Mana barnootaa ‘abbaa warraafi abbaa gaarii ta’uun’ itti baratamu

Barataa

Itoophiyaatti osoo leenjiin akkaataa nyaata itti bilcheessan irratti dhiirotaaf qophaa'ee meeqa keessantu dhaqee hirmaata?

Ofii hojiin mana keessaa dubartii malee dhiirri hojjachuu hin dandeenye jiraa?

Abbootiin manaa odeessa asii gadii keessatti yaadasaanii BBC'f kennan garuu hojii mana keessaa haadha warraa waliin qooddachuun, walitti dhufeenyi maatii gaariin akka jiraatuuf barbaachisaadha jedhu.

Kana mirkanneessuufis mana barnootaa abbaafi abbaa-warraa garii ta'un itti baratamu seenanii barachuuf murteessan.

Mana barnootaa dhiironni ‘abbaa warraafi abbaa gaarii ta’uu’ itti baratan kun magaalaa guddoo biyya Kolomibiyaa Bogotaatti argama.

Daree barnootaa kanaa keessatti formulaan barsiifamu hin jiru, formulaan keemikaalaas ta’ee himni gabatee gurracha guutee barreeffamuu hin jiru.

Waantii daree mana barnoota kana keessati barsiifamu garuu abbaa warraa fi abbaa gaarii ta’uurratti xiyyeefata.

Barattoonni mana barnootaa kanatti baratan gaheeyyii yoo ta’an, hojii mana keessaa haadholii warraasaanii wajjin qooddachuuf isaan gargaaru baru. Hojiin hundi dubartootaaf hin kennamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sergundoo barataadha. ''Hariiroo miidhagaa qabaachuuf waa hunda qooddachuu qabna,'' jedha.

Sagantaan Bogotaatti barsiifamu kun warreen dhiiraa maatiisaanii kunuunsu akka baran, hojii haadhoolii warraasaanii wajjiin akka qooddatan keeyyiffachuun akka dhiiroonni barataniif kan qophaa'eedha.

Barnoonni kun akkaataa daayipparii (uffata fincaanii) daa'immaniif itti jijjiranille ni dabalata.

Barataan tokko akkas jedhan: ''Kanaan dura daa’ima akkaataan kanaan dhaqina dhiqnee hin beeknuu,’’ jedha.

Dhiiroonni Kolombiyaa kunneen akkatti rifeensa ijoolleesaanii dubaraa itti filaniis ni baratu.

Namni biraa maqaan isaanii Oskaar Saanches jedhamu, barattoota kana keessaa tokko.

''Ijoollee durbaaf eeggannoo taasisu qabda, yoo eeggannoo hin taasineef akka rifeensa isaanii filtuuf siif hin eeyyaman,’’ jedhan.

Ilaalcha abbaa warraa maallaqa qofaadhaan maatii gargaara jedhu geeddaru barbaanne jedha.

Haala kanaan yaaduun seenaa keessatti ba’aa guddoo dubartootarra kaa’eera, nuti warri dhiiraa garuu bu’aa irraa buufanne jedha.

Obbo Ju’aan Deevid Kortez, hogganaa mana barnootaa dhiiroonni akka ‘abbaa warraafi abbaa gaarii ta’an’ barsiisu kanaati.

Namoota kumaataman lakkaa’amanitu mana barumsaa kanatti barate jedhan.

Biyya Kolombiyaa fi magaalaa akka Bogotaatti dhimma walqixxummaa dhabiinsi koorniyaa akka qaanitti ilaalama jedhan Obbo Ju’aan Deevid.

Mana barnoota kanatti kana barataa ture Johaan Loppeez, namoonni koorniyaa isaanii bu’uurefffachuun hojii ta’e jedhanii addatti dhuunfachuu hin qaban, ''waanti akkasi sirriis miti'' jedheen amana.

Ba’a hojii mana keessaa hunda dhiironni warreen dubartootaaf kennu, garu warri dhiiraas hojjachuu qabna jedha.

Johaan dandeettii kunuunsa taasisuu akka beeku hubachuudhaaf adurree isaarratti shaakalaa jira. Johaan ijoollee fi michuu biraa hin qabu.

Ani hariirookoo addurrootan guddise waliinan cimsadha jedhe. ''Anaaf addurroonni koo ijoollee kooti, akkan waa kunuunsu na qajeelchaniirus,’’ jedhe.