Israa'el-Libaanos: Waraana hamaa moo waliigaltee hadhaa'aa dhukaasa dhaabuu ta'u mala?

Ambulaansii tokko Fulbaan 17 bara 2024 Libaanos magaalaa Beerut keessatti taatee meeshaalee raadiyoo qunnamtii miseensota Hizbullah irratti raawwatameen booda Giddugala Yaalaa Yunivarsiitii Beerut geesse.

Madda suuraa, Shutterstock

Daandiiwwan magaalaa guddoo Libaanos Beerut irratti namoonni haleellaa biraa akka hin muudanne of eeggannoo fi yaaddoo guddaadhan mobaayila fi meeshaalee biroo fayyadamaa jiru.

Waraana Israa'elii fi Hezbollaa Libaanos keessaa fi deeggartuu ishee Iraan gidduutti taasifamuuf balaan guddaan naannoo sana weeraruuf deema.

Kibxata darbe guutuu Libaanos keessatti peejiroonni ykn raadiyoo qunnamtii kumaatamaan lakkaa’aman dho’uun,namoonni 37 du'uun, 2,600 ol ammoo madaa'aniiru. Roobii darbes dhohinsi biraa miseensota Hezbollaa irratti xiyyeeffate raawwatame.

Israa’el haleellaa kana raawwachuu amanuu baattus Israa'el haleellaa kana duuba harki ishee akka jiru ni amanama.

Roobii darbe Ministirri Ittisaa Israa'el Yo'av Gallanti ''waraana kana keessatti boqonnaa haaraan '' akka jalqabame beeksisan.

Libaanos keessatti maaltu itti aansee ta’uu akka danda’u ilaalla.

1. Israa'el Hezbollaan haleellaa kanaan akka dadhabe amanuun, injifannoo 'murteessaa' abdattee caalaatti haleeluu

Sodaan waraana guddachaa dhufe hordofee, Ministirri Fayyaa Libaanos Firas Abihad Libaanos bala hamaa dhufuuf qophaa’uu qabdi jedhu.

''Waan hamaa dhufuu danda'uuf qophaa'uu qabna jedheen yaada,'' jedhe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Haleellaan lamaan tibbana raawwataman, isaan (Israa'el) furmaata dippilomaasii akka hin kaayyeffanne agarsiisa."

"Hanga ani beekutti ejjennoo mootummaa koo ifadha, jalqaba irraa kaasee Libaanos waraana hin barbaaddu jennee amanna."

Xiinxalaan dhimma Arabaa gameessi Ehud Yaari akka jedhutti, ''haleellaan kun Israa’el Hezbollaa fi kuufama bal’aa misaa’ela murteessaa ta’e irratti tarkaanfii murteessa akka fuddhattu “carraa muraasa” uumeera.

Sirni qunnamtii garee kanaa hojiin ala ta'eera, ajajoonni dirree isaa hedduun kan madaa’an yoo ta’u, gariin isaanii haalan miidhamaniiru.

Yaari marsariitii oduu Israa’el N12’f "Haalli amma ta'e kun irra deebi'amee hin raawwatu" jechuun barreessera.

"Salphumatti yoo ilaalle Hezbollaa erga bara 2006 Waraanni Libaanos Lammaffaa xumuramee booda haala hamaa keessa jira."

Gabaasaan dhimmaa waraanaa BBC Pawul Adams amma xiyyeeffannaan waraanaa Israa’el gara kaabaatti kan ce’e fakkata, lolli Gaazaa keessatti itti fufee jira, garuu Israa’el carraa baay’ee hin argamne kana akkamitti fayyadamuuf akka yaadde fi waldhabdeen bal’aan dhufuu fi dhiisuu isaa ammatti waanti ifa ta'e hin jiru jedhe.

2- Hezbollaan Israa’el yoo haleele, Israa’el immoo weerara lafoo Libaanos irratti raawwachuun haaloo ba’uu dandeessi

Hogganaan Hizbollaah Hasan Nasrallah haleellaa Libaanos keessatti raawwatame booda wayita dubbatan.

Madda suuraa, Shutterstock

Hogganaan Hezbollaah Hassan Nasrallah haleellaa Kamisa darbe raawwatameef deebii wayiata kennan Israa’el “daangaa, seera, fi sarara diimaa hunda” darbite jedhan.

Garee hidhate kanaaf haleelichi kan hin baratamne ta'us garuu dandeettiin ajajaa fi walqunnamtii isaa akka hin badne beeksisan. Itti dabaluunis akkamiin akka raawwatame qorannoon eegalamee jira jedhan.

''Yakka waraanaa ykn labsii waraanaa jedhamuu danda'a - maqaan kamuu irratti haa moggafamuun kan maluu fi gocha sanaan wal simuudha, akeekni diinaas kana ture,'' jedhan.

