Waraana Tigraay: Itoophiyaan Tarkiirraa diroonii waraanaa bituuf waliigaltee mallatteessitee?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan xiyyaara waraanaa nam-maleessa (Drone), Bayraktar TB2 jedhamu kan oomisha Tarkii ta'e bitachuuf gaaffii dhiyeessuu Rooyitarsi maddeen eeruun gabaase.
Tarkiin Itoophiyaan alatti biyya Kaaba Afriikaa Morookootti diroonii gurguruushee Rooyitarsi gabaaseera.
Dippiloomaatiin dhimmichatti dhiyeenyaan beekan tokko Morookoon marsaa duraan diroonii ajajatte bara darbe Caamsaa keessatti of harkaan ga'uu himanii, Itoophiyaan kan ajajatte ilaalchisuun odeeffannoon bal'aan jiraachuu baatus biyyattiin diroonii Tarkiin hojjette of harkaan ga'achuuf kaayyeffattee jirti jedhan.
Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa diroonii kun akkaataa itti fayyadamaa fi humna namaarratti deeggarsa barbaachisus ni dabalata jechuun Rooyitars gabaasa guyyaa Kamisaa baase kanaan himeera [Afaan Ingiliizii].
Gabaasi Rooyitarsi diroonii Itoophiyaan Tarkiirraa bituuf yaadde baay'inaa fi gatiisaa hin eerre.
Bittaa diroonii ilaalchisuun Morookoo, Itoophiyaa fi Tarki ifatti wanti dubbatan hin jiru. Biyyoonni sadeenuu dhimmicharratti akka ibsa kennaniif gaafatamanis deebii hin kennine.
Hammeentaan gurgurtaa meeshaalee Tarkiin gara biyyoota alaatti taasiftuu wayita ilaalamu, biyyattiin ji'oota muraasa dura meeshaaleen aviyeeshinii fi meeshaaleen waraanaa gara Itoophiyaa fi Morookoo ergaa turte yeroo ammaa akkaan dabaleera.
Meeshaaleen kunneen garuu diroonii of keessatii dabalachuu fi dhiisuu wanti beekame hin jiru.
Ragaan Alergii Meeshaalee Tarkii akka mul'isutti meeshaaleen aviyeeshinii fi meeshaaleen waraanaa Itoophiyaan bara kana Tarkiirraa galchite, kan bara darbeen walbira qabamee yoo ilaalamu akkaan dabaleera.
Bara darbe meeshaan gale maallaqa doolaara 203,000 ture, barana doolaara miiliyoona 51 ga'eera.
Mufii Kaayiroo
Itoophiyaan Tarkiirraa diroonii bitachuuf qophii ta'uu ibsuunshee Masrii akkaan mufachiisuu Rooyitarsi gabaasasaa keessatti eereera.
Rooyitarsi humnootii tikaa Masrii lamarraa odeeffachuun akka gabaasetti Itoophiyaa fi Tarkiin waliigaltee tokkorrayyuu akka hin geenye Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa akka gidduu seenanii ittisan Kaayiroon gaafatteetti.
Namni Masrii sadaffaan akka yaada Rooyitarsiif kennetti, Tarkiin Itoophiyaa waliin waliigaltee kamuu tolchuun dura Kaayiroo fi Ankaaraan dhimmicharratti dubbachuu qabu ejjennoo jedhu qabdi Masriin.
Masriin dhimma hidha haaromsaan walqabatee Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa jirti, dhimma Liibiyaa fi dhimma Baha Galaana Meediteraaniyaanii irrattimmoo Tarkii waliin dhibdee keessa jiru.
Warraaqsa uummataa tasa dhohe booda Abdulfattaah al-Siisii erga pireezdantii Masrii ta'anii as hariiroon Tarkii fi Masrii laafeera.
Dhimmi Masrii fi Tarkii walqoollifachuus inni ijoon dhimma Liibiyaati, Tarkiin mootummaa deeggarsa UN qabu tumsiti.
Masriin ammoo mormitoota mootummaa deeggarsa UN qabuu deeggarsti, Finciltoota Jenaraal Kaliifaa Haftaar bareechitee tumsiti.
