Sudaan waldhabdee daangaa Itoophiyaa waliin qabdurratti jaarsummaa Tarkii akka fudhattu beeksifte

Ministira dhimma alaa Sudaan Maariyaam Al-Saadiiq

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Itoophiyaafi Sudaan dhimma daangaa 'anaaf mala' jechuun irratti waldhabaa jiran irratti gaaffii jaarsa ta'uun araarsuuf Tarkiin dhiyeessite Sudaan akka fudhatte beeksifteetti.

Maddi oduu Tarkii Anadolufi kan mootummaa Sudaan Suna ministira dhimma alaa Sudaan Maariyaam al-Saadiiq eeruun akka gabaasanitti gaaffii Tarkiin 'isin nan araarsa' jechuun dhiyeessite Suaan nan fudhadha jetteetti.

"Dura taa'aan mana maree walabummaa Sudaan Abdul Fattaah Al-Burhaan ji'a darbe gara Tarkiitti yeroo imalanitti, waldhabdee daangaarraatti Itoophiyaa waliin qaban hiikuudhaaf gaaffii jaarsa araaraa ta'uu aanga'oota Tarkiirraa dhiyaateef fudhataniiru," jechuun ministirri dhimma alaa Sudaan kun gaazexeessitootatti himuu Anadolun gabaaseera.

Maddi oduu Sudaan haaluma walfakkatuun Sudaan rakkoo daangaa Itoophiyaa waliin qabdu furuudhaaf gaaffii Tarkiin isin nan araarsa jechuun dhiyeessite fudhachuushee ministirri dhimmaa alaa kun Sambata gaazexeessitootatti himuushee gabaaseera.

Gama Itoophiyaatiin garuu dhimma kana irratti hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru. Haata'u malee, amma dura rakkoon dhimma lafaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru adeemsa biyyaaleen lamaan dhimma daangaarratti kanaan dura ittin hojjechaa turanin akka furamuuf Itoophiyaan fedhii akka qabdu Ambaasaaddar Diinaan himanii turan. Dabalataan marii gochuuf jalqaba Sudaan lafa qabatte gadhiistee iddoo duraan turtetti deebi'uu akka qabdus dubbataniiru.

Dura ta'aan mana maree walabummaa Sudaan Abdul Fattaah Al-Burhaan Waxabajji darbe gara Tarkiitti imalanii turan. Al-Burhaan turtii isaanii Ankaaraatti taasisaniin Pirezidaantii Tarkii Resiip Tayiip Erdogaan waliin wal-arganii dhimmoota dinagdee hedduurratti waliigaltees mallatteessanii turan.

Daangaa biyyoota lamaan qoodatan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) ji'a Hagayya darbe keessa daawwannaa hojiitiif gara Tarkiitti imaluun pirezidantii biyyattii waliin wal-arguun kan mariyatan yoo ta'u, dhimmoota gara garaarrattis waliigaltee mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Sudaan lafa falmisiisaa to'achuu

Itoophiyaafi Sudaan daangaa dheeraa waliin qaban sirnaafi seeraan bifa qabsiisuudhaaf komishinii daangaa waloo hundeeffatanii waggootaaf irratti mariyachaafi dubbachaa turaniiru. Haata'u malee, akka yeroo ammaa kanatti atakaaroo hamaa kana keessa osoo hin galiin hagana turaniiru.

Keessattuu Al-fashagaa bakka jedhamu qonnaatiif mijataa ta'erratti qonnaan-bultoonni Itoophiyaa qabatanii kan turan yoo ta'u, Sudaan garuu gaaffii 'lafti kun kan kooti' jedhu kaasaa turteetti.

Naannawaa sana keessatti yeroo gara garaa qonnaan-bultootarratti haleellaan gaggeeffamaa waan tureef Itoophiyaan humna raayyaa hanga tokko bobbaastee eegumsa taasisaa kan turte yoo ta'u, bara darbe ammoo haalli jiru jijjiiramee gara walgaarrefachuutti ce'uun isaa ni yaadatama.

Bara darbe ALI 2013 dhuma ji'a Onkoloolessaa wayita lolli Tigraay keessatti jalqabetti Itoophiyaan raayyaa ittisaashee ergama birootiif baasuu ishee hordofee, Sudaan loltootashee gara naannoo sanaatti bobbaasuun Itoophiyaanonni akka bahan taasisuun lafa sana to'atteetti.

Aanga'oonni olaanoo Sudaan lafa to'annoo Itoophiyaa jala ture harka caalaa deebifachuu isaaniifi isa hafellee akka to'atan beeksisaniiru.

Kana hordofee ammoo Itoophiyaan tarkaanfiin kun weerara jechuudhaan ibsitee Sudaan loltootashee bakkawwan qabatte keessaa baasuun, dhimmicha karaa seera-qabeessa ta'e kanaan dura jalqabameen falli nagaa akka barbaadamu gaafachaa turteetti.

Biyyoonni lamaanuu karaa aanga'oota olaanootiin rakkoon kun karaa nagaatiin akka furamuuf yaada wal-jijjiiraa kan turaniifi biyyoonni gara garaas marii akka taasisaniis waamicha dhiyessaa turanis, tarkaaanfiin furmaata ta'u osoo hin argamiin tureera.

Kanaaf ammoo yaadni gama Itoophiyaatiin dhiyaates osoo gara mariitti hin seenamiin dura Sudaan bakkawwan humnaan qabattee jirtu gad dhiistee bahuu akka qabdu hubachiisaa kan turte yoo ta'u, kanaaf ammoo hayyamamtuu osoo hin ta'iin turteetti.