Itoophiyaan akkamiin diroonii biyya keessatti oomishuu jalqabde?

Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy dirooniin oomishamu alattis kan gurguramu ta'u dubbatan

Itoophiyaan diroonii waraanaafi tajaajila garagaraaf oolu dur alaa bitaa turte ''yeroo gabaabaa keessatti'' biyya keessatti oomishuu eegaluu Ministirri Muummee Abiy Ahimad himan.

Bulchaan Itoophiyaa warshaa oomisha diroonii 'Sky Win Aeronautics Industries' jedhamu yeroo eebbisan kana kan dubbatan. Diroonii biyya alaattuu gurguruuf qophii ta'uu beeksisan.

Yaada miidiyaa hawaasummaa isaanii gubbaa qoodaniin oomishi kuni kan eegale ''Loluuf miti, lola hambisuuf malee.

''Humna xixiqqoo qabatanii humnoota dogoggoraniif yeroo baay'ee akka itti yaadan gochuufi'' jedhan.

Yoo immoo lola hambisuun dadhabamee lolli eegale ''gabaabsuuf'' kan gargaaran akka ta'an dubbatan.

Itoophiyaan keessumaa waraana Kaaba biyyattiin walqabatee diroonii waraanaa bal'inaan fayyadamaa turte. Inuma dirooniin bifa waraanaa jijjiiruu xinxaltoonni himu.

Lammiilee nagaarratti miidhaa dhaqqabe walqabateenis aangawoonni qeeqamu. Ta'us, aangawoonni Itoophiyaan gara caalu diroonii qabaachuus ifatti dubbataa hin turre.

Haa ta'u malee, booda kana yeroo agarsiisa meeshaalee waraanaa dirooniiwwan mul'ataa turan.

Ministirri Muummee Abiy oomishi xiyyaara nam- maleeyyii faayidaa guddaa akka qabu dubbatan.

''Akka kaleessaa hin kadhannu, nutu oomisha. Akka kaleessaa hin binnu, asumatti oomishna waan ta'ef. Akka kaleessaa xiqqoo miti baay'isuu dandeenya. Nama gahaafi tekonolojiis qabna.

''Biyya keenya tiksuuf ga'umsa guddaa akka qabnu kan mirkaneessudha. Lammiilee Itoophiyaa maraan baga gammaddan,'' jedhan.

Eebbi oomisha diroonii kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu wal himannaan dhagahamaa jirutti mudate.

Jalqaba torban kanas warshaan meeshaa waraanaa Hoomachoo rasaasaafi isnaayiparii dabalatee kaan oomishuu eegaluu MM Abiy himanii turan.

'Waan yaadamu hin turre'

Ministirri Muummee Abiy yaada miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti qoodaniin Itoophiyaatti diroonii oomishuun waggoota muraasa dura ''waan yaadamu hin turre'' jedhan.

Qondaalota waraanaa waliin kana dura bifi waraanaa jijjiiramuufi dirooniifi kaaniin qophaa'uu qabna jennee mari'ata turre jechuun dubbatan.

''Osooma baay'ee hin turiin yeroo muraasa booda yeroo rakkoon nu mudate'' meeshaalee kana ''maallaqa keenyaan hidhachuuf yaaliin goone hin milkoofne,'' jechuun dubbatan.

''Diroonii barbaannu binnee hidhachuufillee salphaa hin turre. Kanneen gurguranis kaanis dhiibbaan nurraan gahu ture.''

Haleellaawwan diroonii bakkeewwan walitti bu'iinsi jirutti hojiirra oolan lammiilee nagaa hedduus galaafatuu dhaabbileen mirgaa himu
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaawwan diroonii bakkeewwan walitti bu'iinsi jirutti hojiirra oolan lammiilee nagaa hedduus galaafatuu dhaabbileen mirgaa himu

MM Abiy kunneen eenyu akka ta'an waan dubbatan hin qaban. Garuu, Itoophiyaan Turkii, Chaayinaafi Iraan fa'i irraa diroonii bituu gabaafamaa ture.

Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa dirooniiwwan eega bitaman boodas akkaataa barbaadameen itti fayyadamuun qormaata ture eeran.

''Har'a ismaart seensarii kan qaban, Hubannoo Nam-tolcheen kan deeggaraman sakattaa waraanaaf, haleellaa raawwachuuf, diroonii ofiin of dhooftu dabalatee Itoophiyaa keessatti oomishamee arguun'' waan guddaa ta'u dubbatan.

Keessumaa ''yeroo gabaabaa keessatti lammiilee biyyaan'' diroonii oomishuu eegalamuu dubbatan. Kunis, ''lammii Itoophiyaafi Afrikaa kamiifuu baay'ee kan nama boonsu, kan nama gammachiisudha.''

Yeroo waraana Aduwaa ummanni waan qabuun loluuf Xaaliyaaniin deebitee yoo dhuftu meeshaadhuma durii loluun laafinaa ta'uufi irraa kan baratamu akka ta'e eeran.

Itoophiyaan diroonii biyya keessa oomishuu eegaluun humna qabnu kan jabeessu akka ta'e amanu.

Diroonii eenyutu oomishaa jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a muraasa dura Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa nageenya, kontiroobaandiifi yakkoota kaan tiksuuf diroonii akka fayyadamuu eegalu himeera.

Inumaa wiirtuu leenjii diroonii eebbisiisuu beeksiseera.

