Obaamaan viidiyoo Tiraamp jaldeessa fakkeessee maxxanseef deebii kenne

Baaraak Huseen Obaamaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baaraak Obaamaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pireezdaantiin duraanii US Baaraak Obaamaan viiidiyoo jibba sanyii Pireezdaant Tiraamp dhiyoo kana miidiyaa hawaasaa ofii Tiruuz sooshaalirratti gad lakkiseef deebii kenne.

Baaraak Obaamaan viidiyoo sana ilaaalchisee poodkaastii tokkorratti kallattiinis ta'uu baatu al kallattiin deebii kennaniin "saalfachiisaa" fi "ulfina" hogganaa olaanaan US tokko qabu gadi buusaa jira jedhe.

Viidiyoon jibba sanyummaa kan Tiraamp gad lakkise Obaamaa fi haadhaa warraa isaa jaldeesse fakkeessuun kan tolfame ture.

Viidiyoon Tiraampi deebi'ee ofumaasaa miidiyaa hawaasummaa isaarraa haqe sun Dimookiraatotaa fi Rippaablikaanota biraa qeeqa guddaa kaasee ture.

Waayit haawus jalqaba fakkeessanii siyaasaf nama kakaasuuf jechuun haalus boodarra "dogoggora" hojjetaa bulchiinsa Waayit haawus dalage jechuun viidiyoo san haqe.

Obaamaan qophii Poodkaastii Biriyan Teeler Koohen, irratti viidiyoon sun dubbii ijoo eere.

Maxxansi Tiraampi namoota siyaasaa buleeyyii paartii Tiraampi [Rippaablikaanota] dabalatee dallansuu guddaa uume.

Senaatarri Tiim Iskooti, nama gurraacha Rippaablikaanii yoo ta'an, viidiyoo sana "loogii sanyummaa takkaa asii dura Waayit haawus keessatti argee hin beekne" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viidiyoo jibba sanyii gurraachota jaldeessaan wal fakkeessu kun X gubbaarraa akka bu'u godhamee jira.

Tiraampi ofiisaa viidiyoo kana hin "agarre" jechuun waakkate. Dogoggoras akka hin raawwatin dubbate miidiyaatti.

"Dogoggora hin raawwanne," jedhe Tiraamp wayita rippoortaroonni dhiifama gaafatta moo? jedhaniin.

Gaaffii fi deebiin Obaamaa Sanbata duraa tamsa'e. Qophichi haala " haasaan siyaasaa US" keessatti deemaa jiruu gaafachuun eegala. Obaamaan, "gulantaa gara jabinaa takkaa asiin dura arginee hin beeknetti gadi bu'eera" jechuun deebise.

Itti aansuun, Koohen, yaada Waayit haawus namoonni humnoota immigireeshiniin miidhaan irra gahe "shororkeessitoota biyya keessaa ti jedhuu fi guyyoota dhiyoo Donaald Tiraampi fuula kan kee qaama jaldeessaarratti tolchee gad lakkisuuse".

Obaamaan yoo deebisu: " Irra caalaa uummata Ameerikaa amalli akkasii akka malee akka isaan dallansiisu beekuun barbaachisaa dha"

"Xiyyeeffannaa argachuun isaa dhugaa dha. Kan nama dallansiisu ta'uunsaas dhugaa dha."

Obaamaan Ameerikaa keessa yoon imalu namootni ammallee "naamusa qaban, gad of qabanii fi bayeeyyiin" wal arguun jiraachuu dubbate.

"Miiidiyaa hawaasaa fi Televiszhiniirratti qoosaan likkii darbe" jira" jedhe.

"Dhugaa dha namoonni ulfina, naamusaa fi kabaja aangoo irra jiraniis hin beekne waan kanaaf qaaniin tokkollee itti hin dhagahamu jechuu dhaa?

"Kun kufaatii dha"

Obaamaan maqaa Tiraamp hin dhoofne deebii isaa keessatti.

Qophii kana keessatti dhimmoota hedduu kan kaase Obaamaan, mormii uummataa humnoota immigireeshiniirratti godhame jajeera.