Boorana hongeen miidhame keessatti Sirni Gadaa akkamiin deemaa jira?

Aab Kuraa Jaarsoo-Abbaa Gadaa Booranaa

Kutaalee Oromiyaa sirna Gadaa qabatanii itti bulaa jiran keessaa hangafa Uummatichaa kan ta'e Boorana kan dursu hin jiru.

Bulchiinsa Gadaa keessatti sirnoonni raawwataman hunduu horii/looniin walqabatu.

Wayita hongeen loon obbaastee fixaa jirtu kanatti sirni Gadaa rakkoo keessa seenaa jira jedhan Abbaan Gadaa Booranaa Aab Kuraa Jaarsoo Kuraa.

Booranni lafti gammoojjii heddummaachuurraa kan ka'e durumaa hanqinni roobaa isa mudata kan jedhan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo, garuu kan akka kanaa yaaddoo uume arginee hin beeknu jedhan.

Bulchaan Godina Booranaa Aab Jaarsoo Boruu hongeen akkanaa waggaa 40 keessatti mudatee akka hin beekne BBCtti himaniiru.

Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo haala rakkisaa kana keessatti sirna keenyatti cichinee qabanneerra jedhan.

''Aadaan inuma jirti. Akkuma durii jilataallee jirra. Gadaan sadeenuu akkuma durii galma gadoomaa dhaabaa jilataa jirti,'' jedhan.

''Dooriilleen buttee dhaabdee jilattee turte. Raabillee sirba ittuma jira. Bonni ammaatullee aadaan ammoo fula ofii qabdi, ji’a ofii qabdi. Aadaa jilachuumatti jirra.''

Caaseffama gadaa Booranaa keessa Gadaawwan gosaa lama- Koonnituu fi Hawwaxxuu fi gadaa fiixee tokko- kan hunda dursutu jira.

Gadaan sadeen walumaan baallii fuudhu, walumaan baallii kennu.

Kunneen hunduu ennaa jilatan kormaa fi korbeessa qalan, hongeen horii fixus jilaan deemaa jirra jedhan Aab Kuraan.

''Aadaa sana wanni tolchaniin looni. Dhawaa, dhibaayyuun loon malee hin ta’u. Wanni goorootti, muka jilaatti qalan hundi looni,'' jedhan.

Haata'u malee sirni Raabaa-Doorillee akuma duriitti raawwatamaa jira jedhan.

''Dooriilleen buttee dhaabdee jilattee turte. Raabillee sirba ittuma jira. Bonni ammaatullee aadaan ammoo fula ofii qabdi, ji’a ofii qabdi. Aadaa jilachuumatti jirra.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loon gogeessi baallii harkaa qabu ittiin gadaa gaggeessuu kan kennu Boorana cufa kan jedhan Aab Kuraa Jaarsoo, amma namuu waan kennu dhabeera jedhan.

''Dur gadaan gooroo jirtu horii Boorana irraa fudhatti. Gogeessi shananuu baasee jilaan tolchani. Amma oolaan/bonni waan loon obbaasteef horii kaattoo ati Booranarraa argattu hin jiru.''

Garuu harkaa dhabanillee aadaa hin dhiisan jedhan.

''Dhabanillee hin dhiisan. Namuu waan qabu- raadaa fi jibichaan itti qallee gooroo jilaan deemuutti jirra. Dhawaa-dhibaayyuun akkuma duriiti. Oolaan kun nutti hammaattee horii nu harkaa gonoftus jila harkumaa qabna, jilumaan deemuutti jirra.''

Sirni Gadaa loon malee hin bareedu, loon malee gaggeeffamuu hin danda’u jedhu Aab Kuraa Jaarsoo.

''Yoo loon hin jirre rakkoo keessa gala. Aadaan jilaallee looniin waan hojjetamuuf yaaddoo keessa galeera.''

Hongeen kun haala kanaa itti fufnaan egereen Sirna Gadaa yaaddoo hamaa keessa jira jedhan.

''Oolaan/hongeen kun akkanumaan itti fufuun yoo sanyiin loon Booranaa lafarraa dhumtee akka malee aadaan keenyarratti dhiibbaa uumti.''

''Loon dhabnus, hiddiillee qalanna malee aadaa hin lakkifnu''

Aab Kuraa Jaarsoo Booranni haala isa mudate kana keessaa ba'uuf kutannoo fi gaarummaa cimaa isa gaafata jechuun dhimma kana mammaaksaan ibsan.

''Raada Kooluullee afaantu tolcha,'' jedhan.

Loon lafarraa badullee aadaa kana akka hin lakkifne kutannoo qabanis ibsan.

''Booranni yoo rakkoon akkanaa dhalatu hiddiifaa qalata…hiddii loonii jedhani. Kanaafuu hiddiillee qalanna malee aadaa keenya hin lakkifnu. Garuu caami kun haala kanaan yoo fufe nuuf sodaa guddaadha.''

Gogeessi tokko bara baallii fudhaterraa eegalee gooroo marmaaraa, lafa wayyoomsaa, hawaasa eegaa waggaa saddeet wayita xumuru gooroo mara/gadaasaa obbaasa.

Fulaan itti jilatan hongeen kan miidhame yoo ta’e, loon marraa-bisaan hin argatan yoo ta’e akkamiin gooroo marmaaranii obbaasu, gadaan Booranaa amma haala akkamiirra jira?

Kanarratti Aab Kuraa Jaarsoo akkas jedhan.

''Nuti amma erga baallii fuunee gadoomnee ganna ja’eessoo keessa jirra. Baallii ka itti aanutti dabarsuuf ganna lamatu nu hafa. Ganna lamaan booda gogeessa ilmaan Boruu Guyyootiif baallii dabarsinee kennina.''

Rakkoo harkaa nu qabu kanaaf furmaati harka waaqaa jira kan jedhan Aab Kuraa Jaarsoo, ''Waaqi roobee nu hiikinna. Ammoo waaqaa gaditti Boorannilee of dagachuu hin qabu,'' jedhan.

Aab Kuraa Jaarsoo Boorana rakkoo kana keessaa ba'uuf mala jiruu fi jireenyaa isaa jijjiiruu qaba jedhan.

''Hongeen naanna’ee inuma deddeebi’a. Kanaafuu horsiisee bulaan dursee beekee horii hedduu qabu irraa gurguree qabeenya dhaabbataatti jijjiirrachuuu qaba. Yookaan gurguree qarshii baankii keeyyachuu yookaan manaan ijaarrachuu male.''

Horii yoo horsiises baayyinarra qulqullinarratti xiyyeeffachuu feesisa jedhan.

''Horii kanallee heddumminaan horsiisuurra muraasa qulqullinaan horsiifachuu qaba. Qeenchi heddumminnillee ka ulee lama sadi horsiisanii lafarratti heddummeessanillee lafarratti dhiibbaa fideera. Loon heddummaatanii lafa dheedisaa miuraa qorqanii fixan.''

''Lafti qorqamtee biyyoon dhiqamtee akka marri hin baane ta’ee jira. Kanaaf qeenchi horii kunillee xiqqaatee lafallee akka hin miinetti, ka faayidaa guddaallee kennu irratti xiyeeffachuu malan.''

Mootummaan hawaasa horsiisee bulaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qabus gaafatan.

''Mootummaalleen horsiisee bulaaf xiyyeeffannaa kennuu male. Akka sanyiin loonii kuni hin badnee fi akka horsiisee bulaan dandamatu hojjechuu qaba. Horsiisee bulaan sadarkaa ministeeraatti beekamtii argatee dhimmisaa xiyyeeffannoon ilaalamuu qaba.''