Afoolli Oromoo ofitti amanuu fi hirmaannaa dubartootaa xinneessuuf qooda qabaa?

Dubartoota Oromoo uffannaa fi faaya aadaan miidhagan

Madda suuraa, Getty Images

Sirna Gadaa keessatti dubartonni qooda guddaa haa qabataniyyu malee, Afoolli Oromoo garuu irra hedduu ilaalcha olaantummaa dhiirotaa fi gad-aantummaa dubartoota calaqqisiisan of keessaa qaba.

Dubartoonni akka gowwaa, hirkattuu/nama of hin dandeenye, dadhabduu, kan itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne, amallisaanii ibsamuu kan hin dandeenyee fi kanneen salphaadhumatti gowwoomsaaf saaxilaman akka ta'an yoo ibsan mul'ata.

Faallaa kanaa dhiironni ammoo namoota humnaa fi yaadaan cimoo ta’aniifi kan waan yaadan irraa boddeetti hin deebiineetti ibsaman.

Mammaaksii seenaa fi duudhaa sabaa mul'isuu, dhaloota haaraa barsiisuu, bashanansiisuu, qabxii dabarsuu barbaadan cimsuu, dubbii walii galchuu, gabaabsanii mi’eessuunii fi miidhagsuun fixuuf fayyadama.

Haata'u malee, mammaaksoti hedduun miidhaa dubartootarratti qaban ibsan hawaasaa keessatti baramoodha.

Fakkeenya mammaaksota miidhaa qaban dubartoota ilaalchisuun mammaakaman keessaa:

  • Dubartiin dheertuu malee beektuu hin qabdu.
  • Dubartiin beekaa deessi malee beekaa hin qabdu
  • Mootummaan dubartii karra cufaatti oolcha.
  • Mootummaan dubartii karra banaa bulcha
  • Dubartii fi kopheen jijjiiran tolti.
  • Dubartii fi gundoon hin teessu.
  • Toleera, toluuf jira; jaartiin jaarsa dhiitte moluu bira.” Hawaasa keessatti, jaartiin jaarsaa dhiituun waan hin beekamneef, kun safuu cabsuu jechuudha.
  • “Hamma beekumsakoon of ajjeesa jette jaartii wadaroo miillatti hidhattee.” Kun beekumsa isaanii cabsuuf kan mammaakame. (Silaa namni yeroo of ajjeesuuf jedhu wadaroo mormatti dhidhata ture.)
  • Dubartiifi gaangeen miila jalatti wayya,...

Ilaalchi akkasii mammaaksaan himamu kun xiinsammuu dubartootaa kan miidhaniifi hirmaannaa isaan dhimmoota hawaasaarratti qabaatan kan xiqqeessu ta'uu kanneen mirga wal qixxumaatiif falman ni kaasu.

Haalli dubartoonni itti Afoola Oromoo keessatti ibsaman kunis dhiirota barataniiru jedhaman biratti osoo hin hafne ammalleen hawaasa keessa jiraachuu himu dubartoonni.

Dubartoonni maalif akkanaan ibsaman?

Mammaaksa keessatti qofa osoo hin taane durduriin himaman tokko tokkos kan gadaantummaa dubartootaa mul'isan ni jiru.

Fakkeenyaaf, durdurii ykn Sheekkoo keessatti Akko Manooyyeen dubartii bulchituu turtee fi bara bulchite jedhame keessatti hamtuufi rakkistuu akka taatetti ishee ibsu.

Haata'u malee, tooftaa ittiin dubartoota gadi qabuuf uumamedha malee Akko Manooyyee kan jedhamtu hin turre namoonni jedhan jiru.

Akaakuu afoolaa keessaa sheekkoon waa'ee Akkoo Manooyyee fa'i kun dubartoota hooggansaarra fageessuuf ykn hooggansaa isaanii diduuf kan himame malee dhugaa akka hin taane dubbatu jaarsii argaa dhageetti Aab Borbor Bulee.

