Diinni Israa'el Libaanos keesatti argamu Hezboollaan eenyu, akkamiin hundeeffame?

Madda suuraa, Getty Images
Aanga'oonni Israa'el tarkaanfii tibban raadiyoowwan quunnamtii dhoosuudhaan haleellaa Hezboollaa irratti raawwataniin kan boonan fakkaatu jedha xinxalaan BBC Jaremii Booween.
Israa'el tarkaanfii bal'aa fudhachu kan eegaltes meeshaalee quunnamtii peegarsi jedhamaniifi raadiyoowwan quunnamtii dhoosuudhaan.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el ibsa gaazexessitootaaf guyyaa Wiixataa kennaniin, haleellaa biyyisaanii raawwattee wayita leellisan dhagahaman.
''Guyyaan har'aa cimaadha... Torbeen kun Hezboollaan erga hundeeffamee torban isa hamaadha. Bu'aaleen ofiisaaniitiin dubbatu.''
Ministirichi akka jedhaniitti, Israa'el haleellaa raawwatteen rookkeettiiwwan Hezboollaa kumaatamaan lakkaa'aman kanneen lammiilee Israa'eli ajjeessuuf qophaa'an barbadaa'u himan.
Adeemsa keessa Libaanos Israa'el daa'imman 50 dabalatee lammiileeshee 550 ol ajjeesu himte.
Kunis walakkaa baayyina namoota bara 2006 yeroo Israa'eliifi Hezboollaan baatii tokkoof waraana cimaa gaggeessan ajjeeffamaniiti.
Haleellaa bal'aa Israa’el tibbana magaalota Libaanos keessatti banteen, yoo xiqqaate lammiileen Libaanos 600'tti dhiyaatan ajjeefamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa’el haleellaan cimaan kun Hezboollaa waan barbaade akka hojjetu dirqisiisuun aarii guddaa waan itti uumuuf hogganaan isaa Hasan Naasraallaa fi michoonni isaa fi deeggartoonni isaa Iraan keessa jiran gatii diddaa garmalee olka’aa ta’uu murteessu jettee amanta.
Namoonni siyaasaa fi jeneraalonni Israa’el injifannoo barbaadu. Waraana waggaa tokkoof ta'uuf deemuun Gaazaan barbadooftuu taatee jirti. Loltoonni Hamaas ammallee ulaawwan lafa jalaa keessaa bahuun loltoota Israa’el ajjeesuu fi madeessaa akkasumas ammallee booji'amtoota Israa’el qabatanii jiru.
Hamaas Onkoloolessa bara darbe Israa'el naasuu keessa galche. Israa’eloonni Hamaas akka balaa guddaatti hin ilaalle, kunis bu’aansaas hamaa ta’e. Libaanos kanarraa addadha.
Humni Ittisaa Israa’el (IDF) fi dhaabbanni basaasaa ishee Moosaad lola itti aanu Hezbollaa irratti gaggeeffamuuf karoorfachaa kan turan erga waraanni bara 2006tti xumuramee qabee ture.
Hogganaan Israa’el, Ministirri muummichaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu, haleellaan ammaa kun kaayyoosaa labsame, kan madaallii humnaa Hezboollaa irraa hirriisuutti tarkaanfii guddaa agarsiisaa jira jedhanii amanu.
Neetaanyaahuun Hezbollaa daangaa irra darbee gara Israa'elitti rookkeettii dhukaasu akka dhaabuu barbaada. Haaluma walfakkaatunis, waraanni Israa’el karoorrisaa Hezboollaan daangaa irraa booddeetti akka deebisuu dirqisiisuu fi dhaabbilee waraanaa kanneen Israa’el'tti yaaddoo ta’an barbadeessuu akka ta’e dubbata.

