Afaan Oromoo sirnoota mootummaa darban keessa ifatti ugguramee turee?

Kitaaba ijoollee Afaan Oromoo

Madda suuraa, Afaan Publications

Afaan Oromoo afaan og-barruu, daldalaa, teeknolojiifi caasaalee garaagaraa ta'uun hanga barbaadamu akka hin dagaagneef, danqaraan seenaafi siyaasaa akka irra ture hayyoonni hog-barruufi dhimmoota eenyummaa ni himu.

Haatahu malee, Afaan Oromoo addatti kan miidhame hin qabu, sirnoota darban keessattis mootummaadhaan hin ugguramne ture, guddina afaanichaa guddina waliigalaa haalaafi yeroo sanarraa adda miti jechuun yaadoti wal faallessan yeroo ka’an ni dhageenya.

Dhimma kana ka’umsa godhachuunis BBC Afaan Oromoo hayyuu og-barruu Afaan Oromoofi dhimma eenyummaa qo’atan iyyaafachuun seenaan maal akka himu odeeffateera.

2px presentational grey line

Tasfaayee Tolasaa (PhD) Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Seenaafi Daarektara Dhaabbata Qorannoofi Qo’annoo Oromooti.

Afaan Oromoo sirnoota darban keessatti ugguramuun waan ‘falmisiisaa’ mitii jechuun jalqabu.

Bara Miniliik bulchuu jalqaberraa kaasee magaalota Oromiyaa keessa ‘namoota Afaan Amaaraa haasa’an qubachiisuun' ifatti dhorkuu baatanillee, hawaasni Oromoo naannoorraa gara magaalaa dhufu yoo Afaan Oromoo haasa’u ''itti kolfuufi qaanessuudhaan namni akka itti hin fayyadamne godhamaa ture,'' jedhu.

Gara mana amantiitti yoo dhufnu ammoo ‘afaan booddeetti hafaa, afaan dhalli namaa hin haasofneefi abaaramaadha,’’ jedhameetu dhowwama ture. ‘Afaan seexanaati’ jedhamee hanga labsamuutti gahee ture jedhu.

Yeroo gabaabduu Lij Iyyaasuun aangoorra turetti namoonni ija jabaatanii haasa’aa turan jiru, garuu inni ammoo aangoorra hin turre jedhu hayyuun Seenaa kun.

Ifatti ugguramuu Afaan Oromoo

Bara bulchiinsaa mootii Haayilassillaasee gaazexaafi labsiidhaan dhorkame jedhu, Tasfaayee Tolasaa (PhD).

Fakkeenyaaf, 1944 A.L.A ‘Negaariit Gaazexaa’ irratti ‘waan biraallee hafee mishinaroonni Oromiyaa keessa deemanii barsiisan Amaarinyaa akka fayyadaman, yoo jarri hin dhagahanillee tahe turjumaana akka dhaaban jechuun labsiin bahee ture.

Akkasumas, bara 1948tti 'Ministeerri Hizibaawwii Yenuroo Idiget' jedhamu Negaariit Gaazexaa keewwata 15 irratti kan ittaanu kaa'ee ture:

''Afaanoti biroo badanii afaan tokko yoo uumame malee tokkummaa Itoophiyaadhaaf rakkoo gatii taheef, keessumaa Afaan Oromoo rakkoo guddaa waan uumuu danda’uuf Amaarinyaan akka bakka bu’u labsiin taa’ee jira,'' jechuun waan qorannoo isaaniin adda baafatan ragaa bahu.

Maxxansa Nagaariit Gaazexaa waa'ee itti fayyadama afaanii

Madda suuraa, Tasfaayee Tolasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Maxxansa Nagaariit Gaazexaa waa'ee itti fayyadama afaanii

''Afaan kun xiinsammuu namootaan akka jibbamu gochuurraa hanga afaan mootummaa hin taanetti dhorkamee ture,’’ jedhu.

‘'Afaan tokko hin ugguramne kan jechisiisu namni bilisaan yeroo dhimma hawaasaa hanga mootummaatti itti fayyadamuu danda’edha.''

