Itoophiyaan dubbii Tiraamp Hidha Abbayyaarratti dubbataniif deebii kennite

Ministira Muummee Itoophiyaafi Pirezidantii US

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggoraa'' jedhe.

Hidhi Abbayyaa waggoota 14 booda xumuramuun Fulbaana dhufu eebbifamuuf jedhu Masriifi Sudaan biratti yeroo dheeraaf mufii uumeera.

Booda kana garuu Pirezidantiin USA, Donaald Tiraamp, as bahuun dhimma maallaqaa dubbataa turan lammiileen gaaffii itti ta'ee ture.

Ibsa guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti kennameen "Hidhi Haaromsaa gama faayinaansiin dhibbeentaa 100 humna ofiitiin ijaarame" jedhaniiru aangawoonni.

"Tiraampis jedhan kaanis jedhan dhugaan jiru pirojektiin kun ummatafii mootummaa Itoophiyaan ijaarame" jedheera Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa.

"Akka qaama hirmaannaa ummataa qindeessutti ummata keenyatti kan himnu (Hidhi Haaromsaa) pirojektii dafqifii dhiigni ummata keenyaa irratti dhangala'ee ijaaramedha," jedhaniiru.

Haasaan Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp biyyisaanii ijaarsa Hidha Haaromsaaf Gargaarsa maallaqaa taasisteerti jechuun dubbatan dogongora ta'uu Itoophiyaan himte.

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa liqaas ta'e gargaarsas alaa tokkoyyuu malee guutummaatti humna mootummaafii ummata Itoophiyaan ijaaramuu Itoophiyaan himteerti.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doknaald Tiraamp tibbana irra deddeebiin yeroo sadi, Ameerikaan Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsa maallaqaa gochuushee dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u malee sadarkaa hidhichi yeroo ammaa irratti argamufii hirmaannaa hawaasaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laate Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, deeggarsi maallaqaa biyyi biraa Ijaarsa hidhichaaf laate kan hinjirre ta'uu himeera.

Ibsicha miidiyaaleef kan dhiyeessan Hoji Gaggeessituu Itti Aantuun Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taamir, "Piroojeektichi gama faayinaansiin mootummaa fi ummataan dhibbeentaa 100 humna ofiitiin, jechuunis gargaarsas ta'e liqaa biyya alaa malee ijaarame" jedhan.

Dabaluunis qaamni hidhichaaf gargaarsa maallaqaa taasiseera jedhu yoo jiraate "Oduudhaan osoo hintaanee qaamni ragaan qaba jedhu yaa dhiyeessu" jedhan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Waajjirra Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Dr. Aragaawii Barihee gama isaaniitiin, haasaan Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisee taasisan dogongoraa ta'uu himaniiru.

"Dhugaan jiru ijaarsi hidhichaa kutannoo mootummaafii hirmaannaa ummataa cimaan as gahe" jedhan.

Dhumarrattis ijaarsi hidhichaa xummuramuusaa kan himame yemmuu ta'u, roobni yemmuu caamutti ji'a Fulbaanaa keessa akka eebbifamus himameera.

Tiraamp maal jedhan?

Tiraamp walgahii senaataroota Rippaabilikaan waliin Jimaata darbe taasisan irratti ammas irra deebiidhaan waa'ee hidha haaromsa Itoophiyaa kaasaniiru.

Tiraamp akkaan suuraa fi raagaalee satalaayitii argadhetti hidhichi addunyaa irraa isa guddaadha jedhan.

Kun ammoo Masirii jireenyi ishee laga Naayil irratti kan hirkatu miidha jedhu.

Hamma bishaanii gara Masirii deemu jalaa cufa jechuun dubbatu viidiyoo irratti.

''Kun rakkoo waan uumeef hordofaa jirra'' jechuun itti dabaluun dubbatan.

Tiraampi gara masirii looguun irra deebiin dudubbataa turan.

Torbaniin dura ammoo wal dhabdeen Hidha Haaromsaa Itoophiyaa fi Masrii gidduu ture hatattamaan akka hiikamaa jiru dubbatan.

Mootummaan Masiriis Tiraampiin galateeffachuun yaada isaanii akka deeggaran ibsan. Tiraamp ''Akkan yaadutti osoon ani lammii Masrii tahe bishaan laga Naayiil keessaa dhabuu hin barbaadu. Kanaaf dhimma kana irratti hojjechaa jirra'' jedhan.

Waayit Haawus keessatti wal gahii Barreessaa NATO, Maark Ruutee waliin taasisan irratti waa'ee Hidha Haaromsaa Itoophiyaan xumura irra dhaqabsiifte kanaa dubbatan.

''Hidhichi bishaan gara Masrii deemuu fi Masriin %97 irratti hirkattu jalaa cufa,'' jedhan Tiraamp.

Waa'ee Hidha Abbayyaa

Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.

Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.

Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.

Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.

Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.

Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.

Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.

Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.

Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.

Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.