Mootummaan Itoophiyaa walitti bu’iinsa keessootiif hangam diroonii fayyadamaa jira?

Obbo Nigus Ballaxaa namoota haleellaa diroonitiin jireenyisaanii guyyaa tokkootti miidhaaf saaxilame keessaa tokko.
Haleellaa diroonii Naannoo Amaaraa, Godina Showaa Kaabaatti raawwatameen haadha warraasaanii dabalatee, miseensoota maatii saddeeti akka jalaa ajjeeffaman BBCtti himan.
ALI Guraandhala 11, 2016’tti haleellaa diroonii konkolaataa Ayisuzuu jedhamurratti Aanaa Moojaa fi Wadaraatti raawwatameen, miseensoonni maatii waliin imalaa turan 20 ajjeeffamaniiru.
‘‘Diroonii kuffisee’’ jedhamuu dhagahuun ariitiin bakkicha kan qaqaban Obbo Niguus, ‘‘yoon qaqabu haatii warraakoo kofteen arge. Isaan booda ammo ofiin wallaale. Yeroo sanatti waanan ta’e hin beeku. Xabala seeneen guyyaa 40n booda kanan tasgabbaa’u eegale,’’ jedhan.
Haleellaa diroonii kanarraa mucaan akkoosaatiin baatamee ture kan oolee yoo ta’u, waliin kan turan haadhasaatiifi miseensoonni maatii kaan du’aniiru.
Akkasumas haleellichaan namoonni 18 gara biraa miidhaan irra gahuun gara buufata fayyaa geeffamu madden wallaansa fayyaa mirkanneessanii ture.

Madda suuraa, Anadolu Agency

Magaala Finfinneerraa fageenya kiilomeetira 460 irratti kan argamtu magaalaan Boojii Birmajiitti namoonni 60 haleellaa dirooniitiin ajjeefamuu madden BBCtti himaniiru.
Oggeessi fayyaa dhaabbata wallaansa fayyaa naannichatti argamu keessa hojjatan BBCtti akka himaniitti, guyyaa gabaa bakka namoonni waa bitataniifi gurguran walitti qabamaniitti, haleellaa diroonii raawwatameen kan namoonni 60 ol lubbuusaanii dhaban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataa magaala Biilaa tokko, namoota haleellaa qilleensarraan gaafa Sadaasa 2, 2022 raawwatameen namoota ajjeefaman keessaa tokko ilmasaanii barataa sadarkaa lammaaffaa baratu akka ta'e BBCtti himan.
"Maqaansaa Jawaar jedhama, mana barumsa Boojjii Dirmajii Sadarkaa 2ffaatti kutaa 11ffaa barata ture. Manuma baruumsaa oolee galee ajjeefame" jedhan.
Dabaluunis, "Guyyaa sana lolli homaatuu naannoo keenya hin turre. Naannoo ijoolleen mana baruumsatii bahanitti hoggantoonni [mootummaa] magaala gadi dhiisanii bahaa turan. Namni hunduu maaltu akka uumame waan wallaalef bakkee bahee ture," jechuun haala ture BBCtti himanii ture.
Lubni Waldaa Makaana Iyyasuus ta’aniifi nageenyaaf jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan tokkos gamasanitiin, haleellaa guyyaa sana raawwatameen ilma obbooleettiisaanii dabalatee, yoo xinnaatee namoota guyyaa sana ajjeeffaman 11 awwaaluu dubbataniiru.
Namoota nagaa haleellaa qilleensarraa magaalattiitti gaggeeffameen du'anii ilaalchisee jiraattonni lakkoofsa garaa garaa kan himan yoo ta’u, lubni BBC dubbise garuu, "Yoo xiqqaate namoonni 60 ol ajjeefamaniiru. Aniyyuu mucaan obboleettii kootii kutaa 11 baratu du'ee gadda taa'aa jirra. Mana sadi keessaa nama lama lamatu du'e," jedhanii ture.