Bara kufaatii Haayilesillaasee jala qorataan gameessa Seenaafi Antirooppooloojii kan ta'an Piroofeesar Paul Baxter jedhaman Naqamtee kana dhufanii mana murtii taa’anii hordofaa turan jedhu.

Aabba Baakistar mana murtii booda kana barreessan: ''Daanyaan, abukaatoo, abbaa alangaafi himatamaan Afaan Oromoo beeku garuu himatamaan abukaatoonsaa sirriitti waan inni barbaade himuufi yoo didu, Afaan Oromoon dubbannaan 'dhaddacha salphifte' jedhameetu hidhaan ji'a ja'aa itti murtaa’e.''

Kana eerunis, "kanarra ugguramuun maali?" jedhu Dr. Tasfaayeen.

Piroofeesar Baakistar bara 1978tti keewwata barreesseen ''Afaan Oromootiin akka hin maxxafamne, hin lallabamne, hin barsiifamneefi miidiyaan akka hin tamsaafne beekamtii mootummaa dhorkamee ture,'' jedheera.

Jalqaba bara Dargii keessa gaazexaafi raadiyoon Afaan Oromoo fayyadamuu eegalanillee ‘harcaatonni’ bara Haayilessillaasee akka itti fufu hin taasisne ture. Boodarra namoota afaan kana dagaagsuu yaalan gara ajjeefamuufi gidirfamuutti galan.

Kanaaf ‘uggurameera’ jecha jedhu hin fayyadamiiniyyuu malee dhorkamuusaa kan agarsiisu gaazexoota Biraaninnaa Salaam, Nagaariit Gaazexaafi Addis Zaman irratti galmeeffameetu jira jedhan.

Onasmoos Nasiib fa’i akkamiin Afaan Oromoo fayyadaman?

Dr Tasfaayeen Onasmoos fa’i si’a sana gara biyyaatti galuuf marsaa shan erga yaalaniin boodadha jahaffaarrtti biyya galuu kan danda’an jedhu.

Yeroo biyyatti galanis Afaan Oromoon barsiisna jedhanii hin galle.

Erga biyyatti galanii boodas afaan ‘eebbifamaa’ hin taaneen Macaafa Qulqulluu barsiisu jedhamuun himannaan irratti ka’ee ture.

Sababii Dajjaazmaach Kumsaa Morodaafaan aangoo qabaniif afaanichi naannoo Naqamteetti babal’achuu danda’e jedhu.

Akkasumas, gama weelluudhaan yoo ilaalle jedhu Dr Tasfaayeen sirba naannoo Shawaa faayidaa mataasaaf mootummaan sirbisiisuun alatti afaanichaaf iddoo kennaa hin turre.

''Fakkeenyaaf, yeroo sana gareen weelluu Afran Qalloo sirba isaanii raadiyoodhaan dabarsuudhaaf birrii 30 akka kaffalan gaafatamaa turan,'' jedhan.

Baroota kunneen keessatti aangoo qaban hundumaan ''Afaan Oromoo gadi-qabamaa malee iddootti deeggarame tokko hin jiru,'' jedhu ogeessi kun.

Akkasumas, Afaan Oromoo godina tokkoo, afaanota biroo waliin wal-makee, kan godina biroo waliin walii galuuf akka rakkisu gochuuf ogeessa afaanii biyya alaatii fidaniiti irratti hojjechaa turan jedhan.

Afaan, eenyummaafi siyaasa

Sabooti akka Oromoo kana dura afaan barreeffamaa hin qabne, aadaa isaanii afaan isaanii gumbii eenyummaa isaanii keessatti kuufatanidha.

Eenyummaa isaanis kan isaan addatti agarsiifatan afaan isaanii keessattidha jedhu Dr. Tasfaayeen.

‘’Mootummaan ammoo ummata kana salphaatti of jalatti bulchuudhaaf, jalqaba eenyummaasaa geeddaruudha kan barbaadu.

Kunis hawaasni yaada 'ani gad-aanaa, inni na bulchu olaanaadha,' jedhee akka amanuu dirqisiisa.’’

Haala kanaan qabeenyasaa akka barbaadan itti fayyadamuuf isaaniif mijata jedhan.

