Dogongora Tiraamp shanan Abbayyaafi Hidha Abbayyaarratti

Pirezidant Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp irra deebiin Ameerikaatu hidha kana ijaare jedhanii dubbatan

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammallee irra deebiin dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaan ijaarte dubbataniiru.

Erga marsaa lammataan Pirezidantii US ta'uun filamanii waggaa tokko keessatti waan dalagan yeroo dubbatanidha dhimma kana kan kaasan.

Hawaasa Somaale ''ummata IQ xiqqaa qaban'' jechuun arrabsuutii, waan dalage jedhan danuu sa'aatii dheeraaf dubbatan.

Tiraamp akkuma kana dura dubbataa turan ammallee ji'oota muraasa keessa waraana saddeet dhaabuu himan.

Silaa waraanni kuni hin dhaabbatu ture jedhan. Ta'us, Badhaasa Noobeelii Nagaa hin arganne jechuun komatani.

1. 'Waraana dhaabe'

Tiraamp waraana dhaabe jedhanii tarreessan keessaa Itoophiyaafi Masrii eeran.

Itoophiyaafi Masriin waggoota 13 ta'anif marii gaggeessaniis waliigaluu hin dandeenye.

Itoophiyaan kanuma keessa Hidha kana ijaartee, jala jalaan bishaan guuttee eebbisteetti. Masriin garuu eebba boodallee mormii hin dhaabne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Masriin dhimmicha mana murtiitti akka geessitu, akkasumas Pirezidantii Mana Maree Nageenyaa UN'f xalayaallee barreessiteetti.

Inumaa dhihoo Ministirri Jallisii biyyattii Itoophiyaan sababa Hidha kana ijaarteef beenyaa Masriifi Sudaaniif akka kaffaltu gaafachuun gabaafameera.

Aangawoonni Itoophiyaa immoo Masriin hidhattoota mootummaa Itoophiyaa lolan ni hidhachiisti jechuun himatu.

Pirezidant Tiraamp waggaa darbe kana Itoophiyaafi Masriin dhimma Hidha Abbayyaarratti ''wal waraanuuf turan'' jechuun himan.

Gidduu seenaniis ''akka dhaaban [waraana] nan godhe,'' jechuun waggaa tokko keessatti waan raawwadhe jedhan yeroo dubbatan ibsan.

Itoophiyaafi Masriin garuu lola seenaniiruu?

Deebiin: Wal hin waraanne. Waraanni itti seenanis hin jiru. Haata'u malee, wal himannaafi wal dura dhaabbannaan ni jira.

Waggoota dheeraaf biyyoonni lamaan muddama dippilomasii keessa jiru malee lola hin seenne.

Sagantaa BBC Focus on Africa jedhamutti kan dubbatan Ministirri Dhimma Alaa Masrii, ''waggaa 13 yaallee milkaa'uu [waliigaluu] hin dandeenye'' jedhan.

Kanaafis, Itoophiyaa himatu. Itoophiyaan immoo Masriin Gaanfa Afrikaatti 'biyyoota laafoofi dadhaboo uumuuf' gochaa jirti jechuun akka dhaabduuf gaafatteetti.

'Sochii Masiriin Gaanfa Afrikaa keessatti gochaa jirtu na hin jilbeenfachiisu' jechuunis Itoophiyaanis dubbattee turte.

Dhihoommoo Tiraamp Itoophiyaafi Masrii ''nan araarsa'' jechuun dubbataniiru. Masriifi Sudaan deebii kennaniis, gama Itoophiyaatii deebiin hin kennamne.

2. 'Laga xiqqoo Abbayyaa fi Naayil Masrii keessa'

Pirezidant Tiraamp dhimma Hidha Abbayyaa yeroo dubbatan ''Itoophiyaa keessatti hidha bishaanii laga xiqqoo Naayil jedhamurraa [yaa'u] dhaabu ijaaran,'' jedhan.

Tiraamp dubbii isaaniin Hidhi kuni Itoophiyaa keessa ijaaramuu ibsaniiru.