Haleellaa diroonii walitti bu’insawwan Itoophiyaa keessatti
Xiyyaarri nama-maleeyyii ykn dirooniin tarii ALI bara 2013 dura baayyee dhagahamee hin beekamu ta’a. Haata’u malee warana cimaa kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffameetti bal’inaan maa’i itti bahamaa ture.
Waggoota darban afur keessattis naannoo Oromiyaafi Amaaraa gubbaatti kaafne dabalatee naannoolee afur keessatti mootummaan haleellaan raawwatamuun lubbuun namoota hedduu baduu ragaaleen ni agarsiisu.
Haleellaan naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti raawwatamu ammalleen kan itti fufe yoo ta’u, manneen barnootaa, waldaalee, eddoowwan gabaa fi buufataalee gabaa dabalatee eddoowwan tajaajila ummataa jedhaman kiyyeeffannaa haleelichaa ta’aniiru.
Itaamaajoor Shuumiin Humnoota Waraana Waliigalaa, Fiildi Maarshaal Biraanu Julaa garuu, ‘‘dirooniin hidhattoota irratti malee ummata irratti hin hin dhukaafamu’’ jechuun himannaa dhiyaatu waakkatan.
Haata’u malee BBN odeeffannoo namoota ijaan arganiifi maddeen gara gara irraa walitti qabeen, keessattuu naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti mootummaan haleellaa diroonii ‘‘qiyyeeffannaa sirrii’’ jedhuun hidhattoota caalaa namoonni nagaa ajjeefamu hubateera.
ALI bara 2013- Amajjii 2016tti haleellawwan diroonii (galmaa’aniifi mirkanaa’an) 144 Itoophiyaa keessatti raawwatamaniiru.

Du’a samiirraa
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa isaa bara 2016tiin haleellawwan namoota nagaa adda hin baafne, ulaagaalee barbaachisaa fi madaalawaa ta’an hin eegganne raawwatamusaanii beeksiiseera.
Komishinichi haleellawwan kanneeniin dubartootaafi daa’imman dabalate namoonni nagaa baayyeen haala sukkanneessaa ta’en ajjeeffamuu naannoolee haleellawwan kunneen itti raawwatame eeruun ‘‘mirgi lubbuun jiraachu sarbameera’’ jedhan.
Haleellaa diroonitiin namoota nagaarra miidhaa olaanaan gahaa jira kan jedhe dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Amanistii Intarnaashinaal, ‘‘Ajjeechaawwan namoota nagaa walitti bu’insa keessatti gahee omaa hin qabnerratti kiyyeeffatan akka jiran gabaasaaleen jiru’’ jedhe.
Ajjeechaan alattis haleellichaan ‘‘bu’uuraalee misoomaa namoonni nagaa itti fayyadaman irra miidhaa olaanaan qaqabaa jira’’ jedhan.
Dhaabbileen ummattoota Oromoofi Amaaraatiif falmiina jedhan haleellaawwan diroonii naannoolee kanneen keessatti raawwatamaniif ‘‘baayyee yaadda’aa’’ akka jiran yeroo gara garaatti ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Adivokeesii Waldaa Amaara Ameerikaatti, Obbo Hona Maandafroot ‘‘haleellawwan diroonii naannoo Amaaraatti raawwatamaniin caalaa kan miidhaman namoota nagaati. Bulchiinsichi bakka namoonni walitti qabamee yoo arguu hidhattoota ta’u danda’u jechuun haleellaa ture’’ jedhu.
Waldichi akka jedhutti, Hagayya 2015 hanga 2016tti naannoo Amaaraatti yoo xinnaatee haleellaawwan diroonii ‘‘mirkanaa’e’’ 80 raawwatmeera. Haleellawwan kanneenis wallakkaan ol ( kan 42 tana) du’a namoota nagaa hordofsiiseera.
Obbo Honaan haleellawwan kanneen namoonni nagaa 400 ta’an ajjeeffamu mirkanneessiineerra kan jedhan yoo ta’u, eenyummaa namoota kanneenis adda baasuu BBCtti himan.
