Chaayinaan shakkii cimaa 'Boordii Nagaa' Tiraamp irratti qabdu ibsaa jirti
Chaayinaan miseensa Boordii Nagaa Tiraamp akka taatuuf hafeeramtus keessatti hirmaachuudhaaf fedhii qabaachuu ibsuu dhabuusheetiin alatti dhaabbatacharraatti shakkii cimaa akka qabdu beeksifteetti.
Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa, "haalli addunyaa hanga fedhe jijjiiramuyyu , Chaayinaan sirna idil-addunyaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) giddu-galeessa godhate deeggarti," jechuun ejjennoo Beejing gaazexeessitootatti hime.
Sabaa-himaaleen mootummaa Chaayinaa Boordii Naga Tiraamp irratti qeeqa cimaa dhiyeessaa kan jiran yoo ta'u, koreen kun "haqaan nagaaf kan hojjetudhaa?" gaaffii jedhu kaasaa jiru.
Dabalataan Boordichi "kilaba dhuunfaa ykn boordii daarektarootaa dolaara biliyoonaa baasisu" uumaa jira kan jedhunis yaaddoon cimeera.
Yaaddoon guddaa gama Chaayinaan jiru dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bakka buusuuf fedhii qaba kan jedhudha.
Doonaald Tiraamp Boordiin Nagaa kun dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan bakka bu'u ta'aa jedhamee gaafatamee "ta'uu danda'a" deebii jedhu kenneera.