Hanga Iraan 'waliigaltee qabatamaan' hojiirra oolchitutti humnoonni US achuma turu - Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hanga Iraan hamma ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu qabatamaa ta'en'' waliigaltutti waraanni US ajaja qofa akka eeggatu dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Miidha isheerra gaheef Iraan beenyaa ni gafatti-Mojtaba Kameeni

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan ibsa hogganaa olaanaa irraa kenname gabaasaa jiru

    Kamenin erga abbaan isaa jalqaba waraanaa irratti ajjeefamuu fi Isaanirraas miidhaan qaqqabuun gabaafamee hogganaa olaanaa biyyattii ta'ansi ummata duratti hin mul'anne.

    Haa ta'uu malee ergaan isaanirraa kennamee jedhu miidiyaalee biyyattiin kan tamsa'u yoo ta'u ergaa amma darbe keessatti Iraan Biyyaa injifattuu ta'uu ishee eeraniiru.

    Akka ibsa qoodameetti Iraan ''biyya injifattuu'' waraana kanaa ta'uu dubbata.

    Ergaa kana keessa gabaabinaan

    • Sirni mootummaa Iraan "kasaaraa irra gahe hundaaf akkasumas warra waraana kanaan miidhamaniif beenyaa" ni gaafata jedhan.
    • Sirnichi "bulchiinsa ulaa Hormuz gara marsaa haaraattis ni ceessisaa" jedha - garuu sun maal akka ta'u bal'inaan hin ibsine.
    • Deeggartootni sirna Iraan "sagaleen keessan addabaabayii ummataa irratti dhageessisaa kun bu'aa marii irratti dhiibbaa waan qabaatuuf" jechuun hirriiri deeggarsaa daandii irratti akka ba'u gaafatan.
    • Iraan "waraana barbaaddee hin beektu, nutis waraana hin barbaannu garuu mirga seera qabeessa keenya sarbuuf kan nutti dhufu karaa kamiinuu qolachuuf duubatti hin deebinu''jechuun ibsaniiru.
  2. Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaba Kameni waa'ee waraana Iraan irratti ergaa dabarsuufi

    Mojtaba Kameni

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mojtaba Kameni

    Hogganaan olaanaa Iraan sa'aatii itti aanan keessatti ergaa ni dabarsuu jedhamee eegamaa jira.

    Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaba Kamani erga abbaan isaanii ajjeefamanii guyyoota 40 booda waa'ee waraana kanaa ergaa dabarsuuf ta'uu ergaan toora Telegram isaanii irratti maaxxanfame ni mul'isa.

    Akka ibsa toora kanatti ergaan hogganaan olaanaa Iraan kun "sa'aatii muraasa booda" akka qoodamu eerera.

    Ergaan sun ibsa barreeffamaa ta'uu fi bifa biraatiin dhiyaachuun ibsa kennu isa jedhu irratti ibsa bal'aa hin kennine.

    Mojtaba Kamani erga waraanni kun jalqabee qaamaan hin mul'anne, garuu ergaawwan isa waliin walqabatan miidiyaaleen Iraan irratti darbaa turaniiru.

  3. Iraan Libaanosiif jettee yoo haleelte humna jabaan deebii akka kennitu Israa'el akeekkachiifte

    Miidhaa Libaanositti qaqqabe

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz haleellaan Libaanositti raawwatan Hezbollaa akka malee laaffisuu dubbate.

    Hezbollaan haleellaa ''itti gad seenuun balaa guddaa geessise kanaan raajamee, bitaas itti galeera'' jedhe.

    Iraan Israa'elitti yoo dhukaafte Humni Ittisaa Israa'el ''humnaan deebii kennuuf qophaa'ee eeggataa jira'' jedhe.

    Aanga'oonni Iraan Israa'el Libaanosiin haleeluushee akka waliigaltee cabsuutti kaasu. Yoo haleellaan kun hin dhaabbanne tarkaanfii fudhachuufis dhaadatu.

    Kaatz haleellaa Israa'el Roobii darbe Libaanos keessatti raawwatteen namoota shorokeessitootadha ittiin jedhan 200 ajjeesuu hime. Erga Libaanositti oppireeshinii eegalanii lakkoofsa namoota ajjeefamanii gara 1,400tti ol guddiseera.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos namootni haleellaa guyyaa Roobiin ajjeefaman 203 ta'uu beeksiseera. Waliigalaan ammoo namootni 1,700 ta'an ajjeefamuu gabaase.

