Daa'imman faalama omisha albuudaa Itoophiyaan miidhaman haqa darbaadu-HRW

Madda suuraa, FMC
Dhaabbanni mirga namaaf falmu Hiyuumaa Raayitis Wooch, UN'tti Koreen Kabaja Mirga daa’immanii Itoophiyaan akka omisha warqee Laga Dambii dhaabdu dhiibbaa akka taasisu gaafate.
HRW hojii omisha warqee Laga Dambii Oromiyaa Gujiitti faalama fidaa jiruu fayyaa daa’imman irratti miidhaa geessaa jiru furmaata hin argannee jedhe.
Dhaabbatichi, hawaasni naannawa sanaa yeroo dheeraadhaaf rakkoo fayyaa garagaraa himataa turani jedhe.
Daa’imman qaama hirruun dhalachuu, ulfi dubartootarraa bahuufi kaanneen biroollee rakkoo hawaasni itti dararamaa jiru ta'uu ibse.
Qorannoon hedduun akka taasifamettis keemikaalonni summaa'oon akka Kaadmiyeemii, Liidii fi kaan kan bakka omisha warqee kanaatti argamuun eeramaa ture jedhe ibsi HRW
Mootummaan sababa mormii mudatee tureen warshaa sana bara 2018 haga 2021 cufeeti ture.
HRW garuu angawootni bakka omisha warqee kana dhoksaan banamu taasisan jedheera.
Walii galteen mootummaa fi dhaabbata MIDROC kan bakka omisha warqee kana gaggeessaa jirus iccitiin akka qabamu taasifamu eerera.
MIDROC rakkoo kana dura tureef tarkaanfiin sirreeffamaa utuu hin fudhatamin hojiitti deebi’uu isaallee HRW ibseera.
Kanaaf Itoophiyaan akkaataa waliigaltee idila addunyaan seera mirga daa’immanii kabajuu mallateesite kabajuu akka qabdu UN gama isaan dhiibba akka taasisu dhabbatichi gaafateera.
Kan malees miidhaa gaheef qorannoon akka taasifamu, namoota faalama kanaan miidhamaniif beenyaan akka kaffalamu dhiibban taasifamuu qaba jedhe.