‘‘Haala hunda jedhamuun haleellaawwan diroonni miidhaan kan qaqabsiisan namoota nagaa irraadha. Keessattuu baatiiwwan jalqabaa jahan walitti bu’insichaarratti walitti aansuudhaan haleellaan diroonii sadii fi afur raawwachuun namonni nagaa haala itti ajjeeffaman agarree jirra’’ jedhan.
Akkasumas teessoosaa biyya alaa kan godhateefi kabajama mirga namoommaa irratti kan hojjatu Waldaan Hggansa Legaasii Oromoo fi Advokesii (OLLA)n yeroo waranni Tigraay eegalleerraa qabee haleellaan diroonii ni raawwatama ture jedhan.
Waldichis haleellaan diroonii maneen namoota dhunfaa, yaa’iwwan amanta, manneen barnootaa, sirna gaa’ilaa fi eddoowwan gara biraa ummanni irratti walitti qabamu irratti raawwatamaniiru jedhan.
Irra caalaa lixa fi Kibba Oromiyaa -godinaalee Wallaggaa fi Gujii keessatti haleellawwan diroonii raawwataman kan kaasuu OLLAn, yeroodhaa gara yerootti ammi haleellaa dabalaa fi gara jidduugala Oromiyaattis babal’ataa dhufeera jedhe.
Haleellaawwan diroonni waggoottan darban keessan raawwatamaniin baayyina namoota ajjeffamanii hangas jechuun rakkiisaa ta’ulleen, ‘‘kumaatama ta’u akka danda’u’’ tilamaama kaa’eera.
‘‘…haleellaawwan irra deddebiin raawwatamusaanii, yeroon itti raawwatamuu fi namota haleellaa tokkoo tokkoon ajjeeffaman irratti bu’urreeffachuudhaan lakkoofsi namoota du’anii kuma ta’u akka dand’u tilmaamna’’ jedhan.
‘‘Miidhaan namoota nagaarratti raawwatamu baayyee yaaddeessaadha. Itti gaafatamummaan mootummaa inni jalqabaa ummata miidhaarraa eeguudha. Haata’u malee, mootummaa ittigaafatamummaa kana bahu dhabusaatiin alattis, miidhaa namoota nagaa irratti raawwatamu keessatti gahee qaba’’ jechuun himata.
Naannoo Oromiyaatti haleellaa diroonii raawwatamu ittisuudhaaf hidhattoonni ummata akka dahootti akak fayyadaman dubbata. Keessattuu hidhattoonni miseensoota isaanii haaraa yoo eebbiisiisan, ummata dirqisiisuun akka baasan dubbata.
Haala kana ilaalchisee waldichi akk beeku ibsuun, garuu taateen akkasii hangam baayyee akka ta’e mirkanneessuu akka hin dandeenye kaasa.
Adeemsa faayyadama diroonii Itoophiyaatti
Dhaabbanni idil-addunyaa mirga namaaf falmu, Amanastii Intarnaashinal waggoota darban afur keessatti haleellaan diroonii Itoophiyaa keessatti bal’inaan hojiirraa oolfamu ibsa.
Dhaabbileen walabaa kaan nannoo haleellaan diroonii itti raawwatame xinxaluudhaan miidhaa haleellichi qaqabsiise dubbatu.
Dhaabbanni Addunyaa Armed Conflict Location and Event Data jedhamu fi dhimma walitti bu’insa siyaasaa fi mormii galmeessu tokko, Itoophiyaa keessatti ALI Mudde 2013 hanga Guraandhala 2016tti haleellaawwan diroonii mirkanaa’an 139 raawwatamaniiru jedhe.
Haleellawwan raawwataman jedhaman kunneenis kann naannoolee afur keessatti raawwataman yoo ta’u, isaanis naannoolee biyyattii kaabaa fi jidduugalaa keessatti kan raawwataman jedheera.
Kana keessaayis Nannoon Tigraay waraana wagga lamaaf gaggeeffamee ture keessatti haleellaawwan diroonii gara parsantaa 41 ta’u raawwatameera jedhe.
Waraana kanaan wal qabatees haleellaawwan humnoota Tigraay irratti xiyyeeffatan Amaaraa fi Affaar keessatti raawwatamaniiru.
