Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti ''waraannii hin ka'u jettee yaaduu hin dandeessu''- Ambaasaadar Haayilee

Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)'tti ittaanaa Barreessaa Olaanaa dhimmoota Siyaasaa kan turan Ambaasadar Haayilee Manqooriyoos Itoophiyaa fi Ertiraan gara waraanaatti kan seenan yoo ta'e balaa olaanaa akka qabaatu akeekkachiisan.
Ambaasaadar Haayileen af-gaaffii BBC Tigriffaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, ''waraannii hin dhufu jettee yaaduu hin dandeessu.''
Dippolmaatichi itti dabaluun, ''waraana akkamii akka ta'uu malu garuu tilmaamuun hin danda'amu. Lamaanuu amala dubbii barbaachaa qabu, fedhii ummataa caalaa ofiisaanii dursuu fi aangoo cimsuufi to'achuuf dursa kennu'' jechuun dureewan biyyoota lamaanii qeeqan.
Dhaabbata UN keessatti, walitti bu'iinsawwan addunyaa guutuutti mula'tan fuuruu keessatti sochiiwwan dippilomaasii dursaa kan turan Ambaasaadar Haayileen, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ulaa galaanaa argachuudhaaf humnatti kan fayyadaman yoo ta'e, ''sarbama seera addunyaa ta'a'' jedhan.
''Yoo ulaa galaanaatiif jechan Ertiraa kan weeraru ta'e, Ertiraan Yukireen Afriikaa taati jechuudha. Kun ammoo walitti bu'iinsa Ertiraafi Itoophiyaa qofa osoo hin taane, walitti bu'insicha kan qaxanichaa taasisa'' jedhan.
Hogganaa olaanaa Adda Bilisummaa Ummata Ertiraa (Shaabiyaa) kan turan Haayileen, qondaaltota mootummaa garee 15 jedhamuun beekamaniifi pirezidaantii Isaayyaas Afewerqii heera mootummaa hojiirra oolchuu fi itti gaafatamummaa akka mirkaneessu mormanii ture keessaas tokko turan.
Itoophiyaafi Ertiraa yoo gara waraanaatti seenan biyyoonni biraa jidduu galuu akka danda'a kan dubbatan Ambaasaadar Haayileen, ''Sa'ud Arabiyaa funyaan keenya jala jirti. Masriinis achumadha..., Waan hundumaafuu Ertiraan 'weerarameera deeggarsan barbaada' yoo jette, weeraricha dhaabsisuuf biyya kamirraayyu deeggarsa gaafachuuf mirga qabdi'' jedhan.
Ambaasadarichi itti dabaluun, Itoophiyaan yoo abbummaa Galaanaa Diimaa kan argattuu ta'e, jijjirama madaallii humna qaxanaa Galaana Diimaatiin dhufu Sa'ud Arabiyaan sirriitti beektii jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Kun ammoo biyyattiifi dantaashee kan miidhu ta'a. Kanaaf, fedhii Ertiraa deegaruu hin qabaattu jechuun hin danda'amu'' jedhan dippilomaatichi.
Ambaasaadar Haayileen biyya xiqqoo akka Ertiraa jirtu, waan ummata xiqqaa fi dandeettii murtaa'aa qabduuf wantoonni hundi karaa nagaatiin akka furamaniif dhiibbaa taasiisuu qabdi turte jedhan.
''Ani akkan yaadutti lamaanuu waa'ee 'jiraachuu' mataasaanii dhiibaa jiru. Rakkoo hin hordofsiisuu jettee ofiikeetii murtee kennuun hin barbaachisu. Haata'u malee, dhumnisaa garam akka geessuu yoo yaadamu, lamaaniifuu karaa galma isaan geessisu miti,'' jedhan.
Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti wal dhabdeen kan mudate erga waraannii Tigraay waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuudhaaf waliigalteen Piritooriyaatti mallattaa'een booda yoo ta'u, Ministirri Mummee Abiy ulaa galaanaa argachuun itoophiyaadhaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti erga jedhaniin booda ammoo dubbiin caalaa cimee dhufe.
''Rakkoon Abiy kan Hayilasillaaseen hin raawwanne, abjuu Itoophiyaa haadha ulaa galaanaan taasisa jedhudha. Hidha Guddicha Abbaayyaa akka dhaala (leegaasii mataasaatti hin ilaalu. Kan Mallas jedhee amana... Ulaa galaanaa argamsiisuu ammoo karaa kamiinuu dhugoomsuu barbaada'' jedhan.
Ambaasaadarichi Ministirri Mummee Abiy erga gaaffii ulaa galaanaa dhiyeessanii booda, yaaddoo Ertiraatti ka'e tarreessaniiru.