  4. 'Dhaddachi himata malaammaltummaa Netaaniyaahuu Dilbata eegala'

    MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu

    Dhaddachi himannaa malaammaltummaa MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti dhiyaate Dilbata Ebla 12 deebi’ee akka eegalu Rooyitars dubbi himaa manneen murtii Israa’el wabeeffachuun gabaase

    Sababa waraanaan Labsiin yeroo muddamaaf dhaabatee kan ture yoo ta'u waligaltee dhukaasaa dhaabuu labsuu hordofee misaa’elli Iraan irraa gara Israa'el furguggifamuu dhaabachuu isaatiin dhaddachi kun kan eegaalu ta'a jedhame.

    Manneen murtii Israa’el ibsa kennaniin hojiin abbaa seerummaa deebi’ee jalqabuu fi walgahiin Dilbataa hanga Roobii gidduutti akka gaggeeffamu beeksisaniiru jedha Rooyitars.

    MM Israa’el aangorra jitu jalqabaa himannaan yakkaa irratti dhiyaate Netaaniyaahuun, qorannoo waggoota dheeraa booda bara 2019tti himannaa malaammaltummaa, hannaa fi amantaa cabsuu jedhu irratti banamus inni garuu ni haale.

    Preezdaantiin Ameerikaa irra deddeebiin Pirezidaantii Israa’el Isaa’ak Herzoog Netaaniyaahuuf dhiifama gaafachaa turaniiru.

    Qeeqxootni Naatinahuu sababa manamurti kanatti dhiyaachuu hin barbaaanneef waraanaa itti fufsiisuu akka barbaaduu himaa jiru.

  5. 'Libaanos marii nagaa keessatti teessoo qabaachuu qabdi'- Ministira

    Haaneen Saayid

    Ministirri Dhimmoota Hawaasummaa Libaanos yaada BBCf kenniteen maree waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahuu keessatti biyyisaanii teessoo qabaachuu akka qabdu himte.

    Haaneen Saayid biyyattii waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessatti ''hammatamtee akka jirtu hubatte'' jette. Mootummaan biyyattii waliigalteen nagaa fi dhukaasa dhaabuu barbaadamu kan akkamii akka ta'eerratti mariyachuu qabdi jette.

    Haleellaa Roobii Israa'el Beerut irratti raawwatteen ''sarbama olaanaa'' jechuun kan ibsite Ministirri kun biyyishee haleellaa kana ilaalchisee gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti iyyata akka erguu himte.

  6. UAE'n miidhaa fi kasaaraa isheerra ga'eef Iraan 'beenyaa' gaafatte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Ibsi ministeera dhimma alaa biyyatti irraa bahe akka mul'isutti, Iraan guyyoota 40 darban keessatti bu’uuraalee misoomaa, dhaabbilee anniisaa fi iddoowwan siiviilii irratti xiyyeeffachuun halellaa rawwatteerti.

    Haleellaan kunis misaa'ela balistikii fi diroonii 2,800 ol kan hammate ta'uu ibsuun kasaaraa namaa fi qabeenyarra ga'e kanasaf Iraantu itti gaafatamaa jedheera.

    Miidhaa fi kisaaraa qaqqabe kanaaf UAE'n beenyaa guutuu gaafachuuf dirqamti jedheera ibsichi.

    Iraan UAE'n waraana kana keessa harka akka hin qabne utuu beektuu gocha diinummaa irratti rawwataa turus ibseera.

  7. Israa'el kutaa magaalaa Beerut keessaa jiraattotni akka gadhiisan ajajje

    Haaraa haleellaan booda Beerut keessaa mul'atu

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Haaraa haleellaan booda Beerut keessaa mul'atu

    Israa'el jiraattotni Kibba magaalaa Beerut jiraatan hedduun naannicha gadhiisanii akka bahan ajajje. Sababni ammoo bu'uura misoomaa Hezbollaa naannicha jirurratti haleellaa itti fufuuf karoorri qabamuu akka ta'e ibse.

