'Booranatti sababa hongeen ummanni kuma 800 ol deeggarsa barbaada'- Bulchaa Godinaa

Madda suuraa, Getty Images
Godina Booranaatti rakkoon hongee erga dhalatee bubbuleera. Horii hedduu galaafatee, lubbuu dhala namaallee gaaga'eera.
Rakkoo uummaticha muddee qabeef qaamoleen garaagaraa birmatanis, ammallee uummatichi achuma.
Bulchaan Godina Booranaa Aab Jaarsoo Boruu hongeen walqabatee uummata Booranaa rakkoo jajjabduutu harkaa qaba jedhan.
''Roobi silaa roobuu qabu walfaana yeroo shaniif-ganna lamaa fi hagayya saiif, walitti fufee caame. Hawaasi hongeen dararamaa jira. Uummati beellada hedduu dhabee hira, oomisha qonnaa waan argate hin qabu,'' jechuun rakkoon kun ammaan tana guddoo hammaatee jiraachuu eeran.
Hongeen waggoota lamaan, sadan darban uummata Booranaatti deddeebi'aa jiru seenaa keessatti isa hammaataadha.
Uummata oomisha loonii fi horii aananii fi foonii kaaniin bulu guddoo miidhe.
Uummata sirna Gadaa qabatee horiisaan of sooraa godaanu gufachiisuun jiruu fi jireenyasaa akkaan nama mararu geeddaraa jira.
Boorana, hongeen hambaa obbaasuu dura...
Lafti Kibba Oromiyaa, iddoon duudhaa fi seenaa jalqabaa jedhamuun dhugeeffatamu- fulaa angafa Oromoo kan ta'e maqaan 'Booranaa' wayita ka'u, namuu miira ittiin yaadatu qaba.
Isin jalqaba wayita maqaa Booranaa dageessan maaltu sammuu keessanitti dhufa?
Hojjattoota BBC Afaan Oromoo dabalatee namoota waa'ee Booranaa quba qabaniif gaaffii kana dhiheessinee yaadota irraa arganne qixeessineerra.
Baayyeensaanii 'Gadaa' kan jedhu jalqaba gara sammuusaaniitti akka dhufu himan.
Dhugumayyuu uummanni Booranaa uummata hanga yoonaa duudhaa sirna Gadaa qusatee har'aan ga'ee qabatee itti cichee jiruudha.
Gadaan ammoo bulchiinsa dimokiraasii uummanni Oromoo addunyaaf gumaachedha; agarsiiftuu qaroomina uummatichaati.
Gadaan sirna hambaa Oromoo qabeenya addunyaa ta’ee UNESCOtti galmaa’edha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hundeen Gadaa Oromoo ammoo Boorana.
Har'a garuu hambaan kun sababa hongee akkaan qoramaa jira.
Namoonni biroon ammoo maqaan ‘Boorana’ jedhu yeroo ka’u ‘angafa’ kan jedhutu gara sammuu isaanii akka dhufu dubbatan.
Eyyeen, Booranni angafa Oromooti. Namni Boorana dursee hin eebbisu. Angafti ammoo jifuu qaba. Yeroo ammaa garuu hangafi beela'aa jira.
Namoota sagal gaafanne keessaa afur maqaan 'Boorana' jedhu yeroo ka’u loon ''babbareedoofi sanyii filatamoo'' ta’anitu gara sammuutti isaan dhufa.
Kunis sirriidha. dhugaadha. Itoophiyaa keessatti sanyiin loon Booranaa hormaataanis, oomishaanis filatamoodha.
Sanyiin kun garuu yeroo ammaa hongeedhaan lafarraa baduuf yaaddoo keessa akka jiran qondaaltonni godinichaa ni himu.
Har'a dhimmoonni maqaa Booranaan walqabatanii ka'an hunduu bakka sana jiraachuun shakkisiisaadha.
Gadaa, loon, horsiisee bulaa, aannan, foon- hunduu bakka hin jiran.
Amma yaaddoon waa'ee duudhaan baduurra darbeera, uummatichi haala kana keessa kan turu yoo ta'e lubbuun dandamachuun nu yaaddessa jedhan Aab Jaarsoo Boruu.
Waggaa 40 keessatti Booranni akkana rakkatee hin beeku

Madda suuraa, Getty Images
Aab Jaarsoo Boruu rakkoon amma Boorana harkaa qabu yeroo jaarraa walakkaatti siquuf mudatee hin beeku jedhan.
