Omaan akka Dubaayiifi Saa'udii maaliif gamoo dhedheeraa ijaaruu didde?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa Arabaa keessatti Omaan biyya walabaa waggaa dheeraa lakkoofsiste dha. Biyyi kuni iddoo tarsimawaa fiixee Galoo-galaan Arabaa irratti argamti.
Jaarraa 17ffaa irraa eegalee Sulxaaneetiin Omaan impaayeera Galoo-galaana Parshiyaa fi Garba Hindii irratti impaayeeroota Poorchugaaliifi Biriiteen waliin tahuun dhiibbaa uumuuf dorgomaa ture.
Jaarraa 19ffaa keessatti bittaan Omaan iddoo Istireet oof Hormuuz jedhamurraa hanga Iraan, Paakistaan akkasumas hamma qarqara galaanaa Afrikaa Bahaa Zaanzibaaritti diriira ture.
Bara 1970 abbaasaa aangoorraa kaasuun booda Suulxaan Qaabuus biyyattii keessatti imaammata ammayyaa jalqabe. Daldala garbaa qaama diinagdee ijoo biyyattii ture akka dhaabbatu taasise.
Biyyattiin leecelloo boba'aa iddoo Dhofaar jedhamu keessatti akka qabdu bara 1964 ture kan barame. Bara 1965-75 finciltoonni Dhoofaar fottoquu barbaadan biyya yeroos Sooviyeet jedhamtuun deeggaramanii loltuu mootummaatti ka'uun Omaan yaaddeessaa turan. Haa tahu malee dhumarratti deeggarsa UK, Iraan fi Paakistaaniin haalli ture tasgabbaa'uu danda'eera.
Tahus Omaan mormii siyaasaa irraa bilisa taatee hin beektu. Mormii bara 2011 deemookiraasii akka dhufu biyyoota Arabaatti taasifame hordofee Omaanittis mormiin ture. Sulxaan Qaabuus jalqaba hiriira mormii ture ukkaamsus carraa hojii bal'aa akka uumuufi uummataaf deeggarsa akka kennu waadaa seenee ture.
Haa tahu malee wiirtuu aangoo seera baastuufi raawwachiiftuu harkatti galfatee falmiin kamiyyuu akka itti hin kaane godhe.
Amajji bara 2020 Haayitaam bin Taariiq Al Sayiid durbiinsaa Qaabuus Bin Saayid al Sayiid duunaan aangoo dhaale.
Sulxaan Haayiitaam yeroo aangoo dhaale nama ganna 65 yoo tahu namni kuni Okisfarditti kan barate tahuun gama dippiloomaasiin karaa siyaasaa durbiisaa hordofuu itti fufee, biyya keessatti ammoo haaromsa diinagdee fi hawaasaa fiduu irratti hojjechuu itti cimse.
Mul'ata Omaan bara 2040f qabatteen Suulxaan Haayitam biyyattiin gurgurtaa boba'aarratti galii argattuun qofa akka hin hirkanne tattaafachaa jira.
Imaammatni biyyattii lammiileenshee qofa carraa hojii akka argatan baastee bu'aan argame daangeeffamaa dha. Ammallee biyyattii keessa rakkoon wal-qixxummaa hawaasaa, hiyyummaa fi hojii dhabuun babal'ateedhuma jira.
Gama kaaniin biyyattii biyyoota Arabaa ollaashee jiranirraa kan adda godhu gamoo dheeraa ijaaruu diduusheeti.
Biyyooti Arabaa ollaa gamoowwan daldalaafi tajaajilaa dhedheeraa yeroo ijaaraa jiranittis Omaan ijaarsa asii olii otoo hin taane dalga filattee jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Qarooma ijaarsaa Omaan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lafti Omaan gamoowwan durii tarsiimawaa, masaraafi caasaalee ijaarsaa diina ofirraa ittisuuf dhaabamaniin kan faayamte dha.
Kunis sabooti biyyattii tarsiimoo diina ofirraa ittisuu fi aangoo turfachuuf dahoof jecha gamoowwan ijaarutu himama.
Dahoon Baahlaa jaarraa 12ffaa hanga 15ffaa gidduuti gosa Baanuu Nebhaan jedhamaniin kan ijaarame yoo tahu xuubii dhoqqeen gamoon dahannaaf ijaarame kuni hambaalee biyyattii UNESCO'n jalqabe galmeesse keessaati.
