Waa'ee murteessaa tapha Morookoo fi Senegaal taphachiisee maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Jiin Jaakuus Indaalaa Ingaaboo jedhama. Kan dhalatee guddate Koongoo keessatti. Murteessaa tapha xumuraa Waancaa Afrikaa 2025 Senegaalii fi Morookoo gidduutti taphachiisedha.
Gargaaraa murteessaa tahuun kan isa waliin turan lammiilee DR Koongoo Guuylaan Bongaalee fi Giraadel Miwaanyaa kan jedhamanidha.
VAR irra ammoo Piiree Giizleen Atchoo jedhama. Isa walaiin Leetikaa Viyaanaa fi Istiifen Eliizar kan jedhaman jiru.
Waa'ee murteessaa Jiin Jaakuus Indaalaatti yoo deebinu ijoollummaatti kubba miilaa kilebuma naannoo keessaa Katangaa jedhamuun beekamtu keessatti taphachuu eegale.
Booda gara liigii olaanaa biyyattiitti barbaadamuun kileba Linaafoot jedhamuuf taphate.
Kubba miilaa taphachuudhaan hedduu hin milkoofne. Garuu murteessummaatti erga dhufee murteessaa Afrikaa beekamaadha.
Sadarkaa idil-addunyaattis beekamttii murteessummaa Afrikaa irraa namoota qaban murraasa keessaa tokko.
Waancaa Afrikaa afur irratti murteessummaan hirmaateera. Inni jalqabaa bara 2019 kan Masiriin qopheessite yoo tahu, kan lammataa isa Kaameeruun qopheessite bara 2022dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2024 yeroo Ayiivoorii Koost qopheessitus Indaalaan murteesitoota maqaa fi kabaja qaban keessaa tokko.
Barana immoo isa Morookoon qopheesite kana irratti murteessitoota adda duree tahan keessaa isa tokko.
Sadarkaa kilebootaatti taphoota gurguddoo taphachiisuun beekamu. Waancaa Addunyaa guddattoota umurii 20 gadii bara 2019 Poolaanditti qophaa'e irrattis taphoota mo'atanii darbuu lama taphachiiseera.
Waancaa Addunyaa 2022 Kaataar qopheesiteefis kaadhimamee ture. Garuu filannoo xumuraa keessa hin galle.
Isaan booda Kilab Woorlid Kaap Ameerikaatti qophaa'uun Cheelsiin injifate irratti filamee ture.
Waliigalaan murteessaa muuxannoo fi dandeettii guddaa qaban keessaa tokko.
Amajji 2026 keessa yeroo tapha xumuraa Waancaa Afrikaa Morookoo fi Senegaal gidduu akka taphachiisuuf filamu dhiibbaa guddaa jala ture.
Biyyoota adda addaa irraa fayyadamtoonni miiidyaa hawwaasaa hedduu Morookoon murteessaaf kaffaluun waancaa injifachuu barbaaddi jedhu.
Tapha Istaadiyeemii Piriinsi Muulaay Abdellaatti taphatame irratti murteessaan kun hedduu qeeqame.
Maaltu mudate?
Senegaal waggaa shan dura shaampiyoonaa Afrikaa turte. Morookoon ammoo waggaa 50 dura bara 1976 ture waancaa Afrikaa kan mo'atte.
Kanaaf waancaa kana yeroo qopheessitu ofiif mo'achuu barbaaddi ture. Dhiibbaa jala tahuun waancaa kanaaf dhaqaban.
Leenjisaan isaanii Waaliid Reeguraay namni hunduu waancaa kana asitti hanbisuu qabdu nu jedha jedhee ture.
Kanaaf murteessaan ramadame kunis dhiibbaa kana jala tahuun ture tapha kanaaf kan gahe.
Taphni Senegaalii fi Morookoo daqiiqaa 90 taphatamee 0-0 xumurame. Daqiiqaa 94 irratti Senegaal goolii galchite.
Garuu ibsa gahaa malee gooliin Senegaal jalaa haqame. VAR balleessaa hojjetamee fi waa'ee goolii kanaa hin ilaalle. Kun taphattoota Senegaalii fi leenjisaa isaanii Paap Tiwaaw baayyee aarse.
Daqiiqaa saddet dabalame xumuramee 98ffaa irratti ammoo Morookoof rukuttaa peenaaliitii kenne.
Balleessaan hojjetames falmisiisaadha. Senegaal amma mo'amuu ykn peenaaliiticha deebisuu malee carraa hin qabdu ture.
