Dhiironni haatii warraa saanii isaan caala galii qabaachuutti maaliif hin gammadan?

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC/ Getty Images
Maallaqni argannu haala fayyaa sammuu keenyaarratti dhiibbaa uuma.
Namoota naannoo keenya jiran waliin yeroo of madaallu fayyaa sammuu keenyaa ni huba - keessattuu fayyaa sammuu warreen dhiiraa ni miidha.
Qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti, dhiironni hiriyaasaanii dubaraa gadi galii argatu yoo ta'e, ofitti amanamummaa fi gammachuusaanii miidha.
Dhiiroonni fi dubartoonni qorannoo gadii fagoo dubartoonni galii fooyyee qabaachuun dhiibbaa hariiroo jalaalarratti uumurratti hirmaatan kana akeekan.
"Haati warraa kee maallaqa hunda caala kan argattu ta'uun xiqqoo akka ati ofitti hin boonne si taaasisa," jedha Deev namni jedhamu, mana oolee hojii mana keessarratti akka xiyyeeffatu kan dubbatu.
Namni biraa Birinden jedhamu ammoo miseensonni maatisaatii ''nama hojii hin qabne' jedhanii maqaa itti moggaasu hima.
Namoonni lamaan asii olitti eeraman kunneen haadholiin warraasaanii maatiisaanii keessaa galii caala fooyyee kan argataniidha.
Qorannoo bal'aa gaggeeffame kana keessatti warreen dhiiraa qeeqni kan isaan mudateef, hawaasa keessatti waggoota dheeraaf maallaqa maatii ittiin bulchan kan argatan warreen dhiiraati jedhamee waan yaadamaa tureefi jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u malee, lakkoofsi dubartoota abbaa warraasaanii caala galii fooyyee argataanii yeroo gara yerootti dabalaa adeemera.
Adeemsa keessa lakkoofsi dubartootaa galii fooyyee argatanii dabalaa adeemuun ammoo namni maallaqa foyyee argatu manattis ta'ee hawaasa bal'aa keessatti dhiibbaa cimaa uumuu akka danda'u mul'isa.
Sababni maatiif dhimma ijoo ta'eef ammoo maallaqni aangoo ykn dhiibbaa uumuu waliin hidhata cimaa waan qabufi.
Dhiironni maatii isaanii keessa galii olaanaa warreen argatan yeroo hin taane, aangoo akka dhabanitti akka yaadan isaan taasisa.
Akkasuma fayyaa sammuu isaanii miidhuun carraa gaa'ilsaanii diiguu dabaluu danda'a.
''Dhiironni yeroo hojii dhaban dubartoota hojiin hin qabne wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu garmalee akka dhiphatan mirkanaa'eera'' jedha.
Sadarkaa idil-addunyaatti dubartoonni dhiirota caalaa kunuunsa daa'immanii fi hojii manaa baay'ee akka hojjatan mirkaa'era.
Gartokkeen isaa dhiirri ykn dubartiin tokkorraa maaltu eegama isa jedhuun walqabata.
Dubartoonni maatiisaanii keessaa galii fooyyee qaban baay'achaa jiraatanis, hojii argachuurratti ilaalchi korniyaan walqabatuu fi gaheen dubartoonni hojii mana keessarratti qaban suuta jijjiirama jira.
Dubartoonni maatii keessaa galii fooyyee kan argatan yoo ta'ellee, ammallee abbaa warraasaanii galii xiqqaa argatu caalaa hojii mana keessaa hojjatu, akkasuma daa'imman kunuunsu.
Dhiiroonni walqixxummaa koorniyaa deeggaran dabalaa jiraataniis, dhiironni haadha warraasaanii gaditti yoo galii xiqqaa argatu ta'e baayyee gammadoo miti.
Qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti, dhiiroonni hiriyaaasaanii dubaraa gadi galii argatu ta'e, ofitti amanamummaa fi gammachuusaanii miidha.
Dhiiroonni haatii warraasaanii galii maatii ittiin bulchaan caala fooyyee argachuu isheetiin dhibbaa irra qaqqabe dubbachuuf fedha hin qaban.
Yeroo murtaa'eef hojii hiriyaasaanii waan deeggaruu malu, yeroo murtaa'e booda garuu ilaalcha duubatti hafaa dhiibbaa warreen dhiiraa uumaniin walqabaturraa kan ka'e ''nama galii fooyyee qabaate maatii bulchuu akka hin taanetti itti dhagahama jedha.
Keessattuu abbootiin warraa sababa hojii hin qabneef mana oolan ykn filannoosaanii malee bakki hojiisaanii geeddarame haalli kun akka mudatu eera.
Haarii Butan namni jedhamu Sidiniim, Awustiraaliyaa keessatti gorsaa ogummaa kennuurratti bobba'ee hojjataa ture. Miidiyaa hawaasaarratti namoota dhiibbaa uumaan keessatti eerama.
Dhiyeenya kessaa garuu hojiisaa dhabe.
Sana booda miidiyaa hawaasaarrratti namoota kumaatamaan lakkaa'amaniif akks jedhee barreesse;
''Akka dhiiraatti, akka abbaa warraatti fi abbaa ijoolleetti"gatiin ani qabutu miidhame '' jedhee maxxanse. Achumaan ittifufen waan isa dhiphisees barreesse.
Buuton sana booda haala jireenyasaa jijjiruuf ejjannoo fooyyee ta'e qabate. Galiin dhiirri tokko argatu haala fayyaasaatii akka hubulle ibse.

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC/ Getty Image
Yunvarsiitii Darbanitti Pirofeesara Gargaaraa kan ta'an Demid Getik, namni qorannoo dhimma kanarratti gaggeeffame dursan akka himanitti, maatii keessaa abbaan warraa galii fooyyee qabaachuu qabaata ilaachi jedhu ammayyuu bali'naan jiraa jedhan.
Gama biraatiin qorannoon gaggeeffame ammoo abbaan warraa dubartii galii kan abbaa warraashee caala fooyyee argattuu carraan kachachala irratti raawwachuusa olaanadha jedha. Kanneen haadholii warraasaaniitiin dorsifamanitu kana raawwata jedha qorataan kun.
Dhiiroonni hojii hin qabne dubartoota hojii hin qabne caala baayinaan akka dhiphatan ibseera.
Dubartoonni hojiin alattis hariiroo hawaasummaa dhiirota caala fooyyee qabu. Abbaan ijoollee mana oolu haadha ijoollee mana ooltu caala qophummaaf saaxilamaa akka ta'e ibse.












