Areeroo Boosaroo: Raagni Booranaa maqaan isaa leellifamu nama akkamii ture?

Booranni maqaa isaa lafa hin kaawu. Barri inni jiraatee darbe jedhamu jaarraa tokkoo fi walakkaa caalus Booranni har'as qixxeedhuma nama lubbuun jiruu tokkootti waayee isaa dubbata.
Raagawwan inni himee darbe jedhamu ijoollee hanga manguddoo sammuu keessaa walaleessu.
Areeroo Boosaroo waggaa 150 dura waa'ee tokkummaa Oromoo, waraana, rakkina, xiyyaara, diroonii fi kaan raageera jedhama. Maal jedhee ture? Maaltu raawwate? Maaltu ammoo hafe?
Raagni Areero Boosaroo akkan jedhee ture, akkas jedhee ture, waan inni jedhe keessa kun yeroo akkasii ta'ee ture, kun yeroo akkanaa raawwatamee ture, raagni akkasii immoo fuuldura waan ta'uuf ganaa karaarra jiru jechuun dubbatu.
Raaga isaati jedhamanii bifa walalootiin himaman kanneenis hiika isaa waliin walii dabarsuun Boorana keessatti beekamaa dha.
Areero Boosaroo akka nama jiraatetuma darbee tokkootti qofa osoo hin taane akka nama Raagni isaa lafa hin buunetti, nama Waaqni itti dubbachaa tureetti waayeen isaa himama.
Raagniwwan isaa bifa Walaloon himaa tures ergaa Waaqaa ta'uu dubbatama. Inni waan gara fuulduraatti ta'uu malan, waan aadaa, hariiroo namaa, waraanaa, haala qilleensaa, teknolojii fi waan akka akkaa himee darbe jedhu manguddoonni argaa dhageettii.
Jaarsi argaa dhageettii Borbor Bulee, Areeroon gaaf lubbuun jiru caalaa erga du'ee waayeen isaa sirriitti hubatame jedha.
"Areero Boosaroo Raaga eegi inni du'ee raagummaan isaa mul'atte. Inni Gadaa Boruu Galmaa keessa du'e.
Nama yeroo Atsee Minilik, Habtagiyoogisii fi Raas Daargee dhufanii lafa Booranaa qabatan inni Liiban jira. Nageelle keessa jiraayyu. Nama waraaana sun cufa walaloon hime" jedha Aab Borbor.
'Isaa xiqqaa waa raaguu eegalu maraataa jechaanii turan'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Areero Boosaroo Raaga waggaa 150 dura jiraatee darbe akka ta'e dubbatama.
Gosa Booranaa Sabboo irraa Digaluu Eemmajjii keessaa ta'uu himama.
Akka Jornaaliin Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) bara 2005 raagawwan isaarratti maxxansame akka akeekutti, yeroon dhaloota isaa ifatti beekamuu baatus, jidduu bara 1904 -1912 jechuunis Gadaa Boruu Galmaa keessa akka du'e eera.
Raagni kun Ijoollummaatti waa raaguu akka eegale dubbatu manguddoonni argaa dhageettii.
Liiban Halakee Jaarsa argaa dhageettii ti. Areero isaa xiqqaa waa raaguu eegalu maraataa jechaanii turani jedha.
"Isaan xiqqaa waa dubbachuu jalqabe. Abbaan keessatti dhowwaa ture. Guddatee jennaan gaafa waggaa 17 ta'u fulaa saddeeqaa dhufee manguddoodhaan wal bare. Yeroo raaguu eegalu maraataa jechaanii turan." jedha.
"Gaafa Inni dhalatu Raaga ta'uuyyuu namni hin beekne jedhu. Namaan hin haasawu. Ofiin haasawaa deema.
Yoo dubbatu walaloon dubbata. Maraataa fakkaata. Wanni inni dubbate hedduun erga inni du'ee mul'ate. Achi booda warri qalbifate raaga ta'uu bare." kan jedhu immoo Qorataa fi Barreessaa Seenaa Jaatanii Diidaa ti.
Raagni maali?
Akka argaa dhageettii Booranaatti Raagni nama Waaqni dubbatuuni jedhama.
Aab Liiban Halakee Raagni nama hasaasa Waaqaa dhagahu jedha.