Waraanni Tigraay waliigaltee nagaatiin dhaabbachuu hordofee, naannoo Amaaraafi Oromiyaa kan mootummaa waraana idlee miti jedhuufi walitti bu’insii keessatti babal’te keessattis haleellaan diroonii raawwatamaa jir.
Dhaabbanni walitti bu’insa hordofu kun ragaa walitti qabeen, hanga Amajji 2016tti naannoo AMaaraatti haleellaawwan 49 raawwatamaniiru. Haleellaawwan kunneenis haleellawwan tibba waraana Tigraayiitti loltoota TPLF irratti xiyyeeffatan kan dabalatu yoo ta’u, kan Amajjii 2016 booda raawwataman hin ammatu.
Waldaan Amaaraa Ameerikaatti buufate, erga naannichatti hidhattoota Faannoofi humnoota motummaa jidduutti walitti bu’iinsi eegalee kaasee, wagga tokko keessatti haleellaawwan diroonii gara 80 raawwataman jedhe. Naannoon Amaaraa keessattuu kutaaleen bahaafi Kibbaa kan irra deddebiin haleellaan diroonii keessatti raawwatameedha jedhe.
Naannoo oromiyaatti ammo haleellaawwan 28 akka raawwataman kan ibse dhaabbanni Addunyaa walitti bu’iinsa waraanaa hordofu, haleellaawwan kunneen irra caalaan kaabaa fi baha naannichaa keessatti raawwatam jedheera.
Barsiisaa fi xinxalaa sirna Odeeffannoo teessuuma Lafaa (GIS), Dr Daani’eel Kaasaahun akka jedhaniitti, gosti haleellaa diroonii raawwatamu kan waan socho’u (dynamic Target) haleeluuf raawwatamudha jedhu.
Oggeessi kunis haleellawwan raawwataman kunnneen kan odeeffannoo lafarra jiru irratti hundaa’an miti jedhu. Siriiyyuu haleellaawwan, ‘‘bifa bineensa adamoof bahu qaba’’ jechuun ibsan.
‘‘Namoonni nagaa baayyinaan konkolaataan ykn konkolaataa fe’umsaatiin fe’amanii imalu danda’u. Kun ammo namoonni kunneen hidhattoota ta’u mala jedhamuun fudhatamu danda’amu. Sababii kanaatiinis haleellaan irratti raawwatamu danda’a’’ jechuun ibsu.
Itoophiyaatti diroonootii haala ilaalcha ija namaa (Visual Signal Range) akka fayyadaman kan kasan oggeessi kun, odeeffannoo fakkii irratti ka’e irratti hundaa’udhaan, haleellaan akka raawwatamu ibsuu. Kunis kan dogongoraaf saaxilameedha jedhu.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa haleellaawwan dirooniidhaan raawwatamaniif ‘‘kiyyeeffannaa walitti qabameefiidha’’ akka fayyadamu dubbateera.
Fiild Maarshaal Biraanu Juulaa bara darbe Faanaa waliin gaaffiif deebii taasisaniin, ‘‘dirooniitti kan fayyadamnu kiyyeeffannaa walitti qabameefiidha. Kiyyeeffannaa walitti qabame jechuun, bakka diinnii waliitti qabame jechuudha. Yoo walitti qabaa finxaaleeyyii arganne ni rukunna’’ jechuun dubbatanii ture.
Haata’u malee qaamooleen mirga namoomaatiif falman ammo dirooniin hidhattoota caalaa namoota nagaarratti kan kiyyeeffateedha ykn ammo namoonni nagaa balaa kanaaf saaxilamtoota ta’aniiru jedhu.
Dr Daani’eel ‘‘Dirooniin kufaa kan jiru finciltoota ummata waliin makame irratti ykn ummata finciltoota jedhamuun shakkame irratti’’ jedhu.
Ofii mootummaan maaliif diirooniitti fayyadamaa? Waan bakkeewwan kanneen gahu hinndandeenyeefii laata? Waanni ummanni naannichaa xiqqaa ta’eefiidhaa?
