MM Abiy Ahimad 'oolmaa' Pir. Isaayyaasiif oolaniin gaabbii qabuu?

Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiifi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Itoophiyaafi Ertiraan waggaa torba dura hariiroon jabeeffatan akkaan laafeera.

Wal himannaafi wal dura dhaabbannaan waraanatti ce'uu mala jechuun kanneen yaadda'an danuudha.

Ammatti qaamoleen lamaanii nagaa barbaanna jechaa jiru. Haata'u malee, wantoonni gaaffii kaasaniifi deebii hin arganne jiru.

Mee tokko tokkoon haa ilaallu.

Itoophiyaafi Ertiraan walgaarreeffannaafi diinummaa waggoota 20 ture booda Adoolessa 2018 hariiroo yeroo tolfatan michuuwwan jaboo fakkaatan.

Yeroon gammachuufi jaalala ho'aa ture. Lammiileen daangaa ce'anii deemuu eegalan, kan walirraa fagaate walitti deemuu eegale.

Garuu, adeemsa keessa laafaa, gara wal dura dhaabbannaatti jijjirame.

MM Abiy ni gaabbuu?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii Ertiraa waliin araara yeroo tolfatan Pirezidantii Ertiraaf carraa guddaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroos Pirezidant Isaayyaas addunyaan lagatee, dippiloomasiin dhiibamanii balbala biyya isaanii cufanii turan.

Waliigalteen Itoophiyaa waliin mallatteessan garuu bilisa isaan baase. Biyya ollaa isaanii Itoophiyaattis, addunyaattis isaan deebise.

Kanaaf Ministirri Muummee Abiy haala amma jiruun gaabbuu danda'uu?

Xinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr Nagaraa Guddataa ''Gaabbuus danda'u, gaabbuu dhiisuus danda'u,'' jedhu.

''Ertiraan biyya addunyaarraati itti cufamee, biyyi hunduu lagatee isa qofaallee miti qoqqobbii irra ture ofi isaatiitti MM Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa UN Finfinneetti waamee kadhatee qoqqobbiin irraa ka'e.

''Ertiraan IGAD deebi'anii seenani, Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN miseensa ta'ani. Dhaabbileen garagaraa waajjira isaanii Asmaraatti banani.

''Kanaafuu akka isaan deebi'anii addunyaa wal arganiif sababa guddaa kan ta'e Ministira Muummee Abiy Ahimadidha. Kun tarii isaan gaabbisiisuu danda'a.

''Maaliif? Qoqqobbiin meeshaa waraanaa irra ture waan ka'ef isaaniis carraa sanatti fayyadamanii meeshaa waraanaa garagaraa bibbitachuun isaanii hin hafu,'' jechuun himu.

Ministira Muummee Itoophiyaafi Pirezidantii Ertiraa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Ertiraan hariiroo jabaa uumanii turan

Waraana Kaaba Itoophiyaarratti mootummaa Itoophiyaa bira goranii ''aarsaa kaffalanii'' TPLF akka dadhabu godhaniiru. Tarii, kunimmoo akka milkiitti ilaalamuufi danda'a,'' jedhu.

Gabaabumatti garuu, waliigalteen Itoophiyaafi Ertiraa mootummaa Ertiraa ''humna itt horeera'' jedhu.

Pirezidant Isaayyaas dhihoo miidiyaa biyyaalessaa Ertiraaf yoo dubbatan bulchiinsa MM Abiy Ahimad fi paartii MM Abiy hundeessan akkaan qeeqaniiru.

Pirezidant Isaayyaas gaaffiifi deebii isaaniin Itoophiyaan walitti bu'iinsa garagaraan raafamaa jirti jedhan.

Abdiin bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad ture jedhan maal na dhibdeedhaan bakka durii hin jiru jechuunis dubbatan.

Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa 'hookkarri' agarru kan mul'atee hin beeknedha kan jedhan Pirezidant Isaayyaas kanaaf immoo paartii biyya bulchu qeeqani.

Paartiin Badhaadhinaa rakkoo biyya keessaarratti xiyyeeffachuun furuurra Ertiraarratti maaliif lola kaasa? jechuunis gaafatan.

Dhibdeen ijoo MM Abiyyii fi Pir. Isaayyaas maali?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii hariiroo jabaa tolfatanii turan.

Pirezidantii Ertiraa gara Itoophiyaa irra deddeebiin imaluu, kennaa gaachanaafi eeboo, uffata aadaafi soorata aadaa soorachuun aadeffamee ture.

Haa ta'u malee, adeemsa keessa dhibdeen dhalachuu eegale. Yeroos mootummaa MM Abiy waliin kan wal dhaban qondaalonni TPLF hariiroo kanatti hin gammanne.

Muddamni bulchiinsa MM Abiy fi TPLF lolatti gaafa seenu Ertiraan mootummaa federaalaa bira dhaabattee lolte.

