'Ilmi kiyya sababa hanqina nyaataatiin na duraa du'e' - Abbaa Boorana jiraatan

Hongeen Itoophiyaatti hammaate horii bira darbee lubbuu namaa balaarra buusuu jiraattotiifi aangawoonni caasaa mootummaa gadii BBC’tti himan.
Bakkeewwan biyyattii hongeen itti hammaate keessaa tokko kan ta’e Godina Booranaatti, hawaasi qabeenya isaa kan ta’e horii sababa hongeen dhabeera.
Aanaalee Godina Booranaa kudha sadii horsiisa horiin beekamaniifi hongeen hubaman keessaa tokko Aanaa Taltalleedha.
Roobni waqtii isaa eeggatee roobuu dhabuu isaatti kanneen balaarra bu’u isaanii himan keessaa tokko Obbo Guyyoodha.
Aanaa Taltalleetti Ganda Dibbee Gaayyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u ilmi isaanii Qorii Guyyoo jedhamu sababa beelli itti hammaatteef du'uu himan.
"Qorii Guyyoo ilma kiyya. Gara ganna kudhanii jahaa ta'a. Qara dhibamee, horii tokko hin qabnuu manumatti deebi'ee du'e. Hanqinuma nyaataatiin wal qabata, waanan ittiin [mana yaalaa] geessun dhabe."
"Dhibeen irra hin turre, ji'a tokko. [Mana yaalaa geessinee] dhibee guddoo hin qabu nyaatatu miidhe naan jedhan," jechuun ilmi isaanii erga du'ee torbee tokko ta'uu BBC'tti himan.
Obbo Guyyoon abbaa ijoollee saddeetii yoo ta'an haati warraa isaanii sababuma hanqina nyaataatiin amma laaftee akka jirtu himu.
Bifuma wal-fakkaatun Aanaa Taltalleetti bulchaa ganda Dibbee Gaayyaa kan ta'an Obbo Dheengee Waariyoo sababa hongeetin namni dhibee garaa garaaf saaxilamee du'aa akka jiru himu.
"Ganda keenya keessatti ji'a lama keessatti nama torba kan ta'u garaan dhiita'ee du'an. [Jalqaba] miilatu dhiita'a, otuma deemtuu garaan dhiita'ee du'a."
"Sababni isaa namni kun osoo waa hin nyaanne turaa, horiin irraa dhumattee jirti... gargaarsi mootummaan kennu illee muraasa," jechuun hongeen Booranaa lubbuu namaa illee gaaga'aa jiraachuu himu.
Jiraattoti namoonni sababa hongeen du’uu himanis aangawoonni mootummaa garuu rakkoo fayyaa waliin walqabatuun yoo lubbuu dhaban malee hanqina nyaataan kan lubbuu dhabe hanga ammaa hin jiru jechuun mormu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xumura 2021 eegalee Itoophiyaatti horiin miiliyoona 4.5 sababa hongeen lubbuu dhabuu dhaabbati UN dhimma godaantotaa irratti dalagu IOM baatii kana beeksiseera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) hongeen waggoota 40 keessatti hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa hubuu ibseera.
Kanneen sababa hongeen miidhaan horiirra darbee maatii isaanirra gahu dubbatan keessaa tokko jiraataa Aanaa Elowee kan ta'an Obbo Kottolaa Taadhoti.
Harmeen isaanii hanqina nyaataan dhukkubsatanii Hospitaala Yaabelloo akka geessan BBCtti himan.
"Jaartiin guddoo hongee kanaan gadi buute. Hospitaala dhaqqabsiisanii yaalanii dhibee tokkollee keessaa dhabani. Doktorootillee dhibi hin jiru hanqina nyaataati jedhani."
"Dhukkuba hin qabdu jennaan amma mana jirti. Hanqina nyaataati waan nyaattu argattee haa nyaattu nuun jedhan," jechuun akka manatti deebi'an dubbata.
Loon qaban hundi dhumanii jabbiin lama qofti akka manatti hafte kan himan Kottoolan, amma gargaarsuma xiqqaa mootummaafi qaamoleen garaa garaa dhiyeessaniin akka jiran dubbatan.
Turaa Roobaa Aanaa Taltallee ganda Dibbee Gayyaatti horsiisee bulaa loon 150 ol qabu ture; har'a loon inni dur ittiin boonu sun hundi fixeensa ganamaa ta'aniiru.