Madda suuraa, Reuters
Hezboollaan eenyu?
Hezboollaa jechuun Paartii Waaqayyoo(Allaah) jechuudha.
Hezbollaan dhaabbata siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaa Islaamaa Shi'aa Libaanos keessatti aangoo guddaa qabudha. Gareen kun Israa'el akka diinaatti ilaala.
Garee Hezboollaa Israa'el lafa Musliimaa dhuunfattee jechuun ''lafarraa balleessuuf'' waamicha dhiyeessee ture.
Kanana dura hidhattoota Hamaas tumsuuf rokkeettii gara Israa'elitti dhukaasaa tureera. Tobba kana ammoo Israa’el waliin lolatti jira.
Gartuun hidhattoota Hezboollaa jalqaba bara 1980 keessa yeroo Israa’el Libaanos qabatte tumsa Iraaniin hundaa’e.
Haata’u malee, hundeen ilaalcha Hezbollaa bara 1960 fi 1970 keessa Islaamummaan Shi'aa Libaanos keessatti dagaagu wajjin hidhata qaba.
Bara 2000 Israa’el Libanos keessaa erga baatee booda Hezbollaan hidhannoo hiikkachuu diduun, damee waraanasaa Fincilaa Islaamaa(Islamic Resistance) cimsachuu ittifufe.
Hezbollaan amma dandeettiin horate hidhannoo waraanni Libaanos bara 2006 duula Israa’el waliin gaggeessetti gargaarame ni caala.
Garichi Libaanos keessatti humna guddaa horateera.
Hezbollaan sirna siyaasaa Libaanos keessattillee sudadaan garee dhiibbaa uumu ijoo ta’eera.
Kaabinee biyyattii keessatti otoo hin hafiin aangoo furtuu ta’e qabate.
Gartuun kun Israa’el fi Jiwishootarratti haleellaa boombii raawwachuu fi shira addaan hin cinne xaxuun himatama.
Biyyoonni Lixaa, Israa’el, biyyoota Arabaa naannoo Galoo Galaanaa Galf fi Liigiin Arabaa, Hezbollaa shororkeessaatti ramadaniiru.
Lammiileen Libaanos muraasnillee Hezbollaa akka qaama tasgabbii biyyattiif balaa ta’etti ilaalan jiru, hawaasa Islaamummaa Shi’aa hordofan keessatti garuu yeroo hunda ni jaallatama.
Waggootaaf wal qoccolaa kan turan yoo ta'u erga waraanni Israa'elii fi Gaazaa eegalemmoo rokeetti hedduu walitti dhukaasaa jiru.
Gareen hawaasummaa Islaamaa Shi'aa hidhatee fi dhiibbaa guddaa geessisuu danda'u kun paarlamaa Libaanos keessattilee sagalee guddaa qaba.
Kana malees, biyyota diina Israa'el ta'an irraa deeggarsa cimaa qaba. Garichi Israa'el lafa Musliimaa dhuunfattee jechuun akka diinaatti ilaala, carraa argate hundaan Israa'el dhabamsiisuu fedha.
Wayita waraanni Gaazaa fi Israa'el giddutti adeemsifamaa jiruufi waraanichi gara naannoo biraatti babal'achuu danda'a jedhamee sodaatamaa turetti rookkeettii dhibbaan lakkaa’aman gara kaaba Israa’elitti dhukaasuun hisraa'el irratti haaloo ba'aa ture.
Israa’el iddoowwan Hezbollaan deeggarsa guddaa qabu jedhu irratti xiyyeeffachuun keessumaa Kibbaa fi qarqara kibba Beerut irratti torban kana tarkaanfii jabaa fudhartaa jirti.
Biyoonni biroo waraana kana duuba jiran kami?
Ameerikaa fi Iraan boyyoota lamaan adda durumman lola kan duuba jiran akka ta'e ni himama. Muddama tibbana hammachaa jiru kan hordofee balan cimaan ga'u jiraachuu akka danda'u hubachuu isaanii irra deddeebiin ibsaniiru.
Ameerikaan Israa'el hidhattoota Gaazaa fi Hezboollaa nannawa baha godii galeessati akka dhabamsiiftuuf deeggarsa malaqaas ta'e meeshaa waraana gara Isra'elitti guurti.
Iraan ammoo humna hidhatoota Hisbollaa cimsuun Israa'el akka haleelaniif deeggarsaa taasifti.
Kana malees, haleellaa qilleensaa Ebla 2024 qoonsilaa Iraan Damaasqoo, Sooriyaa irratti raawwatee fi ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haniyeh ji’a Adoolessaa darbe keessa Tehraan keessatti Israa'el raawwatteef deebii Iraan Israa’eliif kennuu barbaaddu hin qabbanoofne.

Ameerikaan dubbiin kun yoo kan jabaatu taate Israa’eliif deeggarsa hin dhaabbanne kan taasiftu ta'uu ishee fi mudama kana itti dhiyeenya hordofaa jiraachuun ishee waraanicha duuba boyyota adda durummaan jiran keessaa tokko ishee taasisa
Hisbollaan misaa'ela farra xiyyaaraa fi farra doonii, akkasumas misaa'ela ergama adda qabu kan Israa'el keessattigadi fageenyaan rukutuu danda'u akka qabutu himama.
Waraana kana hordofee lammileen Kaaba Israa'el kuma 65 ol qe'ee isaanirraa baqachuun da'oo baqanna keessa buufatanii jiru.
Kana malees,biyoota deggartoota garee Hisbollaa ta'an akka siiriyaa irraa haleellaan biroo israa'el eeggata.
Kunimmoo biyootni lixa deeggarsa barbaachisuun Israa'el maddii akka dhabbatantu eegama. Hirmaannan biyoota adda addaa waraanicha keessatti dabalamuun ammoo ibidda irratti boba'aa dabaluudha.