''Kana yoo jedhamu Ertiraan harkashee marmarattee hin teenye. Gareewwan adda addaa waliin walitti dhufeenya uumaa jiraachu odeeffannoon qaba. Gama tokkoon Tigraay waliin walitti dhufeenya uumaa jiru,... gama Amaaraatiinis akkasuma Faannoo waliin walitti dhufeenya qabu'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Akka isaan jedhanitti, humnoonni biyya keessaa Ministirri Muummee Abiy itti amanuu danda'an wal qoqqoodanii jiru.
"Isaayyaas karaa TPLF fi Amaaraa gama hundaan Abiy marsuuf yaalaa hin jiru jechuun hin danda'amu."
Ambaasaaddarichi wal madaalli humnoota amma jiru qeequun, "haalli kun gama lachuutiin wal balleessuutti akka geessu beekuu qabu'' jedhan.
''Yoo waraanni ka'e diroonii fayyadamna yoo jedhanillee injifannoon salphaafi yeroo gabaabaa keessatti lamaan isaaniif ni dhufa jedhanii amanuun hin danda'amu" jechuun dubbatan dippilomaatiin kun.
Hoggantoonni lamaan yoo walitti bu'an jalqabarratti kan miidhamu ummata biyyoota lamaanii ta'a kan jedhan Ambaasaaddar Haayileen, "leelliftootni mootummaa waraanaaf harka rukutuurra, waraana kana ittisuuf hojjechuutu gaariidha jedhu
''Yoo waraanni ka'e miidhaan isaa nama hundaaf ta'a; diigumsa geessisa; yoo danda'ame ummanni Itoophiyaa fi Eertiraa keessa jiru kallattii tokkon socho'uuf yaaluu qaba malee waraana biraa tumsuu hin qabu" jedhan.
Lolli hunda keenyaaf balaa malee bu'aa miti kan jedhan Ambaasaaddar Haayilee, kun "hayyoota, dhaabotaa fi qaamota biroo" irraa dhufuu qaba jedhu.
Ammas lolatti akka hin seenneef carraaqqiin ummata Ertiraa irraa, ummata Itoophiyaa irraa... taasifamuu qaba jedhan.
''Eenyullee balaa kanarraa ummata baraaruu yoo barbaade yeroon amma; rakkoon dura ta'uu qaba malee erga waraanni ka'ee booda miti" jechuun gorsu.
"Kanaaf yeroon kaanee lola kana hambisuuf qabsaa'uu qabna." Anis kanaafana sagalee koo dhageesssisuun itti gaafatamummaa koo bahaa jira" jedhan.
Ministira Muummee Abiyyi ergaa pirezidantii Isaayaasiif dabarsaniin, "furmaata karaa nagaa, mariif carraa kennaa" jedhan.
"Addatti wayita ergaa Isaayaasiif dabarsan adeemsa waliin qabsaa'uu fi sirna dimokiraatawaa Ertiraa keessatti ijaaruuf karoorfanne gufachiisuu hin qabu," kan jedhuudha.
Osoo amma paarlaamaa qabaannee, Ertiraa keessatti carraan marii utuu jiraatee, marii dhaabbilee hayyamuuf carraan jiraatee silaa kana waliin mari'anna turre; silaa dhimma kana irratti mariiitu barbaachisa turre. Silaa furmaata arganna turre,'' jedhan.
Biyyoonni lamaan waraanatti yoo seenan ''lamaanuu ni balleessa, dandeettii isaanii ni laaffisa, hiree waloo isaanii gara fuula duraa dhiphisa'' jechuun yaada kennan.
Kana ittisuuf warri dantaa ummata biyyoota lamaaniif dhimmaman hundi "karaa kamiinuu waraana kana akka morman gaafadha" jedhaniiru.
Dippilomaatiin kun eenyudha?
Dippilomaatii gameessi Haayilee Maanqoriyoos, walabummaan booda Itoophiyaatti ambaasaaddara Eertiraa ta'uun akkasumas yeroo waraana daangaa biyyoota lamaaniitti ammoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti bakka bu'aa dhaabbataa Eertiraa ta'uun tajaajilaniiru.
Dippilomaatii gameessi yeroo muraasaan alatti yaada yoo kennan hin dhagahamne kunis yeroo jalqabaaf waa'ee haala yeroo ammaa Finfinnee fi Asmaraatti BBC waliin haasa'aniiru.
Dippilomaatichi haala muddama Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti dbalaa jiruu fi ummata biyyoota lamaanii haalaan yaaddeessaa dhufeerratti maal akka yaadan gaafatamanii ture.
Ambaasaadar Haayileen ''buulchiinsi biyyoota lamaanuu garaa garummaafi waldhabdee kamuu karaa waraanaatiin furuudhaaf malee, mariidhaan karaa naga qabeessa ta'een ykn waliigaltee dantaa waloo biyyoota lamaanii jajabeessuu akka hin filanneen hubadha'' jechuun deebiisan.












