KALLATTIIN, Haleellaan Israa'el namoota 39 galaafate jette Libaanos

Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatteen namoonni soddomii sagal ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise. Waraanni Israa'el deebii kenneera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan doonii Ameerikaa qarqara galaanaa Kataaritti haleele jette

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Oduu Mootummaa Iraan Fars ''maddoota odeeffannoo qaban'' wabeeffachuun, akka gabaasetti dooniin qarqara galaanaa Kataar irratti diroonin haleelamte kan Ameerikaa ta'uun mirkanaa'eera jedhe.

    Dooniin fe'umsaa haleelame kun kan Ameerikaa ta'uufi alaabaa Ameerikaa mirmirsaa akka turte ibseera.

    Haaluma walfakkaatuun Iraan Niwus Neetwork dooniin haleellaan irratti raawwatame alaabaa Ameerikaa akka ofirraa qabduu fi kan mootummaa Ameerikaa akka ta’e maddeen irraa mirkaneeffachuu ibse.

    Kataar dooniin fe’umsaa daldalaa bishaan naannoo ishee keessa jiru haleellaan irratti raawwatamuu fi ibiddi itti qabachuu ibsite

    Mootummaan Ameerikaa dhimma kana irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Gama biraatiin ammoo ajajni hojii humna galaanaa Biriteen sa'aatii muraasa dura akka jedhetti, dooniin magaalaa guddoo Kataar Dohaa irraa gara kaaba bahaatti kiiloo meetira 43 fagaatee jiru ''haleellaan hin beekamnee muudachuun'' ibiddi xiqqaan akka ka'e ibseera.

  2. Iraan Waancaa Addunyaarratti hirmaachuuf wabii gaafatte

    Waancaa Addunyaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Waancaa Addunyaa baranaa Yunaayitid Isteet, Meeksikoofi Kanaadaatu qopheessa.

    Iraan Waancaa Addunyaa ganna baranaa taphatamuurratti hirmaachuu akka barbaaddu dubbatte.

    Haa ta'u malee, Fifa akkasumas biyyoota waancicha qopheessan biraa wabii akka barbaaddu gaafatte.

    Kanneen waancicha qopheessan ''yaaddoo keenya hubachuu qabu'' jedha Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan.

    Gaaffiin Iraan kan dhagahame pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iraan, Mehdi Taaj, baatii darbe kongirasii Fifa irratti hirmaachuuf yaalanis Kanaadaa akka hin seenne taasifamaniiru.

    Boodarra Taaj akka ifa godhanitti taanaan Iraan Waancaa Addunyaarratti hirmaachuuf Fifa'f haalduree 10 tarreessiteetti.

    Haal duree dhihaatan keessaa tokko taphattoonni, leenjistoonniifi kaan garee Iraan waliin imalan visa akka argatanidha.

    Kunneen kan Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan keessatti waraana tajaajilanis dabalata jedha.

    Gareen Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan biyyoota kanneen akka Kanaadaa fi Ameerikaan dhaabbata shororkeessaa jedhamee labsameera.

    Mehdi Taaj Kanaadaa akka hin seenne kan dhowwaman sababa Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan waliin hidhata qabaniif akka ta'e ibsameera.

    Waancaa Addunyaa baranaa Yunaayitid Isteet, Meeksikoofi Kanaadaatu qopheessa.

  3. Pep Arsenaal akka mo'amu West Haam itti qaran

    Leenjisaa Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaardiyoolaan guyyaa har'aa obboleettii isaanii dubbisuuf akka ko'ooman dubbataniiru

    Siitiin kaleessa Bireentifordiin 3fi 0'n mo'achuun qabxii lamaan caalamee Arsenaal hordofaa jira.

    Taphoota liigichaa sadii hafan Arsenaal yoo mo'ate abbaa waancaa ta'a. Siitiin osooma tapha qabu mommo'atellee injifachuuf mo'atamuu Arsenaal eega.

    Arsenaal har'a West Haam morkata. Morkii cimaa ta'a, West Haamiif kufaatii keessaa bahuuf morkata.

    Kaleessa ibsa miidiyaaleef kennan irratti Peep Gaardiyoolaan 'Come on you Irons' jechuun harka qaxxaamursan.

