Dubbii falmisiisaa Tiraamp, galata al-Siisii fi marii Itoophiyaan taasifte

Erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa akeekuun dubbatanii booda Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ambaasaaddara US Finfinnee jiru waliin mari'ate.
Pirezidantiin US guyyaa Wiixataa wal dhabdeen Hidha Haaromsaa Itoophiyaa fi Masrii gidduu ture hatattamaan akka hiikamaa jiru dubbatanii turan.
Gama kaaniin, Pirezidantiin Masrii Abdal Fattaah al Siisii hidha Abbayyaarratti ''waliigalteen'' akka taasifamu yaada Tiraamp dhiheessan akka deeggaran himaniiru.
Tiraamp booda kana walitti aansuun US hidha kana ''maallaqaan deeggarteetti'' kan jedhaniifi dhimmoota falmisiisaa kaan dubbataa jiru.
Ta'us, dhimmoota kanneenirratti gama mootummaa Itoophiyaarraa ammatti wanti ifatti deebiin kenname hin jiru.
Ta'us, Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa gaafa Kibxataa Itoophiyaatti ambaasaaddara US, Irviin Joose Masiingaa, waliin mari'ataniiru.
Addatti dubbii Tiraamp irratti mari'achuun isaanii ifa miti, BBC'nis hin mirkaneessine. Haa ta'u malee, gabaasaaleen kana akeekan jiru.
Dhimmoota ''hariiroo waloofi dhimmoota waloo naannicha ilaallatan'' irratti ambaasaaddara US waliin mari'achuu Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.
Ambaasaaddar Hadaraan barbaachisummaa marii itti fufaa gochuufi hariiroo waggaa dheeraa biyyoota lamaanii cimsuun akka barbaachisu dubbachuutu gabaafame.
Gama Embasii US Finfinnee jiru dhimma kanarratti wanti jedhame hin jiru.
Dubbii falmisiisaa Tiraamp
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidant Tiraamp Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Waadaa Waraanaa Kaaba Atilaantikii (NATO), Maark Ruute waliin yeroo Waayit Haawusitti mari'atan kana dubbatan.
Pirezidant Tiraamp dubbii isaaniin maqaa Itoophiyaa hin dhoofne.
Ta'us, ''ollaa Masrii'' jechuun waaman. Biyyi ollaa jedhanii waaman kuni ''hiriyyaa kiyya'' jedhan.
''Masriifi ollaashee gaarii taate waliin walqabatee hojjenneerra,'' jedhaniiru.
''Hiriyyaa kiyya garuu hidha bishaan laga Naayil jedhamutti yaa'u cufu ijaaran,'' jedhan.
Hidhi Haromsaa Tiraamp maqaadhaan hin dhoofne kana Masriin hamma bishaan itti yaa'u xiqqeessa jechuun himatti.
Aangawoonni Itoophiyaa immoo faallaatti humna elektirikii qofa maddisiisee akka yaa'uufi hamma bishaan gadi yaa'u akka hin xiqqeessine dubbatu.
Dhihoo Paarlaamaa Itoophiyaatti kan dhihaatan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, hidhi kuni xumuramuufi Fulbaana akka eebbifamu dubbataniiru.
Akkaataa bishaan itti guutamuufi hamma bishaan hidha keessa gadhiifamuurratti waliigalteen seeraa biyyoota sadii hirmaachise jiraachuu qaba jetti Masriin.

Madda suuraa, MFA Ethiopia
Dhihoo erga Ministirri Muummee Abiy hidhi xumuramuu dubbatan booda Masriin ejjennoo wal fakkaataa ibsiteetti.
Bara bulchiinsa isaanii jalqabaa Masriin ''Hidha Haaromsaa rukuchuu dandeessi'' jechuun kan dubbatan Tiraamp, dubbiin isaanii ammaas Masrii waan caalsifate fakkaata.
''Hidhi Haromsaa hamma bishaan gara Naayil deemu kan cufudha'' inni jedhanii dubbatan dogongorsiisaa ta'u himu kanneen dhimmicha hordofan.
Gama Masriin hidhi kuni hamma bishaan yaa'u ''xiqqeessa'' malee ''cufa'' kan jedhu miti.
Tiraamp dabaluunis ''osoo ani Masrii ta'e laga Naayil keessatti bishaan akkan qabaadhu nan barbaada.
''Isarratti hojjechaa jirra. Rakkinichi furmaata argata,'' jedhaniiru.
Tiraamp dubbii isaaniin takkaallee maqaa Itoophiyaa hin dhoofne, Itoophiyaa jechuufis bakka ''Masriirraa xiqqoo bahe'' jechuun ibsan.
''Masriirraa xiqqoo bahee hidha gurguddoo addunyaarra jiran keessaa tokko ijaaran. Dhimma kana beektu. Kuni rakkoo guddaa ta'eera,'' jedhaniiru.
Kuni eenyuf rakkoo akka ta'e marii Barreessaa Olaanaa NATO waliin taasisan irratti ibsa dabalataa hin kennine.
''Hin beeku. Ameerikaan hidhichaaf deeggarsa maallaqaa waan goote natti fakkaata,'' jedhaniiru.
Haa ta'u malee, yeroo dheeraaf hidhi Abbayyaa deeggarsa lammiilee Itoophiyaan ijaaramaa turuutu ibsamaa ture.
Gammachuu al Siisii
Pirezidantiin Masrii Albul Fattaah al – Siisii yaada Pirezidant Tiraamp booda ergaa miidiyaa hawaasummaarratti dhaamaniin yaada Tiraamp akka deeggaran himan.
Anaadoluun akka gabaasetti, Siisiin '' hooggansa Pirezidant Tiraamp jalatti walitti bu'iinsa furuufi waraana xumura itti tolchuun walqabatee Yunaayitid Isteet dubbii laayyootti akka hin ilaalle,'' agarsiisa jedhan.
''Masriin hidha Itoophiyaan walqabatee waliigaltee fedhii qaamolee hunda eegu akka raawwatamu kaka'umsa Pirezidant Tiraamp akka galateeffattu'' ibsuu himan.
Akkasumas, ''Naayil Masrii keessa madda lubbuun jiraachuu [ta'u isaa] beekamtii kennuu[Tiraamp]'' isaaniinis Masriin akka galateeffattu Siisiin himaniiru.
Siisiin dabaluunis, Masriin mul'ata Tiraamp ''biyyoota hunda naannichaafi addunyaa mararra jiranif nagaa, tasgabbii buusuuf taasisan'' Masriin akka deeggartu himan.
Itoophiyaan waggoota 14 dura hidha kana erga ijaaruu eegalte booda dhihoo xumuruu beeksisteetti.
Dhibdee yeroo adda addaatti furuuf jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi US'dhaan taasifamuus waliigalteerra gahuu hin danda'amne.
Waliigalteen maaliif cime?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.

Madda suuraa, Getty Images
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.