    Dubbii himaan waraana Israa'el Aviichaay Adreey Israa'el isin miidhuu hin barbaaddu...kanaafuu nageenya keessaniif yaaddofneerra, daftanii gadhiisuu qabdu'' jedhe.

    Naannoleen uummatni akka gadhiisee bahu ajajame Haret Hreik, Ghobeiry, Al-Lilaki, Hadath, Borj el-Barajneh, Tahwitat al-Ghadir, Shiyyah fi Al- Janah jedhamu.

  8. Paakistaan Iraan fi Ameerikaa mariif yoo wal argan waliigaluuf abdii guddaan jira jetti

    Qondaalota Ameerikaa fi Paakistaan

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalota Ameerikaa fi Paakistaan

    Paakistaan ​​Ameerikaa fi Iraan Islaamaabaaditti mariif yoo wal argan waliigalteerra ga'uu akka danda'an abdiin jira jetti.

    Marii kanaaf Islaamaabaad keessatti qophiin taasifamaa jira. Har'aa fi boruu manneen barnootaa fi waajjiraaleen cufamanii jiru. Daandiiwwan magaalattii yeroo baay'ee konkolaattotan dhihatu kan naannawa bakka qamoolee mootummaa fi Imbaasiiwwan hedduun argamanitti cufamanii jiru.

    Dhukaasa dhaabuun Paakistaan ​​gidduu seenuun qopheessite ammumarraa akka dadhabatti ibsameera. Keessattuu haleellaan Israa’el Libaanos irratti raawwattu dhaabachuu dhabuun isaa qeeqni akka ka'uu fi walgalteen kun kufuu danda'aa kan jedhutti shakkii uumera.

    Ministirri Muummee Paakistaan ​​Shehbaz Shariif ibsa waliigaltee kana ilaalchisuun kennaniin, gama lameenii fi michoonni isaanii “Libaanos dabalatee bakka hundatti hatattamaan dhukaasa dhaabuuf” waliigalaniiru jedhan. Haa ta'u malee Israa'elii fi Waayit Haawus Libaanos qaama waliigaltee kanaa akka hin taane ibsan.

    Taateewwan Libaanos keessatti raawwataman marii Paakistaaniif ​​yaaddoo ta’uun isaanii ifaadha. Ministirri dhimma alaa Iraanis ta'ee Pirezidaantiin Iraan lamaan isaanii iyyuu Labaanos waligaltee kana keessatti hin hammatamne taanaan mariin gatii hin qabuu jedhaniiru.

    Paakistaan ​​ejjennoo Ameerikaa fi Iraan gidduu garaagarummaan guddaan jiraatus Islaamaabaaditti yoo wal argan walitti dhihaachuu akka danda’an abdiin qaba jetterti

  9. Waliigaltee dhukaasa dhaabuun booda dooniin sagal Ulaa Hormuuz keessa darban

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, MarineTraffic

    Mootummaan Iraan dooniin Ulaa Hormuuz keessa akka darbu eeyymuusaaf ammallee shakkin itti fufee jira.

    BBC Verify doonii hangamtu ulaa kana keessa darbaa jira kan jedhu hordofaa jira.

    Teeknolojiin sochii dooniiwwanii hordofu MarineTraffic jedhamu dhukaasa dhaabuun booda dooniiwwan sagal ulaa kana keessa darbuu yoo himu isaan keessaa lama taankaroota keemikaalaafi boba'aa baatanidha.

    Waraanni otoo hin jalqabiin dura gidduugalaan dooniiwwan 138 guyyaa guyyaan ulaa kana keessa darbu ture jedha odeeffannoon sochii dooniiwwanii qoodu Joint Maritime Information Center.

    Haa tahu malee waraanni kuni sochii kana sadarkaa dhaabateera jedhurra geessiseera, dooniiwwan 800 tahan naannichatti dhaabatanii hafaniiru.

  10. Ilhaan Omaar Tiraamp aangorraa akka kaafamu ammas waamicha dhiyeessite

    Ilhaan Omaar

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ilhaan Omaar

    Yeroo hedduu Pirezidaantii Ameerikaa Doonald Tiraamp waliin kan wal qeeqxu bakka buutuun paartii Dimookiraatotaa Minnesotaa Ilhaan Omaar Pirezidaantichi aangorraa kaafamuu akka qaban waamicha cimsiteerti.

