Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?

Pirezidantii Masrii Abdul Fattaah al Siisii fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad
Ibsa waa'ee suuraa, Mormiifi wal dura dhaabbannaan Itoophiyaafi Masrii waggoota hedduu lakkoofsiseera
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaarame waggoota 14 booda ijaartee xumuruu beeksisteetti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Waxabajjii keessa paarlaamaatti dhihaatanii dhimma kana mirkaneessaniiru.

Waggoota 14'n darban marii danuu ija godhachuu dhabe, muddamaafi wal dura dhaabbannaa meeqa booda Itoophiyaan xumuruu beeksiste.

Bara 2020 Pirezidant Tiraamp illee Masriin hidha kana ''rukutuuf'' dhaadatteetti jechuun dubbataniis turan.

Piroojektiin guddichi lammiileen Itoophiyaa kiisii fi sabbata isaanii keessaa gumaatanii ijaaran kuni biyyaaf akka kallachaatti ilaalama.

Faallaan hidhi kuni waggootaaf Itoophiyaafi Masrii atakaaroo keessa galcheera, eega al-Bashiir aangoorraa ka'an boodas Sudaanis Masrii bira dhaabatteetti.

MM Abiy baatii Fulbaana keessa akka eebbifamuufi kanaafis biyyoota lamaaniif waamicha taasisaniiru.

Hidhi yeroo xumuramu akka Afrikaatti pirojektii guddicha bishaanirra hojjetame ta'a jedhame kuni xumuramuun Masriif maal jechuudha? Itoophiyaafoo?

Masriif maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan lammiilee biyyattii 60% dukkana keessa jiru jetteef ibsaa dhiheessuuf hidhi kuni akka barbaachisu himti.

Masriifi Sudaan immoo hamma bishaan nutti yaa'u ni hanqisa jechuun yaaddoo himatu. Itoophiyaan hin yaadda'iinaa jechuun dubbatti.

Ministirri Muummee Abiy Masriifi Sudaaniif ergaa dhaamaniin ''ergaan keenya ifa'' jedhan. ''Hidhi Haaromsaa yaaddoo miti, carraa walooti malee,'' jechuun ibsan.

Waggootaaf dhiibbaa dippilomasiifi kaan taasisuun ishee kan ibsamu Masriif kuni maal jechuudha?

Dr Bizunaa Yimanuu, Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti barsiisu. Dhimma Gaanfa Afrikaas itti dhiheenyaan hordofu.

Masriif ''Hiikaa guddaa qaba'' jedhu. ''Tokkoffaa jalqabarraa kaastee mormaa turte waan ta'ef'' dafee waan xumuramu itti hin fakkaanne ta'a jedhu.

''Biyyoonni adda addaallee laga Abbayyaarratti hojii misoomaa hojjechuu yoo barbaadan akka isaan dhimma kana ariifachiiisan ni taasisa jettee hedduu yaadda'uu dandeessi.''

Gama kaaniin, bifa gaariinis ilaaluu dandeenya yaada jedhu qabu. Masriif hidhi kuni ijaaramee xumuramuun ''bu'aa guddaa ni qabaata'' jedhu.

''Tokkoffaa humna elektirikaa Itoophiyaa irraallee gatii gadi aanaa ta'en argachuu ni dandeessi.''

Lammaffaa laga hidha Abbayyaarratti ijaarame kan qabdu Masriin hamma bishaanii ''to'achuuf'' illee gargaara yaada jedhu qabu.

Lagni Abayyaa laga dheerinaan addunyaarratti tokkoffaa ta'edha jechuun ibsama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lagni Abayyaa laga dheerinaan addunyaarratti tokkoffaa ta'edha jechuun ibsama

Yeroo adda addaatti bishaan Itoophiyaarraa gara Sudaaniifi Masrii qajeelu lolaa uumaa tureera. Kanaaf hidhi jiraachuuf kana hambisuu mala jedhu.

''Bishaan gara isaanitti seenu hanga ta'e to'annaadhaan akka deemu waan gargaaruuf bu'aa guddaa qaba jedheen fudhadha.

