Baannatoo: Duula nafiladhaa Gadaa Booranaa

Gadaan Booranaa tibbana Abbaa Gadaa waggoota 24 booda aangoo Gadaa qabatuuf duula nafiladhaa gaggeessaa jira.
Baannattoon qabiyyeewaan sirna Gadaa Booranaa keessaa tokko yoo ta'u, innis akkaataa bulchiinsa dimokiraasii ammayyaa waliin yoo ibsamu ammoo 'duula nafiladhaa' akka jechuuti.
Baannattoon jila Gadaa keessatti 'Baannattoo Galataa' jedhamuunis ni waamama. Garuu akka sirna bulchiinsa ammayyaa aangoo itti aanu qabaachuuf osoo hin taane aangoo bara Gadaa lama yookan sadiin duuba nama harka gahuuufidha.
Aab Choochee Boruu hayyuu Gadaa Booranaati. Dhimma kana ilaalchisuun gaaffii fi deebii karaa bilbilaatiin BBC waliin taasisan irratti, Baannattoon galataa kun yeroo jilli dabarsa baallii adeemsifamu sagantaawwna adeemsifaman keessaa tokko jechuun ibsan.
"Namni Baannattoof dhufu loon, uffata fi beessee qabatanii 'baannattoo nuu fuudhaa, Baannatoo galataa dhufne' jedhu. Warri Abbaa Gadaa ammoo 'Mee ebeluu hin eegatinaa galataan dhufee koottaa' jedhanii simatu," jechuun adeemsicha sirna kanaa ibsu.
Ergaan Baannattoo ijoon nama abbaa gadaatiif kaadhimatan gosti isaa 'Hayyuu nuu tolchaa jedhanii Boorana kadhachuudha' jedhu Aab Choocheen.
Gosti jilarratti hayyuu filachiisuuf dhiheeffate kun kaadhimamaan isaan dhiheeffatan akkuma nama waliin baannate waliin ilaalamee fudhatamuufiis, didamuus danda'a jedhan.

Namni Baannattoof bakka jilaa dhufu harka duwwaa hin dhufu. Waan fidee dhufe ammoo abbootii jilaatiif ibsa. "Uffannaa haganaatiin isinii dhufe, barcuma haganaatiin isinii dhufe, loon haganaatin isinii dhufe jedhee baannata," jedhan wayita kennaa qabatanii dhaqamu tarreeaan.
Ammoo kan baannattoo galataa dhiheeffatu gosa malee nama dhuunfaa miti. Gosatu kaadhimaa gosa keenyaa keessaa Abbaan Gadaa nuuf haa filatamu jedhee Baannata.
Gadaan Booranaa dabarsa baallii Gadaa 72ffaaf ji'a kana keessa taasifamuuf ardaa jilaa qubatee sirnoonni adda addaa adeemsifamuurratti argama.
Qaama jila dabarsa baallii Gadaa Booranaa kan ta'e kanarratti hanga ammaa gosti tokko Baannattoo taasiseera jedhan Hayyuun kun.
Gosti Baannattoo yookan duula nafiladhaa jila miilanaa irratti dhiheeffate ammoo Diigaluuudha. Diigaluun gosa Abbaa Gadaa Booranaa duraanii kan Guyyoo Gobbaati.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gadaan Booranaa ji'a kana keessa Baallii Fudhatu 72ffaa, kan itti aanee dhufu 73ffaa fi inni itti aanu 74 dursee baannatamee Gosti abbaa Gadaa keessaa filatamuu fi abbaan Gadaallee qophaa'ee lafa jira.
Kanaaf jecha baannattoon amma taasifamaa jiru aangoo Gadaa Booranaa 75ffaa kan waggoota 24 booda aangoo qabatuufidha jechuudha.
Gosti miilana Baannattoo godhate Diigalu keessaa ilmaan Hayyuu Gadaa Guyyoo Gobbaati. Abbaan isaanii abbaa Gadaa eega ta'anii waggaa 40ffaatti ilmaan isaanii Abbaa Gadaa ta'uuf baannachuutti jiru.
Hanga ammaa Gosti tokko qofti kan Baannate ta'ulleen sirni Baannachuu kun gosti kaanilleen itti fufanii akka baannatan himu hayyuun Gadaa Booranaa Aab Choocheen.
Jila dabarsa baallii Gadaa kanarratti inuma baannatu malee bu'aan dorgommii duula nafiladhaa kanaa amma hin ibsamu. Innilleen sagantaa mataasaa danda'e akka qabu himu.
"Duulli nafiladhaa kun amman boodallee haga ganna sadii itti fufuu danda'a. Ganna sadiin duubatti gumiin yaa'ii taa'eeti abbaa kennituu kenniti. Amma na filadhaa malee wanni dhibii hin jiru. Bu'aan waggaa sadiin duuba barama. Abbaan Gadaa 75ffaan ganna sadii booda beekama," jechuun adeemsa nafiladhaa kanaa ibsu.
Akka Aab Choocheen jedhanitti, Gadaa Booranaa keessatti Abbaa Gadaa namni itti aanee ta'u dursamee beekamuun namni abbaa Gadaa Ta'uuf deemu suni of qopheessaa akka deemu, jila barbaachisu cufa tolfachaa akka deemuuf gargaara.
Itti dabaluudhaanis, "Dursee gaafa beekamu jila qaba jila tolcha. Korma qala, korpheessa qala. Kophaa Godaana. Kuusa jettee ijoolleen raabaa gosatti galti. Raaba jettee gosatti galti. Jila tolchitu jira. Eegi Booranni kenneef jila oofuu ittuma fufa" jechuun adeemsa sirnichaa maala akka fakkaatu ibsan.

Oduufi xiinxala akkanaa argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