“Wanti Akkoo Manooyyee jedhan hin jirtu. Kun dubartoota gad-cabsuuf kan baheedha akka isaan hooggansa hin kajeelleef jecha. Aadaan tana hin qabdu, maaliif niitin nafa dhiirsaati.

Fakkeenyaaf, yoo hulluqqoo naqan, abbaan warra yoo hin jirre ta'e niitiiti bakka bu’a malee ilmiisaa orooroo qabatee hin deemu,” jedhan.

Sababa beekumsaaf jabina qabaniif maatiin hedduun dubartootaan durfaman. Dhiiroota hedduu kan gorse jabina isaanii mul’isu haadha warraasaaniiti jedhu Aab Borbor Bulee.

Hata’u malee, dubartoota gadi qabuuf jecha beekumsi haadha warraa karaa abbaa warratiin mul'achuu qaba jedhu.

“Beekumsa isaanii gadi qabuuf jecha 'akkuma ifti ji’aa nama hin gubne, qaroomi nadheenii qarooma ji’aati' jedhanii mammaaku. Kun jechaan dubartoota cabsuudha.”

Dubartoonni gootummaanis ta'e dhiirotaan wal qixa taatee osoo jirtuu akka gootummaan ishee hin mul'anne jechoota dhufaa darbaan irratti hojjetamuu dubbatu jaarsi argaa dhageettii kun.

Fakkeenyaaf, dubartiin adamsitee yoo ajjeefte ykn diina yoo ajjeefte gunfura/dunfura mallattoo gootummaa ishee osoo hin taane abbaa warraa isheetu godhata jedhu.

Walaloo dabalatee Afoola Oromoo gara garaa barreessuun kan beekaman Obbo Zalaalam Abarraa gama isaanitiin, mammaaksoti waa'ee dubartoota ibsan iddoo lamaatti qoodu.

Akka Obbo Zalaalam jedhaniitti, mammaaksoonni dubartoota xiqqeessuun ibsan akkuma jiran kanneen dubartoota dinqisiifachuufi jajjabeessuuf mammaakaman ni jiru.

Beekumsaafi muuxannoo argisiisuuf qofa osoo hin taanes Afrikaa keessatti mammaaksi dubartoota ilaalchisuun mammaakame kumaataman lakka’ama jedhu.

Mammaksiwwan dubartoota ilaalchisuun mammaakaman dhimmoota hedduu kaasu. Isaan keessaa kan akka dandeettii, beekumsa, jaaruu, saal-quunnamtii, bareedina, fuudha, guddisa, hormaata, qufaafi beelaa, kkf waliin kan walqabatan akka ta'e ibsu hayyuun Afoolaafi Og-barruu Obbo Zalaalam.

Mammaaksonni ciminaafi gaarummaa dubartootaa ibsuuf mammaakaman baayyeen jiraachuu kan himan hayyuun Afaaolaafi Og-barruu Obbo Zalalaam, isaan akkasii kanaan dubartii jajuun waan deeggaramuu qabu akka ta'e duubata.

Fakkeenyaaf:

"Dhiirri muka alaati, dubartiin utubaa manaati.""Hormaaf jaartii luqqaate, anaaf daadhii buqqaate," kanneen jedhan mammaaksi dubaroota leellisan jiraachuu kaasuun isaan akkasiitti dhimma bahuun akka feesisullee hima.

Barri jechootii akkanaa kunneen itti bahan bara barnooti hin turiin, kan namoonni duulanii, adamsanii, booji’anii hireen wal-hadhanii bulchaa turan keessa jedhan Aab Borbor.

Gaafas dubrartoota ijoollee da’uuf manatti dhorkani; kora deemuu dhorkani; dubbiin isii alatti hin baatu manatti ilaalamaa turte jedhu. Amma garuu kun hir'achaa dhufeera akka isaan jedhanitti.

Dubartoota cabsuuf jechoota adda addaa uumanis, dhiirota duuba ammoo dubartootumatu jira jedha jaarsii argaa dhageettii kun.

Mammaaksi garii dhugaa durii ture ibsuuf kan himamu, kanaaf gad-aantummaan kun waa’ee durii raawwate irra kan ka’e ta’uu danda’a jedhan.