''Akka odeeffannoo jaarsa argaa-dhageettiitti, akkasumas seenaamarraa akka hubannutti erga waggaa afurtamaa fi isaa ol duraatii dhaloota ammaa kana keessatti rakkoon akkasii mudatee hin beeku.''
Bara 2014 keessa rakkoo hongee kanaaf deeggarsa mootummaa fi dhaabbilee miti-mootummaa dabalatee tattaaffiin yeroof uummata baraaruu qaamolee garaagaraan raawwatamaa tureera.
''Garuu ittiin fufiinsa waan hin qabneef uummanni rakkooma keessatti deebi’ee jira,'' jedhan Aab Jaarsoo Boruu.
Aanaaleen Godina Booranaa cuftinuu rakkoo walfakkaataa keessa jiru jedhan.
''Magaalaa keessattiyyuu uummanni beela’aa jira, sababni isaas uummanni baadiyyaa sababa hongeetiin buqqa’ee magaalaatti baqataa waan jiruuf.''
Godinichatti uummanni kuma 800 caalu rakkoo homgeef saaxilamee gargaarsa eeggataa jira jedhu qondaalli kun.
''Kana keessaa kuma 600 (dhibbeentaa 70 ol) kan ta’aniif mootummaan gargaarsa qaqqabsiisaa jira. Deeggarsi mootummaa kunis harkifataa waan ta’eef gargaarsuma kana jala ta’ee yeroo uummanni itti beela’u jira,'' jedhan.
Hammeenyi rakkoo guyyaa guyyaan dabalaa jira kan jedhan Aab Jaarsoon, ''Keessattuu haadholii fi daa’imman akkasumas maanguddoonni akka malee dararamaa jiru,'' jedhan.
Furmaata waaraaf maaltu hojjatamaa jira?
Haalli raaga haala qilleensaa jiru roobni kan hin abdatamne waan agarsiisuuf yaaddootu jira jedhan qondaalli kun.
Haata’u malee mootummaan rakkoo kanaaf furmaata waaraa fiduuf qorannoo gaggeessaa jira jedhu.
''Torban kanarraa eegalee mootummaan deeggarsa midhaan nyaataa eegalee aanaaleef raabsuun eegalameera. Garuu ammas taanaan furmaati rakkoo kanaa birmannaa qaama hundaa fi hojii guddaa barbaada.''
Keessaahuu yoo gannifaa ka hafu ta’e uummanni kun akkanaan dandamachuu hin danda’u. Hongee kanarraa hafuu hin danda’u jechuun guddoo yaadda'uu himan.
Pirojektii bishaan Booranaa waggootaaf ajandaa siyaasaa ture... ammahoo?
Rakkoon uummata Godina Booranaa inni jalqabaas kan xumuraas bishaan kan jedhan qondaalli kun, ''mootummaan rakkoo bishaanii uummata kanaa waaraan furuuf bishaan lafa irraa fi lafa jalaa misoomsuurratti hojjetaa jira,'' jedhan.
Pirojektiiwwan bishaanii gurguddoo- hidha bishaanii xixiqqaa ta’an kan bishaan meetir kuubii miiliyoona tokkoo hanga lamaa qabachuu danda’an 18 ol godina kana keessatti hojjetamaa jiraachuu himan.
''Kunneen boolli isaanii hojjetamanii xumuramanii eebbifamanii jiru, osoo roobni roobee namaa fi horiillee rakkoo jalaa baasa. Pirojektoonni akkasii birrii biiliyoonaan lakkaa’amuun hojjetaman abdii uummata kanaati.''
Kan biraan ammo bishaan lafa jalaati. Pirojektiin kun yeroo dheeraaf ajandaa siyaasaa, madda rakkoo bulchiinsa gaarii ture.
''Pirojektiin kun sirna darbe keessa ajandaa siyaasaa ta’ee baayyee harkifatee ture. Amma bifa addaatiin Baankii Misoomaa Afrikaatiin qabatamee hojiitti galamaa jira,'' jedhu Aab Jaarsoo Boruu.
Kana qofaa osoo hin taane paarkiiwwan indaastirii gurguddaa asitti ijaaruun uummanni godina kanaa qabeenya albuudaa fi beelladaa irraa akka fayyadamuuf hojjetamaa jira jedhan.
''Kun uummanni kun jireenya horsiisee buluurraa gara carraa hojii biraa argatee of jiraachisuutti akka ce’uuf gargaara,'' jedhu.