"Raaga jechuun nama dhageettii - Asaasa Rabbii qaba jedhani. Amma akkuma oduu dhageenyutti, Abbaa Gadaa Booranaa yoo inni Baallii fudhate sadi bulee Waaqni dubbataan jedhan.
Garuu Waaqa ta'ee nama Waaqni ergatu haa ta'uu hin beeknu. Immoo wayitu itti dhufa.
Areero Boosaroo wayitu dhufee itti dubbata. Uummata kee gorsi! Uummata kan kee akkana jedhi , akkan jedhi, akkan jedhii, badiin akkana, maaliin akkana, ….jedhee, wanni isaa sun immoo Oromoon qophooftee hin tolchine malee garuu wanni isaa dhara hin taane."
Boorana biratti namoonni akka lamaan raaga ta'u kan jedhummoo Qorataa fi Barreessaa Seenaa Jaatanii Diidaa ti.
"Kan jalqabaa, Kan jalqabaa warra sanyiin isaanii Raagaa - Raagonni keessatti dhalatu.
Kan lammeessoo warra guyyaa keessa Raagi itti dhufu ta'an-Abbaa fi Akaakuun isaa Raaga hin ta'in. Yuubas jedhamu. Fakkeenyaf Areero Boosaroo sanyiin isaanii Raaga hin turre" jechuun ibsa Aab Jaataniin.
Booranatti Areero Boosaroo dura Raagni hedduun akka hima jaarsi Argaa Dhageettii Borbor Bulee.
"….Raaga hedduutu isaan dura jira.…..Raagi kun durii objuun itti dhuftee, waan akkanaa akkanaat jiraa jedhee namatti hima.
Areero nama akkasiiti. Hiyyeessallee ammallee. Waa dhawata (walaloon waa hima). Wanni isaa kuni eegi du'ee tokko tokkoon mumul'atte." jedha Aab Borbor.
Moroo Uchumaa, Turucoo, Amuu Areeroo, Hiboo Abbaa Harree, Waariyoo Udati, Haweeee fi Alii Boddee fa'i Raagota Booranaa Areero Boosaroo dura jiraatanii darban ta'uu ragaan Jornaalii Waldaa Qorannoo Ormoo 2005 maxxansamerratti eerameera.

Namoonni raaga jedhaman sansakkaa akkamii qabu?
Raagni Wayyuu dha.
Jireenyi namoota Raaga ta'anii naamusa olaanaa fi of eeggannoon kan guutame jedhu namoonni argaa dhageettii. Aab Jaataniin oolmaa bultiin Raagdotaa nama kaanirraa adda ta'uu BBC'tti hime.
"Jireenya wayyuu, kan hamaan afaanii hin baane, dharti afaanii hin baane, kan akkuma argan hin utaalle, warri kun warra of eeggannoo akkasii qabu.
Maal jennaan, Bokkaan yoo roobe xilaa qabattee deemte qilleensillee sirraa kaasa.
Akka sunitti gaaddisa akkanaatti ofirratti qabee yaa'a. Warri Wayyuu dha. Warri kun ulfina guddaa akkasii qaba.
Waa beeka. Gara yaa'u beeka. Waan dura jiru beeka. Waan beeku dubbata. Boru maal akka taatu beeka.
Fakkeenya fuuldurri Hongee taanan hongee tana ni beeka. Fuuldurri waraana yoo taanan waraana tana ni beeka. Waan ittiin ofirraa ittisanis ni beeka.
Waan argan hin sooratan, waan argan hin dubbatan. Bakka arganitti hin dubbatan.
Nulleen waayee isaanii akka agarre akka hin dubbanne nu gorsu. Fedhii fi beekumsa ofii itti hin dabalatan.
Qabeenya baay'ee hin qaban. Horii warri qabu muraasa. Of gad qabanii jiraatu. Namni isaaniillee cacallisaa dha. Baay'inni sanyiisaaniis muraasa."
Areeroo Boosaroo maal maal raage?
Areero Boosaroo waan duratti ta'u heddu raaguu isaatu himamaaf.
Raagawwan isaa kuun lafarratti ta'anii kan darban yoo ta'u kanneen fuulduratti ta'uuf jedhan akka jiranis warri argaa dhageettii ni dubbatu.