Zalaalam ammoo, dubartoonni hiree cimaa waan hin qabneef, dhiironni hireefi jabina qaaman caaluudhaan jechootii kunneen ka’uu akka danda’u hima.

"Kun cabsuumaa namoonni hawaasa keessa sababa adda addaatin angoo irratti, walitti bu’insa yookaan itti gaafatamummaa qaban irraa ka’e ta’uu danda’a malee addatti hammeenya dubartoonni qabannaan miti.”

Uummata Oromoo dabalate, hawaasa Afrikaa hedduu keessatti dubartoonni ga’ee ol-aanaa qabachuun biyyaa bulchaa turan.

Afoola hedduu keessatti, bulchiinsi isaanii akka dhiirota cunqurseetti ilaalama. Kanaaf, cimina isaaniifi isaan sodaachuu irra mammaaksoti kunneen bahee namoonni jedhanis jiru.

Mammaksootii akkanaa miidhaa akkamii geesisuu danda’u?

Addunyaa tana keessatti miidhaa, gad-aantummaafi tuffii isaan irra gahu mormuuf dubartoonni dhaabbilee gara garaa hundeessaniiru. Kunis gama tokkoon jijjirama fidus, wal-qixumaan hanga amma hin argamne.

Hirmaannaa dubartoonni murtoo kennuufi hooggansa idilee keessatti qaban ilaaluun qorannoon bara darbe Beetelihem Nagaashiifi Teediroos Haayilamaariyaam taasisan akka argisiisutti, Itoophiyaatti lakkoofsi dubartoota miidiyaalee keessatti sadarkaa hooggansaa irratti argaman baayyee xiqqaadha

Akkasumas, hooggansa siyaasa paartilee Itoophiyaa keessatti gaheen dubartootaa xiqqaadha. Dabalataan, hojiirraa ari'amuu, duula maqa balleessii, akkasumas dubartoonni miseensa paarti mormituu keessa akka qooda hin fudhanne taasisuu ragaalen argisiisaniiru.

Kanaaf, afoolli guutummaa guutuutti sababa ta’uu baatus, miidhaa guddaa geessisuu danda’a jedha Zalaalam Abarraa.

"Dubartii malee, hawaasni tokko dhaabamuu hin danda’u; dhalooti tokkoo gara fuul-duratti tarkanfatee dabaluu hin danda’u. Afooli akkanaa haamilee isaanii miidhuu, ofitti amantaa isaanii xiqqeessuufi tuffii namoonni isaaniif qaban akka dabalu gochuu danda’a,” jedhu.

Gadaa keessatti dubartoonni ga’ee guddaa qabu. Akka sagaleen isaanii dhaga’amu, hamiileen isaanii akka jabaatuufi miidhaa isaanirra ga’e hawaasni akka ilaaluuf Gadaan seera Siinqee qaba.

Miidhaan afoolli dubartootarratti geesisuu danda’u bara kanatti xiqqachaa dhufus, ilaalchi karaa afaalaa, durduriifi jechamoota gara garaan hawaasa keessaa jiran ammallee maqfamuu qabu jedhu Aab Borbor Bulee.

Obbo Zalaalam gama isaatiin dhiiraafi dubartii gidduutti addaddumman akka hin mul'anne hawaasni ijaaramuu qaba jedha.

Biyyoota hedduu keessatti jiruu hawaasaa kan sochoosu dubartiidha kan jedhan Obbo Zalaalam, gad-aantummaaf wal-qixumaa dhabuun hawaasa amma keessatti hin calaqiisuu.

Yaadaa hawaasaafi afoola isaa keessa jiru kana jijjiruun barnootafi qabsooo barbaada kan jedhu Obbo Zalaalam, dhaloota jalaa dhufu irraa kaasanii barsiisuu akka feesisu dubbata.

"Mana barnootaattis ta'e, qe’eetti dhaloota haaraa ol-aantummaaniififi gad-aantumaan dhiiraafi dubartoota gidduu akka hin jirre barsisuun nurraa eegama,” jedha.