Pirojektiin bishaan Booranaa ijoo dubbii ta’e kun wagga 14 dura eegalamee hanga ammaatti hojjii hin eegalle.
Uummata Booranaaf bishaan caalaa kan barbaachisu akka hin jirre hubatamee osoo jiruu maaliif pirojektiin kun xumuramee akka hojii eegaluu dadhabe heduduuf gaaffiidha.
Pirojektii Kanaan walqabatee taankarii (kuusaan bishaanii) guddichi bishaan aanaalee hundaaf qoodu ijaaramee xumuramee jiraachuu himu bulchaan godinichaa kun.
''Sararri boolla bishaaniirraa gara iddoowwan kuusaa bishaanii xixiqqaatti geessan pilaastikaan hojjetamanii turan amma babbadaniiru. Kanaafuu sibiilaan bakka buufamuu qabu jechuun Ministeerri Bishaanii birrii biiliyoona tokko ramadee hojjetamaa ture, osoo Baankiin Misoomaa Afrikaa hin fudhatin duratti.''
Baankiin Misoomaa Afrikaa hojiin kun hatattamaan xumuramee uummanni rakkoo muddee isa qabe keessaa akka ba’uuf xiyyeeffannoo kennee jira jedhan.
''Baajati pirojekticha xumuru ramadameera. Hojiitti seenuu qofatu hafa. Haala Kanaan uummanni dandamachuu danda’a.''

Madda suuraa, Kominikeeshinii Godina Booranaa
Jiruu uummata Booranaa- Horsiisee bulaarraa gara biraatti...
Uummanni gosa loon Booranaa bifa bittinnaa’een irraa fayyadamuurraa bifa qindaa’een giddu galli tokko hundaa’ee akka kallattiin gabaa alaatti dhiyeeffatuu danda’uuf haalli mijataara jedhu Aab Jaarsoon.
''Mootummaan kana lafa hektaara bal’aarratti akka hojjetamuuf yayyaba isaa jalqabe ni jira.''
Gama kaaniin loon Booranaaf marga barbaachisu giddu gala biyyaarraa fe’uu qofa osoo hin taanee asumatti facaasuun eegalamee jira jedhan.
''Kunneen sadarkaa karooraatti ta’anis waliigalatti ammallee hojii guddaatu hafa.''
Akka qondaalli kun jedhanitti uummanni Godina Booranaa qabeenya albuudaa kuufamee jiru irraas fayyadamuu akka eegaluuf mootummaan gosoota albuudaa godinichi qabu qorachiisee, ammumaan dargaggoota fayyaduu eegaleera.
Wayita paarkiiwwan indaastirii hojjetamanii xumuraman carraan uummanni naannawa kanaa qabeenya uumamaa, keessattuu qabeenya albuudaa irraa fayyadamu ni bal’ata jedhan.
''Indaastirii kana keessatti warshaaleen seeraamikii, meeshaalee ijaarsaaf kan oolan, kaan hedduun ni eegalamu. Albuuda gosa 56 caalantu godina kana keessa jiru. Kun yoo misoomuu eegalu hawaasuma kanatu fayyadama. Garuu ammatti guddoo deemame jechuu hin danda’u.''
Magaalaa sochiin daldalaa itti heddummaatuu fi ulaa daldalaa ijoo taate Moyaalee kan of keessaa qabu Godinni Booranaa, carraa kanarraa akka fayyadamuuf hojjetaa akka jiran ibsan.
''Waa’een dhimma daangaa aangoo federaalaa ta’us nuti sadarkaa keenyatti waan aangoon seeraa nuuf eeyyamu fayyadamuun uummata keenya gargaaruu eegalleerra,'' jedhu.
''Fakkeenyaaf meeshaalee kanaan dura akka kontirobaandiitti ilaalamuun sodaatamaa turan karaa seera qabeessa ta'een daldalee akka irraa fayyadamuuf, daldala walabaa daangaa gidduu akka jiraatu gooneerra. Uummanni daangaa lamaan irra jiran daldala daangaa irraa fayyadamoo akka ta’an qorannoon gaggeeffamee sadarkaa ministeeraa qaqqabee jira.''
Sadarkaa naannoo keenyaattis daarektoreetiin daangaa fi sochiiwwan naannoo daangaatti raawwataman to’atu hundeeffamuuf jira jedhan.
Gama daangaa Kanaan buufati adda addaa ijaaramaa jira. Kanaaf carraan uummanni oomishaalee jiran walitti daldaluuf qabu bal’aadha.












