Rakkoo Daangaa Itoophiyaafi Sudaan: 'Waraanni Sudaan daangaa Itoophiyaa keessatti sochiin taasisu dabalaa jira'-Itoophiyaa

Humni Waraanaa Sudaan Daangaa Itoophiyaa keessatti sochii waranaa jabaa gochuun naannolee seeraan kan isaanii hin taane to'achaa jira jedhe mootummaan Itoophiyaa.
Haala daangaa Itoophiyaa fi Sudaan jiru irratti miidiyaaleef ibsa kan kennan dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Amb. Diinaa Muftii, waraanni Sudaan sochii waraanaa jabaan daangaa Itoophiyaa keessatti babal'achaa jiru jechuu isaanii tajaajilli oduu Itoophiyaa gabaaseera.
Ambaasaaddar Diinaan dhuma torbee darbeettii BBC waliin gaaffiifi deebii taasisanii tureen ejjennoon mootummaa Itoophiyaa daangaa duranii biyyoota lamaanittii deebi'uun rakkoo jiru mariin furuu akka ta'e ibsaniiru.
Ibsa isaanii har'aanis Itoophiyaan rakkoo kana dippiloomasiin furuuf yaalaa jiraattus humnoonni Sudaan lafa Itoophiyaa seeraan ala to'achuu itti fufaniiru jedhan.
''Itoophiyaa biyyoota alaa waliin waraana kana dura gaggeessiteen kan hubattee waraannii filannoo akka hin taanedha jedhanii absii mootummaa Itoophiyaa sodaa irraa kan madde miti'' jedhaniiru.
Itoophiyaan yaada loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaa seeraan ala to'atan kana gadhiisanii rakkoo daangaarra jiru karaa nagaa furuuf dhiyeessiteef faara gaarii agarsiisaa akka hin jirre miidiyaaleen Sudaan gabaasaa turan.
Yaadni kun fudhatama argachaa kan hin jirre ta'uu ilaalchisee, yaada BBC'f kennaniin ''warri didaa jiru fedhii uummata Sudaan kan tajaajilan miti, wanta Sudaan miidhudha,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Qaamotni Itoophiyaa lola hamaatti galchuun irraa buufachuu fedhan rakkoo kana uumuun gara itti bahu eegaa jiruu jechuun, Itoophiyaa rakkoo kana karaa nagaan qofa akka furamuuf obsaa jirti jedhan.
Sochiin waraanaa jabaan amma naannoo daangaa Itoophiyaa keessatti Sudaaniin raawwatamaa jiru ''yoo dhaabachuu baate obsi daangaa ni qabaata'' jechuun lolatti seenuu akka danda'an akeekaniiru.
Rakkoo naannoo daangaa Sudaaniifi Itoophiyaatti hammaate kana duuba qaamni biraan jira malee guutummaatti fedha mootummaa Sudaan mitis jedhaniiru Diinaan.
Dabalataanis Sudaaniifi Masriin ta'e jedhanii mariin Hidha Haaromsaa Itoophiyaa akka gufatu hojjechaa akka jiran BBC'tti himanii turan.
Humni waraanaa Sudaan naannoo Dangaa al fashagaa jedhamuun daangaa Itoophiyaa keessa seenuun kan to'ate loltootni Itoophiyaa naannicha turan lol Tigraay irratti hirmaachuuf erga gadhiisanii booda.