Hambaa kunis gimbii km13 dheeratu kan dhoqqee irraa ijaarameefi lafa jireenyaa marsee akka ture yaadamus dabalata.
Gamoon dahoo yeroo waraanaa Al Jalaalii jedhamu ammoo magaalaa durii Maskaat keessatti argama. Bara 1580 keessa warra Poorchugaaliin kan ijaarame yoo tahu boodarra humnooti Omaanii qabatan, dahoo kanatti bulchiinsi mootolee dhufanii darban kan itti fayyadamaa turan yoo tahu, yeroo ammaa kana godambaa aadaa tahuun tajaajilaa jira.
Omaan ijaarsawwan diina faccisuuf hojjetteen alatti sirni jallisii lafa gammoojji biyyattii keessatti ijaarte waggoota kumaaf qonna deeggaruun jiraattota soraa tureera. Sirni jallisii ammallee hojiirra oolaa jiru Dhaloota Kiristoosiin dura bara 500 keessa akka ijaarame himama.
Sababa seenaa isaaniif sirni jallisii biyyattii shan tarree hambaa seenaa addunyaa UNESCO jalatti ramadamniiru.
Bara ammayyaa keessa gamoowwan Omaan ijaarte aadaa Islaamaa kan hordofani dha. Masjiidni Sulxaan Qaabuus bara 2001 eebbifame fakkeenya ijaarsawwan kanaa tahuu danda'a.
Masjiidni lafa 40,000 tahu irratti ijaarame takkaatti hordoftoota amantichaa 20,000 tahan qabata.
Walumaagala magaalli guddoo biyyattii Maskaat keessatti gamoowwan mul'atan dhiibbaa aadaa Arabaa, Parshiyaa, Poorchugaal, Hindii, Afrikaa akkasumas ammayyummaa warra Lixaatu irraa mul'ata.
Ijaarsi magaalatti karooraan hojjetame miidhagina qarqara galaanaa wajjin akkaan wal-simeera.
Gamoo dheeraa diduu
Omaan biyyooti ollaashee Saa'udii Arabiyaa fi UAE'n yeroo gamoowwan dhedheeraa ijaaraaa jiranitti biyyattiin haala ijaarsaa asii ol gochuurra dalga ijaaruu filatteetti.
Omaan gamoowwan dhedheeraa(skyscraper) jedhaman ijaaruurra gamoowwan ol-ka'insi isaanii gad-aanaa tahe ijaaruuf filachuun eeyummaa biyyaalessaa, hambaa aadaafi teessoo lafa uumamaa eeguuf jecha dhimma imaammata mootummaa keessa jiru dha.
Minisiteerri Manneeniifi Karoora Magaalaa Omaan, ''guddinni magaalaa waarawaa akka jiraatuufi eenyummaa biyyaalessaa akkasumas habmaa aadaa eeguufi,'' jedheera.
Xiinxaltoonni garagaraas Omaan ijaarsa gamoowwan dhedheeroo kan didde guddina magaalaa kunuunsa naannoofi aadaa wajjin wal-simsiisuufi jedhu.
Bara 2020 Omaan gamoowwan dhedheeroo kana ijaaruuf jedhamee odeeffamaa turus mootummaan biyyattii haaleera.
Minsiteerri Manneeniifi Karoora Magaalaa ''karoorri gamoo dheeraa ijaaruu hin jiru, warra jiran irrattis asii ol dabaluun hin yaadamne. Ijaarsi kamiyyuu ulaagaa karoora magaalaa guutuu qaba jechuun ibsa baase.
Karoorri guddina magaalaa Omaan maaliif gamoowwan dheeraa akka hin ijaarree mul'ata guddinaafi eegumsa naannoo bara 2040tti galmaan gahuuf biyyooti addunyaa garaagaraa fudhatan wajjin wal-qabata.
Karoora magaalaa ollaa lafoo keessa deeman qabu, ijaarsisaa akka feetee otoo hin taane tooraan qixaa'ee kan ijaaramee fi dheerina gamoowwanii darbii 8-11 qofa gochuu fa'i akka dabalatu galmeen guddina waarawaa magaalota ni agarsiisa.
Haala kanaan Omaan guddinni magaalaa ishee gamoo dheeraa ijaaruun akka hin mul'atne mirkaneessitee jirti.