    Ilhaan atakaroo waraanaa Iraan waliin taasisuufi doorsisa inni taasisuu eeruun tooraa miidiyaa hawaasaa X irratti akka barreessitetti doorsisni Tiraamp kan nagaa fidu utuu hin taanee ''haasaa baay'ee hamaa nama dhukkubsu'' jette.

    Kanaaf ''Doonaald Tiraamp aangoo irraa kaafamuu qaba,'' jetteetti. Itti dabaluunis "Miiltoowwan koo Rippabilikaanotaa yoom isa aangoo irraa kaasuu danda'u?. Namni maraatan kun biiroo sana keessaa baafamuu qaba'' jechuun waamicha dhiyeesssiteerti.

    Torban tokko keessatti Ilhaan pirezidaantichi aangoo irraa akka kaafaman gaafachuun kun yeroo lammataati.

    Gabaasa guutuu asii dubbisaa .

  11. Pirezidantiin Iraan ''qubni keenya ammayyuu qaataarra jira'' jechuun Israa'eliin akeekkachiise

    Masuud Pezheekshiyaan

    Madda suuraa, Iran's Presidential website/WANA (West Asia News Agency)/Handout via REUTERS

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezheekshiyaan Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsaa jirti jechuun himate. Haleellaa Iraan Libaanosirratti raawwattun waliigaltee gahameef bitamuu dhabuuf ''agarsiistuu hamaadha.''

    Yaadni Pezheekshiyaan kun kan dhagaahame waraanni Israa'el haleellaa jabaa haleellaa qilleensaa 100 dabalatu Libaanos irratti raawwachuu beeksisuu booda. Ministirri Muummee Benjamiin Netaaniyaahuu gama isaan Israa'el yeroo fi haala barbaachisaa ta'e hunda keesatti Hezbollaa haleeluu itti fufti jedhe.

    Masuud yaada X gubbaa qoodeen Libaanos haleeluu itti fufuun ''mariin nagaa hiika akka dhabu godha'' jedhe. Dabaluun ''qubni Iraan ammallee qaataarra jira'' jedhe.

    Gama kaaniin ammoo dubbii himaan Paarlaamaa Iraan ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun gatii guddaa baasisa, deebii jabaas qaba'' jedhe.

    Mohaammad Bager Galibaaf ''Libaanos qaama waliigaltee keessaa adda bahuu dandeessu miti'' jedhe. Kana haaluufi duubatti deebisuuf iddoon hin jiru jedheera.

    ''Halaleellaa baname atattamaan dhaabaa'' jechuunis dubbate.

  12. Erga waraanni jalqabee Iraanitti namni 3,000 ol lubbuu dhabe

    Iraan lafa haleellaan itti raawwate

    Madda suuraa, Reuters

    Miidiyaan Iraan dhaabbata Fooreensikii biyyattii Abbaas Maasjeedii jedhamu eeruun erga Israa'eliifi Ameerikaan Iraan haleeluu jalqabanii namni 3,000 lubbuu dhabuu hime.

    Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Human Rights Activists News Agency(HRANA ) teessoonsaa Ameerikaa tahe hamma Ebla 7tti namni 1,701 ajjeefamee isaan keessaa daa'imman 254 tahuu hime.

    Dhaabbati HRANA jedhamu kuni loltoonni 1,221 ajjeefamuu himee kanneen keessaa 714 eenyummaan isaanii hin baramne jedhe.

    Miidiyaaleen eeyyama waan hinarganneef waan Iraan keessa adeemu gabaasuuf rakkataa turan.

  13. Neetaniyaahuun, Israa'el bakka feete kamuu haleellaa itti fufti jechuun akeekkachiise

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el haleellaa Libaanos keessaa hin dhaabu jetti

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu, Israa'el "yeroo feete kamuu" Hizboolaa haleeluu itti fufti jedhan. US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii guyyaa tokkodha.

    Israa'el guyyaa dura dhukaasa dhaabuun haleellaa Libaanos irratti raawwatamu, hin ilaallatu jettee turte. Iraan garuu, haleellaan Israa'el itti fuftee jirtu "sarbama olaanaa" waliigaltichaati jette.

    Neetaniyaahun "Ergaan keenya ifa:Uummata nagaa Israa'el kan tuqu kamuu ni haleella" jedhe.

