Namni mana hundeessaa Open AI, Saam Altiman haleele yaalii ajjeechaan lamaan himatame

Madda suuraa, Getty Images
Namni Teeksaas mana hogganaa fi hundeessaa OpenAI, Saam Altman, Saan Firaansiiskoo jirutti abidda qabsiisuuf yaale, yaaliiii ajjeechaa lama dabalatee himannaan irratti dhiyaate.
Namni kun Daani'eel Moreenoo jedhama.
Dargaggeessi ganna 20 kun himannaa yakka federaalaa kan qawwee hin galmoofne qabachuu dabalatee himatawan meeshaa dhohu fayyadamuun qabeenya namaarra miidhaa geesisuuf yaaluu irratti dhiyaatu har'a mana murtiitti dhiyaachuun dhagaha.
Ministeerri haqaa Ameerikaa sanadoota farra dandeettii namtolchee (AI) leellisanii fi hoji gaggeessitootaa fi invastaroota AI irratti yakki akka raawwatamu gaafatan qabate akka argame himate.
Shakkamaan yakka yaalii ajjeechaanis himatameera.

Madda suuraa, US Justice Dpeartment
"Waliigaltee dhabuukee ibsachuuf jeequmsi meeshaa tahuu hin danda'u. Siyaasas tahu teeknoloojii dhimma fedhe irratti haala kanaan raawwatamuu hin qabu'' jedhe bakka bu'aa abbaa alangaa waliigalaa Tood Bilaanch.
''Gochaan abeenya mancaasuu fi lubbuu namaayyuu balleessuu danda'an akkasii haala gaariin qoratamu. Murtoo argatu'' jedhe.
OpenAI yaada kenneen ''hawwaasni mirga AI argachuu akka qabaatuuf karaa dimokiraatawaa taheen hojjenna. Kanneen morman waliin wal falmuufis karaa nagaa qophiidha. Kanarraa kan ka'e jeequmsaaf bakka hin qabnu,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalonni bulchiinsa naannos tahe federaalaa yaaliin haleellaa mana isa kam irratti akka yaalame ifa hin goone. Garuu Jimaata darbe dubbii himtuun Open AI BBCtti akka himtetti yaaliin haleellaa kun mana jireenyaa abbaa AI Altimaan irratti gaggeeffame.
Himanni abbaa alangaa federaalaa akka jedhutti shakkamaan kun balbala mana jireenyaa Altimaanitti abidda qabsiisuun miilaan bakkichaa miliqe.
Hojjetaan nageenyaa bakka mana jireenyaa Saam Altimaan, akka jedhetti shakkamaan barcuma fayyadamuun balbala manichaa fuullee irraa ijaarame cabsuuf yaaleera.
Dippaartimantiin Haqaa biyyattii naafxaa boba'u fi meeshaaleen balaa abiddaa uumuu danda'an isarraa argamuu hime.
Mooreenoo gaamaa sanadoota miidhaa AI dhala namaarraan gahe ibsan qabatee argame. ''Yaadota muraasa lafarraa waan nu dhabamsiisuuf deemu irratti'' jedhee waa'ee miidhaa AI ibseera.
Namoota AI hundeessanii fi hogganan ''ajjeesuun barbaachisa jedhee kanan jajjabeessu yoo tahe jalqaba ani ofiikoo fakkeenyummaan dura bu'een agarsiisuu qaba. Kun ammoo ergaan koo dhugaa tahuu isaa mirkaneessa'' jedhe.
Sanada kana irratti maqaa fi teessoo namoota dhaabbata AO hogganan fi invasti godhanii qabateera.
Suuraa Kaameeraa nageenyaaf oolu CCTV irraa argame kan dhiyeesse ministeerri Haqaa US Mooreenoon bakkeewan galmeessee qabate keessaa bakka lamatti argameera.
''Maatiin Saam Altimaan, hojjettoonni isaa fi inni mataan isaa miidhamuu dhabuutti gammachuun qaba'' jedhe Abbaan Alangaa Saan Firaansiiskoo Biruuk Jeenkiinsi.
Wiixata kaleessaa FBI Teksaas keessatti sakatta'insa gaggeesseera.
Torban darbe Altimaan dhaabbata jabaa teeknolooji AI gaggeessuuf nama gahaa tahuu isaa fi amanamummaa isaa irratti qoratamee ture.
Erga balaan mana isaarra gahee Altimaan yaada fiixeetti bahe akaksii dura dhaabbachuu qabna jedhee mana keessatti ammoo naafxaa balaa geesisuu danda'an muraasa qofa qabaachuu akka barbaachisu hime.
Last week, Altman was the subject of a investigative profile in The New Yorker magazine that called into question his trustworthiness and fitness to lead a company developing controversial AI technology.
Open AI bara 2022 hojiirra kan oolche Chat GPT maamiloonni hedduu akka barbaadaa jiranii fi fedhiin AI gabaarratti akka dabale ibse.












![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