Haata'u malee, madda bishaan kanaa yoo eeran Naayil jedhan. Lagni Abbayyaa maddi isaa Kaaba Itoophiyaadha.

Achii haroo Xaanaa keessa darbee gadi dhangala'a.

Laggeen bishaan Abbayyatti yaa'aanii guddisan baay'eedha.

Garuu, lagni Abbayyaa laga xiqqaadhaa?

Akka ragaan mul'isutti, bishaan Abbayyaa laga dheeraa addunyaati. Dheerinni isaas kiiloomeetira 6,650 ol akka ta'u ragaan mulisa.

Lagni guddaan addunyaa, Naayil, burqaawwan lama gaarreen Itoophiyaa fi Yugaandaa keessatti argaman irraa ka'uun dhangala'ee gabbataa deema.

Kan Itoophiyaarraa keessaa maddu Abbaay (Mormor) yookiin ammoo Blue Nile (Naayil Gurraacha) jedhamee beekama.

Kan Yugaandaa keessaa maddu ammoo White Nile (Naayil Adii) jedhama, lameen Sudaan- kaaba magaalaa Kaartuumitti walga'uun gara Masrii deemu.

Garaagarummaa Naayil Adii (White Nile) fi Abbayyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Garaagarummaa Naayil Adii (White Nile) fi Abbayyaa

Itoophiyaan karaa kaabaafi kibbaan Abbayyaaf gumaachiti jedhu Gargaaraan Pirofeesaraa Geetuu Iddoosaa.

''Laga Abbayyaa malee lageen akka Takazee, Atbaaraa fi Soobaat jedhaman kaaba Itoophiyaarraan kan Naayilitti dabalamanis jiru,'' jedhan qorataan kuni.

''Kanaaf Itoophiyaan kallattii lamaan laga kanaaf gumaachiti. Inni guddaan garuu isa naannoo Amaaraa keessaa ka'ee Xaanaa qaxxaamuree daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu imalee kallattii Beenishaanguliin gara Sudaan imaluudha,'' jedhan.

Laggeen kunneen ammoo wayita Sudaanitti Naayilitti dabalaman walitti qabamuun maqaa Atbaaraa jedhamuun beekamu.

Ogeessi kun akka jedhanitti, qaama bishaanii (river basin) Itoophiyaan qabdu 12 keessaa dhibbeentaa 44 kan ta'u qaama bishaanii Abbayyaati.

Lageen bishaan kana gabbisan hedduunsaanii Oromiyaarraati kan maddan. Lageen gurguddoon akka Dhidheessaa, Daabbus, Fincaawaa, Waraabessa, Mugar, Gudar gara laga kanaatti yaa'u.

Tiraamp dubbii isaaniin "Ani yeroo hunda Naayil akka Masirii keessa ta'ettin yaada. Naayil piraamidoota waliin bareeda. Isaan garuu ni hidhan,'' jedhan.

Asitti Tiraamp dogongoruu isaaniis waan hubatan fakkaatu. Bishaan Abbayyaa keessaa 85% kan gumaachitu Itoophiyaadha.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.

3. 'Bishaan jalaa dhaaban'

Pirezidant Tiraamp irra deddeebiin Itoophiyaan hidha ijaarteen bishaan akka gadi hin yaane dhaabde jechuun himatu.

Tiraamp dubbii isaaniin ''Masriin bishaan gahaa Naayil keessaa hin qaban,'' jedhan.

Itoophiyaan hidha daangaa Sudaan irratti ijaarte irra caalaan anniisaa elektirikii maddisiisuufidha.

Erga humna elektirikii maddisiise booda gad yaa'a.

Itoophiyaan bishaan to'achuu osoo hin taane eelektirikii maddisiisuun lammiilee ishee miiliyoonaan lakkaa'aman dukkana keessa jiraniif ifa kennuuf akka ta'e dubbatti.

Faallaa Tiraampiin, kana dura aangawoonni Masrii hammi bishaan nu gahu xiqqaata jedhanii komatu malee Itoophiyaan bishaan nu duraa kutte jedhanii hin beekan.