    West Haamiif ergaa dhaamuu isaaniiti.

    Ammoo obboleettiin isaanii isaan dubbisuuf waan dhufteef akka ko'ooman garuu yoo mana jiru ta'e tapha Arsenaal akka daawwatan himaniiru.

    Birmannaan isaanii milkaa'amoo Arsenaal mo'atee waancaatti qaxxisuu itti fufa?

    Tilmaama tapha West Haam fi Arsenaal

    Bukaayoo Saakaa deebiyuu isaa hordofee sarara fuula duraa Arsenaal bifa adda ta'e qabateera.

    Sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiif tapha kana mo'achuun ulfaataa ta'a. Tapha kanarraa West Haamiif qabxii tokko argachuun gadhee hin ta'u.

    Arsenaal waggoota lamaan darban istaadiyoomii Landan irratti injifannoo kan galmeessaa jiru yoo ta'u, tapha kanaanis qabxii gata jedhee hin yaadu.

    Tilmaama፡ 1 - 3

  4. Waraana Iraan: Iraan biyyootni kaan faana US akka hin hordofne dhaamte

    Dubbi himaa waraana Iraan Mohammad Akraminiya

    Madda suuraa, Amount

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbi himaa waraana Iraan Mohammad Akraminiya

    Iraan dooniin biyyoota qoqqobbii Ameerikaa hordofan irraa ta'an ulaa Hormuz qaxxaamuruu irratti rakkoon isaan mudatu akeekkachiifte.

    Dubbi himaan waraana Iraan Mohammad Akraminiya Sambata kaleessaa akka jedhanitti, dooniiwwan biyyoota qoqqobbii Ameerikaan Iraan irra keesse hordofan irraa dhufan, ammaa booda ulaa Hormuz ce’u hin danda'anii jedhan.

    Akka dhaabbati oduu Iraan (IRNA) jedhutti, Mohammad Akraminiyaa “Kaayyoon diinaa tokkollee galma hin geenye,” madaalliin siyaasaa sirna Iraanis "hin jeeqamne," jedhan.

    Qondalli kun ''Ameerikaan uggura keessuu kana gara dhugaatti jijjiiruu gonkumaa hin dandeessuu," jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "Daldallii galaanaa keenya haala gaariin itti fufee jira; dooniiwwan muraasni qoftatu qabamee jira. Haala kanaan sochiiwwaan doonii diinaa to'achuu dandeenyerra.

    ''Dabalataan miseensonni mana maree Iraan bulchiinsa Iraan dooniiwwan “biyyoota diinummaa” Iraan waliin qaban irraa ta'an akka hin darbine Ulaa Hormuz seera qabeessa taasisuuf wixinee hojjechaa akka jiru yaadachiisan.

  5. Puutin waraanni Yukireen waliin itti jiran 'xumuramaa jira' jedhan

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimir Puutin

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutiin deeggarsa biyyoonni Lixaa Yukireeniif taasisan balaaleeffataniiru

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutiin waraanni Yukireen waliin itti jiran xumuraa jirra jedhan.

    ''Akkan yaadutti haalichi xumuramaa jira,'' jechuun waa'ee ''oppireeshinii waraanaa addaa'' waraanni biyya isaanii Yukireenitti adeemsisaa jiru dubbatan.

    Gama kaaniin, deeggarsa biyyoonni Lixaa Yukireeniif taasisan balaaleeffataniiru.

    Raashiyaan agarsiisa waraanaa agarsiiste irratti taankiifi misaa'elli hin mul'anne.

    Kunis, Yukireen addabaabayii diimaa dirooniin haleeluu malti sodaa jedhuuni.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo xumuraarra jaarsummaa US Pirezidant Tiraampiin milkaa'e yaaddoo haleellaan raawwatu malu xiqqeesseera.

    Putiin Pirezidantii Yukireen Volodimir Zeleniskii kan qunnamuu danda'an erga biyyoota lamaan gidduu waliigalteen raawwate qofa akka ta'e dubbataniiru.