Haleellawwan diroonii biyyattii keessatti raawwataman, daandiiwwaniifi qubannaa ummataa waliin wal bira qabame yoo ilaalamu, wanti mootummaan meeshaa hammayyaa kana akka fayyadamuuf kakkaaseera jedhamu kan faalleessuudha.
Dr Daani’eel, ‘‘haleellaan diroonii olaanaan kan raawwatame, eddoowwan daandiirraa bitaafi mirgatti fageenya kiilomeetira 10 irratti argamaniifi bakka akka salphaatti gahamu danda’an irratti. Daandii gurguddaa irraa hanguma fagaannee, haleellaawwan diroonii xiqaachaa xiqqaachaa adeema’’ jedhu.
Kanamalees ‘‘haleellaawwan parsantaa 95 ta’an kann raawwataman bakka baayyiinni ummataa olaanaan argamuutti’’ jedhan.
Itoophiyaatti haleellaan diroonii waqtiiwwan guyyaafi bona jedhamurratti ykn yeroo roobni hin jirreetti kan raawwatamuudha. Baatiiwwan Fulbaanaa hanga Amajjiitti jiran irra caalaan haleellaa diroonii kan itti raawwatamu yoo ta’u, baatiin Onkolooleessaa ammo kan haleellaa olaanaan itti raawwatameedha.
Guraandhalaa hanga Adooleessatti sababii waqtii roobaa ta’eef, sababii duummeessaatiin waan baayyee itti hin mullanneefu haleellaan diroonii baatiiwwan kanneen keessatti hin raawwatamu.

Dirooniin maaliif filatamaa ta’e argame?
Dirooniiwwan bocaafi guddinna garaa garaa qabu. Neto’n diroonoota bakka sadiitti ramada.
Diroonii rammaddiin tokkooffaan, isaan xixiqoofi kan harkaan kaafaman, kan hanga kilomeetira 80 balalii’uu danda’aniifi kan sa’aatii sadii qofaaf qilleensa irra turaniidha. Dirooniiwwan kunneen muraasinis hanga ganaa harka namaa gahu.
Kan rammaddii lammaffaa- fageenya gabaabaa jedhamanii ammoo, balalii’uudhaaf bakka irraa kana’na xiqqoo kan barbaadan, hanga sa’aatii 10 balalii’u kan danda’aniifi hanga kilo meetira 100 hanga 200 haguguu kan danda’aniidha. Dirooniiwwan akkanaatiif meeshaan basaasaa ni tolfamaaf.
Dirooniiwwan ramaddii sadaffaa ammoo, kanneen ‘dheerina jidduugala olaanaa ykn dheeriina olaanaa’ jedhamuun kan waamaniidha. Sa’aatiiwwan 24’f balalii’uuf dandeettii qabu. Balalii’udhaaf bakki irraa ka’na kan isaan barbaachisuufi sa’aatiitti hanga km 300 fi isaan ol balalii’uudhaaf saffiisa olaanaa kan qabaniidha.
Diroonooti kunneenis kan socha’an oggeessoota fageenya kilomeetira kumaatamaan irra taa’uudhaan qunnamtii saataalaayitiitiin balaliifamu kan danda’amaniidha. Diroonniiwwan kunneen irra caalaan kan meeshaa baachuu danda’aniifi waraanaa faayidaarra kan oolfamniidha,
Sadarkaa addunyaatti haallii dirooniiwwaniitti fayyadamu haalaa olaanaadhaan dabalaa dhufuusaa, dhaabbanni Ijaarsa Nageenyaa (PAKC) Neezarlaandiitti bu’ureeffate ibseera.
Bara 2007 as ammo samiiwwan Afriikaa diroonootaan qabaniiru kan jedhu dhaabbanni kun, kanaanis Kaaba Afriikaa, naannoo Saahil fi biyyoonni Gaanfa Afriikaa kanneen eeramaniidha.
Dhaabbatichi gabaasa diroonii waraanaa Afriikaa irratti baaseen, diroonoonni bu’a qabeessaafi kan gatiin rakasaa taasifamuudhaan ilaalamu jedheera.