    "Hanga nageenya jiraattota kaaba Israa'elii mirkaneessinutti Hizboollaa yeroo barbaachisaa ta'e kamittuu ni haleella."

    Humni Waraanaa Israa'el (IDF) dubrii barreessaa olaanaa Hizboolaa Naa'im Qaasim kan ta'e Alii Yusuuf Harshii ajjeesuu ibsee ture booda dubbii kana dubbate Netaaniyaahuun.

  14. Faransaay haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwattu balaaleffatte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Har'a ganama,Ministirri Dhimma Alaa UK Yvette Cooper haleellaa Israa'el Libaanos irratti raawwattu dogoggora tasa fudhatama hin qabne jedhan.

    Haleellaa Israa'el kana awurooppaarraa balaaleffannaa hedduutu mudata jira.

    • Ministirri Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Jean-Noel Barrot haleellaa Israa'el "fudhatama kan hin qabne" jedhan. Iraan niwukilarii hidhachuu dhiisuu qabdi, kanneen hidhannoon deeggartu kan akka Hizboolaa fi Haamaas hidhachiisuu dhaabuu qabdi jedhan.
    • Haleellaan Israa'el "fudhatama kan hin qabnee fi waliigaltee galames kan busheessu" jedhu.
    • Ministirri muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelonii :"Bakka duubatti hin deebinerra geenyeerra, garuu, waliigalteen nagaa kun amansiisaa miti, kutannoo barbaada jedhan.
    • Ispeen immoo Imbaasii ishee Teehraan irra deebin ni banti jedhan Ministirri Dhimma Alaa biyyatti Joosee Maanu'eel Albaareez. Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu balaarra buusaa jirti, seera idil-addunyaas sarbuu dha jedhan.
  15. Wantoota ijoo ministirri Iraan BBC'tti dubbatan

    Ministirri Itti aanaa Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawaan Iraan haleellaa Israa'el Libaanos keessa raawwattu qeequ

    Ministirri Itti aanaa Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh sagantaa BBC Today waliin addatti turtii taasisaniiru.

    • Ameerikaan nagaa fi waraana keessaa "filachuu qabdi" jechuun dubbatan. ''Erga takkaa lamaan isaa hin qabaatan,'' jechuun himan.
    • Aangawaan Iraan kuni isa Israa'el Libaanos keessatti haleellaa raawwattu jabeessanii mormaniiru.
    • Haleellaan Israa'el Libaanos keessatti yoo itti fufe Iraan marii nagaa keessaa baati jedhamanii gaafatamnaan ''Nageenya Giddugala Bahaa hundarratti xiyyeeffanne'' jedhan.
    • BBC'n Hezbollaan gara Israa'el akka rokeetii hin dhukaasne Iraan ni gaafatti jedhee gaafateera. Aangawaan kuni waliigalteen kuni Libaanosis akka hammatu ibsun Iraan fi michuuwwan ishee ''[waliigaltee] dhukaasa dhaabuu'' fudhachuuf fedhii qabu jedhan.
    • Ministirri Itti aanaa Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh dooniiwwan UIaa Hormuz keessa akka nagaan bahan Iraan tumsa akka kennitu ibsan.
    • Haa ta'u malee, Ulaan Hormuz kan banamu ''Yunaayitid Isteet weerara yoo dhaabde'' qofaadha jedhan. Yaadi isaanii kuni isa Israa'el Libaanos keessa haleellaa raawwattu akeeka.
  16. MM UK Kiir Istaarmar dhimma waraana Iraan irratti dubbachuuf UAE dhaqan

    Kiir Istaarmar Abudaabiitti yoo simataman

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Kiir Istaarmar Abudaabiitti yoo simataman

    Ministirri Muumee UK Kiir Istaarmar dhimma waraana Iraan irratti marii gochuuf Yunaayiti Arab Emieets seenan.

    Bariitee dhukaasi dhaabbate Baha Jiddu-galeessaatti kan imalan Istaarmar, haleellaan Israa'el Libaanos irratti raawwachaa jirtu "sarbama hamaa " waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti raawwatamu jedhan.

    Sa'aatii 24 darbetti qofa Israa'el Libaanos keessatti namoota 203 ajjeefte jedhe ministeerri fayyaa Libaanos.

