Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii saddeet maaliif dubartoota qofan balaliise?

Madda suuraa, Ethiopian Airlines
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa paayileetiifi hojjettoota dubartoota qofaan balalii idil-addunyaafi biyya keessaa saddeet Finfinneedhaa ka'ee gara bakkeewwan saddeetitti imale.
Sagantaan addaa daandiin qilleensaa kuni raawwate Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa sababeeffachuuni jedhameera.
Balaliiwwan saddeet balalistootaafi hojjettoota dubartootaan qofa balali'an kuni gara Naayiroobii, Firaankifart, Kaayiroo, Akiraa, Jibuutii, Wiindihook, Mumbaayi, akkasumas biyya keessaammoo gara Dirree Dhawaadha.
Balaliiwwan kana mara kan oofanis, teknishiyaanonnis, akkasumas keessummeessitoonnis marti isaanii dubartootadha.
''Sagantaan balalii addaa kuni ga'umsaafi qooda dubartoonni indastirii aviyeeshinii keessaa qaban mul'isuuf'' yaadame jedhan Hojii Gaggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balaliin gara Kaayiroo taasise qubachuufi balaliin kuni kaappiteen Amsaala Guwaaluudhaan hoogganamu ibseera.
Kaappiteen Amsaalan dubartii jalqabaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti balalistuu taatedha jedheera dhaabbatichi.
Hojjettoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessaa 40% dubartoota ta'uu, akkasumas hooggansa keessaa 35% akka ta'an sagantaa magaalaa Finfinneetti taasifameerratti dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Booda kana damee teknikaa gara caalu dur dhiironni irratti baay'atan irratti lakkoofsi dubartootaa dabaluus himan.
Yeroo ammaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalistoota dubartoota ta'an 95 akka qabullee dubbatan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daandiiwwan qilleensaa Afrikaa keessatti argaman keessaa maqaa guddaa kan qabudha.
Ammammoo Buufata xiyyaaraa guddaa ta'e naannawa magaalaa Bishooftuu ijaarsisuuf jedha.
Wagga waggaan Bitootessa 08 Guyyaa Dubartoota Addunyaa jedhamee kabajama.
Haa ta'u malee, ammalleee dubartoonni Afrikaa Bahaa fi Kibbaa hojii wal fakkaatu hojjetanii giddu-galeessaan dhiironni dolaara tokko yoo argatan isaan ammoo saantiima 81 argatu.
Garaagarummaa galii argatan kana wal qixxeeffachuuf dubartoonni ji'a tokko keessatti guyyaa lamaafi walakkaa dabalataan hojjechuun isaanirra jira.
Afrikaatti garaagarummaa kaffaltaa dhiiraafi dubartii gidduu jiru biyyarraa biyyatti, akkasumas sektara irraa gara sektaraatti adda addummaa qaba.
Balalistuun 'jalqabaa' Itoophiyaa eenyu?

Madda suuraa, Ethiopian Airlines
Seenaa Itoophiyaa keessatti dubartiin jalqabaa kaappiteena yookiin balaliistuu xiyyaraa taate Kaappiteen Amsaalee Guwaaluudha jedhamee amanama.
Onkololeessa 14 Bara 2010 irratti dubartiin kuni balaliistuu xiyyaara Q-400 jalqabaa ta'uun eegalte.
Amsaaleen, amma Itoophiyaa keessatti dubartii jalqabaa kaappiteena xiyyaara Boeing 767, Boeing 777 fi Boeing 787 taatedha.