Diroonoonni naannoolee bal’aa keessa socha’uun odeeffannoo nageenyaa walitti qabuufi hordoffiif bobbaafamu. Osoo ija namaa keessa hin seeniin dirooniiwwan konkolaattootaafi namoota hordofan, haleellaan eenyurratti ykn eessatti akka raawwatamuuf ragaan ittiin walitti qabama. Yoo murteeffamees qiyyeeffannaa kennameef irratti haleellaa raawwachu danda’u.
Xinxalaan siran odeeffannoo teessuuma lafaa Dr Daani’el Kaasaahun, biyyoonni dirooniiwwan 100 fayyadaman walitti bu’insawwan (dameewan) sadiif dhimma itti bahu jedhu.
Haleellaa Fulbaana 11 booda, Ameerikaan duula farra shorrkeessuummaa eegalteef, waraana biyyoota jidduu tureef, fakkeenyaaf waraana Azarbaajaaniifi Armeeniyaa akkasumas waraana Raashiyaafi Yukireeniin alatti Itoophiyaa keessattis finciltoota haleeluudhaaf faayiidaarra akka oolfaman ibsu.
Haata’u malee, miidhaan dirooniiwwan namoota nagaa irraan gahan kallattii qabachu qaba sagaleen jedhan baayyachaan kan jiran yoo ta’u, walitti bu’iinsa hidhannoorratti olaantummaa argachuuf jechan itti fayyadamuun dabalaa dhufeera.
Dirooniiwwan waraanaa Tigraayii keessatti gumamachaa olaanaa akka bahan dubbatama. Dr Daani’eel gahee diroonooni bahan kanarraa ka’un ammas mootummaan Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fayyadamaa jiraachu amanu.
‘‘Mootummaan waraana Tigraa keessatti dhumateefiirra erga jedhamee deebiisee kan bayyanate sababii diirooniiwwan bal’inaan itti fayydameefiidha. Kunis mormiitoota, finciltoota dirooniidhaan dadhabsiisuun ni danda’ama kan jechiisiisee ta’u hin ollee’’ jedhu.
‘‘Ijoollee keessan qabadhaa''
Itaamaajoor Shuumiin Waliigala Humnoota Waraana Itoophiyaa,Fiild Maarshaal Biraanu Juulaa, ‘‘dhiimoota waqtaawaa biyyattii’’ ilaalchisuun Muddee darbe keessa ‘‘afi-gaaffii’’ taasisaniin, haleellawwan diroonitiin namoonni nagaa ajjeeffamusaanii waakkataniiru.
‘‘Nuti kan dura dhaabbannu kan dura dhaabbateedha’’ jechuun ummataaf akka of eeggannoo taasisaniifi namoota nagaarratti miidhaa akka hin raawwannee dubbatan.
“Qiyyeeffannaawwan tokko tokko ummata keessa ta’usaaniitti kan dhiifne jirra’’ jechuun waraanni isaanii ‘‘kan ummataafi seera kan kabajan’’ akka ta’an kan jala sararan Itaaanaajoor Shuumichi, ‘‘shiftaa akka barbaadee miti’’ jedhaniiru.
Haata’u malee haleellaa dirooniitiin namoonni nagaa baayyeen akka ajjeeffaman maatiin miidhamtootaa, namoonni ijaan argan, Komishiniin mirga namoomaa dabalatee dhaabbilee mirga namoomaa idil-addunyaa mirkanneesaniiru.
Itaanaajoor Shuumichi diroonii dhumaatii maatiiwwan Obbo Niigusii‘f sababa ta’e kilaashiidhaan adda baasanii akka hin beekne dubbatu.
Qondaalli waraanaa Olaanaan biyyattii waraannisaanii lolaa kan jiran hidhattoota bu’uurreeffachuun ‘‘… duradhaabbataniiru, ani meeshaa waraanaa filachuufan qabaa? ‘diroonii dhiisiitii kilaashiin kilaashiin haa falmunu’ jechaa jiruu?’’ jedhanis ‘‘dhimmi wal madaalchiisuu’’ wal hin madaalu.