Paarlaamaan Tarkii mootummaa Liibiyaa deeggarsa UN qabu tumsuuf loltoota gara Liibiyaa erguun dhibdee Kaayiroo Ankaaraa gidduu ture daranuu hammeesse.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Bayraktar TB2 maali?
Itoophiyaan Tarkiirraa bituuf kan gaafattee fi Morookoon kan bitatte meeshaan waraanaa nam-maleessa Bayraktar tb2 akka jedhamu maddeen ni ibsu.
Dirooniiwwan waraanaa biyyoota kaan keessatti oomishamaniin bir-qabaan yoo ilaalamu Bayraktar tb2'n gatii fi tajaajila kennuun fooyyee kan qabuudha jedhama.
Diroonii kana kubbaaniyyaa Bayraktar jedhamutu oomisha, bayraktar tb2 kan boce ammo nama soddaa Pireezdant Tayyib Ergogaan ta'edha.
Biyyoota miseensa NATO dabalatee biyyootni baha giddu-galeessaa hedduun Bayraktar tb2 hidhatanii jiru yookiin ammoo of harka galfachuuf Tarkii waliin walii galaniiru.
Kubbaaniyyaan kun yeroo ammaa bayraktar tb2 biyyoota akka Tarkii, Qaataar, Yuukreen fi Azarbaajaan keessatti hojiirra oolchaa jiraachuu hima.
Miseensa NATO kan taate Poolaand Caamsaa darbe diroonii waraanaa kana 24 bitachuuf Tarkii waliin walii galteetti.
Ministirri Ittisaa Poolaand dirooniiwwan kunneen dandeettiisaanii dirree waraanaatti agarsiisaniiru jechuun jajuusaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Pireezdantiin Tarkii Tayyib Erdogaan Sa'uudii Arabiyaan akkasuma diroonii kana bituuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.
Bayraktar tb2 dirree waraanaatti
Bayraktar tb2 akka tajaajila basaasaa yookiin ammoo ergama haleeluu akka raawwatuuf yaadamee tolfame.
Meeshaa kiilogiraama 150 ulfaatu baatee imaluu kan danda'u dirroniin kun, fageenya kiilomeetira 300 irraa to'achuutu danda'ama.
Kubbaaniyyaan bayraktar tb2 oomishu marsariitii isaarratti akka barreessetti, koochoon/goflaan diroonichaa meetira 12, hojjaansaa meetira 2.2, dheerinnisaa meetira 6.5, akkasumas boba'aa hanga liitira 300 baachuu danda'a jedhe.
Dirooniin kun harka namaa malee ofiisaatiin balali'ee qubachuu kan danda'u yoo ta'u, faana kuma 18 hanga kuma 27 olka'uun balali'uu danda'a.
Dirooniin rookeetiiwwan yookiin boombii misaa'elaa 4 hidhachuu danda'a.
Waraana yeroo dhiyoo as Azarbaajaan fi Armeeniyaa gidduutti dhalate irratti Azarbajaan waan diroonii Tarkii kana harkaa qabduuf irra aante jedhamee baay'inaan gabaasamaa ture.
Tarkiin dirooniishee kana waraana Liibiyaa fi Siiriyaa keessatti dhalateef baay'inaan oolchiteetti.
Diroonii waraana Tigraay irratti
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti banamee as mootummaan Itoophiyaa diroonii fayyadamuun garee finciltootaa TPLF haleeleera gabaasi jedhu heddumminaan ba'aa ture.
BBCn waraana kanarratti dirooniin akaakuu kamii ergama waraanaa kamiif dhimma itti ba'ameera kan jedhu mirkaneessuu baatus, Ministirri Muummee Abiy Ahmad waraana kanarratti dirooniin akka fayyadame waan agarsiisu dubbataniiru.
Ajajaan humna qilleensaa Itoophiyaa Meejar Jenaraal Yilmaa Mardaasaa gamasaan Sadaasa darbe keessa TV biyyattiirratti dhiyaachuun wayita ibsa kennan, waraana kanarratti xiyyaara nam-maleessatti dhimma bahamuu mirkaneessanii turan.




![Haleellaa diroonii xiyyaara guddaa [ayirbaasi] al-anaad konyaa Lahij keessa Hagayya 29, 2021 gaggeeffameen booda](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/15E8E/production/_120324798_mediaitem120324797.jpg.webp)