Adabbii haqaa qabeessa akka fudhatanis waadaa galan garuu, deebii kun maal ta'uuf akka jiru kan agarsiisu hin turre.

Gaazaatti dhukaasa dhaabuun yoo hin jiraanne haleellaan daangaa qaxxaamuraa Israa’el irratti raawwatamaa jiru kan itti fufu ta’uu ibsanii, jiraattonni kaaba Israa’el sababa jeequmsa uumameen qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka deebi’an hin hayyamamu jedhan.

Akka Amjad Iraqi sagantaa Baha Giddugaleessaa fi dhimmoota Afrikaa irra hojjatu jedhutti, Israa'el ''kaayyoo ijoo ishee Gaazaa keessatti hin milkeessine.''

Kunis haala mootummaan Israa'el gama kaabaatiin Hezbollaa waliin taasisuuf deemu hubachiisuun ofirraa ittisuuf akka qophaa'an kan taasisuudha jedha.

3. Haleellaan kun Hezbollaa dadhabsiisuun wal dhabdee akka hin uumamne gochuu danda'a

Gabaasaan BBC Baha Giddu Galeessaa Nafiseh Kohnavardi Beerut keessatti haasawa Hasan Nasrallah hordofe, Haleellaan kun miidhaa guddaa qaqqabsiisuun isaa dhugaa ta'uu isaa ibse.

Nasrallan ''qormaata guddaa'' garee kana kanaan dura mudatee hin beekne jechuun ibse. Haalli kun hammam akka isaanitti ulfaate agarsiisa jechuun eere.

Namoonni miidhaman harki caalaan isaanii dargaggoota qaama garee leenjii olaanaa qabaniiti. Ammas wal jijjiirraan dhukaasa biyyoota lamaanii itti fufee jira.

Gareen kun tarkaanfii dabalataa akka hin fudhanne hin dhorku, garuu dhiibbaa uumeera jedhe gaazexeessichi.

Hezbollaah michoota akka qabuu fi michoonni kun Hezbullaah qofa osoo hin taane, Libaanos dabalatee, Iraan, gareewwan Iraaq Shi’aa deggeran, fi Huutii Yaman yaada keessa galchuu barbaachisa.

Miseensi garee waraanaa gargaaraa duraanuu Libaanos keessa jiran gareen isaan deeggaran akka qaban himu.

Gareen kun waggootaaf Sooriyaa keessatti wal tumsaa kan turan yoo ta’u, ammas Hezbullaah deeggarsa isaaniis qaba.

Kanaaf haleellaan Libaanos keessatti raawwatame milkaa’us, Hizbullaah akka gareetti deeggarsa naannoo guddaa qabachuu rippoortarri BBC kun kan eeru.

4. Haleellaan Raadiyoo qunnamtii Libaanos qaama tooftaa bal’aa hin turre

Dhohinsa Peejaroota Libaanos keessatti mudatee hordofee wayita Beerut keessatti namoonni dhiiga arjooman.

Madda suuraa, Shutterstock

Yaadni biraa ammoo, dhaabbati basaasaa Israa’el Mossad, yoo waldhabdeen hunda galeessa ta’e biyya ollaa Libaanos keessatti uumame meeshaalee fayyadamuu danda’u kaa’ee ture jedha, rippoortarri dhimmoota nageenyaa BBC Gordon Corera.

Garuu Hezbullaa waa’ee peejiroota shakkuu waayita jalqabu Mossad, Kibxata peejiroota sana booda ammoo Roobii raadiyoowwan qunnamtii akka balaa geessisan godhe.

Haleellaa kana jalqabuu duuba karoorri bal’aan jiraachuu fi dhiisuu isaa guutummaatti wanti ifa ta'e hin jiru jedha rippoortarri BBC kun

Amjad Iraqi akka jedhutti hojiin peejirootaa fi raadiyoo qunnamtii gara meeshaa dhoo'aatti jijjiiruu waggoota yoo ta'uu baate ji'oota hedduudhaaf hojjetamaa tureera. Amma maaliif akka ta'e gabaasa oduu adda addaa irratti tilmaama keessa galeera.

“Maddeen Oduu fi miidiyaaleen tokko tokko Hizbullaah meeshaaleen kun karaa kamiin akka gara waan balaa geessisutti jijjiramuu akka danda'e bira ga'era jechaa jiru" jedhe.

“Kaan isaanii ammoo, Israa’eloonni waraana Gaazaa keessaa suuta suutaan hir’isaa waan jiraniif, amma gara Libaanositti fuula deebifachuu fi tarsimoo qindaa'aa caalaatti qophaa’uu isaan dandeessu akka qaban dubbachaa jiru.”