Isuma bishaan nu duraa xiqqaate jedhanii dubbataniis Itoophiyaan lakki jetti.

Inumaa isa dur gaafa roobni roobe lolaan rakkise tasgabbeessee gadhiisaan jira jechuun dubbatti Itoophiyaan.

4. 'Ijaarsa Hidhichaaf Ameerikaatu kaffalte'

Pirezidant Tiraamp ammallee irra deebiin Hidha kana Ameerikaan maallaqaan gumaachuu dubbatan.

''Akkamiin kuni ta'e jedheen dubbadhe. Maaliif kana goone? Maallaqaan gargaarre. Biyyi kuni... hin beeku.. tarii pirezidantii Rippablikaanii, garuu natti hin fakkaatu.

''Garuu, Dimookiraatii natti fakkaata, waan fokkuu,'' jedhan.

Pirezidant Tiraamp kana dura ijaarsa Hidha kana Ameerikaan maallaqaan deeggaruu irra deddeebiin dubbataniiru.

Dubbiin isaanii kunis lammiilee Itoophiyaa waggootaaf deeggarsa maallaqa isaaniin ijaaruu beekaniif gaaffii itti ta'ee ture.

Baatii Adoolessa keessa mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggora'' jedheera.

Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa "Hidhi Haaromsaa gama faayinaansiin dhibbeentaa 100 humna ofiitiin ijaarame" jedheera.

"Tiraampis jedhan kaanis jedhan dhugaan jiru pirojektiin kun ummatafii mootummaa Itoophiyaan ijaarame."

Hoji Gaggeessituu Itti Aantuun Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taamir, "Piroojeektichi gama faayinaansiin mootummaa fi ummataan dhibbeentaa 100 humna ofiitiin, jechuunis gargaarsas ta'e liqaa biyya alaa malee ijaarame" jedhan.

Dabaluunis, qaamni hidhichaaf gargaarsa maallaqaa taasiseera jedhu yoo jiraate "Oduudhaan osoo hintaanee qaamni ragaan qaba jedhu yaa dhiyeessu" jedhan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Waajjirra Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Dr. Aragaawii Barihee gama isaaniitiin, haasaan Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisee taasisan dogongoraa ta'uu himaniiru.

"Dhugaan jiru ijaarsi hidhichaa kutannoo mootummaafii hirmaannaa ummataa cimaan as gahe" jedhan.

5. 'Hidhi Abbayyaa addunyaarraa guddichaa?'

Hidhi Itoophiyaan laga Abbayyarra ijaarte kan Masriin ijaarte ni caala.

Hidhi Haaromsaa Afrikaa keessatti hidha bishaanii guddicha ijaaramedha. Hidhawwan addunyaa keessaas tokkodha.

Pirezidant Tiraamp yeroo dubbatan ''Akkan yaadutti, addunyaarraa hidha isa guddichadha,'' jedhanii dubbatan.

Haata'u malee, addunyaarraa hidhi guddichi kan Itoophiyaan ijaarte osoo hin taane kan Chaayinaan ijaartedha.

Hidhi kuniis 'Three Gorges Dam' jedhama. Kanumammoo kan caala jedhamu Chaayinaan ijaaraa jirti.

Hidhi Itoophiyaan Abbayyarra ijaarte kan Masriin ijaarte ni caala
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi Itoophiyaan Abbayyarra ijaarte kan Masriin ijaarte ni caala

Hidhi haaraa Chaayinaan ijaaraa jirtu dolaara biiliyoona 167 ishee baasisa.

Gaafa xumuramees Buufata Humna Ibsaa Motuwoo jedhama.

Humni maddisiisus kan amma 'Three Gorges dam' jedhamu dachaan sadiin caala.

Ijaarsa daangaa Tibeet irratti ijaaramu kanarratti Indiyaafi Baangilaadesh komii kaasaniiru. Ta'us, ijaarsi isaa itti fufeera.