Kanaan taphattoonnii fi leenjisaan isaanii baay'ee aaruun akka taphattoonni dhiisanii dirree keessaa bahan ajajan.
Kanumaan taphichi daqiiqaa 17 tahuuf adda cite. Booda sadiyoo maanee waamicha gochuun leenjisaan isaaniis tole jechuun dirreetti deebi'anii Morookoon peenaaliitii kennameef rukutte.
Karra eegaan Senegaal Mendiin kubbicha deebise. Daqiiqaa dabalataa 30 keessatti Ismaayilaa Shaar galchii lakkoofsisuun Senegaal shaampiyoonaa taate.
Tarkaanfii fudhatame
Sadiyoo Maanee gochaa gaarii kubba miilaaf ooleef hedduu jajame. Taphannee mo'amuu keenyan filadha, achumaan hafuu irra jedhe.
Silaa Morookoon murtoo CAF'n shaampiyoonaa tahuun Senegaal adabbii guddaan adabamuu dandeessi ture.
Kun osoo iji pirezidaantii FIFA, Jiyaanii Infaantinoo ilaaluu tahuuf ture. Innis Morookootti argameera.
Leenjisaan Morookoo Paap Tiwaaw yeroo sana miira hedduu keessa turre. Mormineerra. Isaaf dhiifama gaafanna. Taphattoonnikoo akka dirree keessaaa bahan ajajuu hin qabun ture jedhe.
Garuu waan gaariin deebinee taphachuu keenyadha jedhe. CAF fi FIFA koreen naamusaa dhimma kana ilaaluun adabbii madaalu Senegaal irratti akka dabarsu gaafatameera.
Leenjisaan Morookoos gochaan leenjisaa Senegaal kan ''nama qaanessu'' jedhe. Taphattoota isaatti akka boonu ibsuun.
Konfedereshiniin Kubba Miilaaa Afrikaa leenjisaa Senegaal Paap Tiwaaw kubba miilaa irraa dhorke. Hammamii fi tapha meeqa kan jedhu garuu hin ibsine.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Seengaal leenjisaa isaanii akka hin dhorkamneef waan danda'u hundaa akak godhu ibseera.
Waancaa Addunyaa dhiyaachaa jiru irraas dhorkuu malu.

Madda suuraa, Getty Images
'Gaddakoo irraa salphaatti hin fayyu'
Morookoof taphachuuf erga murteessee biyya isaa hedduu gargaare. Akkaadaamii Maanchister Siitii fi taphataa Riyaal Maadrid kan tahe Biraahim Diyaaz.
Dorgommii kana irrattis galchii hedduu lakkoofsisuun kan badhaafame isadha.
Garuu sekendoota goota isa taasisuufis gaddaa bara baraa isatti fiduufis carraa lama qabantu fuula isaa dura taa'eef.
Rukuttaa peenaaliitii argamte galchuun biyya isaa shaampiyoonaa taasisee yaadatamaa hafuu fi dhabee ammoo gaabbii fi gaddaan jiraachuu.
Tokko waan hin oolleef Diyaaz Mendii waliin fuulaa fuulatti wal ilaalani yeroo kubbicha rukutu Mendiin jalaa qabe.
Itti fufee taphachuufuu haamilee hin arganne. Jijjiiramees bahe. Onnee Morookoo cabe.
Waancaa harkaan qabatanii ture tasa harkaa bahe.
Diyaaz gadda guddaa keessa ture.
''Lubbuunkoo dhiphatteetti, gadditeetti. Waancaa kana mo'achuun abjuukoo ture.
Jaala natti agarsiiftan hundaaf guddaa galatoomaa. Deeggarsa naaf taasiftaniin qofaakoo akka hin taane naaf dhaamtaniif galatoomaa.
Waanan dandahu hundaan onneekoo guutuun falmeen ture. Kaleessa galgala garuu nan kufe. Itti gaafatamummaa isaa nan fudhadha.
Onneekoo irraan dhiifama isin gaafadha. Garuu kana irraa fayyuun anaaf baay'ee ulfaataadha. Sababni isaa madaa kana irraa salphaatti fauun natti ulfaata. Garuu nan yaala....
Garuu ofiikoof qofa osoo hin taane warra anatti amananii fi ana waliin miidhamaniif jecha nan jabaadha,'' jedhe.
Jaalala natti agarsiiftan hangan kaffalutti mallattoo Morookoon ittiin boontu tahee hamman gatii keessan kaffalutti nan dhama'a jechuun ergaa isaa cufe.