Gara caalu dirooniin bittaan kan alarraa galan turan. MM Abiy dirooniiwwan kuni poolisiis akka gargaaru himan.

''Qormaanni nu quunnamu kamuu yoo jiraate odeeffannoo, haleellaa, sochii diinaa dursanii faana dhahuun fashaleessuufis'' waraanas ta'e poolisiifi tika biyyaaf guddaa akka gumaatu dubbatan.

Qorannoo itti fufuufi gabaa barbaaduun akka barbaachisullee himan.

Ministirri muummee Abiy dubbii isaaniin dirooniin (UAV) warshaa haaraa eebbifameen alatti humna qilleensaa Itoophiyaa fi (Eejansii Odeeffannoo Nageenya Netwoorkii) INSA akka oomishamu himan.

''Dhaabbileen kuni wal hubachuu, wal deeggaruu qabu. Bakka itti wal dorgomanitti wal dorgomu, bakka wal deeggaranitti wal deeggaru.''

Kunis akka caalaatti tekinoloojiin diroonii guddatu taasisa jedhan.

''Humni qilleensaa baay'ee[diroonii] oomisha. Muuxannoos, ga'umsa isaas waan qabuuf. Asittimmoo [diroonii] seensarii jabaa qaban, Hubannoo Nam-tolchee [AI] fayyadamanidha.

''Tokko tokko kan ofumaa dhuka'anidha, kaanimmoo kan haleellaa raawwatanii deebi'anidha,'' jechuunis ibsan.

Kan alaa bitamanirraa maaliin adda ta'u?

MM Abiy dubbii isaaniin wantoota kana dura qormaata turanis eeran.

Dirooniin asitti oomishnu kana dura kanneen Itoophiyaan bittee itti fayyadamturraa wanti adda isaan taasisu waan ijoo lamatu jira jechuun dubbatani.

''Kana dura inni bitnu kan shaakalamu sirrii galaanaarratti waan ta'ef akka Itoophiyaa teessuma lafa olaanaa qaban irratti balali'uu rakkatu.

''Dirooniin keenya garuu kan hojjetamanii shaakalaman 2000m [sirrii galaanaa] ol irratti waan ta'ef lafa gad aanaa gaafa dhaqan kan caalu dalagu.

''Lammaffaa AI dhaan kan deeggaraman waan ta'anif toora kominikeeshini garagaraa qabu. Saatalaayitiis fayyadamu. Akkasumas dirooniin tokkoon tokko anti drone [tekinolojii farra diroonii] qaba,'' jedhan.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa booda kana diroonii hidhate ummataa ifa godheera

Madda suuraa, BAYKARTECH

Ibsa waa'ee suuraa, Humni Qilleensaa Itoophiyaa booda kana diroonii hidhate ummataa ifa godheera

Kunis, gabaa alaatifiis ''baay'ee akka barbaadaman'' isaan godha jedhan.

''Kan alaa galchinu biyya isaaniitti yeroo yaalaman kan dalagan ta'us teessuma lafaa keenyarra dalaguuf rakkatu.''

Inni biyya keessa oomishame garuu teessuma lafaa biyyattiif ‚''mijaa'ee kan qophaa'edha.''

Dirooniiwwan amma oomishaman ''sadarkaa addunyaatti dorgomuu kan danda'anidha. Hojii hunda keenyaa kan ta'u akka qorannoon guddatu gabaa barbaaduu qabna.

''Yoo gabaatti hin baafnu ta'e oomishi guddaa waan jiruuf ni rakkanna. Gabaa diroonii addunyaa keessa seenuu qabna,'' jechuunis himani.

Warshaan meeshaa waraanaa Hoomachoo ‚'boombii diroonii kanaaf ta'u oomisha. Asitti dirooniin [UAV] ni oomishama. Dhaabbileen kuni waliin ta'un gabaa Afrikaatti baasu.

''Kanaaf Itoophiyaan bittuu qofa osoo hin taane kan gurgurtu, eegduu qofa osoo hin taane hojii tekinolojii keessa qooda fudhachuu eegalteetti,'' jechuun himan.

Lafa akkamiitti dirooniin ergamti?

Xiyyaaronni nam-maleeyyii bal'inaan maqaa dirooniin haa waamaman malee waraanaa keessa gara caalu Unmanned Aerial Vehicle (UAV) jedhamanii beekamu.

Meeshaan kuni waraana gurguddaa keessa hojiirra ooluu dura farra-waraana riphee loltootaa ta'un keessumaa dura aantummaan Ameerikaan hojiirra oolu eegale.

Diroononni lafa namaan balali'uun rakkisaa yookiin balaa qaba jedhamutti hojiirra oolu.

Meeshaaleen kuni haleellaa raawwachuu qofa osoo hin taane odeeffannoo walitti qabuu, erguu, basaasa gaggeessuu, akkasumas qorannoo gaggeessu dabalatu.

Waraana Raashiyaafi Yukireen adeemaa jiruun hulaa diinaa baruufi lafa diinni dahate adda baasu. Eegasiis haleellaa waraana guddaa raawwachuuf hojiirra oolaa jiru.

Silaa diroonii malee lubbuu waraana adda baasuuf ergamu galaafata jechuun ibsu ekispartoonni.

Namoota waraanaan dirooniin bakka qiyyaafate akka rukutuutti fudhatama. Haa ta'u malee, gidduutti lammiileen nagaa miidhamuun ijoo dubbii akkuma ta'etti jira.