Areero raaga isaatiin waayee dhufaatii gita bittoota Xaaliyaanii, lola Minilik, taatewwa sirnoota mootii Haylasillaasee, Dargii keessaa fi isa booda waan dhufan, waan aadaa, hariiroo hawaasaa, hongee fi jijjiirama qilleensaa fa'i raagee ture jedhama.
"Waan teknolojii kana cufa ni hime. Xiyyaara jettamoo, konkolaataa jettamoo, markaba jettamoo, waraana jettamoo, akka namni wal jibbu, obboleeyyan wal ajjeeftu kana cufa ni hime" jedha Aab Jaatanii Diidaa Raagawwan nama kanaa yoo yaadatu.
"Fakkeenyaf: 'Markaba bishaan maanyaa (Indiyaan Oshiin kanaan) hime.
Sattayyaa bishaan maanyaa rimeenyi haadha keessaa bahee marra nyaata.
Nama argeef ila, nama gurraan dhagaheef immoo mamii' jedhe. Akkas jechuun, yoo markabni sibiilli guddaan kun bishaanirra deemuu danda'u ammallee anaaf silleen hin baatu.
Sattawwaan bishaan yoo ta'u, rimaa jechuun nama keessaa yaa'u. waan kana warra arge malee kanneen halaalaa dhagahan akka hin dhugeeffanne (hin amanne) raaguu isaati.
Sun qofaa miti Farsoo hin hime. 'Babbadaan Farsoo dhugdi. Badiin buddeen nyaatti' jedhe.
Farsoo fi Buddeena maquma dhayee yaame. Yeroo san wanni farsoo jedhan lafa Booranaa hin jirtu.
Wanni Buddeena jedhan hin jirtu. 'Badii gahee beeke. Walii wallaaluu dide. Warra badii gahe allaattin dooyaa dhufti' jedhe.
Allaattiin beeki waan akka xiyyaaraa, jettii ykn diroonii waraanaa kana ta'uu danda'a.
Allaattiin tan dhuftee nama balleessitu tarii diroonii ykn jettii waraanaa tana ta'uu dandeessi."
Raagawwan Areero kan fuulduratti ni ta'a jennee eegnu keessaa waan Tokkummaa Oromoo kan ilaallatu eeran Aab Borbor:
"Araqeen akka baddu, yoo kun badde gosa Hawaxxuu keessaa Raagi dhalata jedhe.
Guyyaa raagi dhalatu san Booranni akka durii wal barbaadee Shawaa, warri Shawaa kunillee wal barbaadee akka obboleessa garaa haadhaa walii ta'aa jedhe.
Kun ammoo akkanatti hin dhuftu badee, citee, ta'uu dura rakkatee rakkoo ofiirraa ka'ee wal barbaadee Boorana ta'a waan jedhu eegutti jirra."
Areeroo Boosaroo maqaan isaa maaliif raaga hunda caale?
Areeron sababoota ijoo lamaaf Raaga hundaa ol leellifama jedhu warri argaa dhageettii.
Aab Jaataniin yoo ibsu, "Waa lama. Kan duraa, inni raaga garan dhiyaate. Raaga durii hangafoota keessaa inni kan garana dhiyaate waan ta'eef.
Lammaffaa, waan inni durii dubbatetu ammaan tana ta'aa jira. Kan maqaa hin jijjirratin kan inni dubbatetu amma ta'aa jira."jedhe.
Boorana keessa Areero Boosaroo booda raagni dhibii hundi itti waliigalu akka hin jirre Borbor Bulee BBC'tti himeera.
"Isaan booda Raagi ni jijjira ammas garuu raagi itti waliigalan kan akkasaa isa booda hin dhalanne" jedha Borbor.
Areero Boosaroo har'allee raaga Booranaa raagni isaa hawaasa Booranaa hedduudhaan dhugeeffatamudha.
Waayee isaa fi raagawwan isaa kan qoratamee fi barreeffame garuu xiqqaadha jedhan. Qorattoonni akka Dr Gammachuu Magarsaa fa'aas kanumaaf irra deddeebiin maqaa Areeroo Boosaroo kaasu.
Waayee nama kanaa waan argaa dhageettiirraa kan hafe garuu ragaaleen barreeffamaan jiran baay'ee xiqqaadha.