  6. Haleellaan Israa'el namoota 39 galaafate jette Libaanos

    Haleellaan kibba Libaanoos Saksakiyeehitti raawwateen kan du'an ala daa'imman sadii dabalatee namoota 15 madeessuu aangawoonni dubbataniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan kibba Libaanoos Saksakiyeehitti raawwateen kan du'an ala daa'imman sadii dabalatee namoota 15 madeessuu aangawoonni dubbataniiru

    Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatteen namoonni soddomii sagal ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el hidhattoota Hezbollaarratti akka xiyyeeffateefi haleellaan raawwate ''lammiilee nagaa miidhuu quba akka qabu'' dubbate.

    Pirezidant Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummoota Israa'el fi Libaanos gidduu torban sadii dura ifa godhanis Israa'el fi Hezbollaan walitti dhukaasuu itti fufaniiru.

    Haleellaan qilleensaa Israa'el gara caalu kibba Libaanos kan rukute yoo ta'u bu'uuraalee misoomaafi namoota Hezbollaatti hidhata qaban irratti akka xiyyeeffate Israa'el himti.

    Hezbollaan milishaa Libaanos keessa jiruufi Iraaniin deeggaramudha.

    Gaafa Sambataa miidiyaan mootummaa Libaanos, Eejansii Biyyaalessaa Naashinaal akka gabaaseti Kibba biyyattii bakkee Saksaakiyeeh jedhamutti dabalatee haleellaan raawwateera.

    Ministirri Fayyaa Libaanos haleellaan raawwate daa'ima dabalatee namoota torba galaafachuufi namoonni 15 miidhamuu hime.

    Akka ragaa Ministeera Fayyaa Libaanoositti, erga Bitootessa 2, 2026 Israa'el haleellaa eegaltee Libaanos keessatti namoonni 2,795 ajjeefamaniiru.

    Aangawoonni Israa'el immoo loltoonni 17 fi lammiin nagaa tokko kibba Libaanositti akkasumas kaaba Israa'elitti lammiileen nagaa lama ajjeefamuu himan.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  8. Paarlaamaan Iraan waraanaa as yeroo jalqabaaf oonlaayinii walgahuufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Galma walgahii paarlaamaa

    Paarlaamaan Iraan waraanaa as yeroo jalqabaaf Dilbata boruu oonlaayinii walgahuufi.

    Ji'oota sadi booda kan taa'amu yaa'iin paarlaamaa kun viidiyoo konfiransiidhaan akka mari'atamu dubbii himaan pirezdantii paarlaamaa Iraan Abbaas Goorzhii ibsan.

    Walgahiin dhumaa paarlaamaa Iraan waraanni eegaluu dursee guyyaa 11 dura taa'ame.

    Walgahiin borii kun guyyoota 82 booda taa'amuuf jira jechuu dha. Walgahiin boruu kun ajandaawwan ijoo "gabaa tasgabbeessuu, yaaddoo uummataa fi qaalayiinsa gabaa" fa'irratti akka xiyyeeffatu ibsi paarlaamaan kun baase ni agarsiisa.

    Manni maree Rippaablika Islaamaa Iraan waraana dura walgahii isaa xumuraarratti wixinee fooyya'iinsa bajata waggaarratti mari'atee ture.

    Paarlaaamaan kun kan walgahii hin taa'iniif ture sababa "rakkoo nageenyaa" akka ta'e ibsame.

    Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, Ameerikaa fi Iraan eegi waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahanii as pirezdantiin Iraanii fi kaabineewwan isaanii darbee darbee qaaman wal arguun walgahii ni gaggeessu

    Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Kaamenii ajjeefamuu hordofee hoggansa bakka isaanii buusuufis sagaleen kan kenname karaa oonlaayinii ture.

  9. Puutin guyyaa injifannootti NATO balaaleffate

    -

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutin Nato balaaleffate

    Pirezdantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin Guyyaa Injifannoo Mooskoo Addababaayii Reed jedhamurratti yaadatamerratti ergaa dabarseen waraana Yukireen irratti bane "waraana haqaa" yoo jedhuun NATO immoo balaaleffate.