Si'achi Masriin mormii itti fuftii?

Masriin bishaan itti fayyadamtuuf gara caalu bishaan Abbayyaa kanatti dhimma baati.

Kanatti ijaarsi Itoophiyaa kana na duraa hambisa jechuun yaaddofti.

Kana dura hammi bishaan bira gahu 2% osoo hir'atee lafa jallisii hektaara 80,000 olirra jiru ni gogsa jechuun dubbattee turte.

Erga Itoophiyaan hidha kana xumuruu beeksiste booda mormiin Masrii itti fufamoo dhaabachuu danda'a?

''Mormiifi wal gaareffannaan Itoophiyaafi Masrii gidduu ture kan amma jalqabe osoo hin taane baruma koloniidhaan durallee'' akka ture eeru Dr Buzunaan.

Bara kolonii dura bara 1874 akkasumas 1875 keessa Masriin laga Abbayyaan walqabatee sodaa hedduu qabdi jechuun dubbatu.

Warri sodaa kana uumemmoo warra koloniin Masrii bulchaa turani. Sodaan yeroos ture hanga ammattillee akka jiru eeruun wanti kuni akka itti fufu dubbatu.

''Itoophiyaan laga Abbayyaarratti humna elektirikaa maddisiisuuf hidha ijaaruun ishee kallattiidhaan miidhaa cimaa irraan geessisa osoo hin taane sodaadhuma jirurraa ka'e mormu.

''Yoomillee inuma mormu jarri. Waggaa dhibbaan dura ni mormu, waggaa soddomaan dura ni mormu. Gaafa dhakaan bu'uuraa ka'amees mormaa turan.

''Har'as inuma mormu. Mormuun isaanii ittuma fufa,'' jechuun ibsu.

Itoophiyaaf mo'icha ta'uu danda'aa?

Xinxaltoonni yeroo adda addaatti BBC'n dubbise dhimmi Hidha Abbayyaa dhimma jiopolotikaa akka ta'es eeru.

Itoophiyaan hidha kana ijaaruun irree jabeeffachuu malti jedhan jiru, isammoo Masriin akka hin barbaanne kaasuun.

Madda ka'umsa Laga Naayil keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha
Ibsa waa'ee suuraa, Madda ka'umsa Laga Naayil keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha

Dr Bizunaan Itoophiyaan ijaartee xumuruun mo'annaa dippilomasiiti jennee kaasuu dandeenya jedhu.

''Dubbiin bu'uuraa kutannoodhaan dhakaa bu'uuraa sana kaa'uu, san boodammoo bara 2015 waliigaltee biyyoota torban Masriifi Sudaan ala jiran waliin mallatteessuun isaanii waan gaariidha.

''Dippilomasiidhaan bifa injifannootiin fudhatama. Erguma Mummichi Ministeeraa [Abiy Ahimad] gara aangootti dhufanillee dhimmi laga Abbayyaa Mana Maree Nageenyaa UN irratti dhihaatee akka ilaalamu Masriin dhiibbaa mataashee gochaa turte.

''Sanarrattis namoonni Itoophiyaa bakka bu'an deebii quubsaa kennaa turan waan ta'ef dhiibbaa dippilomasii Itoophiyaan irra gahaa ture ofirraa qolachaa hidha kana ijaartee xumuruun,'' waan guddaa ta'u eeru.

'' …dippilomasiidhaanis injifannoo guddaadha, akkuma ummata Itoophiyaattimmoo kuni wanta guddaa dhalootaaf darbu waan lafa kaa'ameef, ummatallee waan walitti hidhu waan ta'ef gama siyaasaan mo'annaa cimaadha.

''Gama dippilomasii waan gaariitu hojjetame, karaa misoomaas waan guddaa bu'aa gaarii fidee dhufu waan ta'ef Itoophiyaadhaaf hiree guddaa fida jedheen yaada.''

Waliigalteen maaliif cime?

Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.

Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.

Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.

Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.

Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.

Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.

Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.

Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.

Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.

Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.