Biyyattii keessatti baroota darban keessa haleellaan diroonii waggaadhaa gara waggaatti dabaluu akka dubbattan, mootummaan garuu ‘‘kan dandeettiikoo hin fayyadamne’’ jedhu.
‘‘Hangas fayyadamneerra jedhee hin fudhannu. Diroon dandeettii qabnuun hin fayyadamne. Yoo qiyyeeffannaa hin argamne gaarii argannu garuu ni dhukaafna’’ jedhan, Fiildi Maarshaal Biraanuun.
“Finxaalayyee waliin walitti hin makamaa. Ijoolleen keessan finxaaleeyyii geeraran waliin akka hin taane, ijoollee keessan qabadhaa. Finxaaleeyyiin walitti qabamiin irraa qabadhaa. 70, 80 finxaalayyiin walitti qabamanii yoo argaman haleelluuf ykn booji’amuufiidha ykn osoo sooratuu yoo argannee ni rukunna. Kun itti fufa’’ jechuun akeekkachiisan.
“Gurra kennuu diduu”
Naannolee Amaaraafi Oromiyaatti miidhaan namoota nagaarra gahu hanga barbaadamu hin gabaafamne komiin jedhu jira.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman, keessumaa hordoffii kan waraana Kaaba Itoophiyaarratti taasisaan naannolee lamaan garuu dhowwataniiru jedhamuun qeeqamu.
Kun ammoo hanga miidhaa qaqqabe dhoksuurra darbee mootummaan itti gaafatamaa akka hin taane taasiseera.
Oromoo Legaasii Liidershiip and Adivookeesii (OLLA) xiyyeeffannaan hanga waraana Tigraayiif kenname Oromiyaatiif hin kennine jechuun, “kutaan naannichaa gariin waggoota shaniif cufamee tureera,” jedha.
Waldaa Hawaasa Amaaraa Ameerikaarraa Obbo Maandafiroon gama isaaniin haleellaawwan kunneen, “xiyyeeffannaa barbaachisu hin arganne” jedhu. Kanaaf ammoo xiyyeeffannaa sabaa-himaalee dabalatee qorannoo dhaabbileen mirgoota namoomaa eeruudhaan “haleellaawwan kunneen sadarkaa idil-addunyaatti fedhii siyaasaa dhowwachuun xiyyeeffannoo hin arganne,” jedhu.
Yaada kana kan qooddataniifi haleellaa diroonii jiru hordofuudhaan barreeffama kan maxxansiisan Dr. Daani’el Kaasahun, “Miidiyaaleefi dhaabbileen dhimmoota dhokatan qotanii baasan amma hojii isaanii kan dhaaban fakkaata” jechuun qeequ.
“…[waraana Kaaba Tigraay] saatelaayitoonni hedduu Itoophiyaarratti xiyyeeffatanii ture. [Diroonii] sochiiwwan, yeroo ka’uufi qubaturri, xiyyaarri yeroo ka’uufi qubatu hanga kaargoon gahuu xiinxalaa [ture]. Akkuma waraanni Tigraay dhumeen kaameraa isaanii cufataniiru… Isaan booda eenyullee hin dubbatu” jechuun qeequ.
Qorattoonni gama isaaniitiin naannolee kanneen qaqqabuun rakkisaa ta’uu kaasuun, mootummaan akka itti cufe kaasu.
Itti-gaafatamummaan dhabamuu
Ragaalee BBCn walitti qabe humnoonni mootumma namoota nagaa haala ilaalcha keessa hin galchineen ykn xiyyeeffannoo(qiyyaafannaa) loltummaa osoo hin ilaaliin haleellaawwan diroonii namoota nagaa ajjeesuu dubbataniiru.
“Waraanna adeemsaafi karaa mataa isaa ta’e ni qaba. [Seera waraanaa]hidhattoota namoota nagaarraa adda baasanii loluu akka qaban ajaja. Sana gochuudhaaf carraaqqiinillee hin jiru. Bakkawwan haleellaawwan diroonii itti raawwataman kan agarsiisan namoonni nagana miidhamuudha; [kanas] qabatamaan argineerra,” jedhu Maandefiroon.
