Waayee diroonii Horro Guduruu keessatti kufe jedhamee waan hanga ammaa beeknu

Madda suuraa, Getty Images, SM
- Barreessaa, Galaanaa Balaay
- Gahee, Gaazexessaa
- Barreessaa, Piteer Muwaangii
- Gahee, BBC Verify
Tibba kana suurriifi viidiyoon dironii Godina Horro Guduruu Wallaggaa ooyiruu keessatti kufee argame jedhame miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jira.
Gareen BBC verify, ogeeyyii dhimma meeshaa waraana xiinxalan waliin suuraalee kana kan xiinxale yeroo ta'u, dirooniin kufe kun gosa diroonii waraanaa Turkitti omishamu Baayiraaktar TB2 jedhamu ta'uu akka hin oolle hubateera.
Dhabbanni ittisaa Sibylline jedhamuu dirooniin kufee caccabe ''Baayiraaktaar TB2 kan Raayya Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta'uun mirkanadha'' jedhe.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee Itoophiyaan dirooniiwwan Turk, Iraaniifi Chaayinaa fayyadamaa turtee kan jedhu ogeessii dhaabbatichaa Benedikt Manziin BBC'tti dubbate, ''dagalee diroonichaarra barreeffamni Propeller jedhu ni mul'ata sun Diroonii Tarkii ta'uuf agarsiistuudha,'' jedhe.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jalqaba waraana Tigraay irratti achiis lola WBO fi hidhattoota Faannoo waliin itti jiru irratti dirooniiwwan kana bal'inaan fayyadamaa jira jedha ogeessi kun.
Dhaabbata Maakeenzii Intelejensi jedhamutti manaajara kan ta'e Daviid Heezkoot gama isaan ''Baayiraaktaar TB2'dha. Yaadadhaa gabaasaaleen maddeen ifa hin taanee humni qilleensaa Itoophiyaan diroonota kan hanga ta'e qabaachuu himaa bahan, kuni isaan keessaa tokko ta'uun hedduu mamii hin qabu,'' jedhe.

Madda suuraa, Getty Images, SM
Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gageefamaa ture keessatti dirooniiwwan kanatti fayyadamaa hiree waraana sanaa jijiiruu danda'eera.
Itoophiyaan gosa diroonii kanattti dabalataan diroonii Iraan omishtu Mohaajir-6 jedhamus qabaachuu akka hin oolle bara 2021 keessa gabaafamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan dirooniiwwan meeqa akka qabda ifa miti. Diroonii amma kufe ilaalchisees wanti jedhame hin jiru.
Ogeeyyiin dhaabbilee lamaan irraa dubbifne dirooniin kufe meeshaa waraanaan rukutamee akka hin taane ibsan.
''Rakkoo godhatee kufe maalee waan rukutame natti hin fakkaatu'' jedha Deeviid.
Ogeessi dhaabbata ittisaa Sibylline Manziin gama isaan ''rukutamee kufuu isaaf agarsiiftuu hin argine. Diroonichi harki caalaan hin miidhamne. Miidhaan guddaan irra gahe saffisaan waan lafa dhaheefi,'' jedhe.
Dirooniin kun hidhattoota WBO haleeluuf kan ergamedha jedhee kan amanu ogeessi kun, meshaalee hidhattootni WBO qabaniin rukutamuuf hiree xiqqaa jiruun osoo rukutameera jenneeyyuu miidhaa guddaan diroonii kuferraa mul'achuu qaba turee jedha.
''Osoo rasaasa xixiqqaan rukutameellee qaamasaarra uraa xixiqqaan mul'achuu qaba ture'' jedhe.
Diroonii Baayiraaktaar TB2 kufe caccabe cinaa boombiiwwan(misaayelootni) diroonichi dhukaasu lama lafa kufanii ni mul'atu.

Madda suuraa, Getty Images
Gareen BBC verify misaayeloonni diroonichi baatu lamaan MAM-L kan jedhaman akka ta'an mirkaneesseera. Haala diroonichi itti kufe irratti hudaa'uunis dhowuu dhiisuu akka danda'u hubateera.
Diroonichi dhuka'aa fe'atee socho'aa akka ture kan agarsiisu yoo ta'u, gosti dhukaa'aa kanaa kan diroonichaaf bocame MAM-L jedhamu akka ta'e Manziin mirkaneesseera.
Ammoo dhuka'aawwan osoo hin dhoyiin mul'atan lamaan qaamnisaanii irraa caacabuusaarraa kan ka'e ammatti hojiirra ooluu dhabuu danda'u, garuummoo suphamuufis hireen jiraachuu mala jedhan.
BBC bakkaa fi yeroo dirooniin kun itti kufe suuraafi viidiyoowwan gadhiifamanirraa ammatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Gosti diroonii kufee fageenya hammamii imala?
Meeshaa kiilogiraama 150 ulfaatu baatee imaluu kan danda'u dirooniin kun, fageenya kiilomeetira 300 irraa to'atamuu danda'a. Kana jechuun gidduugala to'annoo isaarraa hanga km 300 fagaatee ergamasaa raawwachuu danda'a.
Kubbaaniyyaan Baayraktar tb2 oomishu marsariitii isaarratti akka barreessetti, koochoon/goflaan diroonichaa fiixee tokkoo hanga ffiixee isa kan biraatti meetira 12 dheerata,
Diroonichi funyaan isaa hanga eegeetti meetira 2.2 dheerata. Boba'aa hanga liitira 300 baachuu danda'as jedhe.
Dirooniin kun harka namaa malee ofiisaatiin balali'ee qubachuu kan danda'u yoo ta'u, faana kuma 18 hanga kuma 27 olka'uun balali'uu danda'a. Dirooniin rookeetiiwwan yookiin boombii misaa'elaa 4 hidhachuu danda'a.
Sa'aatii 27'f qilleensarra balali'aa turuus ni danda'a. Saffisni isaas sa'aa tokkotti hanga km 220 ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Dirooniin kun hangam qaaliidha?
Gatiin diroonii tokkoo meeshaalee dabalataa diroonicha waliin gurguraman irratti hundaa'uun doolaara miiliyoona 5-6 gidduu akka ta'u Aab Manziin himaniiru.
Dabaluunis gatii dirooniifi tajaajiloota akka suuphaa fi wabiin diroonichaa waliigaltee dhaabbata Baayiraaktaariifi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru irratti hundaa'a.
Dhabbatni diroonicha omishus ta'e biyyootni meeshicha bitatan garuu gatiisaa yeroo ifa godhan hin dhagaahamu.
Dhaabbatni Baayiraaktaar marsariitiisaa gubbaatti duula galii walitti qabuu diroonii tokko doolaara miiiyoona 5 hanga 5.5n bituun Yukireeniin hidhachiisuuf godhamu qoodee ture.
Dabalataan dhuka'aawwan lamaan diroonichaa ooyiruu keessatti mul'atan tokkoon tokkoon isaanii doolaar kuma 60 hanga kuma 100 akka baasan dhaabbatichi tilmaameera.
Kan jechuun misaayelli diroonichi baatee kufe tokkoon isaa yoo xiqqaate birrii miiliyoona 3.5 ta'a jechuudha.
Bakka dirooniin kun itti kufeetti Raayyaan Ittisaa fi WBO keessaa eenyu dursee akka qaqqabee fi meeshaan kun harka eenyuu akka jiru BBCn hin mirkaneeffanne.
Qaamoleen lamaanuu ammatti dhimma kana ilaalchisee waan jedhan hin qaban.












