Afoola Oromoo: Mammaaksa Oromoo guyya guyyaan

Nama gaala harkisee adeemaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gowwaan gaala hatee, gugguufee adeema

Hawaasni Oromoo dubbii ergaa guddoo qabdu dabarfachuufi gabaabsee fixuuf mammaaksatti dhimma baha. Dubbiidhuma kanaafillee mammaaksa qaba - mammaaksi dubbii fida, dubbii fixas.

Oromoo dabalatee hawaasni Afrikaa keessa jiran hedduun isaanii, aadaa barreeffamaa yeroo dheeraa sila hinqabneef, afoolatti dhimma bahu - afaaniin dhalootarraa dhalootatti seenaafi duudhaasaanii dabarfatu.

Gosoota afoolaa keessaa tokko ka tahe mammaaksa (iddoo tokko tokkotti mammaaysa yookaan makmaaksa jedhama).

Guca (form) xumura fuula kanaatti argamu guutuun mammaaksa keessan nuuf ergaa - maqaa keessan waliin deebisnee maxxansina.

Mammaaksota dhiyeenya nu ergitan keessaa muraasni kunooti:

''Waan dhufu hin beekani, saree tana akaayii barsiisaa,'' jedhe jaarsi.

Kan soogiddi ittoo mi'eesse, barbareen maqaa itti fudhatte. Kan nuuf erge Boontuu Yohaannis, Oromiyaa

Dhulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba. Kan nuuf erge Abdulkariim Huseen

''Gama sanaa garbuun asheete,'' jennaan, ''Warra sodaanne malee yoom argaa dhabne,'' jedhe jaldeessi. Kan nuuf erge Chala Gurmesa

Arrabni ofii gaaddisa ooltee, abbaa aduu oolchiti. Kan nuuf erge Zalaalam Taaddasaa Dureessaa, Naayiroobii

Dhugaa Waaqa hin dhoksan, qullaa lafa hin dhoksan. Kan nuuf erge Waaqoo Diqqaa Duubaa

Ofiinuu duuti, maaliif of huuti? Kan nuuf erge Darajjee Fufaa, Jimma

''Madaa keenyatu bakka bade,'' jedhe jaldeessi. Kan nuuf erge Eyob Shimelis

Akka isaa beekaaf, bofa miila dhorke. Kan nuuf erge Abrish Osmael

Yaa saree otoo waan sin jedhan beektee, waan siif kaa'an hin nyaattu. Kan nuuf erge Samuel Ebba

"Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya," jette gondaan ciniintee haftee. Kan nuuf erge Sura A Bati

''Gosaan walitti galaa,'' jennaan erbeen loonitti galte. Kan nuuf ergan Najiib Zannuun fi Magarsa Bayisa

Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du'a gannaa rabbiitu namaan dida. Kan nuuf erge Sabaa'if Oromoo

''Cilee ta'uuf gubannee, cilee taanees gubanne,'' jedhe mukni. Kan nuuf ergan Mieso Beriso, Abadir M Ibrahim fi Feeysal Sheik Abdii

"Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna," jedhe waraabessi. Kan nuuf erge Khalid T

"Akkan itti dhales, akkan arraabbadhus anatu beeka,'' jette xaddeen. Kan nuuf erge Shimelis Bogale

''Bulu cooma,'' jedhe jaldeessi mixii barbaachatti bofa dhagaa jalaa baasee. Kan nuuf erge Koo Biqilaaf Lalisaa

Korma dhugaan booratu, biyyeen ija hin buutu. Kan nuuf erge Aman Adem Aman

''Bulbuluma bulbuli, hangan dhugu anuu beeka,'' jedhe namtichi.

Mana haadha kootiin dhaqa jettee, goraa bira hin darbin.

Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu jedhan.

Silaa dhufa hin oolu, kajeelaa dura waami.

Kofoo namaa ergisanii, 'irra hin taa'in' hin jedhan.

"Na nyaattu na nyaadhu malee, bishaan ol hin yaa'u,'' jette harreen waraabessaan. Kan nuuf erge Adnen Abdi

Namni ulee baatee hin deemne, sareef sagadaa deema. Kan nuuf erge Gammachu Mahammad

Roobiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba. Kan nuuf erge Koo Biqilaaf Lalisaa

''Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan,'' jette adurreen. Kan nuuf erge Jêñêrãl Jõ

Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata. Kan nuuf erge Teha Abdulkadir

"Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya," jette gondaan ciniintee haftee. Kan nuuf erge Sura A Bati

"Gosaan walitti galaa,'' jennaan erbeen loonitti galte.

''Situ diriiree of qochisiise,'' jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee. - Bizuworqi Olaanaa

Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

Baga dhufte jennaan, kajeelaa garaan ciise.

line