Mala bulchiinsaa akkasii ammoo koloneessitoota bara sanaa kanneen akka Biriiteen fa’irraa ergifatan jedhu.

Akkasumas, afaan kuni akkuma jiruun yoo itti fufe namoonni afaanicha haasa’an carraa hojii, barnootaafi kaanillee argachuun gara gidduugalaatti ni dhufu sodaan jedhus ture.

Kanaaf, namni tokko dandeettii gahaa otoo qabuu sababii Afaan Oromoo qofa dubbatuuf hojii dhabuu mala jedhu.

Naannoo magaalaatti Oromoon baay’inaan kan hin argamneef keessaa kuni sababa tokko jedhan.

Beektonni dhimma afaanii qoratan, imaammatni afaanii qajeelfama jijjiirraa, itti fayyadamaafi rakkoo afaanii waliin dhufu furuuf kan fayyadudha jedhu.

Haatahu malee, hawaasa tokko keessatti gareen olaantummaa qabu ilaalchasaa itti fufsiisuuf imaammata afaanii itti fayyadamuu mala jedhu hayyuun kun.

Biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti imaammatni afaan tokko yoo deeggaru afaan isa kaan gad-qabaa ture, kan Itoophiyaas kanarraa adda akka hin taane himu.

Tokkummaa biyyaa fiduuf jecha taasifame inni jedhamus, ''isa kaan balleessanii afaan tokko fe’uudhaafi olaanaa taasisuuf kan tahe malee waan dhugumaan Itoophiyaan qabdurratti hundaa’anii mitii tokkummaa sana fiduun kan yaalamaa ture,'' jedhan.

Seenaa Imaammata Afaanii Itoophiyaa

Qorattoonni Jimmaa Yunivarsiitii Geetaachaw Antanahiifi Yunivarsiitii Finfinneerraa ammoo Derrib Adoo Jakeelee bara 2006tti, Imaammata Afaanii Itoophiyaa: Seenaafi Haala Ammaa jedhuun keewwata barreessaniin dhimma kanarratti ragaalee barreeffamaa kanneen dura qorataman xiinxalaniiruu.

Kanaanis Afaan Oromoo 'ugguramee' ture waan jedhu ibsuu baatanillee Amaarinyaan bara mootii Tewodiroos irraa qabee ''Gi'iizii duraan faayidaarra oolaa ture bakka bu'uun afaan og-barruu akka tahu mootichaan jabeeffamaa ture,'' jechuun ibsu.

Mootichi Miniliikis yaada Itoophiyaa tokkummeessuu Tewodiroos irraa fudhachuun itti fufsiisuuf jalqabaniin, "Imaammata itti fayyadama afaan qeenxee jabeessu fayyadamuun hayyootaafi bulchiinsota naannoo kibbaa, baha, lixaa Itoophiyaa afaanichi itti dubbatamee hin beekne akka qaqqabu taasifame."

Haata'u malee, yeroo mootii Haayilesillaasee bara 1944 qajeelchi sochii barumsaa mishinarootaa to'atu bahe. "Amaarinyaan afaan barnootaa waliigalaa ta'a mishinaroonnis afaanicha barachuun akka barsiisan ibsa."

Imaammatni afaan qeenxee bulchiinsa, mana murtiifi barnoota irratti hojiirra oolera. Bara 1955tti heerri biyyattii haara'e ammoo Amaarinyaa afaan idilee biyyattii taasiseera.

Bara Haayilessillaasee keessa, "imaammanni afaan qeenxee seektara barnootaan kan daangeffame qofa osoo hin taane afaan seera-qabeessi mootummaan beekamtii qabu Amaarinyaa qofa taheeti ture."

Bara Dargii keessa Afaan Oromoofi Amaarinyaa dabalatee afaanota 15 Itoophiyaa biroon duulli barnootaa kennamuuf murteeffamus sababa hanqina leecelloofi humna namaan hafeera.

Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo afaan hojiifi barnootaa seera-qabeessa kan tahe erga mootummaan ADWUI dhufeen boodadha kan jedhan Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa afaanii kan ta'an Dr Tolamaariyaam Fufaati.