Tiraamp UStti Somaalota 'arguu hin fedhu' jechuun Mineesootaatti oppireeshinii eegaluuf

Miseensota ICE US baqataa yeroo qabaa jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp godaantota Somaalee Ameerikaa keessatti arguu hin barbaadu jedhe. "Gara bakka irraa dhufaniitti deebiyuu qabu, biyyi isaanii waan tokkoofillee faayidaa hin qabu," jechuun dubbate.

"Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu, dhugaa isaa isinitti himuun barbaada," jechuun hadheeffatee dubbate pirezidant Tiraamp walga'ii kaabinee Kibxata turerratti.

"Yoo kosii akka kanaa akka gara biyya keenyaatti seenan gochuu itti fufne, Ameerikaan gara kallattii hin taaneetti deemti," jedhe Tiraamp itti fufuun.

Dubbiin jabaa Tiraamp dubbate kun yeroo aanga'oonni immigireeshinii bakka ummanni Somaalee guddaan jiraatan Mineesotaa keessatti qajeelfama bahe hojiirra oolchuu oppereeshinii gaggeessuuf karoorfachuun isaa gabaafamettidha.

Aanga'oonni isteetii sana keessaa lammilee Ameerikaa biyya Afrikaa Bahaa kana keessaa dhufan karaa hin taanee haree baasuun sirrii miti jechuun karoora kana abaaraniiru.

Miniyaapooliifi St Paawol kan walitti maqaa Magaalaa Lakkuu [Twin Cities] jedhamuun beekaman addunyaarratti bakka ummanni Somaalee eessayyu caalaa guddaan jiraatanidha. Magaalaan Lakkuu Ameerikaa bakka kamiyyu caalaas bakka ummanni Somaalee guddaan jiraatudha.

Tiraamp yaada Kibxata dhuma walga'ii kaabinee televizhiniin sa'aatii tokkoof darberratti kenneen akkas jedhe: "Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu. Dhugaasaa isinitti himuudhaaf, EYYEEN. Namni ta'e, 'Oh, akka siyaasaatti sirrii miti jechuu mala. 'Maaltu na galche, dhima koo miti. Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu."

"Somaaliyaan, biyyi akkasumaan taate, akkuma beektan waan tokko hin qaban, waan tokkoyyu hin qaan. Callisaniidhuma asiifi achi deemanii wal ajjeesuudha. Caasaan hin jiru," jedhe Tiraamp.

Achiin booda gara Bakka-buutuu Ummataa kan taate Ilhaan Omaar, qeequutti ce'e. Ilhaan Omar miseensa warra Dimokiraatiifi Somaalii-Ameerikaa yeroo jalqabaatiif Kongiresii keessatti filatamte yoo taatu, Tiraamp waliin irra deddeebiin yeroo walitti bu'an ni mul'ata.

"Ani yeroo hundan ishee ilaala," kan jedhe Tiraamp Ilaan Omaar "nama hunda jibbiti. Isheen nama dandeettii hin qabnedha jedheen yaada," jechuun itti dabaluu dubbate Tiraamp.

"Akkaataa inni waa'eekootti qabamee jiru miira sodaa qabudha," jechuun miidiyaa hawaasaarratti barreessite Ilhaan Omaar. "Gargaarsa akka malee isa barbaachisu ni argata jedheen abdadha."

Ilhaan Omaar

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejensiin Immigireeshiniifi Gumurukii US hojiirra oolchu (ICE), godaantota Somaalee Magaalaa Lakkuu sanada hin qabne irratti akka xiyyeeffataniif bulchiinsa Tiraampiin ajajamuu namni karoora kana keessa beeku UStti michuu BBC kan ta'e CBS Newstti Kibxata himeera.

Oppereeshiniin kun torban kana yeroo jalqabamutti namoonni dhibbaan lakkaa'aman irratti xiyyeeffatama jedhamee eegama jedhe aanga'aan kun.

Oppereeshinii kana The New York Times ture kan jalqaba gabaase.

Dubbi-himaan Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa kan ICEn to'atamuu, oppereeshinii karoorfame kanarratti yaada kennuu diduun, ummanni kamiyyu sanyummaa isaaniirratti hundaa'uun irratti xiyyeeffatamuu yaada jedhu waakkateera.

"Guyyaa hunda, ICEn guutummaa biyyattii keessatti seerota biyyattii hojiirra oolcha," jedhan gargaartuun Sekireetaarii Tiriishiyaa Maaklaafiliin.

"Namni tokko ICE'tiin akka irratti xiyyeeffatamu kan godhu sanyii isaa ykn sabummaa isaa miti, seeraan ala biyyattii keessa jiraachuudha malee," jette itti dabaluun.

Ibsa kenneen Kantiibaan Miniyaapoolis Jaakob Fireey, oppereeshiniin ICEn gaggeeffamu "adeemsi seeraa cabeera jechuudha" jedhe.

Akka gageessitoota naannootti, namoonni siriin isaanii Somaaliyaarraa ta'an 80,000 achi keessa kan jiraatan yoo ta'u, garri caalaan isaanii lammii Ameerikaati.

Tiraamp loltoonni miseensa Eegduu Biyyaalessaa lama torban darbe Waashingten DC keessatti itti dhukaafamee hordofee godaantota irratti tarkaanfii fudhachuu cimsee itti fufeera.

Miseensota Eegdota Biyyaa lamaan itti dhukaafame keessaa Saaraah Beekistorm, dubartii umuriin ishee waggaa 20 ta'e yoo duutu, miseensi lammaffaa Andiriiwu Wolf umuriin isaa 24 ta'e cimaa madaa'eera.

