MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?

Madda suuraa, PMO
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo ammaa biyya Awurooppaafi Eshiyaa wal qunnamsiistu, Azarbaajaan daawwachaa jiru.
Biyyi boba'aan badhaate kuni booda kana biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsataa jirti.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Giiftii Duree Aadde Zinnaash Taayyaachaw, akkasumas jila Itoophiyaa biroo waliin Kamisa waaree booda biyyattii dhaqqabuun gabaafameera.
MM Abiy buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Hayidar Aliyav yeroo gahan Ministirri Muummee I/Aanaa Saamir Shaarifov fi Ministira Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Azarbaajaan Yaalchin Raafiyav isaan simatuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
MM Abiy guyyoota hammamiif biyyattii akka turan, dhimma irratti mari'achuuf jedhaniifi eenyu waliin akka wal argan ammatti ifa hin taane ykn hin beekamu.
Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa hariiroon biyyoota lamaanii erga waggoota dhihoo as cimaa dhufuufi kanaafis agarsiistuun hariiroo dippilomasii tokko ta'uu ibse.
Daawwannaa Ministira Muummeefi jila isaaniin taasifamu hariiroo Itoophiyaafi Azarbaajaan akka guddisu ni eegama jedha.
Imalli isaanii maaliif ta'uu mala?
Kaayyoo imala isaanii ammatti kana. sana jechuun nama rakkisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, hariiroo biyyoota lamaanii waggoota muraasa darban ilaaluun waan akeeku qaba.
Daawwannaan isaanii yeroo Itoophiyaafi Ertiraa ykn mootummaa federaalaafi TPLF gidduu lolli ka'uu mala jedhamee sodaatametti taasifame.
Itoophiyaafi Azarbaajaan bara 1992 hariiroo dippilomasii eegaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaa Azarbaajaan ni agarsiisa.
Azarbaajaan Magaalaa Finfinneee keessaa embaasiii qabdi. Embasiin Itoophiyaa Turkii jirummoo hariiroo Itoophiyaafi Azarbaajaan hordofa.
Bara 2017 eeegalee Itoophiyaan Azarbaajaan keessatti qontsilaa banuun hariiroo tolchuu ministeerichi ni ibsa.
Kana dura ministirri dhimma alaa biyyattii Itoophiyaa daawwataniiru, Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Iitoophiyaas garas imalanii turan.
Yeroo adda addaatti Pirezidantii Itoophiyaa dabalatee biyyattii daawwataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad biyyattii kan daawwatan waamicha pirezidantii biyyattin baatii Amajjii keessa taasifameefin akka ta'e gabaasonni ni mul'isu.
Sadaasa 2025 keessa Ergamaan Addaa Pirezidantii Azarbaajaan Elchin Amirbaayov Itoophiyaatti imaluun dhimma invastimantiifi kaan irratti mari'ataniiru.
Biyyattiin daldala, barnoota, albuuda baasuu, oomisha, turizimiifi qonnarratti Itoophiyaa waliin hariirroo ishee cimsuu akka barbaaddu dubbachuun gabaafameera.
Itoophiyaafi Azarbaajaan kana dura dameewwan industirii waraanaa irratti waliin hojjechuufis wal ta'aniiru.

Madda suuraa, FDRE DEFENSE
ALI jalqaba waggaa kanaa jilli Ministira Industirii waraanaa Azarbaajaan Vugaar Mustaafaayiin durfamu gara Itoophiyaa imalee ture.
Yeroos Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa akka beeksisetti, Ministira Ittisaa Itoophiyaa Injinar Ayishaa Mohaammad fi hogganoota olaanoo waliin marri'ataniiru.
Yeroos Itoophiyaan industirii waraanaa ishee cimsuuf xuyyeeffannoo kennitee hojjechaa akka jirtu aangawaan Itoophiyaa ibsaniiru.
''Tekinolojii waraanaa, humna industiriifi dhimmoota kanaan wal qabatan irratti Rippablika Azarbaajaan irraa muuxannoo fudhachuuf'' qophii ta'uullee dubbatan.
Aangawaan Azarbaajaanis biyyi isaanii muuxannoo qooduufi Itoophiyaa ''michuu industirii waraanaa ishee gochuuf fedhii'' akka qabdu ibsaniiru.
Azarbaajaan biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Somaaliyaafi Jibuutiii waliinis hariiroo qabdi.
Haata'u malee, waggaa dura Ertiraan lammiilee ishee 18 fi dooniiwwan ishee sadii jalaa hiitee turte.
Kunis, daangaa bishaanii Ertiraa waan seenaniifi. Ta'us, sochii dippilomasiifi marii yeroo dheeraa fudhate booda Ertiraan gadhiifteetti.
Biyya akkamiiti?
Azarbaajaan biyyoota kanneen akka Raashiyaa, Joorjiyaa, Armeeniyaa, Turkiifi Iraan daangessiti.
Biyya boba'aan akkaan badhaatedha.
Addunyaarratti boba'aan jalqabaa biyyi keessatti qotame Azarbaajaanidha. Kunis, bara 1848 - 1849 dha.
Biyyattiin ''Land of Fire'' jechuunis beekamtu. Sababni isaa boba'aan waan badhaateef ibidda uumamaaf sababa ta'uun barootaaf osoo hin dhaamin turuufidha.
Boba'aan kunimoo biyyattiin akka badhaatu, inumaa 'Paris of the East' jechuunis 'Paaris gama Bahaa' moggaasa jedhu akka argattu sababa ta'eerra.
Miseensi duraanii Gamtaa Sooviyeet kuni guddinaaniis maqaan ishee ka'a.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024 Yaa'ii Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa keessummeessiteetti, muuxannoo ishees Itoophiyaaf akka qooddu kana dura gabaafameera.
Azarbaajaan waggoota 20 darban biyya walabaa qormaata keessa turterraa biyya jabduu naannichaa taateetti.
Galii guddaa boba'aarraa argattuun waraana cimaas ijaarteetti.
Waraana bulchiinsa Nagornoo Karabaahitti yeroo dheeraaf tures waraanni biyyattii salphaatti irra aanuu danda'eera.
Kunis ta'u, hiyyummaafi malaammaltummaan wantoota ishee qoraa jiran keessaati.
Bulchiinsi biyyattii partilee siyaasaa mormituu laaffisuufi hacuucu akkasumas miidiyaalee akkaan to'achuun dhaabbilee mirgaan qeeqama.















