijeel Kaartar ammoo akkaataa ilkaan ittiin rigatan ''kana qofatu sirriidha jedhanii waan haaraa nama barsiisuutti rakkachuurra abbaan kanuma fayyadamu irratti sirreeffama taasisee yoo itti fufe gaariidha,'' jedha.
''Yeroo ammaa ogeeyyiin fayyaa ilkaaniifi qulqullinaa kan gorsan, namoonni akkaataa itti ilkaan qulqulleeffatan irratti muuxannoo qaban irratti fooyya’iinsa taasisuun akka itti fufaniidha.''
Guyyaatti yeroo meeqa, hangam irra turuu qabna?
Waldaan fayyaa ilkaanii Ameerikaa, kan Indiyaa fi Awustiraaliyaa akkasumas Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK fi jaarmiyaaleen fayyaa biyyoota addunyaa hedduun guyyaatti yeroo lama yoo xiqqaate daqiiqaa lamaaf ilkaan rigachuu akka qabnu gorsu.
Qorannoowwan garaagaraa akka mul’isanitti namni gorsa ogeeyyii fayyaa kana eeggatee ilkaan qulqulleeffatu akkaan muraasa.
Namoonni hedduun sekandii 33, sekandii 45, sekandii 46 hanga sekandii 97 ilkaan rigachuurra turu jedhu qorannoowwan.
Yunivarsitii Jarmanii Justus-Liebig jedhamu keessatti muummee barnootaa wal’aansaa fi ittisa dhibee ilkaanii kan ta’e Pirofeesar Kaarooliinaa Gaansis namoonni yeroo ilkaan riguurratti dabarsuuf gorfamu eeguun, wayita rigan humna fayyadamuu qaban madaaluun qixa sirrii ta’een kan rigatan dhibbeentaa 25 hin caalan jedhe.
Namoonni dhukkubbii afaanii ykn ilkaanii qaban ilkaan qulqulleeffachuurratti daqiiqaa dheeraa dabarsuu danda’u jedhu ogeeyyiin fayyaa ilkaanii.
''Ilkaan rigachuurra daqiiqaa meeqa turuu akka qabnu murteessuuf haalli fayyaan keenya irratti argamu bu’uura,'' jette Hiirshifeld.
''Kana jedhanii murteessuun ni cima. Haalli fayyaa ilkaan ykn afaan namaa adda adda waan ta’eef.''
Akka Hiirshifeld jettutti baakteeriyaa ilkaan keenya keessaa baasuuf yeroo dheeraa rigachuun barbaachisaa miti.
Inumaa akkas gochuun ilkaan keenya miidha jette. Garuu haalli addaa akka jirummoo ibsite.
''Namoota ilkaansaaniitti sibiila (brace) godhatan yoo fudhatte soorati isaan nyaatan salphaatti ilkaansaanii keessatti hafuu danda’a. Kanaaf yeroo hunda nyaata booda rigachuu qabu.''
Ilkaan keenya nyaata dura moo booda rigachuu qabna?
Oomishtoota saamunaa ilkaanii irraa hanga hospitaala wal’aansa ilkaaniitti ilkaan keenya ciree dura rigachuu akka qabnu gorsu, kun garuu ammallee qabxii falmisiisaadha.
''Kana jedhanii murteessuun rakkisaadha,'' jetti Hiirshifeld. ''Ilkaan qulqulleessuun soorata erga soorannee booda ilkaan keenya gidduudhaa baasuus dabalata. Kanaaf nyaata booda rigachuu kan gorsan jiru.''
Ammoo ciree dura yookiin booda rigachuuf murteessaan gosa nyaataa soorannedha. Sababnisaa ilkaan keenya miidhaa maxxantuuwwaniif saaxilamuuf waa lama jiraachuu qaba: lubbu qabeeyyii xixiqqoo (baakteeriyaa) fi nyaata isaan sooratan.
Ilkaan rigachuun ammoo kunneen hunda qulqulleesuu dabalata.
''Baakteeriyaa yookiin soorata ilkaaniif badaa ta’e malee ilkaan keenya miidhamuu hin danda’u. Kanaaf ciree dura ilkaan keenya sirriitti qulqulleeffannaan soorata shukkaara qabu hanga feene soorannullee ilkaan keenya miidhamuu dhiisuu danda’a. Baakteeriyaan walhoru yoo irra hin jiraanne rakkoo hin qabu,'' jette Hiirshifeld.
''Garuu ciree dura ilkaan rigannee yeroo tokkoon baakteeriyaa guutummaatti akka badu mirkaneessuun ni cima. Sanuu amalli namoonni ilkaan rigachuurratti qaban gaaffii kaasisaa wayita jiru kanatti.''
