Tiraampiin aangorraa buqqisuuf duulli eegalame maali?

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantin Ameerikaa Doonald Tiraamp erga marsaa lammaffaaf gara aangotti deebi'ee utuu waggaa tokkollee hin guutiin, gaaffiin aangorraa buqqisuu jedhu heddummataa jira.
Haalli amma Tiraamp itti jiru demookiraatota qofaa utuu hin taane deeggartoota isaa fi Reppablikaanotattillee waan bitaa gale fakkaaata.
Kanneen kana dura cichaanii yaada isaa deeggaraa turan hedduun amma Demokiraatota waliin hiriiruun isa mormuu eggalaniiru.
Amma iyyanni lammiilee Ameerikaa hedduu, garee mirgaaf falaman, Paartilee siyaasaa fi kanneen biroo irraa ka'aa jiru duula Tiraamp aangorraa buqqisuu jedhu kana cimsaa jiru.
Duulli kun ammoo carraaqqii haaraa walakkeessa tarmii bulchiinsa Pireezdaantichaa irratti kongireesii Ameerikaa hojirraa oolchuu akka ta'uuf gaafachaa jiru.
Iyyannoo fi duulli jalqabe kun gara tarkaanfii kongireesiitti ce'uu danda'aa kan jedhu garuu ammallee gaaffidha.
Haa ta'uu malee Tiraamp mataan isaa yoo Reppaablikootni laafan Demookiraatootni na buqqisuuf duubatti hin jedhan jechuun dubbateera.
Kanaafis akeekkachiisa paartii isaanii Rippabilikaanotaaf kennaniin, filannoo walakkaa bara 2026 irratti rippablikootni baay'inaan injifachuun barbaachisaa ta'uu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garewwaan hedduun pirezdaantichi hoggansa keessatti itti gaafatamummaa dhabuun himataa kan jiran yoo ta'u kaan ammoo mallattoo namootaa walitti qabaa jiru.
Dhabbanni 'Change.org' jedhamu hanga ammaatti mallattoo kuma 98 ol walitti qabuusaa ibseera.
Kanneen biroo akka Tiraamp buqqa'u gaafataa jiran aangootti fayyadamuun, gocha seera dimokiraasii diiguu fi yakkoota biroo gochaa jiru jedhu.
Ta'ullee dhiibbaan kun ammallee mormii guddaa kan qabu, dhimma siyaasaa wal xaxaa fi rakkisaa ta'eedha.
Ameerikaa keessatti aangoo irraa kaafamuun adeemsa heera mootummaa keessa jira. Garuu Tiraamp akka salphaatti nama harka kenneatu hin fakkaatu.
Xalayaan Tiraamp Dilbata darbe Ministira Muummee Noorway Jonas Gahr Stoere'f barreesseen ammoo heddu biratti qeeqa kaasera.
Xalayichaan Tiraamp''waraana saddeet fi sanaa ol dhaabsisuu kiyyaaf Badhaasa Noobelii Nageenyaa na dhowwachuu wayitan yaadu, kanaan booda waa'ee nageenyaa irratti xiyyeeffannaan hojjechuuf dirqama akkan hin qabnetu natti dhaga'amaa,'' jedhe.
Seera pirezedantii aangoorraa buqqisuu eeyyamu
Heera mootummaa keewwata 2 keewwata xiqqaa 4 jalatti Pirezidaantiin ykn aanga'aa olaanaan Ameerikaa hojii isaa sirnaan hojjachuu akka hin dandeenye yoo mirkanaa'e aangorraa buqqifamuu jedha.
Seerri kun Pireezidant Tiraamp gaafatama isaanii bahachuu dhabuu isaanii ragaan yoo mirkanaahee aangoo isaanii itti aanaa isaanitti dabarsanii akka kennan dirqisiisa jechuudha.
Mana Maree Bakka Bu'ootaa pireezdaantichi bulchuu waan hin dandeenyeef ykn itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahachuu hin dandeenyee jedhee yoo seenetii beeksise, senaarinis dhimmicha mirkaneesse aangorraa ni buqqifama.
Pireezdaantichi yoo moorme ammo Koongireesiin akka murtee dabarsu ta'a. Sagaleen Seneetii fi Mana maree bakka bu'ootaan kennamu kamuu calmaa harka sadii keessa lamaa argachuu qaba.
Tiraamp bara bulchiinsa isaanii jalqabaa himanni fi duulli wal fakkaataan sababa hokkora Kappitol Hiilitti hokkora kakkasaan jedhuun irratti gaggeefamaa ture.
Tiraamp Seenaa pireezdaantotaa Ameerikaa keessatti kan yeroo lama aangorraa akka buqqifaman mana mareetiin gaafataman isaan jalqaabaati.
Jalqaba bara 2019tti Yukireen waliin walitti dhufeenya qabaachuu isaaniitiin, achiis bara 2021 haleellaa Amajjii 6 Kaappitoolii keessatti jeequmsa kakasaniiru jedhamuun irratti dhiyaate.
Duuala amma sadarkaa qondaaltootaa fi lammileetti eegalame kun guddatee gara Mana mareetiin taasifamuutti kan ca'u yoo ta'e yeroo 3ffaaf ta'a jechuudha. Seenetiin garuu yeroo lamaaniyyu murteessee aangorraa hin buqqifne.
Yaadni aangorra buqqisuu bara 2026 kun jabaataa dhufe erga haalli siyaasaa Tiraamp taasisaa jiran akka malee addunyaa raaseen booda.
Amma Tiraamp biyyi waliin atakaroo keessa hin galle muraasa.
Biyyoota Awurooppaa dabalatee hedduun ammo giddu seentummaa biyyoota adda addaa fi sochii biyyota fudhachuuf Tiraamp taasissaa jiru irratti mormii cimsaniiru.
Qeeqa murtii imaammata alaa irraa kaasee hanga waa'ee aangoo raawwachiisummaa seeraan ala fayyadamuu mallatteessuttu balaa hamaa takkaa Ameerikaa hin muudanneetu ta'ee kanneen jedhan heddudha.
Messensotni mana maree bakka bu'oota ummataa Ameerikaa gariin iyyata aangoo irraa buqisuu ka'aa jiru xiyyeeffannaa keessa galchuun qorannoon akka taasifamu gaafataa jiru.
Seenaa keessatti Pirezidaantonni Ameerikaa sadii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin aangoo irraa kaafaman seenatii gaafate keessa Andireew Joonsan (1868) , Biil Kilinton (1998) , fi Doonaald Tiraamp (2019, 2021)dha.
Haa ta'u malee, tokkollee Seenetiin yakkamaa ta'ee aangoo irraa kan kaafame hin jiru.
Riichaard Niiksan bara 1974tti himanni aangoo irraa kaafamuu isa mudate ture sagalee mana dura aangoo gadhiisan.