    Israa'el haleellaa akka raawwanne haalti.

    Istaarmar Ilma Mootii Saa'udi Arabiyaa Mohammad Biin Salmaan waliinis Jiddatti wal arguun mari'atan. Pireezdaantii UAE Mohammad Biin Ziyaad waliin wal argu jedhama.

    Kiir Istaarmar fi Mohammad Bin Salmaan

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Kiir Istaarmar fi Mohammad Bin Salmaan
  17. Mariin dhukaasa dhaabuu Iraan keessatti kanneen mataa jabaatan maaf hin gammachiisu?

    Deeggartoota hayyoota amantaa Iraan Addababaayii Teehraan irratti

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoota hayyoota amantaa Iraan Addababaayii Teehraan irratti

    US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii reefu guyyaa tokko. Bulchitoonni Rippaablika Islaamaa, mataa jabaatan barjaa guddaa magaalaa guddoo biyyattii walakkeessa kaayanii turan.

    "Ulaan Hormuuz akka cufametti tura," jedha.

  18. Itoophiyaan biyyoota kamirraa boba'aa galfatti?

    Doonii fe'uumsaa naannawa baha giddu galeessaa keessatti

    Madda suuraa, GCC

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii fe'uumsaa naannawa baha giddu galeessaa keessatti

    Itoophiyaan erga waraanni Baha Giddu Galeessaa eegalee yeroo lama daballii gatii boba'aa taasiftee jirti.

    Daballii qofaa utuu hin taane hanqinni guddaan uumaamee konkolaatotni magaalota heddu keessatti hiriranii mal'atu.

    Guyyaatti gara boba'aa barmeela kuma 60 hang kuma 100 kan fayyadamtu Itoophiyaan erga ijaarsi buufata xiyyaraa Bishooftuu eegalee ammoo harka muraasa daballiin mul'ateera.

  19. Ergaan Iraan Waayit Hawusitti ergite maali?

    Itti-aanaa Ministira Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Itti-aanaa Ministira Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh

    Lama jaalachuun hin ta'u jechuun Iraan Amerikaatti ergaa dhaamte.

    Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh eda galgala gara masaraa US'tti ergaa Iraan dhaamte akkana jedhan; ''Erga takkaa keekis qabaachuus, nyaachus hin dandeessu.''

    Dabaluunis, ''Dhukaasa dhaabuuf gaafattee ittiin waliigaltee , achii Libaanosittimmoo michuun keessan ajjeechaa jumlaa eegalte,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

    Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwataa jirtu ''duguuggaa sanyiitti qixxaata'' jechuun dubbatan.

    Israa'el isa US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf waliigalan akka deeggartu ibsiteetti. Ammoo Libaanos keessa dhukaasa hin dhaabu jette.

    Libaanos keessatti qiyyaafannoon ishee hidhattoota Hezbollaa kan Israa'elitti rokeettii dhukaasan ta'uu dubbatte.

  20. Iraanirraa hirmaattonni marii nagaatiif gara Paakistaan imalan

    -

    Madda suuraa, Embassy of IR Iran Pakistan @IraninIslamabad

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Shakkiin Israa'el "irra deddeebin dhukaasa dhaabuu sarbuu" akkuma jirutti ta'ee, Iraanirraa hirmaattonni marii nagaa gara Paakistaan imalaniiru.

    Jilli Iraan har'a gara Paakistaan imaluu eegaluusaa Paakistaanitti ambaasaaddarri Iraan mirkaneessanii jiru.

    Gama Ameerikaan marii kana kan dursu Pireezdaantii itti aanaa JD Vaansi. Jilli gama lachuu Sanbat-duraa wal argu.

    Paakistaanitti Ambaasaaddarri Iraan, Reza Amiri Moghadam, ergaa X irratti maxxanseen, mariin kun gama Iraaniin qabxiilee ijoon 10 marii kanaaf qophaawani jedhan. Qabxiileen kunneen ifatti maal maal akka ta'an iftoominni hin jiru.

    Moghadam mariin kun shakkiin uummanni Iraan irra deddeebiin dhukaasa dhaabuu Israa'el sarbitu osuma jiruu itti seename" jedhan. Israa'el carraaqqii dimookraasii danquu ishee ibsan.