OLLA fi Waldaan AMaaraa AMeerikaatti waggoota darban kutaalee biyyattii bakka garagaraa keessatti haleellaawwan diroonii namoota nagaa miidhanitti mootummaan “yakka” raawwachaa jira jedhanii hin amanan.
Mootummaan garuu haleellaawwan diroonii kanneeniin lammileen nagaa ajjeefaman jiru jedhee hin amanu. Namoota nagaa haleellaawwan kanneeniin ajjeefamaniifi madaa’an ilaalchisee itti-gaafatamummaa yeroo fudhatan ykn itti gaafataman hin mul’atan
“Itoophiyaatti miidhaan namoota nagaarra gahaa jiru baayyee yaaddessaadha kan jedhu Aministiin, kunis tarkaanfii hatatamaa kan barbaadudha jedha.
“Sbaboota haleellaa kana hammeessaa jiran keessaa inni guddaan haqni dhibuudha. Itoophiyaa keessatti adabamuu dhabuun (itti gaafatamuu dhabuun) guddaatu jira. Kun cabuu qaba; haqni dhufuun barbaachisaadha,” jechuun ibsa jaarmiyaan kun.
Waldaan Amaaraa Ameerikaatti haleellaawwan diroonii dabalatee miidhaa lammilee nagaarra gahaa jiru ilaalchisee dhiibbaa uumuudhaaf sochii taasisaa jiruun alatti Komishii Gamtaa Afrikaarratti akka gidduu seenuuf gaafachuu beeksiseera.
"Mootummaan sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru akka dhaabuuf [Komishinichi] gidduu akka seenuuf gaafanneerra. Mootummaan Itoophiyaa deebii akka kennuuf [himannichi] itti ergamee eegaa jirra," jedhan Obbo Honeen.
Oromiyaa keessatti dhimmoota sarbama mirgoota namoomaa Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaatti beeksisuu akka itti fufu kan himu OLLAn, gargaarsiifi deeggarsawwan maallaqaa haala mootummaan qabiinsa mirgoota namoomaa kan ilaallate akka ta'u gaafachuu itti fufna.
Haleellaawwan diroonii namoota nagaaf of eeggannoo hin taasifneen miidhaan qaqqaban yakka waraanaa ykn yakka namoomaa jedhamuun ilaalamu.
“Namni hin du'iin hin awwaalamiin”
"Humni hidhate ni beekama. [Maatiinkoo] kan uffatan 'naxalaadha' [baleedha]; adaadii ture kan uffatan. Humni hidhata akka sanatti uffatee hin deemu. Uumaan firdiisaa haa kennu malee..." jechuun haleellaan sun maaliif akka raawwatame beekuu akka hin dandeenye haleellaa dirooniitiin maatiisaa saddet kan dhaban Obbo Niguseen miira gaaddaan ibsu.
Gadda isaaniirra gaheen kan miidhaman Obbo Niguseen, "namni hin du'iin hin awwaalamiin" jechuun haala keessa jiran du'aan gadi akka hin taane ibsuun "callisanii jiraachuudha egaa; nutis hanga akkuma isaanii taanutti [hanga duunuttidha].... egaa ni jirra; kun jireenya taanaan jirra," jedhu.
Haadha waraafi obboleessa isaanii dabalatee maatiisaanii saddet haleellaa dirooniin jalaa kan ajjeefaman Obbo Niguseen, A L I Hagayya 13, 2016 sirna yaadannoofi kadhannaa hiraa waggaa maatiisaaf qopheessanii ture.
Obbo Niguseen ajjeechaa maatii isaa isa dhabsiiseef haqa ykn beenyaa hin barbaadan; dhumaatiin kun "nu haa gahu" jedhu, ammallee yaaddoo qaban ibsachaa.
"Kanaan boodas taanaan kanaan gaha jedhee namni biraan osoo oolee, kan biraa maal barbaadna? Nuun haa raawwatu. Waan biraas barbaadee kan dhufu maaltu jira? Wanti jiru hin jiru. Kanaaf, nuun akka raawwatu,... namni biraan akka hin ajjeefamne yoo gahe wayya," jedhu.