    Agarsiisa waraanaa loltoonni kumaatamaan irratti hirmaatanii fi hoggantoonni biyyoota addunyaa muraasni irratti argaman kanarratti haasawa kan godhe Puutin,"lola haqaa lolaa jirra" jedhe. Humnoota Yukireen immoo "humna weerartuu kan "gurmuun NATO hidhachiisee fi deeggarsu" jedheen.

    Guyyaan Injifannoo Raashiyaaf ayyaana biyyaalessaa guddaa ta'uu beekamu kun Injifannoo Gamtaan Soviyeetii duraanii Naazii Jarmanii irratti gonfate sababeeffachuun kabajama. Agarsiisa waraanaa guddaa fi hawwataadhaan kabajamaa ture. Ayyaanni baranaa akka durii hin ho'ine.

    Raashiyaa fi Yukireen ayyaana kana dursee guyyoota sadiif dhukaasa dhaabuuf waliigalan. Kana immoo Pirezdantii Ameerikaa Donaald Tiraampitu beeksise.

    Yeroo jalqabaatiif konnkolaattonni waraanaa sibiila uffatan,misaayeloonni baalistikii agarsiisa waraanaa guyyaa injifannoo kanarratti hin mul'anne. loltoota lafoo hidhatan qofatu mul'ate. eegumsi akka malee cimaa ture.

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  10. Dhaabbilee boba'aa hanga baankotaa- kaampaanota waraana Iraan irraa biliyoonota buufatan

    Doonii boba'aa galaana keessa dhaabbatee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii boba'aa galaana keessa dhaabbatee jirtu

    Uummanni addunyaa mana manaa isaa keessaa sababa waraana Ameerikaa- Israa'elii fi Iraan jireenyi itti qaala'ee rakkinarra bu'eera.

    Kaampaanonni tokko tokko ammoo sababa waraana kanaa biliyoonota buufatan lakkaa'u.

    Hulaan Hormuuz cufamuun qaala'insi jireenyaa akka dabalu taasisuun baajata maatii, mootummaa fi dhaabbilee kaanii rukte.

    Dhaabbileen kaan garuu bu'aa kana dura argatanii hin beekne argatan. Gatii boba'aa dabaluu isaan dhaabbileen bu'aa guddaa argatan hedduudha.

    Yeroo waraanni Baha Gidduugaleessaa hammaataa deeme ji'oota sadan darbanitti isaan kunneen bu'aan isaani sami tuqe.

  11. Wantoota samiirra bololi'anii fi ifa samii: Ragaaleen Peentaagon gadhiise waa'ee UFO maal nutti hime?

    Ifa samii keessatti qorattoonni arganii adda baasuun ulfaate

    Madda suuraa, Waraana Ameerikaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Ifa samii keessatti qorattoonni arganii adda baasuun ulfaate

    Ragaaleen Peentaagon waa'ee UFO gadhiisee waan kana dura dhagahamii hin beekne ibse. Kunis waan namoonni siivilii lafarraa fi astiroonomeroonni jedhanii ibsan qabata.

    Ragaaleen waggootaaf dhokfamanii turan akka maxxanfaman Doonaald Tiraamp ajajan jennaan Jimaata kaleessaa maxxanfaman.

    ''Fedhii guddaan baruuf waan jiruuf'' ragaalee kanneen nan gadhiisa jedhee Tiraamp waggoota darban keessa dubate.

    Ragaaleen kunneen dhuguma UFO jiraachuu mirkaneessanii?

  12. Pirezidantota Tigraay lamaan' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise?

    Dr Dabreysiyoon G/Mikaa'elii fi Jeneraal taaddasaa warradaa wal dhaban
    Ibsa waa'ee suuraa, Dr Dabreysiyoon G/Mikaa'elii fi Jeneraal taaddasaa warradaa

    Naannoo Kaaba Itoophiyaa waraana jalaa hin bayyananne Tigraay keessatti waan guddaatu adeemaa jira.

    Naannoo tokko keessatti 'pirezidantoota lamatu' yookiin 'mootummaa lamatu' yeroo ammaa maqaa itti dhahamaa jira.

    Tokko kan mootummaa federaalaan muudaman - L/J Taaddasaa Warradaafi kaanimmoo kan TPLF muude jedhe - Dr Dabratsiyoon G/ Mikaa'el.