Singaapoor biyya MM Abiy daawwachaa jiran kan akkamiiti?

Daawwannaa Ministira Muummee biyyiifi jila isaanii Siingapoor

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyaa sadiif gara Singaapoor imalaniiru.

MM Abiy biyya biyya Kibba Baha Ezhiyaa taate kana waliin hariiroo gama lamaa qaban cimsuuf akkasumas dameewwan walta'iinsaa haaraas adda baasuuf aanga'oota biyyattii waliin waliigaluu fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbatti qoodaniiru.

Singaapoor biyya magaala tokkorraa ijaaramteedha. Guutummaan guutuutti galaanaan marfamtedhas, ammoo biyya soorettiifi giiddugala maallaaqaa addunyaati jedhamtuudha.

Ministeerri Haajaa Alaa Singaapoor ibsa daawwannaa MM Abiy ilaalchisee baaseen turtii isaanii guyyoota sadii keessatti biyyattiin akkamiin gidduugala geejibaa fi loojistikii naannichaa ta'uu akka dandeesse ni daawwatuu jedha.

Dabaluunis misooma magaalaarratti muuxannoo addaa magaalittiin qabdu ilaalu jedheera. Mala misooma biyyaa, smart nation development, irrattis muuxannoo jiru daawwatuu jedhe.

Waajirri Ministira Muummee turtii isaanii Singaapoor guyyaa jalqabaan gidduugala biqilootaa biyyaalessaa daawwachuu gabaaseera. Sirna biqiltuu moggaasuu gaggeefame irrattis gosti abaaboo Orkaayid tokko Aranda Abiy Ahmed Zinash Tayachew jedhamee moggaafameera.

MM Abiy Singaapooriin yero daawwatan kun yeroo jalqabaafi. Hariiroon biyyoota lameenii garuu erga eegalee waggaa 55 guuteera.

Ministeerichi ibsa baaseen daawwanana isaanii kun hariiroo michummaa kana jabeessuuf gargaara jedheera.

Magaalaa Singaapoor

Madda suuraa, Getty Images

Seenaa Singaapoor?

Biyyi kun odola Kibba Baha Ezhiyaatti argamtudha. Seenaa keessatti biyyi kolonii Ingiliz jala turte kun amma gidduugala maallaqaa addunyaati. Harka humnoota Jappaan jalattis waggoota muraasaaf bulteetti.

Singaapoor addunyaarratti biyyoota uummata hedduu qaban keessaa tokko. Uummata biyyattii keessaa 75% warra Chayinaadha. Kan hafan warra Maalaays(Maleezhiyaa) fi Hindiidha.

Biyyittiin magaaluma tokkorraa ijaaramte, uummatni biyyattii waliigalatti miiliyoona 5.6 ta'a. Gidduugaleessaan dhiirri tokko waggaa 81, dubartooni ammoo 86 lubbuun jiraatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyi kun bara 1299 tti nama Saang Nila Utaama jedhamuun mootummaa Singaapuraa jedhamuun akka ijaaramte seenaan ni hima.

Seenaan ammayyaa biyyattii garuu bara 1824 tti nu geessa. Bara kana odolli kun guutummaan guutuutti harka koloneeffattoota Ingiliz jala galte.

Bara 1890oota keessa ammoo gidduugala indaastirii gommaa taate.

Bara 1939 waraanni Addunyaa lammaffaa dhalachuu booda bara 1942 biyyattiin harka humnoota Jappaan jala galte. Humnootni Ingiliz kuma 85 ta'anis Singaapoor keessaatti harka isaanii humnoota Jappaanitti kennatan. Kunis seenaa Ingiliz keessatti waraana isa guddaa harka kennate ta'ee galmaahe.

Bara 1945 ammoo Jappaan deebitee Ingiliiziif harka laatte, Singaapooris harka Ingilizootaatti deebite.

Ollaashee kan jirtu Maleezhiyaan bara 1957 harka warra Ingiliz jalaa bilisa baate. 1963tti ammoo Singaapoor Federeeshinii Maleezhiyaatti makamte. Bara 1965tti ammoo Federeeshinii Maleezhiyaa jalaa baatee biyya of dandesse taate.

Singaapoor maaliin beekamti?

Magaalaa Singaapoor

Madda suuraa, Getty Images

Qulqullinaa fi magariisummaa magaalaa

Singaapoor ganamumaa biyya aadaa qulqullina eeguu qabduudha. Garuu ammoo aanga'ootni biyyattii ilaalchi kun akka hidda jabeeffatuufi sirna qabaatu godhaniiru.

Kosii daandiirra gatuun, daandii gubbaa tufuun, maastikaa nyaachuun, daandii gubbaa fincaa'uun, waa caccabsuu fa'aa seera biyyattiin nama himachiisu. Namni wantoota kana osoo godhuu argame yoo xiqqaate doolaara singaapoor 300 adabama ykn ni hidhama.

Ogeessi imaammata uummataa biyyattii Doonaald Loow dhimmi qulqullinaa Singaapoor wanta mootummaan dhufaa darbaa jajjabeessudha'' jedha.

Qulqullinni kun kan naannoo qofa osoo hin taane mootummaanis qulqulluu ta'uu qaba yaada jedhu of keessaa qaba. Malaammaltummaafi bulchiinsa badaa balleessuus kaayyeffate.

Guddina diinagdee

Singaapoor tarsiimoo diinagdee hiyyeeyyiin biyyattii deeggarsa mootummaan dhiyeessuun hiyyuummaa keessaa akka bahan gargaaruun beekamti. Lammiileen biyyattii daldala xixiqqaarratti hojjetan deeggarsa mootumaarraa argataniin gara sadarkaa olaanuutti ce'u.

Lammiileen biyyattii harka qalleeyyii ta'an imaammata misooma manaa keessatti hammatamuun mana argatu carraan hojiis ni mijaa'af.

Teeknoolojii

Misoomni biyyattiin gama teeknoolojiin galmeessite kan biyya seenaa walakkaa jaarraa tokkoo qofa qabdu ishee hin fakkeessu. Teeknoolojii oomishuufi madaqsuuf haala mijataa qabdurraa kan ka'e investimeentii damee teeknoolojiif karrishee banaadha.

Magaalittiin kaampaniiwwan teeknoolojii gurguddoo aaddunyaaf dahoo ta'uun kalaqaafi qorannoof gidduugala akka taatu ishee godheera.

Turizimii

Hojiileen biyyi xiqqoon magaaloota addunyaa tokko tokkoon gadi taate kun bara Ministirri Muummee Lee Yeew Kuwaan bara 1967 aangoo qabatan mul'ata ''City in Garden'' ifa godhan.

Singaapor bara 2023tti biyya jalqabaa dhaabbata Global Sustainable Tourism Council jedhamurraa waraqaa ragaa sustainable destination jedhu argatteedha.

Hawwata Tuurizimii qabdu akka ta'uttii beeksisuun galiiin damee kanarraa argattuu biyyoota addunyaarratti damee kanarraa guddoo galfatan keessaa tokko ishee godha.

Akka ragaan Boordii Turizimii biyyattii agarsiisutti bara 2023 keessa daawwattootni biyya alaa Singaapoor ejjetan miiliyoona 13.6 gahaniiru. Galiin tuuristoota kanarraa sassaabames hanga doolaara biiliyoona 26 akka gahus tilaame.