“Hongeen guddoo nu miite. Nuyi horsiisee bulaa, warra loonin bulu. Har’a loon tokko hin qabnu."
"Anuuyyuu mataan kiyya nama loon 150 ol qabu [ture], amma loon sun dhabnee jirra,” jechuun harka duwwaatti akka hafan BBCtti himan.
Obbo Turaan loon 150 keessaa loon 146 dhumanii 4 qofti hafteef; isheedhayyuu har’aa bori duutii eegaa akka jiran himan.
“Dur kan nuti beeknu aannani, har’a aannan dhabee hanqina nyaataatiin dhibeen xiqqoon illee nama in ajjeefti nama. Loon bira darbee gar namaa seenee jira,” jedhu.
Aab Turaa Roobaa akka jedhanitti mootummaan gargaarsa akka qamadii fa'aa gochaa jiraatus jaarroliin Booranaa dur aannaniifi waan lallaafaa nyaachuu baran midhaan gargaarsaa dhiyaatu kana nyaatanii dandamachuu dadhabanii illee kan obbaafatan jiraachuu himu.
Jiraattonni Booranaa kun akka jedhanitti deeggarsi mootummaaniifi qaamoleen garaa garaa taasisan rakkoo jabduu ummanni itti jiruun kan wal hin ginne ta'uu irraa kan ka'e lubbuun namootaa yaaddoo keessa galuu akka eegale dubbatu.
Aab Turaa Roobaa akka jedhanitti manguddoon ganna 80 tokko sababuma hanqina nyaataan dhibeef saaxilamanii akka du'an akka beekan himu.
Abdruhaman Qaasim jiraataa Aanaa Taltallee, Ganda Iilee yoo ta’an horiin jalaa dhumtee uummanni gargaarsaf harka namaa ilaalaa akka jiru BBCtti himan.
Godina Booranaa aanaa Taltalleetti Itti Gaafatamaa Buusaa Gonofaa kan ta'an Obbo Galma Moluu aanaa isaanitti abbaa warraa 18,000 ta'an jalaa loon 55,000 ta'an du'uu BBCtti himan.
"Amm horiin du'uu mitii namniyyuu sadarkaa du'aatti seenee jira," jedhan. Haa ta'u garuu namoonni du'an kun kanneen dur dhibee garaa garaa qaban fa'aa waan ta'eef beelan du'an jechuu akka hin dandeenye dubbatu Obbo Galmaan.
Gama biraan ammoo Hogganaan Buusaa Gonofaa Godina Booranaa Obbo Liiban Saaraa, Booranni hongeen rakkoo hamaa keessa galuu himanii namni sababa kanaan du'e akka hin jirre BBCtti himan.
'Ummati 800,000 ol deeggarsa barbaadu'
Godina Booranaatti roobni yeroo dheeraf hin roobin hafuu irraa kan ka'e margaaf bishaan dhaba irraa loowwan kumaatama danuun dhumanii horsiisee bulaan harka duwwaatti hafeera.
Horsiisee bulaa qofa osoo hin taane, aanaaleen godiinichaa qonnaaf mijatoo ta'an illee omishuu hin dandeenye.
Ammatti godinichatti namoonni 800,000 oli gargaarsaf harka namaa ilaalaa akka jiran bulchaan godinichaa dhihoo BBC'tti himaniiru.
"Mootummaafi qaamolee miti mootummaa waliin taanee assesimentii [qorannoo] gaggeessineen namni 867,140 nyaata hatattamaa barbaada."
"Uummati Booranaa guutun wal-fakkaata. Aanaa kanatu irra gooma, kanatu fooyyee qaba kan jennu hin jiru," jechuun ragaan kun ammallee dabalaa akka deemu ibsu Obbo Liiban.
Ummata 800,000 ol deeggarsa nyaataa hatattamaa barbaadan keessaa 600,000 kan ta'an idileedhaan gargaaramaa akka jiraniifi namni 200,000 ammallee gargaarsi akka hin qaqqabin himu.
"Gargaarsi dhiyaataa jiruufi rakkoon jiru wal hin gittu," kan jedhan Obbo Liiban dhaabbileen miti mootummaa, namni dhuunfaafi qaamni dhimmi ilaallatu hundi hawaasa Booranaa bira akka dhaabatuuf waamicha dhiyeessan.