Ciree booda ilkaan rigachuun shukkaara ilkaan irratti hafee fi baakteeriyaa qulqulleessuuf ni fayyada kan jettu Hiirshifeld ''akkuma soorannee kaaneen battala rigachuu osoo hin taane yeroo kennuufiin dirqama,'' jette.
Waldaan Fayyaa Ilkaanii Ameerikaa ciree erga nyaannee booda ilkaan rigachuuf daqiiqaa 60 eeguu akka qabnu gorsa. Ta’uu baannaan fayyummaa ilkaanii irratti miidhaa qabaata jedhe.
Niijeel Kaartar ciree dura yookiin booda ilkaan rigachuuf murteessaan waan nuti sooranne akka ta’erratti waliigala.
''Soorata yookiin dhugaatii asiidii of keessaa qaban kanneen kuduraalee kuraawoo, cuunfaa kuduraalee fi buna fayyadamne yoo ta’e soorata dura yoo ilkaan keenya riganne ni gorfama, gosa soorataa kunneen booda ilkaan keenyarra miidhaan ga’u hin jiraatu.''
Dhimmi murteessaan isa halkaniiti kan jedhu Kaartar, ''rafuu keenya dura hojii inni xumuraa nuti raawwachuu qabnu ilkaan keenya rigachuudha,'' jedhe.
''Gororri keenya uumamaan dandeettii ilkaan keenya baakteeriyaa fi caccabuurraa ittisuu qaba,'' jedhe Kaartar.
''Halkan wayita rafnu gororri afaan keessaa maddu ni hir’ata. Kanaafuu rafuu keenya dura ilkaan keenya rigachuun baakteeriyaa irraa qulqulleessuu qabna.''
Rigaa akkamii fayyadamuu qabna?
Rigaa fi saamunaa ilkaanii gabaarra jiran keessaa gariin ''kan ilkaan riganii balleessaniidha,'' kan jettu Hiirshifeld ''rigaa ilkaanii jajjabaafi saamunaan ilkaanii hin gorfamne yoo waliin faayidaarra oolan ilkaan caccabsuu danda’u,'' jette.
''Adeemsa yeroo dheeraa fudhachuu, waggoota yookiin waggoota kurnaan lakkaa’aman ta’uu danda’a malee rigaa hin taane fayyadamuun caccabuu ilkaanii fiduun waan hin oolle.''
Kanaafuu rigaa baayyee jajjabaa hin taanee fi saamunaa ilkaanii keemikaalota balaafamoo ta’an of keessaa hin qabne filachuun dirqama.
Rigaa mataan xiqqoo ta’ee fi lallaafaa akka fayyadamnu kan gorsitu Hiirshifild, ammoo osoo rigaan hojiin ala hin ta’in jijjiirrachuu barbaachisaadha jette.
Rigaan mukaa irra jireessaan biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi Baha Giddugaleessatti beekamu-miswak, gosoota rigaa (aadaa) ilkaan qulqulleessuuf gorfamaniidha.
Rigaan aadaa muka uumamaarraa hojjetamu kun qorichummaas qaba, garuu yoo sirriitti hin fayyadamne irga dhukkubsuu yookiin miidhuun dhibee ilkaanii fiduu danda’a.
Bakki ittiin rigannu hagam ta’uu akka qabuu fi humna hagamii fayyadamuu akka qabnurrattis rakkootu jira.
Gama kanaan, qaalii ta’us, rigaa elektirikiitu filatamaadha.
Rigaan eletirikii yeroo hagamii, humna hagamii akka fayyadamnu ofiin waan to’atu qaba.
Hariiroo qulqullina afaanii fi fayyaa qaama keenyaa
Ilkaan keenya qixa sirrii ta’een rigachuun fayyaa waliigalaa qaama keenyaaf murteessaadha. Ilkaan rigachuu qofa osoo hin taane afaan qulqulleessuunis murteessaadha.
Akkuma ilkaan fi afaan qulqulleessuun eegumsa fayyaa keenyaaf murteessaa ta’e, qulqullina afaanii eeguu dhabuun gatii nama kaffalchiisa.
Fayyaa keenyaaf kan fayyadu ilkaan rigachuu qofa osoo hin taane qixa sirrii ta’een qulqulleessuudha.
Afaan fi ilkaan keenya sirriitti qulqulleessuun foolii badaa akka hin qabaanne, ilkaan keenya halluu keelloo akka hin qabaannee fi akka hin caccabne gargaara.
Akkasumas dhibee shukkaaraa- Type 2 diabets jedhamu, dhibee onnee fi rakkoo sammuuf saaxilamuurraa nu baraara.