Bittaa meeshaa waraanaa irratti muddamni Turkiifi Ameerikaa gidduutti mudate

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiniifi gitni isaanii Turkii Reeyis Taayib Erdoohaan Raashiyaatti wal arguun waliin mari'ataniiru.
Gaggeesitootni lameen dhimmoota irratti mari'atan keessaa dhimmi bittaa meeshaa waraanaafi Sooriyaa ajandaa isaanii guddaa tahuu jedhame.
Turkiin meeshaa waraanaa Raashiyaa irraa bituunshee Ameerikaa waliin muddama keessa akka galtu godheera.
Ameerikaan dhorkuu hin dandeessu
Turkiin meeshaa waraanaa Raashiyaa irraa bitachuuf jedhu kana Ameerikaan karaa kamiinuu dhorkuu hin dandeessu jechuun ejjennoo Ameerikaa mormite.
Pirezidaantiin Turkii Erdohaan misaa'ela adda addaa hedduu Raashiyaa irraa bituuf biyyi isaanii karoora aka qabdu himan.
Pirezidaanti Erdohaan biyyi isaanii marsaa lammaffaaf misaa'ela S-400 lafarraa gara samiitti kan furguggifamu kan Raashiyaan hojjette bituuf erga waliigaltee Ameerikaan mormaa turte.
Kana irraa kan ka'e NATOn Ameerikaa waliin tahuun Tarki irratti qoqqobbii dabalataa dabarsuu danda'a.
Ameerikaan misaa'elli Raashiyaan hojjette S-400 xiyyaara waraanaakoo F-35 tahaniif sodaachisa jechuun himatti. Dabalataan Waashingitan misaa'elootni Raashiyaa kunneen sirna eegumsa daangaa NATO'f balaadha jetti.
Turkiin gama isheen sirna ittisa qilleensa keenya akka barbaannuun cimsachuuf biyyoota miseensa Nato tahan irraa meeshaa barbaannu bitachuu waan hin dandeenyeef Raashiyaa waliin waliigalle jette.
"Waa'ee meeshaa waraanaa qabaachuu qabnuu biyya kamirraayyuu sadarkaa kamittuu gidduugaluun hin danda'amu'' jechuun Erdoohaan miidiyaa Ameerikaa CBS irratti dubbatan.
''Kana irratti homaa gidduugaluun hin danda'amu. Murtoo akkasii kan fudhachuu dandahu nuyi qofadha,'' jechuun Erdoohaan ejjennoo Ameerikaa mormaniiru.
Ji'a tokko dura Turkiin marsaa jalqabaan S-400 Raashiyaa irraa bitachuu hordofee Ameerikaan Indaastirii humna Ittisaa Turkiitti daariktera kan tahan Ismaa'el Deemirii fi hojjettoota dhaabbatichaa sadan irratti qoqoobbii dabarsiteetti.
Kana irratti dabalataan Turkiin yoo meeshaa waraanaa dabalataan bitatti tahe qoqoobbiin irratti darbuu danda'a.
Sadarkaa kamittuu Turkiin misaa'ela S-400 akka qabattu yookiin meeshaa waraanaa Raashiyaan hojjette akka qabaachuu irraa akka of qusattu hubachiisna,'' jechuun dubbii himaan Ministera Haajaa Alaa US himan.
Dubbii himichi Ameerikaan Turkiidhaan akka michuu isheettidha kan ilaaltu erga jedhanii booda wal dhabdee keessa taaneeyyuu michummaa keenya cimsachuu barbaanna jedhan.
Haa tahu malee Turkiin marsaa lammaffaaf bitachuuf jecha Raashiyaa waliin marii irratti argamti.

Madda suuraa, Getty Images
Ejjennoo Imaammata Alaa Raashiyaa
Turkii fi Raashiyaan michummaa isaanii fedhi isaaniis waliin adda addaa akka imaammata gargaaru hordofu.
Turkii fi Sooriyaan dhimma Raashiyaa irratti fedha adda addaa qabu. Lamaan isaanii biyyootni lameen dhimma Sooriyaa irratti garee wal faalleessu keessa jiru.
Turkiin humnoota pirezidaanti Bashir al Asaadiin fonqolchuuf qabsaa'an deeggarti.
raashiyaan ammoo Asaadiin aangoo irra tursiisuuf qabsoofti.
Dabalataan kana dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu Lixa Sooriyaa Idilib keessaa cabeera jechuun quba walitti qabaas turaniiru.
Turkiin ammo baqattoota Sooriyaa miliyoona 3.6 tahaniif dahoo kennitee jirti. Turkii fi Sooriyaan dhimma Liibiyaa irrattis ejjennoo adda addaa qabu.
Turkiin mootummaa UN beekamtii kenneef yoo deeggartu gareen Waaginer jedhamu kan Raashiyaan ammoo humna Jeneraal Kaaliifaa Hafxaariin deeggara.
Humni jeneraal kaalifaa Hafxaar yeroo tokko Tiriippoli to'achuu erga gaheen booda loltoota Turkiin haleelamee duubati deebi'e.
Kana malees waraana Azerbaajiyaanii fi Armeeniyaa dhiyeenya gaggeeffame irrattis Raashiyaa fi Turkiin faallaa tahuun dhaabatanii ture.
Turkiin Azerbaajiyaan Raashiyaan ammoo Armeeniyaa deeggaraa turan. Kana malees ji'a darbe Turkiin Yuukireen kan raashiyaa waliin wal dhabdee keessa jirtuuf diroonii gurguruun ishee Raashiyaa dheekkamsiisee ture.
Haa tahu malee dhimmoota adda addaa irrati osooma wal dhabaniiyyuu bittaa meeshaa waraanaa, aannisaa fi turizimii irratti waliigaltee gaarii qabu.