MM Abiyyiis TPLF gantummaan himatanii, Ertiraa michuummaan jajan.

Yeroo waraanichaa waraana Ertiraa irratti himannaan sarbama mirga namoomaa jabaa dhihaachaa ture.

Dr Nagaraan durumaa yeroo waraanni eegalu ergami mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa gargar ture jedhu.

''Kaayyoo garagaraa qabu. Ertiraan TPLF balleessuu, mancaasuu fi qabeenya tokko tokko saamuudha.

''Mootummaan Itoophiyaa immoo dadhabsiisaniima akka isaaniif balaa hin taane, fi biyya tokko keessa loltuun tokko, heerrii tokko [fi] mootummaan tokko qofti akka jiru barsiisanii dhaabuudha.

''Waraanni gaafa dhufu mootummaan Itoophiyaa garaa gaheera, mootummaan Ertiraa garaa hin geenye. Inni guddaan kanadha.''

Taateewwan Pirezidantiin Ertiraa komii itti dhiheessaniis ture.

Kanaaf fakkeenyi tokko, waraanni Itoophiyaa Waxabajjii 2021 Maqalee gadhiisee yoo bahu kuni waan nuti hin eegne ture jedhanii turan Pirezidant Isaayyaas.

Dhiibbaa dippiloomaasii hedduun booda mootummaan federaalaa TPLF waliin waliigaltee nagaa dhuma 2022'tti mallatteesse.

Waliigaltee Afrikaa Kibbaatti raawwateerratti garuu Ertiraan hin hirmaanne turte.

Ertiraan qaama waraanaa osoo taatee jirtuu hirmaachuu dhabuushee komataa turte.

Kunis suutuma hariiroon Finfinneefi Asmaraa jidduu jiru laafaa akka adeemaa jiru akeeke.

Wayita hariiroon Finfinneefi Maqalee jidduu cimaa adeemu, hariiroon Finfinneefi Asmaraa laafaa deeme.

Ta'us, dura mootummaan Itoophiyaa ifatti as bahee hariiroon Ertiraa waliin ture laaffataa adeemuu hin dubbanne ture.

Booda keessa balaliinsi gara Asmaraas dhaabate, dhalattoonni Ertiraas Finfinneetti hidhamne jechuu eegalan.

Mormitoonni Ertiraas Finfinneetti ifatti socho'uu jalqaban.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu maluu?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Galaana Diimaarratti ija buufachuun isaaniimmoo muddama kana hammeesse. Ertiraan biyyoota fedha Itoophiyaa kana morman keessaa ijoodha.

Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin walii galtee raawwachuu yoo ibsitu, Somaaliyaan akkaan mormite.

Kanneen michuuwwan Somaaliyaa ta'un dhihaatan keessaa tokko Ertiraadha. Muddama waggaaf ture booda ammoo Itoophiyaan Somaaliyaa waliin erga hariiroo tolfatte boodas dhibdeen Itiyoo Ertiraa hin dhaabbanne.

Keessumaa hooggansi TPLF lamatti hiramuufi wal dura dhaabbannaa mootummaa federaalaa waliin tureen mootummaan Itoophiyaa harka keessaa qabdi jedhee Ertiraatiin himata.

Itoophiyaan Ertiraan hidhattoota mootummaa lolan hidhachiisti, daangaa kiyya keessaas hin baane jetti. Ertiraan immoo dhimma ulaa galaanaan dubbii na barbaadaa jirti jechuun Itoophiyaa himatti.

Ifatti wal himachuu, gidduu seentummaafi lola natti kaasuufi jechuun biyyoonni lamaanuu wal himatu. Booda keessammoo karaa ifa hin taaneen daangaa Itiyoo Ertiraarratti sochiin ummataa mul'ataa jira.

Mootummaan federaalaa dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu. Qeeqxonni garuu gartuu TPLF fi hariiroo Ertiraatu kana fide jechuun himu.

Waan duuba jiru?

Biyyoonni lamaan yoo walitti bu'an sababni maal ta'uu danda'a? Irra keessa dhimmi ulaa galaanaa bal'inaan ka'a.

Pirezidant Isaayyaas dhimmoota ijoo kaasan keessaa tokko dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaan barbaadaa jirtudha.

Gaaffii Itoophiyaa kana Pirezidant Isaayyaas xiyyeeffannoo argachuuf wanta taasifamudha jedhu, dhimmoota ji'opolotikaa waliin akka walqabatuus himu.

Gaaffiii maal na dhibdeedha jedhan kana duuba humnoonni kaan akka jiran ifadha jechuunis himani.

Ertiraan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan gammachuu akka hin qabne ifadha. Itoophiyaan immoo akkaataa Ertiraan ulaa galaanaa argatteerratti gaaffii kaasti.