Shakkamaan to'atamee yakka ajjeechaatiin kan himatame yoo ta'u, namni kun siriin isaa Afgaanistaanirraa kan deemedha.

Torban darbe, Tiraamp sagantaa godantota biyyoota rokkoon keessa jiruuf eegumsa taassu 'Temporary Protected Status' jedhamu Somaalota Mineesotaa jiraatanirraa akka dhaabu miidiyaa hawaasaarratti barreessee ture.

Tarkaanfii kanaan godaantonni dhubbaan lakkaa'aman miidhamuuf jiru.

Sekireetaariin nageenya Biyya keessaa Kiristii No'eem yaada Kibxata kenniteen, ejensiin ishee waliin dhahuu viizaa Mineesotaa keessa jirurratti xiyyeeffata jette

Somaaliyaan addunyaarratti biyya hundaa gadi iyyeettii taate yoo ta'u, godaantonni baayyeen wal waraansa biyyattii keessa baroota 1990oota keessa biyyattii keessatti dheerate hordofee gara UStti godaanan.

Gaggeessitoonni naannoo Mineesotaa keessa jiran karoora bulchiinsa Tiraamp kana balaaleffataniiru.

Senaatariin isteetii Mineesotaa Zayinab Mohaammd X akka jedhe: "ejentoonni ICE asi keessatti Somaalota waliin walitti dhufan, waan nuti waggootaaf jechaa turre jedhu: Hundumti keenyayyu lammilee US".

Filannoo bara 2024 keessa Dimokiraatota bakka bu'uun Kamaalaa hariis waliin pirezidaantummaaf morkachaa kan ture Gavarnariin Mineesotaa Tiim Waalz: "Yakka qorachuufi seeratti dhiyeessuu nii deeggarra. Haata'u malee, qalbii miidiyaa hawwachuun godaantota osoo adda hin baasiin irratti xiyyeeffachuun furmaata sirrii miti," jedhe.

'Maallaqni ummata Mineesotaarraa Al-Shabaabiif ergama'

Mootummaan Ameerikaa maallaqni ummataa bulchiinsa Miniisootaa irraa garee hidhattoota Somaaliyaa kan ta'e Alshabaabiif ergama jechuun himannaa dhiyaate irratti qorannoo eegaluu beeksiiseera.

Ministirri Maallaqa Ameerikaa akka beeksiiseetti, maallaqni ummataa bulchiinsa Miinisootaa irraa ergamu gara garee hidhaataa kanatti darbuusaa qorannoo eegaleera.

Waajjiriichi ibsa barreeffamaa toora X isaa irratti maxxanseen, qorannichi kan eegalamee akkaataadhuma ajaja pirezidanti Tiraamp kennaniin.

Pirezidantiin duraanii Joo Baayidan fi bulchaan isteetichaa Tiim Waalziin ''qaawwa hojimaataa'' uumuudhaan himatamaniiru.

Ministerri Maallaqaa Ameerikaa qorannicha wayita xumuruutti arganoosaa ifa akka taasisuu beeksiiseera.

Tiraamp guyyaa lamaan dura gabaasa miidiyaa Ameerikaa warra aada durii leellisanii 'Jast Za Niiwus' baasee miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodanii ture.

Gabaasichis, Sagantaalee Liibiraal raawwachiisuuf Miinisootaatti saamicha baqattoota Somaalotaatiin raawwatame Paartii Dimokiraatotaatiin fashalaa'eera'' jedha.

Maallaqni saamames gara Keeniyaafi Somaaliyaa akka ergamee fi kunis garee Alqaa'idaa waliin hidhata qabu Alshabaabi akka qaqabe gabaasichi kaaseera.

Gabaasni kun namni aanga'aan maqaansaanii hin eeramne tokko Kongarasii keessaa yaada kennuufii kaaseera.

Bulchiinsi Tiraamp Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan dabalatee lammiilee biyyoya 19 irratti hayyamni jireenyaafi hojii isaanii irratti qorannoon akka gaggeeffamu guyyootaan dura beeksiise ture.

Hogganaan waajira Lammummaafi Tajaajila Immigireshinii, Jooseef Edolowu akka jedhaniitti, Tiraamp ''baqattoonni biyyoota yaaddeessoo ta'an irraa dhufan hundi hayyamni hojiifi hojiisaanii irratti qorannoon akka gaggeeffamuufi cimsamee irra deebiin akka ilaalamuuf'' qajeelfamni kennameera.

Ertiraa, Somaaliyaa, Sudaan, Liibiyaa, DR Koongoo, Afgaanistaan, Yeman, Kuubaa, Heeyitii, Iraan fi Venzuweelaan tarree keessatti hammatamaniiru.

'Itti dhiisuu wayya'

Yeroo baay'ee himannaa Tiraamp waa'ee Somaaliyaa dhiheessan irratti aangawoonni Somaaliyaa, gara caalu, callisuu filatu.

Dubbii Tiraamp tibbanaarratti garuu deebiin dhagahameera.

Mootummaan Somaaliyaa ifatti dhimma kanarratti ibsa kennuudhaas baatu sagantaa magaalaa Moqadiishuu ture tokkoorratti Ministirri Muummee biyyattii Hamzaa Abdi Barree gaafatamani.

''Pirezidantiin Ameerikaa Somaaliyaa qofa hin arrabsinee....waay'ee biyyoota baay'ee waan hamaa dubbatani,'' jechuun Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaa eeran.

''Kanaaf, wantoonni muraasni calliftee itti dhiiftu jiru,'' jechuun himan.

''Itti dhiisurra gurra itti kennuufi waa'ee isaa xinxaluun ni cima,'' jedhan.