Duree TPLF Dr Dabratsiyoon, Pirezidant Isaayyaas fi MM Abiy

Madda suuraa, Fitsum Arega

Ibsa waa'ee suuraa, Gartuun TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamu Ertiraa waliin hariiroo qaba jedhu aangawoonni Finfinnee jiran

Dr Nagaraan ''Sababoonni biroo akka daangaa lafaa daangaan biyyoota lamaan daangessu seeraan hin daangeffamne.

''Aangawoonni Itoophiyaa, biyyoonni addunyaallee loltuun Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa akka jiraniifi namoota humnaan butanii eenyummaa isaanii akka jijjiirsisan yeroo baay'ee gabaafamaa tureera.

''Inni lammataa gama seenaan yoo ilaalle biyyoonni lameen walitti dhufeenya yeroorraa yerootti adda adda ciccite waan qabaniif wanti isaan walii qooddatan caalaa garaagarummaan gidduu isaanii jiru babal'aa waan ta'ef sunillee akka sababa tokkootti ka'uu danda'a.

''Ulaan galaanaa sababa tokko ta'uu danda'a. Akkaataa biyyoonni lamaan gargar itti bahan baay'ee falmisiisaa waan ta'ef,'' jechuun dubbatu.

Waraanni Ertiraa bakkeewwan Itoophiyaa daangaarra jiran to'atee akka jiruufi badiiwwan hamoo dalagaa jira jechuun mootummaan Itoophiyaa xalayaa UN'f erguu gabaafamee ture.

Kanaaf deebii kan kennan Pirezidant Isaayyaas ''Kuni soba rakasaadha'' jedhan.

Kuni ''paartiin Badhaadhinaa qophii waraanaa taasisu dhoksuuf soba rakasaa dhiheessedha,'' jechuun himan.

Itoophiyaa waliin eenyu hiriiruu danda'a?

Walitti bu'iinsi yoo eegale biyyoota kaan harkisuu danda'a jedhu xinxaltoonni.

Gaanfa Afrikaatti wal dhabdeen gaafa mudatu biyyoonni naannoo, ollaas ta'e fagoorra jiran biyyoonni gurguddoonillee karaa tokkoonis karaa lamaanis garee gara garaa deeggaran jiraachuu akka malan himan.

''Qaamni lama yoo jalqabeyyuu karaa dudduubaatiin kallattiinis ta'e kallattiin ala qaamotni irratti hirmaatan hedduu ta'a.

''Sunimmoo miidhaa waraanaa sana akka malee akka hammaatu godha,'' jedhu Dr Nagaraan.

Waggoota muraasa darban erga Ministirri Muummee aangootti dhufanii booda hariiroon Itoophiyaa fi UAE haalaan cimeera.

''Biyyoonni akka UAE mootummaa Itoophiyaa deeggaruu danda'u. Ofii Somaalilaanditti buufata doonii waan qabaniif Itoophiyaan gara galaanaatti akka dhuftu,'' akka fedhan himu Dr Nagaraan.

Ertiraan biyyoota kanneen akka Masrii, Sudaan fa'irraa deeggarsa argachuu malti jedhu xinxaltoonni.

''Deeggaruu jechuun loltuu erguu qofa osoo hin taane meeshaa waraanaa gurguruu, dippilomaasiidhaan gargaaruus,'' akka dabalatu himu.

Eenyu maal buufata?

Itoophiyaafi Ertiraa gidduu walitti bu'iinsi yoo dhalate eenyu maal buufachuuf seena? ''Itoophiyaan yoo danda'amef ulaa galaanaa argachuu dandeessi,'' jedhu Dr Nagaraan.

''Ulaan galaanaa sunis waarawaa ta'u dhiisuu danda'a, humnaan fudhachuurraa dubbiidhaan osoo fudhatani.''

Kaayyoon mootummaan Ertiraa ''Itoophiyaa dadhabde, wal hin galle'' uumuudha jechuun himu.

Gama kaaniin, Itoophiyaan federaalizimiin waan bultuuf saboonni baay'ees Ertiraa keessa waan jiraniif isaaniis gaaffii wal fakkaataa kaasu jedhanii warri Ertiraa yaadda'u.

Gaaffii ijoo

Dr Nagaraan durumaa Itoophiyaafi Ertiraan yeroo hariiroo tolfatan jarjarsuutu jira jedhanii kan qeeqan jiru.

Ministirri Muummee Abiy ija jabinaan Ertiraa waliin hariiroo tolfachuun isaanii akka gaaritti ka'us, waliigalteen iftoomina hin qabu kan jedhan jiru.

''Waliigalteen sunimmoo rakkoo mataasaa ni qabaata,'' jechuun waliigalteen Itiyoo Ertiraa kan Gamtaan Afrikaa, IGAD, TPLF fi qaamoleen kaan irratti hin argamne jedhu.

''Waliigaltichi waanuma namoonni lama hiriyyaa wal fakkaatan waldhabanii deebi'anii walitti araaraman fakkaata ture. Innis qooda ofii ni qaba,'' jechuun himan.